{"id":2929,"date":"2024-01-02T21:21:59","date_gmt":"2024-01-02T21:21:59","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2929"},"modified":"2024-01-07T06:08:49","modified_gmt":"2024-01-07T06:08:49","slug":"dhaamsa-abo-bara-haaraa-2024","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/01\/02\/dhaamsa-abo-bara-haaraa-2024\/","title":{"rendered":"Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2024"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"170\" height=\"170\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 170px) 100vw, 170px\" \/><\/p>\n<h2 style=\"text-align: center;\"><strong>Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2024<\/strong><\/h2>\n<p><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Miseensota ABO,<\/p>\n<p>Hoogganoota, miseensotaa fi deggertoota ABO kanneen mana hidhaatti argamtan,<\/p>\n<p>Qabsaawota Oromoo hundaa,<\/p>\n<p>Qeerroo Bilisummaa Oromoo,<\/p>\n<p>Ummata Oromoo bal\u2019aa,<\/p>\n<p>Deggertootaa fi firoottan qabsoo bilisummaa Oromoo,<\/p>\n<p>Cunqurfamtoota hundaa,<\/p>\n<p>Duraan dursa baga bara haaraa 2024 nagaan geenye jechaa, maqaa hoogganootaa fi miseensota ABO, akkasumas deggertootaan, ummata bal\u2019aa Oromoo fi Lammiilee Oromiyaaf hawwii qabnu dabarsina. Wayita bara haaraa kana simannutti akkuma baroottan darbanii hoogganootnii fi miseensotni darbees deggertootni keenya baay\u2019een haqa dhabanii mana hidhaa keessatti gidiramaa jiru; Baga bara haaraa kanaan isaan gahe jenna.<\/p>\n<p>Wayta barri moofaan darbee bara haaraatti seennu, barri dabarsine maal fakkaata, maal hojjenne, maal milkoofne maalis gufanne, maaltus nu mudate jennee akkuma baroota darban godhaa baane if duuba deebinee ilaaluun barbaachisaa dha. Akka walii galaatti ammoo haalli qabsoo keenyaa maal fakkaata, haalli biyyi Iophiyaa fi Oromiyaan karaa siyaasaan, dinagdee, hawaasummaa, lolaa fi nagaan \u00a0keessa jiran maal fakkaatu jedhanii ilaaluu fi isa fuula duraa tilmaammatuun waan jiraa ti.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo bara 2018 irra guddaa gaaffii fi dhiibbaa ummata keenyaan qabsoo karaa seeraa biyya keessatti geggeessuuf murteeffatee erga biyyatti deebi\u2019ee kaasee murtii fi ejjennoo isaa kana itti fufuu fi milkeessuuf hanga har\u2019aatti danqaa fi danqama qaama humnaan ummatoota biyyattii bulchaan jira ofiin jedhuun jala kaawwame heddummaatus qooda qabsoo isa irraa eegamu of qusatnoo malee geggeessuu irratti argama. Guyyaa gara biyyaatti deebi\u2019ee kaasee gufuulee ykn didhaaleen isa quunnaman haalaan baay\u2019atanis jalqabuma didhaaleen jiraachuun kan shakkii hin qabne ta\u2019uutti amanee waan itti seeneef, haalota dhufan akkuma dhufaatii isaaniitti keessummeessaa qabsoon ummata kanaa akka milkaa\u2019uuf wareegamoota garagaraa baasuun itti fufee jira.<\/p>\n<p>Barri 2023 hojii qabsoo ABOn karaa seeraan geggeessuuf akkuma baroottan sana duraa bara ulfaataa fi danqaan itti baay\u2019atu ture. Sochii fi hojiin dhaabichaa karaa seeraan, dhiibbaa fi gadi qabaa malee akka geggeeffamuuf ABOn tattaaffii isaa sadarkaa olaanaadhaan itti fufus, Paartiin biyyan bulcha jedhu mootummaan PP garuu aadaama isaa sanaan sochii dhaabichaa fi dhaabota seeraan hojjetan hedduu to\u2019achuu fi danquu akka imaammataatti hordofuu itti fufeera. Hoogganoota ABO \u00a0gara jabinaan seeraan ala hidhee dhukkubootaa fi hiraaraan gidirsu, bara xumurre kanattis dhimma isaaniitti xumura gochuu diduun bara haaraa 2024 kanattis jireenya mana hidhaa akka itti fufan taasisee jira. Lammiilee Oromoo Oromiyaa guutuu kumaantamaan seeraan ala mana hidaatti guuree gidirsuun daangaa dhabee suukanneessaas tahee jira.<\/p>\n<p>Akkuma baroota duraa magaalaa Finfinnee hanga guutummaa goleelee Oromiyaa godinootaa hanga gandaatti, magaalaa fi baadiyaa hanga qonnaan bulaa fi horsiisee bulaatti caasaalee ABO jiran hiraarsuu, miseensotaa fi deggertoota dhaabichaa maqaa garagaraa itti moggaasee hidhaa buusuun bara dabarsine kana keessas hojii baratamaa mootummichaa ta\u2019ee itti fufe. Waajjirootni ABO, Waajjira muummee Gullallee irraa qabee hanga guutuu biyyatti argaman akkuma cufamanitti, qabeenyi dhaabichaa seeraan alaa fi ajaja mana murtii malee mootummaa qawwee of harkaa qabu PPn saamames osoo gadi hin dhiifamin hanga har\u2019aan tanaatti uggura jalatti argaman. Kun hundi kan ta\u2019eef, ABO dadhabsiisuu, qabsoo ummata Oromoo galii isaa irraa gufachiisuu fi kaayyoo qabsoo isaa danquu irratti kan fuulleffate ta\u2019uun mirkanii dha.<\/p>\n<p>Dhiibbaan kun hundi gama mootummaa sirna-maleessaan jiraatus, didhaaleen adda addaa heddummaatanis, hidhaa fi doorsisi miseensotaa fi deggertoota dhaabaa irratti hammaatus, ABOn hojii qabsoo taasisu haala jiru keessatti itti fufsiisuu irraa hin dhaabbatne. Kanaanis bara xumurre 2023 kana keessa hojiilee siyaasaa gugurdoo jaarmayaa irratti, hawaasa, dargaggootaa fi shamarran ijaaruu fi qabsoofsisuu, falmaa mirga ummataa fi dimokraasii finiinsuu irratti hojjeteen milkoomina hin tuffatamne argamsiiseera.<\/p>\n<p>Haaluma kanaan adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo fi sochii siyaasaa godhaa jiru keessatti ulaagaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itophiyaa dhaabota siyaasaaf lafa kaawe irratti, qabsichaafis bu\u2019a-qabeessa tahuu hubatuun leenjii ga\u2019umsa hoogganootaa, qondaalotaa, miseensotaa, dabballootaa, dargaggootaa, shammarranii fi qaama miidhamtootaa caasaa dhaabaa gosa hunda kan of keessatti hammate hedduuf leenjii kennee itti milkaa\u2019eera.<\/p>\n<p>Bara xumurre 2023 keessa gama Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itophiyaa waliin bu\u2019uura seeraa fi heeraan eyyamame irra dhaabbatnee yeroo itti walitti dhiheenyaan hojjechuu fi walhubannoon ture jechuun ni danda\u2019ama. Dhiibbaa dhaabicha irratti mootummaan godhamu, dhimma hooggantootaa fi miseensota ABO mana hidhaa jiranii, dhimmoota cufamuu waajjirootaa fi saamamuu qabeenya dhaabaa irratti akkasumas dhimmoota jajjaboo biroo irratti hojiilee gochaa shiftummaa mootummichaa saaxilan hedduun dalagamaniiru. Yaadota gama dhaabaan jiran irratti walhubannoo fi tattaaffiin gama Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itophiyaan ture jajjabeessaa dha. Dhiibbaa fi danqaan gama mootummaa PPn jiraatus, keessumaa dhimma hooggantoota ABO mana hidhaa jiranii irratti tattaaffii Boordichi godhe hin dagatamu. Fuula durattis walhubannaa\u00a0 jiru jabeessuu fi cimsuuf, dhiibbaan gama mootummaan ABO irra jiru akka ka\u2019uuf ABOn Boordii Filannoo waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf ammas kutannoo qaba.<\/p>\n<p>Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dirqamni isaa sarbama mirgootaa irratti loogii malee hundaaf wal qixa falmuu tahus, haala suukanneessaa hoogganootnii fi miseensotni ABO hidhaa keessa jiran irratti akkasumas ajjeechaa kumaatamaan Oromiyaa keessatti tahaa jiru usee ilaaluu fi gabaasaa galuu qaban irratti callisuun guddoo gaddisiisaa fi taajjabsiisaa tahuu osoo hin tuqin hin darbinu.<\/p>\n<p>Jaarmiyaalee siyaasaa biyyattii keessa sossohan kanneen kabajamuu mirgoota ummatootaa fi dimokraasiif qabsa\u2019anii fi walqixxummaatti amanan waliinis hariiroon jiru caalaatti akka jabaatuuf bara xumurre 2023 kanas ABOn tattaaffii fi hojii hojjetu jabeessuu malee irraa hin laaffanne. Hojii qabatamaa waliin hojjetanii bu\u2019aa waloo argamsiisuu irratti, lola barbadeessaan deemaa jiru, roorroo fi gidiraa ummatoota irra gahu karaa ittiin dhaabsisuun danda\u2019amu irratti, biyyattii keessatti mirgi dhala namaa akka eegamu, dimokraasiin dhugaa akka dagaaguuf, jijjiiramni siyaasaa dhugaan akka argamuuf, deemsa akka malee fi akka feetee paartiin biyyan bulcha jedhu PPn itti jiru dhaabsisuuf, walitti dhiheenyaa fi waliin hojjechuun barbaachisaa ta\u2019uu ABOn itti amana. Kanumaafis, gama Gumii Waloo Jaarmiyaalee Siyaasaa, Paartiilee siyaasaa kanneen hiree fakkaataa waliin qabuu fi waliinis hojjechuun danda\u2019amu biroo waliin sochii Paartilee Mormitootaa (Caucus of Opposition Parties) wajjin hariiroo qabsoo tolfatee hojii hojjetameen bara xumurre kanattis bu\u2019aa fi milkiin argame firi-qabeessa dha. Kunis jabaatee kan itti fufu ta\u2019a.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo ABOn bara xumurame 2023 kana keessa ayyaana hundeeffama isaa ganna 50<sup>ffaa<\/sup>\u00a0 kabajateen, akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo, bilisummaa sabaa, walabummaa biyyaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu, dimokiraasii, walqixxummaa sabaa fi sab-lammootaa galiin gahuuf gootota wareegamtoota ilmaan Oromoo kumii kitiliin wareegaman yaadatee, walakkaa jaarraa kana keessatti bu\u2019aa qabsichaan argame gamaaggamee, egeree qabsichaafis waan karoorfate lafa kaawwateera.<\/p>\n<p>Deemsa qabsoo ganna 50 ABOn geggeeffame kana keessatti bu\u2019aalee argaman ijoo keessaa:-Tokkummaa Oromoo,\u00a0 Oromoon akka sabaatti dhabama irra of baraaree addunyaa irratti of mul\u2019isuu, biyya Oromoo Oromiyaa lafa irratti daangaa mirkaneessee argamsiisuu, Afaan Oromoo manneen barnootaa, afaan hojii hundaa, \u00a0\u00a0akkasumas afaan hojii mootummaa biyyoolessaa naannoo Oromiyaa, afaan barreeffamaa fi afaan artii akka tahu taasiseera. Aadaan Oromoo dhiibbaa diinaan dhabamee ture bakkatti akka deebi\u2019u godheera. Mirgootni kun garuu ammallee bifa quubsaan dhiibbaa fi cunqursaa alagaa jalaa bahanii jiru jechuu akka hin taane ABOn deddeebisee hubachiisee jira.<\/p>\n<p>Barri dabarsine 2023 ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaaf baroota darban caalaa bara rakkinaa, bara gidiraa, bara hidhaa fi ajjechaa, bara qe\u2019ee fi qabeenyaa isaanii waliin ibiddaan gubachuu, bara qe\u2019ee fi qabeenya ofii irraa miliyoonaan buqqa\u2019uu, bara akka sabaatti itti duulamee fi akka sabaattis itti xiqqeeffame ta\u2019ee galmaa\u2019eera.<\/p>\n<p>Mootummaan PP aangoo shiraan argate tikfatuu fi bara bittaa isaa dheereffatuuf, nagadaa fi qumaara siyaasaa dhiiga lammiilee dhangalaasuun geggeessaa jiru kanaan akka biyyaattis, akka sabaattis ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti gaaga\u2019ama ulfaataa, godaannisa seenaan hin daganne kaa\u2019ee jira. Jeequmsa siyaasaa uumee fi waraana babal\u2019iseen naannolee kam irra iyyuu Oromiyaa dirree waraanaa fi jeequmsaa godhee dhiiga lammiilee akka bishaanii gadi naquu itti fufeera. Tokko lamaan ajjeesuun naaf hin ta\u2019u jedhee jumlaan mana hidhaatii basuun bosona keessatti, mana keessatti, ooyiruu keessatti, bakka hojiitti, karaa irratti, gabaa keessatti, waldoota amantii keessatti, magaalaa fi baadiyaatti daa\u2019imman, ijoollee, dargaggoota, hawwanii fi shamarran, nama guddaa hanga jaarolee biyyaatti maqaa WBO deggertuun ajjechaa suukanneessaa irratti raawwateera.<\/p>\n<p>Waraanni biyyattiin qabdu harki guddeessi, caasaaleen nageenyaa biroon, meeshaa lolaa gurguddaa qabaniin Oromiyaa weeraranii jiran. Meeshaalee gugurdaa hanga xayyaara lolaatti Bahaa-dhihatti, Kaabaa-kibbatti, Giddu-galeessatti duula geggeessaa jiraniin ummata nagaa kumoota hedduu lubbuu baasaniiru. Qabeenya ummataa ibiddaan barbadeessaniiru. Midhaan oomishaaf gahe ibiddaan gubaniiru. Horii ummataa saamuu irra darbanii meeshaalee gugurdaan dirree irratti fixaniiru. Ummatni kumootaan lakka\u2019amu qe\u2019ee gadhiisee akka baqatu gochuun, hawaasa diiganii dirreetti facaasanii akka beela\u2019uu fi kadhatu taasisaniiru. Har\u2019a guutuu Oromiyaa keessaa kan mul\u2019atu kana dha.<\/p>\n<p>Bara 2023 dabarsine kana keessa karaa weerara humna alagaatiin miidhaan ummata Oromoo fi lammiilee Oormiyaa irra gahe maal fakkaata jedhanii ilaaluunis feesisaa dha. Bara dhumate kana keessas akkuma bara darbee humni alagaa kan mootummaa biyya bulchaa jiru PPn utubamee maqaa Fannoo jedhuun bobbaafaman daangaalee Oromiyaa deddeebisanii cabsanii seenuudhaan weerara geggeessaniin ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti gaaga\u2019amaa fi badiisa guddaa dhaqqabsiisaniiru. Dhibbootaan namoota nagaa ajjeesaniiru. Kuma dhibbootaan qe\u2019ee irraa buqqisanii facaasaniiru. Wallagaa Bahatti, Horroo Guduruu Wallaggaatti, Shaggar Bahaaitti, Shaggar Kaabaa fi iddoo dhibiiitti daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun miidhaan ummata keenya irraan ga\u2019an suukanneessaa dha. Har\u2019a illee roorroo fi gaaga\u2019amni kun ummata keenya irraa hin dhaabbatne. Kun wayta ta\u2019u mootummaan federaalaas, kan naannoos gochaa humna alagaa kanaaf dhiheessii fi humna Rayyaa Ittisa Biyyaa waliin tahuun ummata keenya irratti duulanii jiru. Duubbee fi jalqabbeen ijaaruu, leenjisuu fi hidhachiisuu humna Faannoo kun mootummicha waan ta\u2019eef, badii ummata irra gahaa jiruuf gaafatama jalaa kan isa baasu hin tahu. Sababa kanaan ummatni keenya har\u2019a qe\u2019ee isaa irraa buqqa\u2019e akka feesisutti kan gargaaru dhabee kan dur kan rakkate gargaaru har\u2019a kadhattuu ta\u2019ee harka nama lammaffaa eeggatuuf dirqameera.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo, akkuma duraan godhaa turee fi gochuunis dirqama isa irraa eegamu ta\u2019e, gochootaa fi hammeenyummaa sirna PP saaxiluu, ummata dhageessisuu fi hawaasa addunyaa hubachiisuun bara darbe kana keessas hojiin hojjete guddaa dha. Dhiittaa mirga dhala namaa daangaa dharbe ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti mootummaan Paartii PP biyyattii bulchaan jira jedhu dhaqqabsiisaa jiru jala bu\u2019uudhaan yeroo yerootti ifa baasuun dhugaa jiru addunyaaf ibsaa, dabaa fi cubbuu raawwatamu qabatamaan ifoomseera. Qaamota adda addaa dhimmi kun ilaallatu addunyaa fi kan naannoottis yaaddoo fi haalota jiran ibsuudhaan deemsi farra mirga dhala namaa fi dimokraasii ta\u2019e kun akka dhaabbatuuf, biyyattii fi ummatootas gara irra hamaatti akka hin geessineef dhiibbaa fi tarkaanfii gama isaanii akka fudhatan hubachiisuuf tattaaffiin godhe salphaa miti.<\/p>\n<p>Goolama siyaasaa biyyattii mudateen wal qabatee, ABOn ummatni Oromoo, lammiileen Oromiyaa fi ummatootni biyyattii gaaga\u2019ama gosa hundaa kan dhumaatii, buqqaatii fi kufaatii hedduu dhaqqabsiise karaa siyaasaa, diinagdee, waraanaa fi hawaasummaa jalaa bahanii gara sirna dimokraasiitti cehuu fi sirna nagaa waaraa argamsiisuuf mootummaa ummataan ijaarame, isa ummataaf ijaarame tolfachuutti akka demamuuf jecha, falaa fi mala maayii sabatiinsa argamsiisuu fi nagaa waaraa fiduu dha jechuun Mootummaa Cehumsaa Biyyooleessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) labsee irratti hojjataa tureera; ammas itti jira. ABOn kun yoo xumurame qofa gara tasgabbii fi nageenyaatti cehama jedhee amana. Kanaaf, ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa kana milkeessuuf akka hojjetan ABO deddeebisee yaadachiisa.<\/p>\n<p>Bara 2023 xumurre kana keessas ABOn akkuma caasaalee isaa biyya keessaa jajjabeessuu fi hojii qabsoo bifa feesisuun itti fufuuf hojjechaa turetti, caasaa isaa biyya alaan jiru haaromsuu, jajjabeessuu fi hojiin dhaabaa akka barbaachisutti akka deemuuf hoogganootaa fi qondaalota dhaabaa waliin tattaaffii fi hojiin hojjete osoo hin tuqamin kan bira darbamu miti. Hoogganootnii fi miseensotni dhaaba keenyaa akkuma baroota qabsoo darbaniitti jaarmaa fi caasaan dhaabaa sirna jaarmaa ala akka hin taaneef eeguu, isa akka laafuu ta\u2019e bakkatti deebisuu fi hojii qabsoo itti fufsiisuuf dirqama isaan irraa eegamu ba\u2019atuuf tattaaffiin godhan haalaan jajjabeessaa dha. Hojiin caasaa dhaabaa biyya alaa jajjabeessuu, ijaaranii daran babal\u2019isuu fi hojii qabsoo bu\u2019a qabeessa argamsiisuu dhimma jabaa amma illee daran irratti hojjetamuu qabu ta\u2019uun waan dirree jiraa ti. Kanaaf, bara haaraa kanattis caalaatti irratti hojjechuun dhimma akkaan murteessaa fi fardii dha.<\/p>\n<p>Kanuma waliin miidiyaaleen Oromoo, keessaayyuu miidiyaaleen qabsoo irratti ijaaramanii qabsoo ummata bal\u2019aa hojii guyya guyyaa godhachuun hojjachaa turanii fi jiran jajjabeeffamuu fi beekkamtii isaaniif malan argachuu qaban. Akkuma beekkamu hojiin miidiyaa qabsoo ummataaf odeeffannoo kennuu, barsiisuu fi aadaa ummataa jajjabeessuu, daran inni guddaan ammoo shira diinaa saaxiluu fi dhugaa ummataa ifa baasuu dha. Bu\u2019uuruma kanaan ummanni Oromoo bal\u2019aa fi lammiileen Oromiyaa miidiyaan ummataa dirree quuqqaa fi quuqama keessan itti ibsattan dugugguruu dugdaa qabsoo sabaa fi sab-lammootaa waan taheef, gama danda\u2019amu cufaan miidiyaalee keessan tin\u2019isuun dhimma keessan ganamaa fi galgala addunyaatti balballoomsifachuuf cina akka dhaabbattan yaadachiifna.<\/p>\n<p>Akka waliigalaatti biyyattiin rakkinoota ulfaatoo fi walxaxaa adda addaatiin hudhamtee, ummatootni gidiraa fi dhiphuu arganii hin beekne keessatti kufanii jiraachuun ifaa dha. Karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan xaxaa fi kufaatiin jiru haalaan sodaachisaa dha. Lolli Oromiyaa dabalatee guutuu impaayerattii dhuunfatee jiru diigumsa irra hammaataa fi kufaatii shaffisiisaa jira. Kufaatiin dinagdee qaala\u2019iinsa jireenyaa hammeessee jiruu fi jireenyi lammiilee harkatti bushaa\u2019uun, miliyoonotni jiruu harkaa gara afaaniiyyuu sadarkaa dadhabuu irra gahanii jiran. Beelli, hiyyumii fi deegi miliyoonota hedduu harkaa qabu. Biyyattii fi ummatootni takkaa waan arganii hin beekneen mankaraaraa jiru. Kun hundi bu\u2019aa sirna PP, abjuu fi afaaniin malee, badhaadhina qabatamaan mul\u2019atee jireenya ummatootaa hin wayyeessin irraa kan dhufee dha. Aangoo waliin dhahiinsaa fi karaa qaxxaamuraan argame tikfatuu qofaaf imaammata lolaa fi siyaasa ukkaamsaa hordofuu Paartii Biltsiginnaa irraa kan maddee dha.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo haala walxaxaa fi ulfaataa akka dhaabaattis tahe akka ummatatti ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa keessa jiran, gidiraa fi roorroo itti aggaamamee jiru irra aanuuf furmaanni gatii qabsoon gaafatu mara baasnee kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo, dimokraasii fi walqixxummaa fiixa baasuuf qabsootti jabaachuu fi finiinsuu qofa akka ta\u2019e irra deebiin hubachiisa. Roorroo fi gidiraa, dhumaatii akka sabaattis nu irra gahaa jiruuf osoo harka hin laatne, tokkummaa keenya walitti qindeessinee hojjechuun biyya keenya irratti nagaan jiraachuuf akka warraaqnu irra deebi\u2019ee hubachiisa.<\/p>\n<p>Qabsaawotni, miseensotnii fi deggartootni ABO dirqamni qabsoo fi didhaan fuula keenya dura jiru akkuma bara darbee akkaan jabaa tahuu hubattanii jaarmayaa keessan daran cimsuu, tiksuu fi dirqama dhaabaa dachaan ba\u2019atuuf akka sochootan hiree kanaan isin hubachiifna.<\/p>\n<p>Ammas irra deebi\u2019uun barri haaraan kun ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa maraaf bara ajjeechaa suukaneessaa, roorroo fi gidiraan irraa dhaabbatu, haqnii fi dhugaan ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa bakka argatee ummanni keenya mataa ol qabatee biyya isaa irratti bilisummaadhaan, Oromiyaa nagaa fi tasgabbii qabdu keessa jiraatu akka tahu hawwii qabnu dabarsina. Barri bara milkii fi injifatnoo nuuf haa ta\u2019u.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Mudde 31, 2023<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2024 \u00a0 Miseensota ABO, Hoogganoota, miseensotaa fi deggertoota ABO kanneen mana hidhaatti argamtan, Qabsaawota Oromoo hundaa, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Ummata Oromoo bal\u2019aa, Deggertootaa fi firoottan qabsoo bilisummaa Oromoo, Cunqurfamtoota hundaa, Duraan <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/01\/02\/dhaamsa-abo-bara-haaraa-2024\/\" title=\"Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2024\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2929"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2929"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2929\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2938,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2929\/revisions\/2938"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2929"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2929"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2929"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}