{"id":287,"date":"2017-11-09T16:05:29","date_gmt":"2017-11-09T16:05:29","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=287"},"modified":"2017-11-09T16:05:29","modified_gmt":"2017-11-09T16:05:29","slug":"tooftaan-shiraa-fi-humni-kamuu-galii-qbo-hanqisuu-fi-jallisuus-hin-dandau","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/11\/09\/tooftaan-shiraa-fi-humni-kamuu-galii-qbo-hanqisuu-fi-jallisuus-hin-dandau\/","title":{"rendered":"Tooftaan Shiraa fi Humni Kamuu Galii QBO Hanqisuu fi Jallisuus Hin Danda\u2019u"},"content":{"rendered":"<p><strong>Tooftaan Shiraa fi Humni Kamuu Galii QBO Hanqisuu fi Jallisuus Hin Danda\u2019u<\/strong><\/p>\n<p><em><img loading=\"lazy\" class=\"alignnone size-full wp-image-289\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/11\/fdg09.jpg\" alt=\"\" width=\"650\" height=\"218\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/11\/fdg09.jpg 650w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/11\/fdg09-300x101.jpg 300w\" sizes=\"(max-width: 650px) 100vw, 650px\" \/><\/em><\/p>\n<p>Sadaasa 09, bara 2005 ifatti Adda Bilisummaa Oromootiin labsamee hirmaannaa Ummata bal\u2019aa Oromootiin\u00a0guutuu Oromiyaa keessatti kan dhoohe Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) kunoo waggoota 12 lakkoofsisee jira.\u00a0Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 09, bara 2005 bifa sanaan eegaluu keessatti wareegamni Ummatni keenya\u00a0akka waliigalaatti baasee fi addatti ammo, dargaggootni barattoota Oromoo yeroo sanaa qoodni qabaatanii fi\u00a0wareegamni isaan baasan iddoo ol\u2019aanaa qaba.<\/p>\n<p>Akeekni Fincila Diddaa Gabrummaatti seenuun barbaachiseef Qabsoon Bilisummaa Oromoo haala qabatamaa\u00a0yeroo kan siyaasaa fi dinagdee, akkasumas, haala teessuma lafaa Oromiyaa wajjin kan wal simatu tooftaa fi\u00a0tarsiimoo bal\u2019aa fi cimaa taheen masakamee deggersaa fi hirmaannaa bal\u2019aa Ummataatiin hammatamee akka\u00a0finiinuu fi galma gahiinsi isaatis shaffisuufi.<\/p>\n<p>Sadaasa 09, bara 2005 irraa kaasnee akka tooftaa fi tarsiimoo tokkootti kan qabanne Sochiin Diddaa Ummataa\u00a0cimaan kan Ummatni keenya maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa jedhuun geggeessaa jiru sadarkaa guddinaa fi\u00a0bu\u2019aa-bahii hedduu keessa qaxxaamuraa fi yeroo irraa yerootti jabaachaa osoo addaan hin citin yoona gahe.\u00a0Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan bara 2011 hundeeffamee sochii Diddaa Ummataa kana caalaatti qindeessuu fi\u00a0finiinsuudhaan Sadaasa bara 2015 <em>(waggaa 10ffaa FDG<\/em>) irraa eegalee Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara\u00a0Fincila Xumura Gabrummaatti ceesises Sochii seena-qabeessa Sadaasa 09, 2005 irraa eegalee Ummata keenyaan\u00a0geggeeffamaa jiru kana keessaa dhalate.<\/p>\n<p>Har\u2019a waggoota 12 of duuba deebinee yeroo mil\u2019annuu fi haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo gaafa sana irra\u00a0turee fi sadarkaa har\u2019a dhaqqabe wal bira qabnee oggaa madaallu wareegamni baasne guddaa tahus injifannoon\u00a0gama kanaan argame kan Ummata keenya boonsu tahuu hubanna. Har\u2019a ol\u2019aantummaan meeshaa waraanaa fi\u00a0deggersi mootummoota aangawoo Addunyaa kan diinni keenya itti abdatu Ummata mirga isaa falmachuuf\u00a0murannoo fi tokkummaadhaan ka\u2019e of duuba deebisuu akka hin dandeenye diina keenyatti agarsiisuun\u00a0danda\u2019amuutti dabalee sochiin kun Ummatoota cunqurfamoo biroofuu fakkii tahuu eegalee jira.<\/p>\n<p>Sochiin Diddaa Ummataa kan maqaa <strong>Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG)<\/strong> jedhuun waggoota 12 abraniif\u00a0geggeeffamaa jiru qaama <strong>Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO<\/strong>dhaan hoogganamuu ti. Adeemsa qabsoo kana\u00a0keessatti Ummatni keenya wareegama ulfaataa baasaa yoona gahe. Wareegama qaalii fi ulfaataa qabsaawota\u00a0ilmaan isaatiin har\u2019a Ummatni keenya Bilisummaa Jaarraa tokkoo oliif dheeboteef gonfachuutti dhihaatee jira.<\/p>\n<p>Gama kaaniin akkuma seenaa qabsoo Ummatootaa keessatti deddeebi\u2019ee mul\u2019ate humnootni galma gahiinsa\u00a0qabsoo bilisummaa Oromootiin dantaan isaanii waan jalaa tuqamu itti fakkaatu sadarkaa QBO dhaqqabe kana irraa\u00a0rifaatuu guddaa keessa seenanii qabsoo Ummata keenyaa galii isaa hanqisuuf, yoo dadhaban ammoo karaa irraa\u00a0jallisanii galma ofii barbaadanitti dhiibuuf ijibbaata maayyiitti akka jiran argaa jirra. Ummatni keenya maaliif akka qabsaawaa jiruu fi galmi qabsoo isaa eessa akka tahe bareechee waan beekuuf garuu hattootni siyaasaa kamuu\u00a0gonkumaa hin milkaawan. Hundaa olitti ammoo kanneen caasaa diinaa keessatti iddoo murteessituu qabsiifamanii\u00a0qabsaawotaa fi QBO irratti yakka gurguddaa dalagaa bahan qaama qabsoo kanaa tahuu akka hin dandeenye\u00a0hubatamee balaa isaan fira fakkaatanii geessisuuf yaalan hanqisuuf hojjechuun dhimma murteessaa dha.<\/p>\n<p>Ejjennoon keenya kan sirna bittaa alagaa Oromiyaa irraa hundeedhaan buqqisuu yoomuu hin daddaaqu. Tooftaan\u00a0shiraa fi humni fedhes galii qabsoo keenyaa kan Bilisummaa fi Walabummaa hanqisuus tahe daandii isaa irraa\u00a0maqsuu\/jallisuu hin danda\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong>Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !<\/strong><br \/>\n<strong> Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong> Sadaasa 08, 2017<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Tooftaan Shiraa fi Humni Kamuu Galii QBO Hanqisuu fi Jallisuus Hin Danda\u2019u Sadaasa 09, bara 2005 ifatti Adda Bilisummaa Oromootiin labsamee hirmaannaa Ummata bal\u2019aa Oromootiin\u00a0guutuu Oromiyaa keessatti kan dhoohe Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) kunoo waggoota <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/11\/09\/tooftaan-shiraa-fi-humni-kamuu-galii-qbo-hanqisuu-fi-jallisuus-hin-dandau\/\" title=\"Tooftaan Shiraa fi Humni Kamuu Galii QBO Hanqisuu fi Jallisuus Hin Danda\u2019u\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":289,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/287"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=287"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/287\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/289"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=287"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=287"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=287"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}