{"id":2786,"date":"2023-09-15T17:35:19","date_gmt":"2023-09-15T17:35:19","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2786"},"modified":"2023-09-15T17:35:31","modified_gmt":"2023-09-15T17:35:31","slug":"humnaan-nyaataniif-humna-hin-tahu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2023\/09\/15\/humnaan-nyaataniif-humna-hin-tahu\/","title":{"rendered":"Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"202\" height=\"202\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 202px) 100vw, 202px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu<br \/>\nIjoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<br \/>\nNo. stm 006\/stm\/2021<br \/>\nFulbaanni 15, guyyaa seena qabeessa guyyaa gaafa hoogganni ABO gara biyyaatti deebi\u2019e, guyyaa<br \/>\nummanni Oromoo biyyaan ala irraa akkasumas biyya keessaa Bahaa-dhiha, Kaabaa-kibba fi Giddu-galaa<br \/>\nwalitti dhufuun handhuura Oromiyaa Finfinneetti hooggana isaa itti simate guyyaa addaa ture.<\/p>\n<p>Guyyaan kun Oromoof guyyaa addaa ABOn qabsoo karaa nagahaa ummata isaa keessatti akka hin<br \/>\ngaggeessineef murna afaan qawween aangoo siyaasaa dhuunfateen danqamee, chaartaraa dhiibamee erga<br \/>\nbahee toora ganna 30f dhihaatu booda, marsaa lammaffaaf karaa nagaan ummata isaa keessatti qabsoo<br \/>\ngaggeessuuf hiree argametti dhimma bahee hoogganni dhaabaa biyyatti galee dha. Guyyaa seena qabeessa<br \/>\nummata Oromoo bal\u2019aa, miseensotaa fi deggertoota ABO, mararfattoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi<br \/>\nsaboota cunqurfamoon simannaan ho\u2019aan hooggana dhaabaaf taasifamee dha. Kunis Fulbaana 15, 2018<br \/>\nture.<\/p>\n<p>Jaarmiyaalee siyaasaa Impaayira Itophiyaa keessatti dhalatan keessaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n<br \/>\njaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo ummata isaa galmaan gahuuf baddaa fi gammoojjii biyyaa fi biyyoota ollaa<br \/>\nkeessatti wareegama ulfaataa qaamaa qalbii hanga lubbuutti baasaa turee fi jiru jaarmiyaa kallacha qabsoo<br \/>\nbiilisumma Oromoo ti. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ABOn asxaa\/faajjii qabsoo<br \/>\nOromummaan keessaan ifuu fi hanga\u2019uu dha. Oromummaa guutuun ABO keessaan bakkalcha tahee ifee<br \/>\nmul\u2019ata; kanaafis ABO tahuun ilmaan Oromoo kanneen miseensota ABO tahanii fi hin tahinis maqaa<br \/>\nABOummaatiin diinaan hiraarfamanii wareegama qaamaa qalbii hanga lubbuutti baasaa har\u2019a gahan.<br \/>\nIlaalcha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) qabaachuun firaa fi diina birattis Oromummaa fi<br \/>\nsabboonummaa qabaachuu dha; Oromoo tahanii akkuma Oromummaa ofiin boonuun, kabajamuun,<br \/>\njaalatamuu fi leellifamuun jiru cufa, faallaa isaa ammoo diina biratti Oromummaan ni sodaatama. Mooraa<br \/>\nImpaayirattii keessatti maqaa kana yoo arganii fi dhagahan ni baaragu; ittiin dhukkubsatu. Kanaafis<br \/>\ngootonni hedduun Asxaa Oromummaa fi ABOtiin hanga lubbuutti wareegama hunda kafalaniiru.<br \/>\nFulbaanni 15, seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti boqonnaa haaraa ummanni<br \/>\nbal\u2019aan ifatti gammachuu isaa itti ibsate ture. Guyyaa sana Finfinneen qe\u2019een Oromoo, Oromoon keessaa<br \/>\ndhiibamee fi moggeeffame ilillii gammachuutiin simatamaa turte, Afaan Oromoo keessatti dubbatuun<br \/>\nsodaatamaa ture ifatti ittiin dhaadatamee ABOn ittiin simatame. Alaabaan ABO\/Oromoo, ummata<br \/>\nmiliyoonotaan sodaa fi bir\u2019annaa tokko malee hulaan Finfinnee tokko osoo hin hafin dibamee, inni<br \/>\nshororkeessaa dha jedhamee ittiin adabamaa turan ifatti mirmirfame. Oromoo moggaa arfanii fi garaachaa<br \/>\nirree tokkoon dhiichisee afaan tokkoon sagalee isaa ol fuudhee dubbisiisee foolii bilisummaa urgeessee<br \/>\nfira gammachiise. Kanneen ABO fi ummata Oromoo irraa sodaa fi jibba qaban garuu guyyaa kana milkii<br \/>\ndhorkuuf guddoo tattaafataniiru. Taateen kunis seenaa ta\u2019ee galmaa\u2019ee darbeera.<br \/>\nAddi Bilisummaa Oromoo (ABO)n bu\u2019uureffamuu isaa irraa ka\u2019ee tarsiimoo qabsoo garagaraa<br \/>\ngaggeessaa tureen, ilaalcha\/Ideolgy qabsichaa akeekkatee ka\u2019e, sabboonummaa sabaa, bilisummaa<br \/>\nummataa, walabummaa biyyaa, mirga abbaa biyyummaa, dimokiraasii, walqixxummaa sabaa fi sab-<br \/>\nlammootaa kabajsiisuuf jecha qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture. Muuxannoo qabsoo bara dheeraa qabu<br \/>\nirraa ka\u2019uun, walii galtee kabeebsaa sirnoota dhufaa darbaa ejjannoo hin qabne waliin taasiseen qofa gara<br \/>\nbiyyaatti hin galle. Shakkii fi walii galtee hin dhugoomne waan beekuuf ifatti qaama 3ffaa gaafataa ture.<br \/>\nGaaffii fi sagalee ummataa, kan hayyootaa, kan abboota amantaa fi abbootii Gadaa fi kan murnoota<br \/>\nhawaasaa cufa dhaggeeffataa fi hordofaa ture. Kanaaf ummata isaa abdatuu fi keessa jiraachuun waan<br \/>\ndhufu walumaan fudhatuu fi qabsoo itti fufuu kan jedhuun sochii karaa nagaaf waliigaltee irra ga\u2019amee<br \/>\ntureen Fulbaana 15, 2018 biyya isaatti gale.<br \/>\nAddi Bilisummaa Oromoo, seenaa hojjate; ummata Oromoo bal\u2019aatu dhaaba isaa jaalatamaa fi kabajamaa<br \/>\nkana simachuuf waltajjii xiiqii qopheesse. Oromoon ilmaan isaa qaqqaalii qabsoo bilisummaa Oromoof<br \/>\naarsaa ta\u2019an waltajjii seena qabeesa sana keessaan argaa gaddaa fi gammachuu isaa waliin dabaalee<br \/>\nboqonnaa sammuu argataa ture. ABOn seenaa haqamaa fi laaqama hin qabne hojjatee fira gammachiisee<br \/>\ndiina barraagse. Waltajjii ABOn uume, kan qabsaawotni ilmaan Oromoo fi murnootni hawaasaa hundi<br \/>\nkeessatti argaman kumaa kitilaan lafee itti caccabsanii dhiiga itti dhangalaasanii argamsiisanii dha.<br \/>\nWaltajjii ummatni Oromoo miliyoona 6tti tilmaamamu irratti argame kana irratti Hayyu-Dureen ABO<br \/>\nJaal Daawud Ibsaa ergaa, ejjennaa fi mul&#8217;ata ABOn ummata Oromoof, darbees sabaa fi sab-lammoota<br \/>\nbiyyattii hundaaf qabu, ABOn nagaan nagaaf akka gara biyyaa deebi&#8217;uun qabsoo karaa nagaan mirga<br \/>\nOromoo kabajsiisuu fi gaaffii siyaasaa Oromoo deebisuuf gale ibsan.<br \/>\nWaltajjii seena qabeessa sana irratti kan Abbootiin Gadaa Oromoo \u201cDhaaba keenya dhaaba Kallacha<br \/>\nOromootu dhufe\u2019\u2019 jechuun hayyuu\/hayyicha\/kormatu korma qabataan HD-ABO Jaal Daawud Ibsa korma<br \/>\nqabachiisanii, ABOn falamuu qabaan ABO falanii eebbisanii Kallacha\/Adda ta\u2019aan adda Hayyu-Duree<br \/>\ndhiigaan tuqanii marga eebbaa kennaniif.<br \/>\nABOn yeroo muraasaafis ta\u2019u akeeka qabsaawaafii turee fi jiru sagantaa siyaasa isaa ifatti ummatatti<br \/>\nhimuun ummata keenya baroota dheeraaf ifatti arguuf isa dheebote gaddaa fi gammachuu isaa irraa<br \/>\nqooddataa waajjiroota isaa godinootaa fi onootatti banatee hojii qabsoo itti fufuuf carraaqqii guddaa<br \/>\ntaasisaa ture.<br \/>\nAddi Bilisummaa Oromoo (ABO)n jaalalaa fi deggersa bal\u2019aa ummata biraa qabaachuu kan beekanii fi<br \/>\nijaanis arguu wayta eegalan, murni aangoo siyaasaa afaan qawween eeggachuu bare oolee osoo hin bulin<br \/>\nwalii galtee Asmaraa diigan. Osoo hin turin ABO ganan. Shira dhokataa fi ifatti dhaaba irratti<br \/>\nqindeeffataniin danqaa fi danqaraa dhaaba keenyatti ta\u2019an.<br \/>\nAkka kanaan, qe\u2019ee Oromoo ABOn keessa socho\u2019u waraana itti bobbaasuun hojii gooltummaatti seenan.<br \/>\nUmmata nagaa doorsisuu, saamuu fi hiraarsuu hojii godhatan. Sabboontota, deggartoota, miseensota,<br \/>\nqondaalotaa fi hoogganoota dhaabaa hanga Hayyu-Dureetti osoo hin hafin hidhuun, waajjiraalee ABO,<br \/>\nWaajjira Muummee Gullallee irraa hanga godinootaa fi onootaatti jiran goleelee Oromiyaa cufa keessaa<br \/>\ncaccabsuun diiguu fi meeshaalee waajjira keessaa saamuu itti fufan.<br \/>\nQaamni Impaayirattii afaan qawween tiksuun ummatoota biyyattii ukkaamsee bulchuu bare gartuun<br \/>\nEPRDF PPtti of moggaase, Impaayiricha keessatti maqaa jijjiirrachuu malee jijjiirama bu\u2019uuraa fiduuf<br \/>\nga\u2019uumsa dhabee fi waadaa seene nyaate, ABO karaa nagahaan waliin qabsoofnaan walii galtee irra gahee<br \/>\ngale ganuun yakka raawwate; dhaabaa fi ummata irraanis gaaga\u2019ama geessise.<\/p>\n<p>Gannoota shanan darban guutuu murni humnaan tarkaanfachuu malee waadaa seene hojiitti osoo hin<br \/>\nhiikin kufe PPn, roorroo daangaa darbeen ABO irratti roorrisaa turanii fi jiraniin waadaa dhaabichaaf<br \/>\nseenan gananii, aangoo siyaasaa afaan qawween tikfatan abdatan. Abbaa irree ta\u2019anii itti fufuuf karoora<br \/>\nganna 10nii jedhan lafa kaawwataniin ifatti maqaa ABOn ummata keenya handhuura Oromiyaa magaalaa<br \/>\nFinfinnee irraa hanga gandoota baadiyaa Oromiyaatti yakkamaa tasisuun, qe\u2019ee fi qabeenyaa isaanii<br \/>\nsaamuu, ibiddaan barbadeessuu, maqaa hin jirre itti moggaasuun ummata irraan duguuggaa sanyii<br \/>\ngaggeessuu hojii godhatan. Jumlaan hidhuu, bakka balaan uumamaa dhaqqabetti ummata beelaa fi dhibee<br \/>\nirratti ilaaluun akka dhumatan gochuu, addatti miseensota keenya hidhanii hiraarsuu, hidhaa baasanii<br \/>\najjeesanii bineensa nyaachisuun waan dhala namaa irratti hin dalagamne raawwatan. Ammas gaaga\u2019ama<br \/>\nguddaa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irraan gahaa jiraniin Oromiyaa dirree nagaan waaraa fi tasgabbiin<br \/>\nkeessa hin jiraanne godhanii dhaabbataan goolaa jiran.<\/p>\n<p>Furmaata waaraa rakkoo biyya kanaa ti jedhee fala Addi Bilisummaa Oromoo akeekee turee fi ammas itti<br \/>\njiru marii biyyaalessaa hunda galeessa (All inclusive dialogue) fi Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessaa<br \/>\nNaannoo Oromiyaa (MCBNO) fudhachuu diduun ummatoota gaaga\u2019ama seenaa keessatti mul\u2019atee hin<br \/>\nbeekne irraan gahaara. Furmaatni dhibdee biyya kanaa waan ABOn akeekee dha. Ammas falaa fi malli<br \/>\nwaaraan rakkoo biyyatti kanaaf MCBNO ABOn labsetu rakkoo Oromiyaa fi ollaa Oromiyaas dhaqqaba<br \/>\njennee amanna.<br \/>\nMurni PP akka kanatti rakkoo siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi waraanaa keessa seene keessaa bahuu<br \/>\ndadhabee badee bal\u2019eessuu filatee mankaraaraa jira. Kanaafi kan \u201cHumnaan nyaataniif humna hin tahu\u2019\u2019<br \/>\njenneef.<br \/>\nAddi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yoom iyyuu caalaa onnee ummata bal\u2019aa keessa jira. Har\u2019as boris<br \/>\nABOn jiraataa dha. Rakkoo fi danqaan fedhe isa quunnamu illee deggersaa fi tumsa ummatni bal\u2019aan<br \/>\nOromoo isaaf taasisu galaa godhatuudhaan, hanga akeeka qabsoo geggeessu galiin ga\u2019utti sochiin isaa<br \/>\nguyyaa tokkoof illee hin dhaabbatu daranuu jabaatee itti fufa.<br \/>\nWaan ta\u2019eef, ummanni keenya keessaa fi alaa of tahuu fi wal tahuun wacaa fi dhalaandhala mooraa diinaa<br \/>\ncaqasuu dhiisee, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo dhaggeeffachuun ajandaa waloo isaa irratti cichee<br \/>\nfi jabaatee mooricha utubuu, itichuu fi tin\u2019isuun qabsoo roga hundaa finiinsuun akeekaa fi kaayyoo<br \/>\nqabsaawaafii turee fi jirru galii itti haa goonuun dhaamsa ABO yeroon gaafattuu dha.<br \/>\nInjifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nFulbaana 15, 2023<br \/>\nFinfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) No. stm 006\/stm\/2021 Fulbaanni 15, guyyaa seena qabeessa guyyaa gaafa hoogganni ABO gara biyyaatti deebi\u2019e, guyyaa ummanni Oromoo biyyaan ala irraa akkasumas biyya <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2023\/09\/15\/humnaan-nyaataniif-humna-hin-tahu\/\" title=\"Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2786"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2786"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2786\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2787,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2786\/revisions\/2787"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2786"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2786"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2786"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}