{"id":277,"date":"2017-11-03T15:00:58","date_gmt":"2017-11-03T15:00:58","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=277"},"modified":"2017-11-03T15:00:58","modified_gmt":"2017-11-03T15:00:58","slug":"qabsoo-itti-jirru-caalaatti-finiinsinee-galii-keenya-dhaqqabuuf-waadaa-haaromsachuudhaan-waggaa-12ffaa-fdg-kabajanna","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/11\/03\/qabsoo-itti-jirru-caalaatti-finiinsinee-galii-keenya-dhaqqabuuf-waadaa-haaromsachuudhaan-waggaa-12ffaa-fdg-kabajanna\/","title":{"rendered":"Qabsoo Itti Jirru Caalaatti Finiinsinee Galii Keenya Dhaqqabuuf Waadaa Haaromsachuudhaan Waggaa 12ffaa FDG Kabajanna"},"content":{"rendered":"<p><strong>Qabsoo Itti Jirru Caalaatti Finiinsinee Galii Keenya Dhaqqabuuf Waadaa Haaromsachuudhaan Waggaa 12ffaa FDG Kabajanna<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ijoo Dubbii ABO Sadaasa 03, 2017)<\/em><\/p>\n<p>Seenaa Ummatootaa fi biyyootaa keessatti guyyootni, baatiilee fi barri gariin warra kaan irraa haala adda taheen waan ittiin yaadataman qabaatu. Baatiin Sadaasaa\/November seenaa QBO keessatti bara 2005 irraa eegalee waggoota 12 dabraniif Sochii Ummataa kan <em><strong>Fincila Diddaa Gabrummaa jedhamuun <\/strong><\/em>yaadatama. Kunis Sochii falmaa mirga Abbaa-biyyummaa kan <strong><em>Sadaasa 09, 2005<\/em><\/strong> Ummatni keenya, keessattuu dargaggootni, yaamicha Dhaaba isaanii Adda Bilisummaa Oromootiin guutuu Oromiyaa keessatti bifa haaraadhaan maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhuun dhoosan irraa kan eegalmee dha.<\/p>\n<p>Wayyaaneen\/TPLF akkuma yeroo hundaa godhu ajjeechaa fi hidhaa jimlaa Ummata keenya irratti raaw\u2019achuudhaan sochiin sun yeroodhaaf kan ukkaamamee fi dhaame fakkaatus Ummatni keenya garuu bilisummaa isaa gonfatee mirga isaa guutuutti kabajsiifachuudhaaf sochii jalqabe sana takkaa addaan kutee hin beeku. <em><strong>Qabsoon Hanga Bilisummaatti !<\/strong><\/em> dhaadannoo jedhuun, tokko yeroo kufu\/wareegamu kaan itti dabraa, waggaa waggaadhaan Sadaasa 09 akka Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaatti yaadatee ayyaneffachuudhaan waadaa qabsoo haaromsachaa sochiin seena-qabeessi sun hirmaannaa bal\u2019aa Ummata Oromootiin, keessattu hirmaannaa fi adda-durmmaa dargaggoota Oromootiin finiinee itti fufe.<\/p>\n<p>Bara 2011 irraa eegalee ammoo Sochii seena-qabeessa kana keessaa kan biqile <strong><em>Qeerrooon Bilisummaa Oromoo<\/em><\/strong> qindoomina jaarmayaa fi adda durummaadhaan sochii kana hoogganuu irratti argama. Keessattuu waggaa 10ffaa FDG sababsachuudhaan Sadaasa bara 2015 sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromootiin haaromsamee itti fufe diddaa Ummataa sana gara boqonnaa haarayaa <strong><em>Fincila Xumura Gabrummaa <\/em><\/strong>jedhutti kan ceesiee fi hanga ammaatti guutuu Oromiyaa keessatti kan belbelaa jiru dha.<\/p>\n<p>Qabsoo Hidhannoo, Siyaasaa, Dippilomaasii, Dinagdee, Aadaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa Ummataa walitti qindeessuudhaan Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan gahuu tarsiimoo qabsoo isaa godhatee kan socho\u2019u Dhaabni keenya ABOn qabsoon Bilisummaa Sabaaf geggeeffamu hirmaannaa bal\u2019aa ilmaan Sabichaatiin alatti fiixa bahuu akka hin dandeenye hubachuudhaan Sochii Ummataa har\u2019a sadarkaa kana dhaqqabee jiruuf Ummata qopheessuuf bara 2000 irraa kaasee hojii ijaarsa qabsoo cimaa Ummata keessatti hojjechuu eegale. Hojii boonsaa ABOn akkasiin Ummata keessatti hojjetee fi fedhii fi hirmaannaa Ummatni keenya agarsiise, akkasumas wareegama Ummatni keenya sochii kana keessatti baasaa har\u2019a gahetu milkii fi injifannoo, akkasumas, guddina qabsoo har\u2019a argaa jirru kanaaf bu\u2019uura tahe.<\/p>\n<p>Amna qabsoo hadhaawaa fi bu\u2019aa-bahii hedduu qabu kana keessatti wareegamni Ummatni keenya Dhaaba Kallacha Qabsoo Bilisummaa isaa tahe ABO wajjin tahuudhaan baase akkaan ulfaataa fi qaalii dha. Ilmaan Saba keenyaa akaakuu hojii, umrii, saala, amantii, gosaa fi naannoodhaan osoo addaan hin bahin tokkummaadhaan sochii kana keessatti qooda fudhatanii gidiraa mana hidhaa, qaamaa hir\u2019achuu fi ajjeechaa lubbuu dabalatee wareegama bifa adda addaa baasaa turanii har\u2019as baasaa jiru. Tahus, qabsoon Bilisummaa Wareegama malee fiixaan bahu waan hin jirreef wareegamni baasnee fi baasaa jirru hundi gatii Bilisummaa keenyaaf baasnu tahuu hubachuu qabna.<\/p>\n<p>Har\u2019a waggaa 12ffaa\u00a0FDG yeroo kabajannutti sadarkaa qabsoon keenya irra gahee fi haala diinni keenya keessa jiru wal bira qabnee oggaa ilaallu hojiin qabsoo itti dadhabaa turree fi jirru bu\u2019aa guddaa kan argamsiisee fi itti fufeetis argamsiisaa jiru tahuu hin shakkinu. Wareegama gootota ilmaan Saba keenyaatiin irreen diina keenyaa laamsha\u2019ee jira. Sirna bittaa alagaatti aduun dhiitee jirti. Biiftuun Bilisummaa keenyaa mul\u2019achuuf boruun diimatee jira.<\/p>\n<p>Haa tahu malee Bilisummaa keenya gonfachuuf karaan nu hafe gabaabaa fakkaatus hojiin qabsoo nu eeggatu salphaa miti. Diina du\u2019a irraa of hambisuuf wixxifatu hobbaasanii awwaalamuu isaa mirkaneessuu barbaachisa. Firii qabsoo Ummataa kan dhiiga qabsaawota haqaa ilmaan isaatiin bilchaachaa jiru Ummata afaanii butachuuf kanneen itti gaman hoomaa jaldeessaa fi girrisaa siyaasaa itti dammaqanii hoongessuunis dirqama yeroon gaafatu dha. Walumaagala gufuu qabsoo nu mudatu kamuu qabsoodhaan injifannee irra aanuu danda\u2019uu qofaatu Bilisummaa keenya mirkaneessinee wareegama qabsoo kanaaf bahetti firii gochuu nu dandeessisa. Qabsoo itti jirru caalaatti finiinsinee galii keenya kana dhaqqabuuf kabaja Ayyaana Waggaa 12ffaa FDG irratti waadaa keenya haaromsinee tokkummaadhaan jabaannee haa sossoonu.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo<\/strong> <strong>Ummata<\/strong> <strong>Oromoof<\/strong> <strong>!<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Qabsoo Itti Jirru Caalaatti Finiinsinee Galii Keenya Dhaqqabuuf Waadaa Haaromsachuudhaan Waggaa 12ffaa FDG Kabajanna (Ijoo Dubbii ABO Sadaasa 03, 2017) Seenaa Ummatootaa fi biyyootaa keessatti guyyootni, baatiilee fi barri gariin warra kaan irraa haala adda <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/11\/03\/qabsoo-itti-jirru-caalaatti-finiinsinee-galii-keenya-dhaqqabuuf-waadaa-haaromsachuudhaan-waggaa-12ffaa-fdg-kabajanna\/\" title=\"Qabsoo Itti Jirru Caalaatti Finiinsinee Galii Keenya Dhaqqabuuf Waadaa Haaromsachuudhaan Waggaa 12ffaa FDG Kabajanna\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":99,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[11],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/277"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=277"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/277\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/99"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=277"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=277"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=277"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}