{"id":2596,"date":"2023-04-07T16:50:51","date_gmt":"2023-04-07T16:50:51","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2596"},"modified":"2023-04-07T16:50:51","modified_gmt":"2023-04-07T16:50:51","slug":"hariiroon-mootummoota-ollaa-waliin-taasifamu-lammiileedhaaf-buaa-gaarii-argamsiisuu-irratti-xiyyeeffachuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2023\/04\/07\/hariiroon-mootummoota-ollaa-waliin-taasifamu-lammiileedhaaf-buaa-gaarii-argamsiisuu-irratti-xiyyeeffachuu-qaba\/","title":{"rendered":"Hariiroon Mootummoota Ollaa Waliin Taasifamu Lammiileedhaaf Bu&#8217;aa Gaarii Argamsiisuu irratti Xiyyeeffachuu qaba."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"115\" height=\"115\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 115px) 100vw, 115px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\"><b>Hariiroon Mootummoota Ollaa Waliin Taasifamu Lammiileedhaaf Bu&#8217;aa Gaarii Argamsiisuu irratti Xiyyeeffachuu qaba.<\/b><\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Waliigaltee Waraanaa Haaraa Itiyoophiyaa fi Ertiraa Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Hariiroon Itiyoophiyaa fi Ertiraa bu&#8217;aa ba&#8217;ii hedduu keessa darbee jira. Kanaanis\u00a0\u00a0waraana lubbuun namoota miliyoonaan lakkaa\u2019amanii itti dhume, dinagdeen akka manca&#8217;uu fi jireenyi hawaasummaa akka diigamuuf sababa tahee jira. Kanaafis lolli bilisummaa Ertiraa Waggaa Soddomaa, bara 1998-2000 \u201cwaldhabdee daangaa\u201d jedhamuu fi waraanni Tigraay bara 2020-2022 fakkeenyota gaarii dha. Gidiraa fi dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwatame ilaalchisee addunyaan galmeessite hariiroo jal\u2019aa qabatee akka dhufe hubatamee jira. Aadaan waldhabdee furuudhaaf waraana filannoo tokkicha godhatu gara gaariitti jijjiiramuu qaba.<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Addi Bilisummaa Oromoo lolli Tigraay karaa nagaa furmaata argachuu isaatti kan gammadu yoo ta\u2019u, nageenya waaraa mirkaneessuudhaaf qaamoleen marti walgahanii mariidhaan waliigaltee fi wal hubannoo irra ga\u2019uu qabu jedhee amana. Xumurri lola tokkoo gara jalqaba waraana biraatti geessuu akka hin qabne Addi Bilisummaa Oromoo cimsee hubachiisa. Ebla 03, 2023 bakka bu\u2019oonni jeneraalota waraanaa Ertiraa fi qondaalota olaanoo itti gaafatamaa Ejensii Nageenya Biyyaalessaa Ertiraa Jeneraal Abrahaa Kaasaan durfamu Itoophiyaa daawwataniiru. Qondaalli Ertiraa Yemane G.Meskel akka gabaasanitti, \u201ckaayyoon giddu galeessaa daawwannaa kanaa walitti dhufeenya tumsa waraanaa biyyoota lamaan gidduu jiru daran cimsuu dha&#8221; jechuudhaan ibsanii jiru.<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Biyyoonni yaaddoo waloo kam irratti iyyuu tumsa walii cimsuun seera qabeessa ta&#8217;us, hariiroo fi tumsi waraanaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru rakkoo ummatoota Itoophiyaa babal\u2019isee,\u00a0\u00a0Tigraayii fi Oromiyaa keessatti gadadoo hammeessee jira. Oromiyaa keessatti, Waraanni Ertiraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin wal tumsuun lolli Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti gaggeessan inumaa gidiraa hammaataa dabaluu malee, bu&#8217;aa gaarii tokko illee akka hin argamsiisne ammaan dura akeekkachiisnee turre. Waggoota afran darban keessa Oromiyaa keessatti kan ta&#8217;e kanuma.<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Hariiroon waraanaa biyyoota lamaanii ammas abidda kan biraa qabsiisuuf deemuu isaa arguun hedduu nama gaddisiisa. Ummanni biyyoota lamaanii yeroo ammaa hacuuccaa, hiyyummaa, beela, buqqa\u2019insaa fi hanqina bulchiinsa gaarii, malaanmaltummaa fi bifa hundaan tasgabbii dhabbuu irraa kan ka\u2019e dararamaa jiru. Mootummaa dammaqaan dhimmoota yaaddessoo akkanaatiif dursa kenna malee ammas waraana haaraa banuuf hin qophaa\u2019u.<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Hogganoonni waraanaa olaanoon &#8220;Imaammata lafa gubate&#8221; jedhuun haleellaa waraanaa haaraa akka tooftaa waraanaa guddaatti baafatanii Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Oromiyaa keessaa dhabamsiisuuf waliigaluu isaanii maddeen keenya amanamoon eeranii jiru. Hogganoota waraanaa olaanoo kanneen akka Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Meejar Jeneraal Abebawu Tadesee fi Koloneel Tesfaayee Ayyaaleu gama Itoophiyaa irraa fi Meejar Jeneraal Romadan Awliyaa, Birgaadeer Jeneraal Hadish Ephrem fi Jeneraal Fissehie gama Ertiraa irraa itti gaafatamummaan kanaa kennameefii jira. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n qabsoo Ummanni Oromoo bilisummaa, dimokiraasii fi haqaaf geggeessaa jiru keessa seenuu itti fufuu Ertiraa cimsee balaaleffata.<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Dubbii fi gochi mootummaa Itoophiyaa ofumaan of bal\u2019eessuu ta\u2019uu hubachuun nama wallaalchisa. Walgahii paarlaamaa federaalaa fi mana maree naannoo irratti Ministeera Muummee Dr.Abiy Ahmad fi Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa, mootummaan waraana Oromiyaa keessa jiru karaa nagaa hiikuuf tarkaanfii fudhachaa akka jiru dubbatan. Garuu waliigalteen waraanaa amma Ertiraa waliin taasifamaa jiru, Oromiyaa keessatti haleellaa waraanaa hunda-galeessa ta&#8217;eef qophii irra jiraachuu isaanii agarsiisa.<\/p>\n<div>Gocha waraana biyya alaa afeeruudhaan hammeenya Tigraayi keessatti raawwatan ammas irra deebi\u2019uudhaan raawwachuuf deemamu kana ummanni Oromoo fi ummatootni Itoophiyaa marti akka dura dhaabbatanii fi balaaleffatan\u00a0\u00a0Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ammas gadi jabeessee dhaama.\u00a0\u00a0Akkasumas, ijaarsa waraanaa haaraa waloo Itoophiyaa fi Ertiraatiin bobbaafamuuf deemu, marsaa kan biraadhaaf ummata nagaa rakkoo, gidiraa fi dararamaaf saaxiluuf akka jiru hawaasi idil-addunyaa akka quba qabaatu dhaammanna. Kanaaf hawaasni idil-addunyaa maloota danda&#8217;ame kam iyyuu fayyadamuudhaan gocha kana dhaabsisuu qaba. Gargaarsi misoomaa hawaasa idil-addunyaa kan milkaa\u2019u yoo nagaa fi tasgabbii amansiisaan jiraate qofaa dha.<\/div>\n<div><\/div>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Ebla 06, 2023<\/p>\n<p class=\"x_ydpc9f2aa5dMsoNoSpacing\">Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Hariiroon Mootummoota Ollaa Waliin Taasifamu Lammiileedhaaf Bu&#8217;aa Gaarii Argamsiisuu irratti Xiyyeeffachuu qaba. Waliigaltee Waraanaa Haaraa Itiyoophiyaa fi Ertiraa Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Hariiroon Itiyoophiyaa fi Ertiraa bu&#8217;aa ba&#8217;ii hedduu keessa darbee jira. Kanaanis\u00a0\u00a0waraana <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2023\/04\/07\/hariiroon-mootummoota-ollaa-waliin-taasifamu-lammiileedhaaf-buaa-gaarii-argamsiisuu-irratti-xiyyeeffachuu-qaba\/\" title=\"Hariiroon Mootummoota Ollaa Waliin Taasifamu Lammiileedhaaf Bu&#8217;aa Gaarii Argamsiisuu irratti Xiyyeeffachuu qaba.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2596"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2596"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2596\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2597,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2596\/revisions\/2597"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2596"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2596"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2596"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}