{"id":2439,"date":"2022-12-31T19:01:27","date_gmt":"2022-12-31T19:01:27","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2439"},"modified":"2023-01-12T19:59:57","modified_gmt":"2023-01-12T19:59:57","slug":"dhaamsa-abo-bara-haaraa-amajjii-2023","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/12\/31\/dhaamsa-abo-bara-haaraa-amajjii-2023\/","title":{"rendered":"Dhaamsa ABO Bara Haaraa, Amajjii 2023"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"207\" height=\"207\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 207px) 100vw, 207px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhaamsa ABO Bara Haaraa, Amajjii 2023<\/p>\n<p>Miseensota ABO Hogganootaa fi Miseensota akkasumas deggertoota ABO kanneen mana hidhaa jirtaniif,<\/p>\n<p>Qabsaawota Waliigalaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Ummata Oromoo Bal\u2019aa<\/p>\n<p>Deggertoota QBO<\/p>\n<p>Firoottan QBOf,<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hunda dura baga bara haaraa 2023 nagaan geenye jechaa hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensota, hogganootaa fi miseensota ABO mana hidhaa jiranii, qabsaawota waliigalaa fi akkasuma ummata keenya gidiraa jaarraa tokkoo as argee hin beekne mudataa jiru garuu murannoon dimokrasii fi mirgaaf falmaa finiinsaa jiruutiin isinii dabarsina. Barri haaraan kun ummata Oromoof bara ajjeechaa suukanneessaa, roorroo fi gidiraan irraa dhaabbatu, haqni fi dhugaan ummata Oromoo bakka argatee ummanni keenya mataa ol qabatee biyya isaa irratti nagaa fi tasgabbiin jiraatu akka nuuf tahu hawwii qabnu dabarsina. Barri tokko xumuratee darbuun wayta haaraan bakka bu\u2019u, bara dabarsine keessa haala akkamii keessa dababarre jedhanii of duuba deebi\u2019anii ilaaluun, milkii fi injifannoo argame tikfatuuf, rakkoo fi yaaddoo bara dabree bara haaraatti irra aanuuf karoorsuu fi socho\u2019uuf akka gargaaru beekamaa dha. Barri xumurarra jiru, 2022, yeroo itti ABOn akka dhaabaatti fi ummanni Oromoo akka sabaatti balaa fi roorroo akkaan ulfaataa nu mudatan tahee dabree jira.<\/p>\n<p>Miseensonnii fi hogganootni ABO badii malee, haqa waakkatamanii har\u2019ayyuu manneen hidhaa keessatti gidiraarra turuutti dabalee, miseensa hoggana ABO mana isaa keessaa waamamee bara itti ajjeefamee fi hanga ammaas haqa dhabsiifame keessa dabarre. Duulli maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu jedhuun Oromiyaa keessatti humnoota mootummaatiin gaggeeffamaa jiruun ummanni keenya bara kana keessa bakka hedduutti ajjeechaa jumulaan, barbadaa\u2019insa qayee fi gidiraa suukaneessaan akka isa mudatuuf sababa taheera. Duulli humnoota finxaaleyyii Amaaraa fi humna addaa mootummaa naannoo Amaaraa kan Partii Bixiginnaa aangoorra jiruun ifatti deeggaramaa jiraniin Oromoorratti gaggeeffamaa jiru ammoo, Ummanni keenya erga jaarraa tokkoo oliin dura harkaa fi harma muranee humnaan gabroomfamee kaasee akka bara kanaa ifatti ajjeechaan suukaneessaan kan irratti raawwate akka hin jirre addunyaatu arge. Weerartoonni Faannoo jedhaman of fuuldura golgachuun kan akeeka Minilik deebisuu qabanii fi hidhattoonni PPn bobbaase walii tumsuun yakki morma muranii fannisuu fi roorroon suukaneessaan raawwachuurra dabranii waraabanii ittiin dhaadataa fi agarsiifataa turan haalli ummata keenyaa sadarkaa jiraachuu fi dhabamuurra ykn dhabamuurra jiraachuuf falmchuu mirkaneesse. Duula Ummata Oromoorratti addatti waliigalattis lammiilee Oromiyaarratti humnoota qindaawoo tahan kanneeniin bara 2022 xumurame kana keessa gaggeeffame lakkuma babal\u2019ataa deemuun, sochiin of ittisuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi barattootaan waliigalatti ummata Oromootiin guutuu Oromiyaa keessatti taasifames, Oromoon roorroo daangaa dabarte callisee ilaaluu akka hin dandeenye hiriirotni waamicha ABO simachuun taasifamaa jiru ragaa guddaa ta\u2019a.<\/p>\n<p>Kanuma waliin sochiin hawaasni Oromoo biyyoota ambaa adda addaa keessa jiraatu yakka suukaneessaa Oromiyaatti lammii isaaniirratti raawwatamaa jiru balaaleffachuu fi warraaqsa of ittisuu ummannii fi qeerroon taasisaa jiran deeggaruun hiriirri tumsaa gaggeessanis taateedhuma bara kanaa kan bara haaraatti caalaatti cimee itti fufuu qabu tahuu hubachiisuu barbaadna. Kan kana dhaabuu danda\u2019u mirga Oromoo fi lammiilee Oromiyaa kabajuu qofaa taha. Walumaagalatti Ummanni keenya yeroon itti lubbuu isaaf wabii dhabee bahee galuuf yaaddoo ulfaataa keessa seene, yeroo Finfinnee dabalatee Oromummaan ifatti yakka taasifamee Leellistootni Impaayera Itoophiyaa kaleessaa deebisuuf akka sossohan ifatti himatan Partii aangoorra jiruun ifaa Magariisni kennameefii akka fedhan burraaquun hariiroon waliin jireenya ummatootaa balaa caalurra kan bu\u2019e bara xumuraa jirru kana keessatti ta\u2019uun ifaa dha. Ummanni Oromoo addattii fi ummatootni kaanis qe\u2019ee isaa irratti nagaan jiraachuu dhabee bakka maratti ajjeefamaa fi gidirfamuun naannoo isaa irraa godaanee biyya alaa fi biyya keessatti baqattummaa fi buqqaatummaan jiraachaa yeroo jiru dha. Oromiyaas ta\u2019e biyya Itophiyaa keessatti manni murti bilisaan hojjachuun dhibee, bulchiinsi diigamee Komand Postiin dararamuun godinoota hunda keessatti rakkoo fi yaaddoon nageenyaa ummata irra jiru haalaan yeroo yaaddessu keessa jirra. Addi Bilisummaa Oromoo haala walxaxaa fi ulfaataa akka dhaabaattis tahee akka ummatatti lammiileen Oormiyaa keessa jirru, gidiraa fi roorroo itti aggaamame kana irra aanuuf furmaanni \u00a0gatii qabsoon gaafatu mara baafnee kaayyoo bilisummaa Oromoo, dimokraasii fi mirga Oromoo milkeessuuf akkuma qabsootti seennetti, ammas duulaa fi yakka suukaneessaa nurra gahaa jiruun otuu hin jilbeeffanne tokkummaa keenya walitti qindeessinee hojjechuun biyya keenyarratti nagaan jiraachuuf sossohuu ta\u2019uu irra deebinee hubachiisuu barbaanna.<\/p>\n<p>Kanneen Oromiyaa weeraruu, ummata Oromoo biyyaa-biyyoo isaarratti ajjeesuu, salphisuu fi saamanii hiyyoomsuun ofii abbaa itti tahuu waliigalatti yakka suukaneessaa raawwachuu fi raawwachiisuun ummata Oromoo mataa gadi qabachiisanii bituuf dhama\u2019an, Ummanni Oromoo harkas muramu harma, morma kutamee ittiin sirbamus tahee duulli duguuggii sanyii irratti gaggeeffamu dhumeetu dhabama malee, kabajaa namummaa, mirgaa fi bilisummaa isaa wareegama feesisu baasuurraa of booba kan hin deebine tahuun hubatamuu qaba. Addatti kanneen bara dabarsine kana keessa duula ummata Oromoo fi Oromiyaarratti bananiin saba kana lafarraa dhabamsiisnee Impaayera Minilik jaarraa 21ffaa ijaarra jedhanii abjootan, ija seeraa fi heeraan hafee akkuma namummaattuu warreen waliin jireenya ummatootaa sadarkaa yaaddessaatti ceesisan, yakkamtoota tahuu addunyaatti agarsiisaniiru. Ummatni Oromoo saba safuu fi hoodaan bulu, kan warreen waliin jiraatu fi olloota isaaf kabajaa ol\u2019aanaa qabu tahuun kan himaa hin barbaachifne tahullee, wayta duulli isa dhabamsiisuu itti xiyyeeffatee deemaa jiru seeraa-heera biyyaan ittisa dhabee inumaa jajjabeeffamu argu, dhaaba kallacha qabsoo isaa, ABO jalatti hiriiruun mirgaa fi kabajaa isaaa tikfachuuf bifa isaaf danda\u2019ame hundaan qabsoo finiinsuuf dandeettiis gahumsas akka qabullee baruma xumurre kana keessa firaafis diinaafis agarsiise.<\/p>\n<p>Ummanni keenyas tahe lammiileen Ormiyaa duula roga hedduun Oromiyaa weeraruu, Oromummaa dhabamsiisuun mirga ummata Oromoo sarbuuf, injifannoolee wareegama ilmaan sabaa qaalii kan qabsoo barootaaf gaggeeffameen argame sharafuuf taasifamaa jiru sirriitti hubachuun wareegama feesisu kamuu baasee of ittisuu, walii birmachuu fi waliin dhaabbachuun akka warraaqu hubachiifna. Qabsaawota haala kamuu keessa dantaa isaa ittisan kuma kitilaan kan qabu tahuus agarsiifamee jira. Duulaa fi balaa humnoota diina ummata Oromoo tahaniin baname qolachuun Oromoo fi Oromiyaa ittisuuf, dabrees nageenyaa tasgabbii Ummataa mirkaneessuuf akkuma amma godhamaa jiru keessaa fi alaan waliif dirmannaa fi jaatanii olaanaatu barbaachisa. Ummanni keenya yeroo kamiyyuu keessatti waan keessa darbaa dhufe dagachuu hin qabu. Keessayyuu, qabsoo gootata ummata Oromootiin injifannooleen haga yoonaatti galmeeffame kan laayyootti ilaalamu miti. Kanneen mirga ummata Oromoo danquu barbaadan injifannoolee qabsaa\u2019onni ummata Oromoo galmeessan busheessee, ummata Oromoo of duuba deebisuuf halkanii fi guyyaa hojjatu. Kuni abadan akka hin taaneef ummatni keenya injifannoolee haga yoonaatti galmeeffaman kunuunfachaa kan hafeef tarkaanfachuun barbaachisaa dha. Warreen mirga ummata Oromoo ukkaamsuun bittaa cunqursaa dheeressuu barbaadan xiyyeeffannoon isaanii inni duraa qabsaawota ummata Oromoo adamsanii dhabamsiisuu dha. Kan ABO irratti barootaaf deemaa turee fi jiru, dhaabichi murannoon falmataa yoona gahes kanuma. Humni ummatni Oromoo qabu tokko tokkummaa ummata Oromoo ti. Sabni guddaa kun gaafa tokkummaan socho\u2019e raajii hojjachuu akka dandahu waan beekaniif meeshaalee qaban maraan tokkummaa Oromoo diiguu fi laaffisuu irratti ijibbaata gochaa jiran. Haala kana hubachuun, ummanni keenya karaa hundaan tokkummaa ummata keenyaa eeguu fi jabeessuu irratti akka hojjatu dhaammanna.<\/p>\n<p>Kanneen galii qabsoo ummata Oromoo gufachiisuu barbaadan waan irratti xiyyeeffatan keessaa kan biroos sabboonummaa Oromoo ti. Kun akka yakkaatti ilaalamee yeroo sabboonummaa Oromoo diiguuf ifaajeen godhamu argaa jirra. Sabboonummaan Oromoo dantaa ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa mara tiksuun ala akeeka biraa hin qabu; hin qabaatus. Kana hubachuu fi ummata keenyas ta\u2019ee alagaa barsiisuun hojii keenya bara haaraa kana irratti xiyyeeffannu ta\u2019uu qaba. Walumaan yeroo ummata Oromoof akkaan murteessaa fi qormaata ulfaataa ta\u2019e kana keessaa bahuuf bara haaraa itti seenaa jiru, 2023, keessa ummanni keenya tokkummaa isaa kan duraanii irra cimsuun roorroo bifa kamiinuu irra gahaa jiru bifa barbaachisaa dha jedhee fi isaaf dandahame maraan ofirraa qolachuun, akeeka mirga isaa danquuf socho\u2019amuu irra aanuuf qalbii haaraa fi yaada haaraan sossohuun murteessaa dha jenna. Ummatni hin ijaaramne humna tahuu hin danda\u2019u. Humna tahan malee ammoo kaayyoo ka\u2019aniif galmaan gahun hin danda\u2019amu. Akeeka kaaneef galmaan gahuuf ijaaramuun, ammas ijaaramuun caalaatti murteessaa dha. Humna jaarmayaa yoo hin qabaanne ammoo akeeka hawwan bakkaan gahuun hin danda\u2019amu. QBOn haga ammaatti injifannoolee galmeessuu kan danda\u2019e waan ABO jalatti ijaaramee tokkummaan qabsoo godheefi. Kanuma hubachuunis baroota dabran qabsoo keenyaa fi jarmaayaa keenya ABO dadhabsiisuu fi dhabamsiisuuf shira xaxame maseensaa yoona geenye. Bara 2023 kana keessa ummanni keenya dhaaba kallacha qabsoo, abdii Oromoo fi Oromiyaa, kan weerartootaaf ammoo yaaddoo tahe roga hundaan cimsataa fi jabeessaa, walii birmataa fi wal deeggaraa, wareegama qabsoon feetu baasee mirga isaa akka harka galfatuuf yoom illee caalaa onneen socho\u2019uun diqama qabsoon nurraa eeggattuu dha. Haalli Oromiyaa fi waliigala Impaayera Itoophiyaa rakkoolee siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi nageenyaan yeroo kamuu caalaa walxaxaa tahe keessa galuun yaaddeessaa waan jiruuf, amala murna aangoorra jiru Bilxiginnaarraa kan ka\u2019e filmaatni karaa nagaa dorgomanii dimokraasiin sagalee ummataa dhugoomsuun kan sichi sirreeffamee karaa qabatuu \u00a0qabu waan taheef, lammiileen Oromiyaa mootummaa jireenyaa fi nageenya isaaniif wabii tahu dhugoomsuun fardii dha. Kanaafis odoo yeroon hin barfannee fi gaaga\u2019amni caalu ummata fi biyya keenyarra hin geenye Mootummaa Ce\u2019umsa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa ijaaruuf jabinaan qabsaawuun, Oromiyaa irratti nagaa fi tasgabbiin wabii lubbuun jireenya lammiilee mirkaneessu akka dhugoomuuf dhaabotiin siyaasaa hundi qooda isaanii bahatuun murteessaa ta\u2019uu ABOn amantaa qabu ibsaa, kanaafis jabinaan kan qabsaawu tahuu ibsa.<\/p>\n<p>Maayiirratti Qabsaawotni, miseensonni, Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi deeggartoonni ABO dirqamni qabsoo fi didhaan fuula keenya dura jiru akkaan jabaa tahuu hubattanii jaarmayaa keessan daran cimsuu fi dirqama dhaabaa dachaan batahuuf akka of qopheessitan hiree kanaan waamicha isiniif dabarsina. Keessumaa dureen qabsichaa qeerroo fi barattoonni lammiilee Oromiyaa sochii roorroo qolannaa guutummaa Oromiyaa keessatti eegalee finiinaa jiru walitti fufiinsaan gaggeessuun, dimokrasii, bilisummaa fi nagaa ummanni keenya biyya isaa Oromiyaarratti dheebote dhugoomsuuf, hidhaa murna PP, gidiraa fi yakka suukaneessaa gareelee Fiinxaaleyyiin humnoota mootummaan deeggaramanii deemaa jiruuf odoo hin jilbeenfatin akka itti fuftan dhaamna. Kanuma waliin duula ummata Oromoo fi Oromiyaarratti deemaa jiruun lammiilee keenya lubbuu baraaruuf sochii taasifamaa jiruun cinaatti, kanneen lubbuu baafatanii rakkoolee adda addaaf saaxilaman hadhaadhiyyuuf Ummanni keenya keessaa-alaan, jaarmayooleen gargaarsaa fi namoomaa waliigalatti kanneen namummaa fi haqaaf dhaabbatan akka daddaffiin birmatan gaafanna. Gama kaaniin, sabaa fi sablammiileen cunqurfamoon, dhaabotni mirkanaawuu dimokrasii fi mirga ummatootaaf qabsoo irra jirtan, humnooti dimokraasii fi kabajamuu mirga dhala namaaf dhaabbatan hundi yakka suukaneessaa Ummata Oromoorratti fi lammiilee Oromiyaa irratti deemaa jiru kana callisanii ilaaluun seenaan kan gaafachiisu tahuutti dabalee, hariiroo waliin jireenya ollummaa hegereerratti gaaddisa hamaa akka uumu hubachuun bifa isaaniif dandahameen akka sagalee tahan, cunqurfamuun ummata Oromoo cunqurfamuu isaaniis tahuu hubatanii wahillummaa nu gidduu jiru waliif beeknee fi walii dirmannee dimokrasii mirkaneessuu fi mirga ummataa dhugoomsuuf qabsoo irratti akka wal tumsinu ABO waamicha isinii dabarsa.<\/p>\n<p>Bara 2023 keessa Hundi keenya Oromummaa fi Oromiyaa ittisuuf, yaaddoo hegeree jireenya Ummata keenyaa fi lammiilee Oromiyaaf furmaata waaraa argamsiisuuf tokkummaan haa sochoonu. Lammiileen hundi civil, dubartoota, da\u2019immanii fi maanguddoota hundaaf loogii tokko malee eegumsa akka godhan kanuma waliin wal hubachiisuu feena. Ammas irra deebi\u2019uun barri haaraan kun ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa maraaf bara ajjeechaa suukaneessaa, roorroo fi gidiraan irraa dhaabbatu, haqni fi dhugaan ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa bakka argatee ummanni keenya mataa ol qabatee biyya isaarratti bilisummaadhaan, Oromiyaa, nagaa fi tasgabbii qabdu keessa jiraatu akka nuuf tahu hawwii qabnu dabarsina. Barri bara milkii fi injifatnoo isinii haa ta\u2019u.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Finfinnee, Oromiyaa<\/p>\n<p>Muddee 31, 2022<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Dhaamsa ABO Bara Haaraa, Amajjii 2023 Miseensota ABO Hogganootaa fi Miseensota akkasumas deggertoota ABO kanneen mana hidhaa jirtaniif, Qabsaawota Waliigalaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo Bal\u2019aa Deggertoota QBO Firoottan QBOf, &nbsp; Hunda dura baga <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/12\/31\/dhaamsa-abo-bara-haaraa-amajjii-2023\/\" title=\"Dhaamsa ABO Bara Haaraa, Amajjii 2023\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2439"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2439"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2439\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2467,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2439\/revisions\/2467"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2439"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2439"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2439"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}