{"id":2371,"date":"2022-11-19T16:49:04","date_gmt":"2022-11-19T16:49:04","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2371"},"modified":"2022-11-19T16:49:15","modified_gmt":"2022-11-19T16:49:15","slug":"2371","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/11\/19\/2371\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-362 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/12\/faajjii2.jpg\" alt=\"ABO Oromoo Gadaa Wareegamtoota\" width=\"158\" height=\"146\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhumaatii Ummata Nagaa Irra Ga\u2019aa Jiruuf Gaafatamaan, Mootummaa Federaalaa Dhumaatii<br \/>\nKana raawwataa fi Haala Mijeessaa Jiruu dha.<br \/>\nIjoo Dubbii ABO \u2013 Sadaasa 19,2022<\/p>\n<p>Erga waggaa tokkoo as haala mul\u2019ataa hin taanee fi ifaanis Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo<br \/>\nGuduruu Wallaggaa keessatti ummatni nagaan qe\u2019ee fi qabeenya isaa irratti humnoota mootummaan<br \/>\nhidhatanii fi humnoota Federalaan weeraramee dhumaatiin jumlaa fi suukanneessaan irratti<br \/>\nraawwatamaa jira. Manneen ummataa kumootaan barbadeessamaa, lubbuun namootaa kumootaan<br \/>\nbaasamaa, qabeenyi barbadeessamaa fi saamamaa, jiruu fi jireenyi hawaasaa diigamuun, balaan<br \/>\nhammana hin jedhamnee fi bal\u2019ina qabu ummata Oromoo irra ga\u2019eera.<br \/>\nHaala kanaan ummatni lafa gabbataa irra jiraataa ture, of irra darbee alagaa sooraa ture har\u2019a sababa<br \/>\nlafa isaa irratti itti duulameef kumoota dhibbaan qe\u2019ee irraa buqqa\u2019ee dirree irratti faca\u2019uun hagabuu buluu<br \/>\nfi harka namaa eeggatuuf dirqameera. Yeroo kun hundi ta\u2019u mootummaan Federaalaa biyyan bulchaa<br \/>\njira ofiin jedhu sirna Biltsiginnaan dursamu, dhoksaanis tahe ifaan humnoota itti bobbaasuun ummata<br \/>\ndararuu hojii isaa godhatee jira. Dirmachuun kan dirqama itti ture humna alagaa goolessituu Faannoo<br \/>\njedhamtu gurmeessuu, leenjisuu, hidhachiisuu fi waraana isaa waliin walooma tolchuun yeroo gamtaan<br \/>\nummata kanatti duulanii duguuggaa sanyii irratti raawwatan ifaan mul\u2019ataa ture; mul\u2019ataas jira.<br \/>\nAddatti erga guyyoota shanii as jechuun Sadaasa 14, 2022 irraa qabee Godinoota Wallagga Bahaa fi<br \/>\nHorroo Guduruu Wallaggaa keessatti humni mootummaa finxaaleyyii Faannoo golgaa godhate, humni<br \/>\nPolisii Federalaa Farra Shororkeessaa jedhamu fi Waraanni Ittisa Biyyaa Mootummaa Federaalaa waliin<br \/>\nweeraraa fi duula bal\u2019aa ummata Oromoo irratti bananii jiraniin. Kanaanis lammiilee nagaa dhibbootaan<br \/>\najjeesaa, dhibbootaan madeessaa, magaalotaa fi gandeen qabeenya waliin gubanii barbadeessaa, horii<br \/>\nummataa shallaguun illee nama rakkisu ooffataa jiran. Maanguddootni, hawwanii fi ijoolleen weerara<br \/>\nhumna waloo finxaaleyyii fi humnoota mootummaa kanaan akka maleetti miidhamaniiru. Onoota Horroo<br \/>\nGuduruu Wallaggaa kan akka Amuruu, Jaardagaa Jaartee, Horroo Bulluqii fi kkf keessatti goolessitootni<br \/>\nFaannoo fi humnootni mootummaa gariin uffata siviilii uffatanii waloon weerara geggeessaa jiran, ilmaan<br \/>\nOromoo nagaa qe\u2019ee isaanii keessatti dhibbootaan ajjeesaniiru. Bakka ga\u2019an hundatti ibidda manneenitti<br \/>\nsararuudhaan qabeenya waliin barbadeessaa jiran.<br \/>\nSadaasa 16, 2022 magaalaa Aliboo irratti weerara bananiin magaalattii ibiddaan barbadeessaniiru.<br \/>\nMagaala Jaardagaa Jaartee kan taate Aliboon hidhattoota finxaaleyyii Faannoo fi waraana mootummaa<br \/>\nfi humnoota Polisii Federalaa ummata fakkaatanii sossohaniin haleellaan irratti geggeessamtee<br \/>\nmiidhamteetti. Yoo xiqqaate manneen ummataa 200 ol ta\u2019u magaalattii fi naannootii gubachuu ummatni<br \/>\nragaa ba\u2019a. Ummatni nagaan hedduutu ajjeesame. Qabeenyi baay\u2019eetu manca\u2019e. Gariin ni saamame.<br \/>\nHoriin loon, re&#8217;ee fi kkf kumootaan humna kanaan fudhatamaniiru. Aliboon alatti gandootni akka Suuxee,<br \/>\nDigaluu fi kkf haleellaa fakkaataan irratti deemsisamee ummatni sivilii hedduutu harka bineeyyii kanaan<br \/>\ngalaafatame. Humni waloo Faannoo fi hidhattootni mootummaa kun gandoota baadiyaa hunda<br \/>\nweeraruun barbadeessuu irratti argaman.<br \/>\nHumni goolissitootaa ummata Oromoo jilbeenfachiisuu fi akka sabaatti lafa irraa fixuuf sagantaa<br \/>\nmootummaan sossohaa jiran kun, duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti raawwataa jiran itti fufuun<br \/>\nguyyaa kaleessaa Sadaasa 18, 2022 Godina Baha Wallagga Ona Kiiramuu irratti lola bal\u2019aa bananiin<br \/>\nmagaalaa Kiiramuu guutuutti goolaniiru. Ummata nagaa irratti duguuggaa sanyii raawwataa akka jiran<br \/>\nodeessi ba\u2019u ni hubachiisa. Kanneen magaalaa Kiiramuu irratti lola bal\u2019aa ummata nagaa irratti banuun<br \/>\nduguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwataa jiran kun goolessitoota Faannoo, Waraana Ittisa Biyyaa fi<br \/>\nPoolisoota Federaalaa farra riphee lolaa jedhaman ta\u2019uu odeessi jiru ni addeessa.<br \/>\nMagaalaan Kiiramuu haala ulfaataa keessatti kuftee jirti. Ummatni magaalattii fi jiraattotni gandoota itti<br \/>\ndhihoo jiranii baay\u2019een akka ajjeesaman, warri humni danda\u2019e qe\u2019ee gadhiisee bosonatti akka baqate<br \/>\nibsama. Garii ammoo magaalattiima keessatti marfamanii jiraachuun hubatameera. Manneenii fi<br \/>\nqabeenyi akka gubatan, horiin akka saamaman odeessi ummataa ifa godha. Qunnamtiin rakkisaa waan<br \/>\nta\u2019eef, odeessa ga\u2019aa akka barbaachisutti argachuun rakkisaa dha.<br \/>\nMootummaan Federaalaa Paartii Biltsiginnaan hogganamu dhumaatii jumlaa Godinoota Wallagga Bahaa<br \/>\nfi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti, darbees Oromiyaa bakkoota adda addaatti ummata nagaa irra<br \/>\ngahaa jiruuf gaafatamaan matuma isaa ti. Lola kana keessaa fedhii guddaa akka qabu, qindoominaan<br \/>\nakka duukaa jiru ragaan, caasaaleen nageenyaa mootummaa federaalaa ummata irratti lola<br \/>\ngeggeessamaa jiru kana keessatti hirmaatanii mul\u2019atuu dha. Bulchiinsii fi kaabinootni Godinaas<br \/>\nhumnoota goolessitootaa ummata irratti lola geggeessan kanaaf dhaabbataan haala mijeessaa akka<br \/>\nturanii fi jiran ummatumatu dubbataa jira.<br \/>\nKanaaf Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humnootni finxaaleyyii<br \/>\nduguuggaa ummata irraan ga\u2019aa turanii fi jiran quba qabeenya mootummaa fi qindoomina mootummaa<br \/>\nBilsiginnaan ta\u2019uun shakkiin hin jiru. Caasaan nageenyaa mootummichaa, hidhattootni sirnichaa hanga<br \/>\nwaraana ittisa biyyaatti fi humni polisii Federalaa huccuu siviilii uffatanii goolessituu Faannoon waliin<br \/>\nijaaramanii fi waliin weerara geggeessaa jiran harki mootummaa Federaalaa keessa jiraachuu<br \/>\nmirkaneessa. Kanaaf mootummaan Biltsiginnaa gaafatama jalaa kan miliqu miti.<br \/>\nDhuma irratti ummatni keenya kan keessaa fi alaa waa tokko qalbifatuu qaba. Oromoon walii isaa malee<br \/>\nkan biraa hin qabu. Gaafa rakkoos, gaafa bal\u2019oos isumatu waliif jiraachuu qaba. Waan kana ta\u2019eef,<br \/>\nummata keenya qe\u2019ee isaa gubbaatti humna alagaan weeraramee akka baalaa harca\u2019aa jiruu fi kumoota<br \/>\ndhibbaan baqatee dirreetti hafuuf dirqameef dirmatuu qaba. Sagalee ta\u2019uufii qaba jenna. Duguuggaa<br \/>\nsanyii dhoksaatti mootummaan ummata keenya irratti deemsisamaa jiru kana karaa danda\u2019ame hundaan<br \/>\nija hawaasaa fi mootummoota addunyaatti baasaa jenna.<br \/>\nInjifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nSadaasa 19,2022<br \/>\nFinfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Dhumaatii Ummata Nagaa Irra Ga\u2019aa Jiruuf Gaafatamaan, Mootummaa Federaalaa Dhumaatii Kana raawwataa fi Haala Mijeessaa Jiruu dha. Ijoo Dubbii ABO \u2013 Sadaasa 19,2022 Erga waggaa tokkoo as haala mul\u2019ataa hin taanee fi ifaanis Godinoota <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/11\/19\/2371\/\" title=\"\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2371"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2371"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2371\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2373,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2371\/revisions\/2373"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2371"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2371"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2371"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}