{"id":2348,"date":"2022-11-07T05:49:49","date_gmt":"2022-11-07T05:49:49","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2348"},"modified":"2022-11-07T05:49:49","modified_gmt":"2022-11-07T05:49:49","slug":"duaan-boqochuu-doktoora-kabajaa-art-alii-birraa-ilaalchisee-ibsa-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/11\/07\/duaan-boqochuu-doktoora-kabajaa-art-alii-birraa-ilaalchisee-ibsa-abo\/","title":{"rendered":"Du\u2019aan boqochuu Doktoora Kabajaa Art.Alii Birraa ilaalchisee ibsa ABO"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"70\" height=\"70\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 70px) 100vw, 70px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Du\u2019aan boqochuu Doktoora Kabajaa Art.Alii Birraa ilaalchisee ibsa ABO<br \/>\nSadaasa 07.2022<\/p>\n<p>Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fi haadha isaa Faaxumaa Alii irraa Xaaliyaanii<br \/>\nbiyya teenya keeysaa bahee bara torbaa, Caamsa 26, bara 1948 magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Kaabaa<br \/>\nkan gaara Ganda Qoree duubaan jiru jalatti arkamutti nama dhalate.<br \/>\nAliin akka umrii barnootaa gayeen, mana barnoota amantii Islaamaa kan maqaa Madrasa Jadiidaatti<br \/>\nbeekkamu, kan Ganda Laga-Harreetti karaa oliin arkamutti galmeeffame. Achitti hamma hulaa shanii<br \/>\neega barate booda, mana barnootaa gaafasitti maqaa Lu&#8217;ul Makoonnin qabaachaa ture, kan Gaziiraa<br \/>\nkeessatti arkamu geeyfamee, hulaa 6ffaa xumure. San booda, Aliin fedhii gama kanaan barnoota itti<br \/>\nfufuu dhabuu waan hubateef, abbaan, madrasaa Arabii Ustaad Gubee kan gaara Ganda Qabri-Joollee<br \/>\ngubbaa naqe.<br \/>\nAliin barnoota Madrasaa Ustaad Gebeetti kennamu yaroo gabaabduu keessatti fixee, achumatti<br \/>\nbarsiisummaan mindaawee Ustaad Alii moggaafame. Isaa haala kana keeysa jiru, sossoohinsi Afran<br \/>\nQalloo kan guddina Afaanii fii Aadaa Oromootiif bu&#8217;uura tahe Dirree Dhawaa keessatti jalqabe.<br \/>\nAli, hawwisoo Hiriyaa Jaalalaa tan kaa&#8217;imman umriin warra Urjii Bakkalchaatii gaditti makamee odoo<br \/>\nxiqqollee hin turin, dandeeytii yadaloo wallee baafachuu fi wallisuuf qabuun Urjii Bakkalchaatiin<br \/>\nfudhatamee, Iida Ramadaanaa kan Gurraandhala 25, bara 1963 dooyaa gubbaatti bahee, sagalee isaa<br \/>\nbareedduu fi alalaasa miidhagaan wallee, &#8220;Birraa dhaa barihee, jettu wallisuun, daawwattoota if<br \/>\nwallaalchise.<br \/>\nBara 1982 keeysa, odoo Raas Hoteelitti wallisuu, Aliin dubartii Birgiittaa Astroom ja&#8217;amtu, tan<br \/>\nbarreessituu safaaraa Suwiidin taate waliin wal baree fuudhe. Bara 1984 keeysa ramaddii hujii biyya<br \/>\nXoophiyaa raawwattee hoggaa Amerikaatti jijjiiramtu, Aliinis lammummaa biyya Suwiidin fudhatee,<br \/>\nniitii isaa waliin, magaalaa Kaalifoorniyaa tan biyya Amerikaa dhaqe.<br \/>\nBara 1984 irraa kaasee hamma 1992 Alii fi Birgiittaan huji fi salaloof biyyoota Amerikaa Kaabaa,<br \/>\nAwrooppaa fi Aasiyaa keeysa daddeeman. Bara 1992 jalqabee biyya Kanadaa magaalaa Torontoo<br \/>\nkeessa qubatee jiraachaa ture.<br \/>\nBara 2004 keeysa sadoo biyya namaa irra rakkoo biyya isaa filachuun, jiruu biyya ambaa tan waggoota<br \/>\n20 booda Oromiyatti deebi&#8217;e. Akka achi gayeenis, gorsa abbaa isaa kan barnootatti jabaadhuu, kan inni<br \/>\nirraa hamilee cabse, hadhaadhiyyuuf karoorfate. Karoora kanaan, hiyyeeyyii naannoo Ija Aannannii tan<br \/>\nnaannoo Dirree Dhawaa, warra hiree barnootaatiin wal arkuu hin dandeenyeef mana barnoota sadarkaa<br \/>\nduraa banee carraa barachuutiin walitti baase.<br \/>\nAlii Birraa, akkuma nama Dirree Dhawaa keeysatti dhalatee guddateetti Afaan Oromoo biratti,<br \/>\nkan Arabaa, Amaaraa, Soomaalee fi Adaree qaceellootti dubbata. San boodaas, kan Suwidinii fi Ingilizii<br \/>\nitti dabalate. Afaanota alagaa keeysaa kan Arabaa, Soomaalee fi Adareetti walleelee seena qabeessa<br \/>\ntahan, kanneen akkuma gaafa bahaniitti yoomuu jaalataman hedduu wallise.<br \/>\nSeenaan Alii Birraa, barruu gabaabduu tanatti waan shalagamu miti. Aliin afaan, aadaa, biyya, seenaa fi<br \/>\nqabsoo Oromoo irratti walleeleen wallise hedduu, tan irraa himanii fi dhiisan keeysaa filuun haalaan<br \/>\nnama rakkisa.<br \/>\nWareega godheen kan wal madaalu tahuullee baatu, Aliin, gumaata guddina afaan, aadaa fi wallee<br \/>\nOromootiif godheef waldayoota hawaasa Oromoo hedduu irraa badhaasa beekkamtii hujii umrii guutuu<br \/>\nbadhaafamee jira. Hujuma isaa tana irraa ka&#8217;uun, Universitiin Jimmaa Digrii Kabajaa Doktorummaa<br \/>\nkenneefii jira. Jaarmayni Muuzik Afrik ja&#8217;amu kan biyya Kanadaa, magaala Torontoo qooda Artii<br \/>\nAfrikaatiif gumaacheef Badhaasa Beekkamtii Hujii kenneefii jira.<br \/>\nAliin, akkuma &#8220;Birraa dhaan Barihe&#8221; je\u2019ee jalqabetti, walleelee mimmiidhagoo ammayyaa 300 ol<br \/>\nhawaasa Oromootiif, guddinaa fi waaltina Afaan Oromootiif gumaacha daaddaa hin qabne godhee,<br \/>\nSadaasa 06, bara 2022, umrii 74tti bakka kan dhalate irraa hin deebinetti lammii isaa kan akkaan jaalatu<br \/>\ndhiisee sokke.<br \/>\nAliin, bilisummaa ummata Oromoo tan jaalala isii bifa addaatti ibse odoo goolabbii isii hin arkin biraa<br \/>\ndeemullee, walleelee isaa kanneen yaroon moofeysuuf hin jiraanneen dhalootaa dhalootatti boharsuuf<br \/>\njiraata. Seenaan isaatis isaanuma waliin dhaloota irraa dhalootatti dabra.<br \/>\nDhuma irratti ABOn du\u2019aan boqochuu Doktoora Kabajaa Art.Alii Birraatti gadda guddaa itti dhaga\u2019ame<br \/>\nibsaa, lubbuu isaa jannataan haa qananiisu jedha. Maatii, firoota, hiriyootaa fi waliigalatti ammoo<br \/>\nummata Oromoof jajjabina hawwa.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nSadaasa 07,2022<br \/>\nFinfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Du\u2019aan boqochuu Doktoora Kabajaa Art.Alii Birraa ilaalchisee ibsa ABO Sadaasa 07.2022 Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fi haadha isaa Faaxumaa Alii irraa Xaaliyaanii biyya teenya keeysaa bahee bara torbaa, Caamsa 26, bara 1948 <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/11\/07\/duaan-boqochuu-doktoora-kabajaa-art-alii-birraa-ilaalchisee-ibsa-abo\/\" title=\"Du\u2019aan boqochuu Doktoora Kabajaa Art.Alii Birraa ilaalchisee ibsa ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2348"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2348"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2348\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2349,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2348\/revisions\/2349"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2348"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2348"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2348"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}