{"id":2286,"date":"2022-10-01T00:33:53","date_gmt":"2022-10-01T00:33:53","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2286"},"modified":"2022-10-01T00:33:53","modified_gmt":"2022-10-01T00:33:53","slug":"sababa-tokko-malee-xiyyeeffannoodhaan-namoota-nagaa-ajjeesuu-fi-hidhuun-mallattoo-sirnoota-abbaa-irreeti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/10\/01\/sababa-tokko-malee-xiyyeeffannoodhaan-namoota-nagaa-ajjeesuu-fi-hidhuun-mallattoo-sirnoota-abbaa-irreeti\/","title":{"rendered":"Sababa Tokko Malee Xiyyeeffannoodhaan Namoota Nagaa Ajjeesuu fi Hidhuun Mallattoo Sirnoota Abbaa Irreeti"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"173\" height=\"173\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 173px) 100vw, 173px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Sababa Tokko Malee Xiyyeeffannoodhaan Namoota Nagaa Ajjeesuu fi Hidhuun Mallattoo<br \/>\nSirnoota Abbaa Irreeti<br \/>\nIbsa Adda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nFulbaana 29, 2022<br \/>\nHidhaa seeraan alaa fi ajjeechaan gara jabinaa sababa tokko malee mootummaan Paartii Bilxiginnaa<br \/>\nItoophiyaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatamu erga nuti yeroo dhihoo dhimma wal fakkaataa<br \/>\nirratti ibsa baasnee osoo hin tur\u2019in itti fufee jira.<br \/>\nMurni aangoo dhuunfatee jiru, ajjeechaa uummata nagaa manneen hidhaa fi buufataalee poolisii<br \/>\nOromiyaa hedduu keessatti hidhaman irratti gara jabinaan raawwatu cimsee itti fufee jira. Barsiisaan<br \/>\nmaqaan isaa Talilaa Girmaa jedhamu, Godina Kaaba Shawaa, Aanaa Warra Jaarsootti kan dhalate yoo<br \/>\nta\u2019u, haadha warraa fi ijoollee isaa Kibba Lixa Oromiyaa, Beddellee keessa jiraatan daawwachuuf<br \/>\ndeemee ture. Barsiisaan kun Aanaa Daphoo Haannaatti, ajaja mana murtii malee qabamee Fulbaana 3,<br \/>\n2022 dawoo dukkanaa keessatti erga qabamee booda, buufata poolisii keessaa baasanii bakka 77<br \/>\njedhamutti ajjeesanii jiru. Haaluma wal fakkaataan namoota 16 ajjeefamaniiru.<br \/>\nGodina Horro Guduruu, Magaalaa Shaambuu keessattis, humnoonni mootummaan hidhachiisee<br \/>\nbobbaase, gaafa guyyaa Fulbaana 28, 2022 namoota saddeet mana hidhaa keessaa fuudhanii guyyaa<br \/>\nsaafaadhaan ajjeesanii jiru. Namoonni maqaan isaanii Gaaddisaa Fayyisaa, Dassaalenyi Magarsaa<br \/>\n(abbaa ijoollee lamaa) fi Waasee jedhaman kanneen yeroo ammaaf maqaan isaanii adda baafamnes<br \/>\nkeessatti argamu.<br \/>\nHar\u2019a ammoo jechuun gaafa guyyaa Fulbaana 29, 2022 magaalaa Burrayyuu qarqara magaalaa<br \/>\nFinfinneetti argamutti, poolisiin sirnichaa Obbo Alamaayyoo Diroo (abbaa ijoollee 7 fi itti gaafatamaa<br \/>\nKoree Seeraa fi Naamusaa Adda Bilisummaa Oromoo) to\u2019achuudhaan mana hidhaatti galchanii jiru.<br \/>\nAmmaan duras Obbo Alamayyoon sababa tokko malee humnoota murnichaatiin yeroo hedduu<br \/>\nqabamanii hidhamaa turan. Namni kun dhimma fi kaayyoo qabsoo Oromoo karaa nagaan leellisuun kan<br \/>\nbeekamu yoo ta\u2019u, miseensa dammaqaa Adda Bilisummaa Oromooti. Obbo Alamaayyoon haati isaanii<br \/>\ndhiyeenya kana du&#8217;aan waan boqotaniif gadda irra turan. Nama nagaa qabsoo karaa nagaa gaggeessaa<br \/>\njiru kana hidhuun maatii fi uummata Oromootiif miidhaa guddaa waan ta\u2019eef hatattamaan hidhaarraa<br \/>\nakka gadhiifamu gaafanna.<br \/>\nTorban darbe humnoonni nageenyaa murnichaa hayyuu fi qorataa beekumsa ganamaa Oromoo<br \/>\nProfessor Gammachuu Magarsaa qabanii hidhanii (booda kan gadhiisan) turan. Gochi itti<br \/>\ngaafatamummaa hin qabnee fi maal na-dhibdeen akkasii kun hayyoota Oromoo dhiittaa mirga<br \/>\nnamoomaa murnichaa, dirree siyaasaa wal qixa ta\u2019eefi nageenya dhabuu, akkasumas manca\u2019iinsa<br \/>\nnageenyaa hammaachaa deeme ilaalchisee yaaddoo qaban dhageessisan sodaachisuu fi rakkisuuf kan<br \/>\nyaadame yoo ta\u2019u, kun ammoo gara gaaga\u2019ama siyaasaa fi manca\u2019insa namoomaa hamaatti deema.<br \/>\nGocha baay\u2019ee fokkisaa fi jibbisiisaa yeroo ammaa murni aangoo dhuunfatee jiru raawwachuu keessaa<br \/>\nkan biraan ammoo dargaggoota nagaa hidhaman mana hidhaa fi buufata poolisii irraa baasuudhaan gara<br \/>\nmooraa leenjii waraanaatti baayyinaan geessaa jiru. Dargaggoonni kunis torban tokko ykn lama leenjii<br \/>\nerga fudhatanii booda, gara adda waraanaa kaabaa fi Oromiyaatti bobbaafamu. Ijoolleen dhiiraa fi<br \/>\nshamarranii umurii barumsaarra jiraniifi adda waraanaa deemuudhaaf qaamaa fi sammuudhaan hin<br \/>\nbilchannes, miidhama gara jabina hamaa kanaaf saaxilamanii jiru. Haala kanaan lubbuu dargaggootaa fi<br \/>\nshamarraniin taphachuun hawaasichaaf kisaaraa fi gaaga\u2019ama hamaadha.<br \/>\nNamoota to\u2019annoo seeraa jalatti argamanii fi hidhamanii jiraniif, eegumsa seeraa barbaachisaa<br \/>\ngodhamuufii osoo qabuu, mana hidhaa keessaa baasanii haala suukaneessaadhaan ajjeesuun, seera mirga<br \/>\nnamoomaa biyyaalessaa fi idil-addunyaa cabsuu waan ta\u2019eef, namoonnii fi dhaabbileen nagaa fi<br \/>\ntasgabbii leellisan marti gocha shororkeessummaa murni aangoo qabatee jiru tumsan kana<br \/>\nbalaaleffachuu qabu. Waan kana ta\u2019eef, hawaasni idil-addunyaa itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka<br \/>\nba\u2019an dhaammanna. Keessattuu tarkaanfiin abdii kutachiisaa yeroo ammaa sirnichaa fi haalli<br \/>\nwalumaagalatti Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru, balbala tokkoo tokkoo keenya rurrukutuun isaa<br \/>\nwaan hin oolleef, xiyyeeffannoo addaatiin ilaaluun baay\u2019ee barbaachisaa fi murteeaadha jenna.<br \/>\nOromoon roorroo dhiittaa namummaa kana karaa danda\u2019u hundaan tokkummaan dura dhaabbachuu<br \/>\nakka qabu waamicha dhiyeessina.<br \/>\nInjifatnoo Ummata Bsl\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nFulbaana 29, 2022<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Sababa Tokko Malee Xiyyeeffannoodhaan Namoota Nagaa Ajjeesuu fi Hidhuun Mallattoo Sirnoota Abbaa Irreeti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Fulbaana 29, 2022 Hidhaa seeraan alaa fi ajjeechaan gara jabinaa sababa tokko malee mootummaan Paartii Bilxiginnaa Itoophiyaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/10\/01\/sababa-tokko-malee-xiyyeeffannoodhaan-namoota-nagaa-ajjeesuu-fi-hidhuun-mallattoo-sirnoota-abbaa-irreeti\/\" title=\"Sababa Tokko Malee Xiyyeeffannoodhaan Namoota Nagaa Ajjeesuu fi Hidhuun Mallattoo Sirnoota Abbaa Irreeti\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2286"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2286"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2286\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2288,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2286\/revisions\/2288"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2286"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2286"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2286"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}