{"id":2277,"date":"2022-09-27T05:57:50","date_gmt":"2022-09-27T05:57:50","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2277"},"modified":"2022-09-27T05:57:50","modified_gmt":"2022-09-27T05:57:50","slug":"ajjeechaan-uummata-nagaa-irratti-raawwatamu-wabii-injifannoo-tauu-hin-dandau-ajjeechaa-namoota-nagaa-irratti-raawwatamaa-jiru-ilaalchisee-ibsa-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/09\/27\/ajjeechaan-uummata-nagaa-irratti-raawwatamu-wabii-injifannoo-tauu-hin-dandau-ajjeechaa-namoota-nagaa-irratti-raawwatamaa-jiru-ilaalchisee-ibsa-abo\/","title":{"rendered":"Ajjeechaan Uummata Nagaa Irratti Raawwatamu Wabii Injifannoo Ta&#8217;uu Hin Danda&#8217;u Ajjeechaa Namoota Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa ABO"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"146\" height=\"146\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 146px) 100vw, 146px\" \/><\/p>\n<p>Ajjeechaan Uummata Nagaa Irratti Raawwatamu Wabii Injifannoo Ta&#8217;uu Hin<br \/>\nDanda&#8217;u Ajjeechaa Namoota Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa ABO<br \/>\nFulbaana 26 2022<br \/>\nWaa\u2019een walitti lolaa fi dararama uummata sivilii Itiyoophiyaa karaa kaaba biyyattii<br \/>\nkeessatti lammiilee nagaa irra raawwatamaa jiruu hawaasa addunyaa biratti beekama<br \/>\ndha. Gochi hammeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru garuu akka hamatti<br \/>\nukkaamfamee hawaasi addunyaanis callisuu filatee jira. Wal-dhabdeen humnoota<br \/>\nmootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti taasifamu yeroo gara<br \/>\nyerootti bal\u2019achaa kan jiru yoo ta\u2019u, yeroo ammaa sadarkaa magaalota aanaaf falmuu<br \/>\nirra guddatee magaalota gurguddootti dhihaachaa jira.<br \/>\nMaqaa humna hidhattoota bilisummaa hundeerraa buqqisuu jedhuun humni<br \/>\niittisaa mootummaa fi milishoonnii fi Humni Addaa mootummaa naannoo Amaaraa, fi<br \/>\ngareen Fannoo jedhamu aanaalee fi gandoota Lixa Oromiyaa hedduu, keessattuu<br \/>\nGodinaa Horro Guduruu fi Wallagga Bahaa yeroo yeroon deddeebi&#8217;anii weeraraa jiru.<br \/>\nKana keessaas tokko ajjeechaa suukaneessaa Hagayya 30, 2022 naannoo magaalaa<br \/>\nAgamsaatti lammiilee nagaa 63 ol ta\u2019an irratti raawwatame, akkasumas Fulbaana 3,<br \/>\n2022 Bunee Abuunaa fi Guddinaa Abuunaatti lammiilee nagaa 31 ajjeefamuu<br \/>\nilaalchisee ibsa keenyarratti gabaasnee ilaaluun gahaa dha.<br \/>\nDubbii kana caalaa hammeessuuf, Fulbaana 22, 2022 hanga Fulbaana 26, 2022tti<br \/>\nHumnoonni Naannoo Amaaraafi Faannoon humna ittisaan gargaaramuun gocha gara<br \/>\njabinaa fi suukaneessaa kan biraa lammiilee nagaa irratti raawwataniiru. Weerara<br \/>\nwaraanaa haala gaariin qindoominaan geggeeffameen Aanaa Jaardagaa Jaartee fi<br \/>\nAmuruu keessatti iddoowwan Qilxuu Ceekaa, Haroo Waloo, Tombee, Dangab, Haroo<br \/>\nGuddinaa fi Daargee Kootichaa jedhamanitti namoota nagaa 100 ol ta\u2019an haala<br \/>\nsuukaneessaadhaan ajjeesuun isaanii ni yaadatama. Gochi hammeenyaa wal<br \/>\nfakkaataan Aanaa Amuruu keessatti iddoo adda addaa kanneen akka Magaalaa<br \/>\nAgamsaa, Migir, Sammoo, Waasitti, Luma&#8217;a, Jawajaa, Jaboo Doobban, Chidhatti,<br \/>\nGobuu, Nyaaree, Makkannoo, Shookee fi Dangaab Siiddan keessatti gara jabina<br \/>\nhamaa fi haala suukaneessaa ta\u2019een raawwatamee jira. Aanaa Kiramuu ganda Haroo<br \/>\nSuub keessattis gochi hammeenyaa walfakkaataan raawwatamee jira. Weerartoonni<br \/>\nHumna Addaa Amaaraa, namoota siviilii hidhatan waliin ta\u2019uudhaan, shubbisaa fi<br \/>\nmeeshaa muuziqaa aadaa fiiggiisaa ifatti Mootummaan Federaalaafi miliishaa<br \/>\nNaannoon Amaaraa tumsuun onnachiifamaa gocha suukaneessaa raawwataa turan,<br \/>\njiran. Qaamoleen nageenyaa Mootummaa Federaalaa, Humni Addaa Mootummaa<br \/>\nNaannoo Amaaraa fi Faannoon, maanguddoota, dubartootaa fi daa&#8217;imman dabalatee<br \/>\nnamoota nagaa gargaarsa hin qabne irratti haleellaa qindoomina qabuun akkamitti<br \/>\nakka raawwatan namoonni naannoo fi namoonni lubbuun hafan ifatti eeranii jiru.<br \/>\nAddatti saba tokkorratti fuuleffachuun, jechuunis Oromoo, irratti<br \/>\nxiyyeeffachuundhaan jumlaan ajjeesuufi lafa isaa irraa buqqaasuun yakka duguuggaa<br \/>\nsanyii ykn yakka namummaa irratti raawwatamaa kan jiruudha. Karoorri kun itti bahi<br \/>\nisaa mootummaa kanaf bu\u2019aa kan hin qabne ta\u2019us mootummaan ummata tokko isa<br \/>\nkaan irratti duulchisuudhaan walitti buusuun wal irrati diinomsuu itti milkaa\u2019eera.<br \/>\nTa\u2019us miidhaa kun fuula duraaf qabu tilmaamuun nama rakkisa; ulfaataa dha. Addi<br \/>\nBilisummaa Oromoo dhimma kanarratti ummattoota Itoophiyaafi hawaasa Idiladdunyaa irra deddeebiin akeekkachiisaa tureera.<br \/>\nGochi hammeenyaa dhuma hin qabne kun lammiilee nagaa qulqulluu meeshaa<br \/>\nwaraanaa hin qabne irratti raawwatamu amma sadarkaa fokkisaa fi yaaddessaa irra<br \/>\ngahuu irra deebiin hubachiifna. Hojiin oppereeshinii waraanaa mootummaan of<br \/>\neeggannoo malee maal na dhibdeen gaggeessaa ture, sadarkaa kaayyeffate<br \/>\nargamsiisuufii hin dandeenye. Bu\u2019aan tarkaanfii mootummaa kanarraa argame du\u2019a<br \/>\nnamoota nagaa, barbadaa\u2019uu qabeenya, buqqa\u2019uu fi hammaachuu gidiraa namootaa<br \/>\nqofaadha. Ijoollee umurii barnootaarra jiraniifi umuriin isaanii waraanaaf hin geenye,<br \/>\nwaraanaaf bobbaasuun gocha yakkaa yoo ta\u2019ellee, Itoophiyaa keessatti garuu seera<br \/>\nta&#8217;eera. Waraanni haala kamiin iyyuu rakkoo Itiyoophiyaa furee hin beeku, hin furus.<br \/>\nHaata\u2019u malee sirnoota Itoophiyaa walduraa duubaan aangoo qabataniif waraanni<\/p>\n<p>OROMO LIBERATION FRONT \u062a\u062d\u0631\u064a\u0631 \u062c\u0628\u0647\u0629<br \/>\n\u0623\u0648\u0631\u0648\u0645\u0648<br \/>\nADDA BILISUMMAA OROMOO<br \/>\nGaafa:<br \/>\nDate: 26\/10\/2022<br \/>\n\u062a\u0627\u0631\u064a\u062e<br \/>\nLakk.<br \/>\nNo. stm 50 stm\/2022<br \/>\nNo. stm 006\/stm\/2021<br \/>\nNo.: stm 002\/stm\/2021<\/p>\n<p>No<br \/>\n\u0639\u062f\u062f<br \/>\nbartee fi aadaa ta\u2019ee jira. Murni amma aangoo qabatee jirus lubbuu namoota<br \/>\nkumaatamaa erga ficcisiisee booda taphichaan ala ta\u2019e malee bu\u2019a tokkollee argachuu<br \/>\nhin danda\u2019u.<br \/>\nUmmatni Oormoo, addatti ammoo Oromoon Godina Horro Guduruu keessatti<br \/>\nargamu irra deddeebiidhaan hammeenyaa fi haleellaa suukaneessaa kanaaf<br \/>\nsaaxilamee gaaga\u2019ami guddaan yoo irra ga\u2019eyyuu xiyyeeffannoo argachuu waan<br \/>\ndhabeef, uummanni naannoo kanatti argamu wal ijaaree ilmaan fi qabeenya isaanii<br \/>\ntikfachuu malee filannoo biraa akka hin qabne Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi\u2019ee<br \/>\nyaadachiisuu barbaada. Mootummaan of tuulummaadhaan heera ofii fi seera idil<br \/>\naddunyaa cabsee jira. Of ittisuu keessatti garuu qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu<br \/>\nhundi amantii yookaan saba irratti hundaa\u2019uudhaan loogii tokko osoo hin raawwatin<br \/>\nlammiilee nagaa hidhannoo hin qabnee fi qabeenya isaanii akka tiksan waamicha<br \/>\ndhiyeessina. Lammiileen nagaa kamuu hidhannoo hin qabne eegumsa argachuu fi<br \/>\nnageenyi isaanii mirkanaa\u2019uu qaba.<br \/>\nOromiyaa keessatti gidiraa, ajjeechaa fi tuffiin akkanaa dhala namaaf hin malle<br \/>\nguyyaa guyyaan galmaa&#8217;aa osoo jiruu, hawaasi addunyaa callisuu ilaalchisee Addi<br \/>\nBilisummaa Oromoo mufannaa qabu ibsuu barbaada. Oromiyaan yeroo ammaa<br \/>\nkanatti dirree agarsiisa gidiraa fi du&#8217;a dhala namaa taatee jirti. Hawaasni fi<br \/>\nmootummoonni idil-addunyaa walii-galteewwan eegumsa mirga dhala namaa idiladdunyaa mallatteessanii waan jiraniif, gocha hammeenyaa humnoonni mootummaa<br \/>\nItoophiyaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiran mormuufi balaaleffachuudhaan<br \/>\nga\u2019ee fi itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu sirnaan bahachuu qabu. Hawaasni<br \/>\naddunyaa gocha akkanaatiif tarkaanfii fudhachuu dhabuu fi callisanii ilaaluun<br \/>\nbiyyoota biroo keessatti duguuggaa sanyii akka fide qalbifachuun barbaachisaadha.<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nFinfinnee, Fulbaana 26, 2022<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ajjeechaan Uummata Nagaa Irratti Raawwatamu Wabii Injifannoo Ta&#8217;uu Hin Danda&#8217;u Ajjeechaa Namoota Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa ABO Fulbaana 26 2022 Waa\u2019een walitti lolaa fi dararama uummata sivilii Itiyoophiyaa karaa kaaba biyyattii keessatti lammiilee <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/09\/27\/ajjeechaan-uummata-nagaa-irratti-raawwatamu-wabii-injifannoo-tauu-hin-dandau-ajjeechaa-namoota-nagaa-irratti-raawwatamaa-jiru-ilaalchisee-ibsa-abo\/\" title=\"Ajjeechaan Uummata Nagaa Irratti Raawwatamu Wabii Injifannoo Ta&#8217;uu Hin Danda&#8217;u Ajjeechaa Namoota Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2277"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2277"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2277\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2278,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2277\/revisions\/2278"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2277"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2277"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2277"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}