{"id":2223,"date":"2022-09-03T18:21:42","date_gmt":"2022-09-03T18:21:42","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2223"},"modified":"2022-09-03T18:21:42","modified_gmt":"2022-09-03T18:21:42","slug":"haala-yeroo-oromiyaa-fi-itiyoophiyaa-ilaalchisee-ibsa-addi-bilisummaa-oromoo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/09\/03\/haala-yeroo-oromiyaa-fi-itiyoophiyaa-ilaalchisee-ibsa-addi-bilisummaa-oromoo\/","title":{"rendered":"Haala Yeroo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"188\" height=\"188\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 188px) 100vw, 188px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Haala Yeroo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo<br \/>\nIbsa Adda Bilisummaa Oromoo- Fulbaanaa 2, 2022<br \/>\nAddi Bilisummaa Oromoo, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo (QBO),<br \/>\nwaggoota 27 oliif sirna Mootummaa EPRDF kan TPLF&#8217;n durfamu irratti qabsaa\u2019aa turaniiru. Hundeen qabsoo<br \/>\nkeenyaas dimokraasii dhugaa fi mirga hiree murteeffannaa Oromoo fi ummata cunqurfamoo Itoophiyaa biroof<br \/>\ndhugoomsuu ture. Gochaalee hammeenyaa hedduun miseensota Adda Bilisummaa Oromoo, ummata Oromoo fi<br \/>\nlammiilee Oromiyaa kumaatamaan lakkaawaman irratti raawwatamus, gocha isaanii darbee kanaaf dhaaba<br \/>\nsiyaasaa ykn saboota fi ummattoota kamiyyuu irratti haaloo ba\u2019uuf akeeka hin qabnu. Addi Bilisummaa Oromoo<br \/>\njaarmiyaa mul\u2019ata isaa gara fuula duraa irratti fuuleffatu yoo ta\u2019u, sonawwan ijoon jaarmiyaa keenyaa dimokiraasii,<br \/>\nmirga hiree ofii ofiin murteeffachuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi rakkoo siyaasaa mariin furuudha.<br \/>\nHaa ta&#8217;u malee, gareewwan biyya Itoophiyaa bulchuudhaaf gara aangootti dhufan hawwii uummattoota<br \/>\nbiyyattii fi haala qabatamaa siyaasa biyyattii sirnaan hubachuu dhabuu fi fedhi itti dhabuu irraan kan ka\u2019e sirna<br \/>\ndimokiraasiifi wal qixxummaa diriirsuu hin dandeenye.<br \/>\nBara 2017 yeroo qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo sirna abbaa irree irratti finiinsee fi akkasumas dhiibbaa<br \/>\ngama qabsoo hidhannootiin WBOn taasiseen Wayyaanee kuffisu, mootummaan hunda haammatee karaa<br \/>\ndimokiraatawaa ta\u2019een filatame murna abbaa irree bakka bu\u2019a jedhamee abdatamee ture. Haatahu malee haala<br \/>\nnama gaddisiisuun gareen aangoo qabate ammas kallattii dogoggoraa filate. Qabsoon bilisummaa fi dimokiraasii<br \/>\nqaamota sirna Wayyaanee\/ EPRDF\/ keessatti qooda fudhachaa turan kanneen maqaa isaanii jijjiirrachuun<br \/>\nPaartii Badhaadhina (PP) of moggaasaniin akka butame Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebi\u2019ee ibsaa ture.<br \/>\nMootummaan Paartii Bilxginnaa jedhee of waamu kan Abiy Ahmed (PhD)n durfamu, ilaalcha olaantummaa<br \/>\nfinxaaleyyii sirna dhufaa aangoo qeenxee hordofuudhaan jalqabarraa kaasee ummata Oromoo irratti xiyyeefate.<br \/>\nKanaanis duulli duguuggaa sanyii ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru guyyaa guyyaan dabalaa jira.<br \/>\nLammiileen Oromiyaa erga Dr. Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii ajjeechaa fi doorsisa wal irraa hin cinne jalatti<br \/>\ndararamaa jiru. Yeroo dhihoo asitti ammo duulli saba irratti xiyyeeffate kun Tigraay, Somaaliyaa fi Saboota fi<br \/>\nUmmatoota Kibbaa dabalatee naannolee biroottis babal\u2019atee jira. Yeroo ammaa kana sadarkaan ajjeechaa<br \/>\njumlaa fi gara jabummaan guutuu biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru yaada safuu dhala namaa fi hamilee<br \/>\nnamummaan ala ta\u2019ee jira. Sirna siyaasa Itiyoophiyaa keessatti mootummoonni abbaa irree dhufaa darbaan<br \/>\ndabareen aangoo dhuunfachuun isaanii irraan kan ka\u2019e rakkoon biyyattii gama siyaasaan, hawaasummaa fi<br \/>\nnaamusaan haala kanaan hammaachaa deemuun isaa nama gaddisiisa. Humni biyya alaas murna amma<br \/>\naangoo qabatee jiru waliin harka walqabachuun naannolee hunda keessatti gaaga&#8217;ama, sodaa fi<br \/>\nshororkeessummaa uumaa jira.<br \/>\nSonni keenya ijoon walqixxummaa, dimokraasii fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hundumaaf<br \/>\ndhugoomsuu waan ta\u2019eef, Addi Bilisummaa Oromoo sirna abbaa irree saba Oromoo, Amaaraa, Tigraay ykn<br \/>\nsabaa fi sablammoota Itoophiyaa kamiyyuu irraas ta\u2019e, sirna abbaa irree gosa kamiiyyuu akka hin tumsine irra<br \/>\ndeebi\u2019ee ibsuu barbaada. Yeroo ammaa kanatti Itiyoophiyaan akka biyyaatti bakka balaa murni biyya bulchaa jiru<br \/>\naangoo siyaasaa fi bulchiinsaa to&#8217;achuu dhabee, mootummaan jeequmsa walxaxaa keessa seenaa jira. Kun<br \/>\nimmoo biyyattii gara dhangala\u2019uu dhiigaa, yakkaa fi badnisa suphuu hin dandeenyetti oofaa jira.<br \/>\nKanaafuu, lammiileen Oromiyaa fi saboota fi ummattoonni cunqurfamoo biroon tokkummaan waliin<br \/>\ndhaabachuudhaan balaa dhufaa jirurraa akka of ittisan dhaamna. Akkasumas, dhaabbileen siyaasaa Oromoo<br \/>\nlubbuu lammiilee Oromiyaa fi saboota fi ummattoota cunqurfamoo tiksuuf tattaaffii taasisaa jiran akka cimsan<br \/>\nyaadachiifna. Hawaasni Idil-addunyaa fi mootummoonni biyyoota addunyaa ga\u2019ee fi itti gaafatamummaa isaan<br \/>\nirraa eegamu sirnaan ba\u2019uudhaan, gareen biyya bulchaa jiru waraana fi walitti bu\u2019insa dhaabuudhaan lammiilee<br \/>\nbiyyattii waliin tumsuun sirna hundaan fudhatama qabu fi karaa marii siyaasaa hundumaa hirmaachisee fi<br \/>\niftoomina qabu akka diriirsuun danda\u2019amu dhiibbaa akka godhan irra deebinee yaadachiisuu barbaanna.<br \/>\nInjifannoon ummata bal&#8217;aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nFulbaana 2,2002<br \/>\nFinfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Haala Yeroo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo- Fulbaanaa 2, 2022 Addi Bilisummaa Oromoo, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo (QBO), waggoota 27 oliif sirna Mootummaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/09\/03\/haala-yeroo-oromiyaa-fi-itiyoophiyaa-ilaalchisee-ibsa-addi-bilisummaa-oromoo\/\" title=\"Haala Yeroo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2223"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2223"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2223\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2224,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2223\/revisions\/2224"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2223"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2223"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2223"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}