{"id":2108,"date":"2022-05-11T18:09:14","date_gmt":"2022-05-11T18:09:14","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2108"},"modified":"2022-05-11T18:09:14","modified_gmt":"2022-05-11T18:09:14","slug":"mootummaan-paartii-bilxiginnaa-kisaaraa-lola-wbo-waliin-gaggeessaa-jiru-keessatti-irra-gaeef-haloo-bauuf-jecha-ilmaan-oromoo-nagaa-gara-jabinaan-ajjeesuu-itti-fufee-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/05\/11\/mootummaan-paartii-bilxiginnaa-kisaaraa-lola-wbo-waliin-gaggeessaa-jiru-keessatti-irra-gaeef-haloo-bauuf-jecha-ilmaan-oromoo-nagaa-gara-jabinaan-ajjeesuu-itti-fufee-jira\/","title":{"rendered":"Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Kisaaraa Lola WBO Waliin Gaggeessaa Jiru Keessatti Irra Ga\u2019eef Haloo Ba\u2019uuf Jecha Ilmaan Oromoo Nagaa Gara Jabinaan Ajjeesuu itti fufee jira."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"154\" height=\"154\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 154px) 100vw, 154px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Kisaaraa Lola WBO Waliin Gaggeessaa Jiru Keessatti Irra Ga\u2019eef Haloo Ba\u2019uuf Jecha Ilmaan Oromoo Nagaa Gara Jabinaan Ajjeesuu itti fufee jira.<\/p>\n<p>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Caamsaa 7, 2022<\/p>\n<p>Tibba Dr.Abiyyi Ahimad aangoo qabatee uummata Oromoo akka lammata deebi\u2019ee dandamatee hin kaanetti cabsuuf karoorfate irraa eegalee uummanni Oromoo fi lammiilee Oromiyaa waraana hamaa addaan hin cinne keessatti gaaga\u2019ama suukaneessaa argaa jira. Kanaanis namoonni hedduun lubbuu isaanii dhabanii jiru. Qabeenyi barbadaa\u2019eera. Waraanni yeroo dhihoo labsamee adeemsifamaa jiru qabiyyeen isaa hamaa fi baay\u2019ee gadi fagoo yoo tahu, imaammata lafa babal\u2019ifannaa fi Lafa Oromoo humnaan harkatti galfachuu irratti fuuleffata. Waraana humnoonni Murni Paartii Bilxginnaa hidhachiisee bobbaase, Loltoonni Ertiriyaa, Miliishaa Amaaraa fi Gareen Shorokeessaan Faannoo jedhee of waamu waliin ta\u2019uudhaan qindeessan kanaanis ilmaan Oromoo nagaan haala suukaneessaadhaan ajjeefamaa jiru.<\/p>\n<p>Kanaan wal qabatee ajjeechaa tibba darbe ilmaan Oromoo nagaa irratti Waloo, Gindabarat, Horro Guduruu, Gujii, Arsii Lixaa fi Ambootti raawwatame ilaalchisee ibsa baafnee kan turre yoo ta\u2019u, ajjeechaan ilmaan Oromoo nagaa hidhannoo hin qabne irratti raawwatame kun baay\u2019inaan erga lola WBO waliin gaggeessan irratti kisaaraan isaan mudatee booda haloo ba\u2019uudhaaf raawwatame.<\/p>\n<p>Ammas ajjeechaa suukaneessaa fi haalaan nama gaddisiisu ilmaan Oromoo nagaa irratti Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo fi Godina Shawaa Bahaa keessatti raawwatame dhageenyee jirra. Odeeffannoo qabatamaan hawaasa naannoo irraa nu qaqqabe akka agarsiisutti gaafa guyyaa Dilbata, Caamsaa 1 fi Wixata Caamsaa 02\/2022 Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo keessaa namoonni 18, kanneen keessaa 3 Ganda Jimjimeelaa, 15 immoo Ganda Goljee keessaa halkan Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Miliishaadhaan erga to\u2019atamanii booda guyyaa itti aanu ajjeefamanii jiru. Reeffi namoota ajjeefamanii fudhamee akka hin awwaalamneef kan dhorkame yoo ta\u2019u haga ammaa bo\u2019ii lolaa keessatti argama. Miseensonni maatii reeffa nama isaanii fudhachuuf yaalan qabamanii hidhamanii jiru. Ajjeechaan kunis ilma Qondaala Poolisii Kaasaa Rattaa jedhamu kan abbaan isaa guyyoota muraasaan dura adda waraanaa Bustilloo Dheeraatti WBO waliin taasifame irratti ajjeefameen raawwatame.<\/p>\n<p>Haaluma biraan kaleessas jechuun gaafa guyyaa Caamsaa 6, 2022 namoonni nagaan Godina Shawaa Bahaa ona Boosaat Boollee keessatti namoonni nagaa hedduun kan ajjeefaman yoo tahu, ajjeechaan kunis haleellaa dirooniidhaan raawwatames of keessaa qaba. Guyyaadhuma kana Amboo, ganda Goromsa Saaxoo keessatti loltuun mootummaa aangoorra jiru bobbaase ilmaan Oromoo nagaa ajjeesee jira. Akkasumas Ona Matakkal keessattis ajjeechaan irra deddeebiidhaan ilmaan Oromoo nagaa irratti raawwatamaa jira.<\/p>\n<p>Ajjeechaan ilmaan Oromoo nagaa irratti raawwatamaa jiru kun saba Oromoo irratti xiyyeeffachuudhaan kan raawwatamu yoo tahu ilmaan Oromoo lafa isaarraa dhabamsiisuu irratti fuuleffatee jira. Fakkeenyaaf Ona Warra Jaarsoo keessatti gareen ajjeechaa akka raawwtaniif murni aangoorra jiru bobbaase, \u201cnamni Afaan Oromoo dubbatu kamiyyuu WBO waliin hariiroo waan qabuuf ajjeefamuu qabu\u201d jechuudhaan labsaa turan.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Mootummaan Paartii Bilxiginnaa waraana hamaa qabiyyeen isaa haalaan bal\u2019aa ta\u2019e labsuudhaan Uummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa gama maraan laaffisuudhaaf ifaajaa kan jiru yoo tahu, kanaanis ajjeechaa ilmaan Oromoo nagaa irratti raawwachaa jiranitti dabaluudhaan mana, qabeenyaa, horii fi midhaan Oromoo gubuudhaan barbadeessaa jiru. Uummata Oromoo qe\u2019ee fi qabeenya isaa buqqaasuudhaan daa\u2019immanii fi maatii addaan facaasaa jiru.<\/p>\n<p>ABOn ajjeechaa suukaneessaa fi gara jabinaan ilmaana Oromoo nagaa irratti raawwatamaa jiru gadi jabeessee balaaleffachaa, Paartii Bilxginnaa waraana labse kana dhaabuudhaan, humnoota hidhachiisee Oromiyaatti bobbaasee jiru hatattamaan Oromiyaa keessaa akka baasu cimsee hubachiisa. Paartiin Bilxginnaa kisaaraa lola WBO waliin gaggeessaa jiruuf isarra ga\u2019eef haloo ba\u2019uuf jecha ilmaan Oromoo nagaa gara jabiinaan ajjeessuun rakkoo yeroo ammaa impaayera itoophiyaa mudatee jiruuf fala taa\u2019uu akka hin dandeenye dhaamna. Waan ta\u2019eef gareen aangoo qabatee jiru adeemsa amma jiru kanarraa of dhaabee rakkoo siyaasaa biyyattii mudatee jiruuf karaa nagaatiin furmaata barbaaduuf akka hojjetu ammas irra deebinee gadi jabeessine himna. Lubbuu ilmaan Oromoo ajjeefamaa jiranii fi qabeenya Oromoo barbada\u2019aa jiruuf Paartii Bilxginnaa Dr. Abiyyi Ahimadin durfamutu itti gaafatama.<\/p>\n<p>Akkasumas humnoonni Paartii Bilxiginnaa tumsaa jiran kanneen akka Humnoota Naannoo Amaaraa, Loltoota Ertiriyaa fi miliishaan naannolee biroo ajjeechaa irra deddeebi\u2019amee namoota nagaa fi manca\u2019insa qabeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamu.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Uummanni Oromoo bal\u2019aa fi ilmaan Oromoo biyya alaa jiraattan obboloota keessan humnoonni sirna mootummaa aangoo irra jiruu lafa babal\u2019ifachuuf waraana bananiin miidhamaa jiraniif deggersa barbaachisaa akka gootan ammas dhaamna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhumarrattis uummanni Oromoofi lammiileen Oromiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan tokkummaadhaan waliin dhaabbachuudhaan harka wal qabattanii akka wal tumsitan, mirga lubbuun jiraachuu keessaniif akka falmattanii fi irree tokkoon dhaabattanii yeroo ulfaataa kana keessa akka wal dabarsitan isiniif dhaamna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hawaasi idil-addunyaa fi dhaabbileen Mirga dhala namaa gocha hammeenyaa Oromoo irratti raawwatamaa jiru callisanii ilaalaa jiran, ga\u2019ee fi itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu sirnaan ba\u2019uudhaan murni aangoo mootummaa Itoophiyaa qabatee jiru umurii aangoo isaa dheereffachuudhaaf gocha sarbiinsa mirga namoomaa, lafa babal\u2019ifannaa fi uummata nagaa irratti waraana labsuu yeroo ammaa itti fuuleffatee jiru akka dhaabuuf dhiibbaa akka gootan ammas irra deebinee dhaammanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Caamsaa 7, 2022<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Kisaaraa Lola WBO Waliin Gaggeessaa Jiru Keessatti Irra Ga\u2019eef Haloo Ba\u2019uuf Jecha Ilmaan Oromoo Nagaa Gara Jabinaan Ajjeesuu itti fufee jira. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Caamsaa 7, 2022 Tibba Dr.Abiyyi Ahimad <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/05\/11\/mootummaan-paartii-bilxiginnaa-kisaaraa-lola-wbo-waliin-gaggeessaa-jiru-keessatti-irra-gaeef-haloo-bauuf-jecha-ilmaan-oromoo-nagaa-gara-jabinaan-ajjeesuu-itti-fufee-jira\/\" title=\"Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Kisaaraa Lola WBO Waliin Gaggeessaa Jiru Keessatti Irra Ga\u2019eef Haloo Ba\u2019uuf Jecha Ilmaan Oromoo Nagaa Gara Jabinaan Ajjeesuu itti fufee jira.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2108"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2108"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2108\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2112,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2108\/revisions\/2112"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2108"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2108"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2108"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}