{"id":2107,"date":"2022-05-11T18:08:08","date_gmt":"2022-05-11T18:08:08","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2107"},"modified":"2022-05-11T18:08:08","modified_gmt":"2022-05-11T18:08:08","slug":"seenaa-gabaabaa-jaal-dr-fidoo-eebbaa-taddasaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/05\/11\/seenaa-gabaabaa-jaal-dr-fidoo-eebbaa-taddasaa\/","title":{"rendered":"Seenaa Gabaabaa Jaal Dr. Fidoo Eebbaa (Taddasaa)"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"119\" height=\"119\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 119px) 100vw, 119px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Seenaa Gabaabaa Jaal Dr. Fidoo Eebbaa (Taddasaa)<\/p>\n<p>Ibsa ABO<\/p>\n<p>Caamsaa 05, 2022<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Jaal Dr Taddasaa Eebbaa Fidoo, baadiyaa Oromiyaa, Ona Najjoo, ganda Guduruu bakka addaa Qoxee Ginnasii keessatti, abbaa isaa obbo Eebbaa Fidoo fi haadha isaa aadde Dashii Tufaa irraa bara 1943 dhalate. Maatii qotee bulaa keessatti waan dhalateef, akkuma ijoollee maatii qotee bulaa tokkootti jabbii fi loon tiksaa, fi hojii qonnaa irraa hirmaachaa guddate. Haadhaa fi abbaan isaa , ijoolleen isaanii akka baratan fedha guddaa waan qabaniif, dura Dr. Taddasaa nama barnootaa Qeesitti galchan.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Kana booddee Jaal Dr. Fidoon nama barnootaa Swedish Evangelical Mission School Najjoo jirutti galmaa\u2019uun barnoota sadarkaa duraa achitti barate. Utuu ulaa 7 baratuu akkan lafaa naannoo sanaa qabee ji\u2019a lamaaf isa hidhee ture. Hidhaa yeroo gad dhiisees akka lammata Najjoo dhaqee hin baranne akeekkachiisee ture. Dr. Fidoon garuu akeekkachiisi abbaa qoroo utuu isa hin dhaabiin barnoota isaa haga ulaa saddeettitti achuma Najjootti baraatee 1956 xumurate. Barnoota sadarkaa 2ffaa, 9-12tti Jimma Agricultural Schoolitti barate. Manni barumsa Jimmaa kun hojii harkaa adda addaa barsiisa waan ta\u2019eef Dr. Fidoon boorsaa fi qabattoo tolchee gurguruun horii argatee Haadhaa fi Abbaa isaatif mana ijaaree ture.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Barnoota sadarkaa 2ffaa akka xumureen Hara-mayaa Agricultural Collegetti waggaa afur baratee, qabxii olaanaa fiduu dhaan digirii tokkoffaa (BSC) argachuun 1965 eebbifame. Barnoota isaa akka itti fufuus iskolarship waan argateef USA, Wisconsin State University tti galma\u2019ee digirii isaa lammaaffaa (MSC) argachuu dhaan eebbifame.<\/p>\n<p>Biyyatti deebi\u2019uun Hara-Mayaa College barsiisuu eegale. Barsiisuun cinaatti qormaata sayensii adda addaa godhaa ture. Qormaata inni godhe haga har\u2019aatti bakka guddaa qabatee jiruu Xaafii irratti qorannoo inni godhee dha. Qorannoo Xaafii kana bara 1969 xumuruun kitaaba xiqqaa tokko barreessera. Qorannoo Dr. Fidoon gaafa sana jalqabeen har\u2019a gosa Xaafii 3842 akka jiranii fi maqoota xaafii kan akka Daabii, Kara Debi, gea lamme, muri fi kkf moggaafamanii jiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ammas carraa barnootaa argateen British Columbia University, Vancouver, Canada dhaqee barachuun, bara 1974 Ph. D, dhaan eebbifame. Yeroo barataa ture waldaa baratoota Afrikaa dura taa\u2019aa tahee gaggeessaa ture. Utuu biyyatti hin deebi\u2019in sochii barattoota Itophiyaa irraa hirmachuuf gara Awuropaa deemee ture. Achi dhaqee sochiin barattootaa isa quubsuu didnaan gara biyyaatti deebi\u2019e. Bara 1975 keessa Addisalem Genetii wajjin gaa\u2019ila ummachuun ijoollee lama, Urjii fi Melbaa godhatan.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ethiopian Research Institute keessatti qaxaramuun hojii research itti fufe. Ethiopian Gene Bank ykn Plant Genetic Resource Center jedhamu bara 1976 dhaabuun haga 1979 biyyaa bahutti hogganeera. Akeeki dhaabbata kanaa sanyii mukkeetii fi midhaanii biyyicha keessa jiru walitti qabuun akka hin badneef ol kaa\u2019u dha. Haalli qilleensa biyya keenyaa baddaa, gammoojjii fi badda-daree waan ta\u2019eef, gosti mukaa fi midhaanii illee akkasuma gara-gara. Isaan kun akka hin badnetti walitti qabuu fi akka ija gaarii godhatan qorachuun akeeka dhaabata kanaa ture. Dhaabbati kun har\u2019a Ethiopian Biodiversity Institute jedhamee beekama. Dhaabbata kana bu\u2019ureessuu keessatti Dr. Fidoon qooda guddaa akka qabu mootummaan Itophiyaa illee beekumsa kennee jira.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dr. Fidoon hojiin isaa biyya keessa naanna\u2019uun gosa mukaa fi midhaanii walitti qabuu waan ta\u2019eef Oromiyaa bakki inni hin dhaqne hin jiru jechuutu danda\u2019ama. Bakka dhaqetti seenaa fi aadaa Oromoo qorataa ture. Oromoon guyyooti 27 akka qabu, guyyootiin kun tokko tokkon maqaa akka qaban qorate, kitaaba isaa Gadaa Melbaa jedhu keessatti barreessee jira.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Yeroon Dr. Fidoon barnoota Ph. D isaa xumuree biyyatti deebi\u2019e yeroo ABO bu\u2019ureeffamaa jiru ture. Innis bu\u2019ureessisootatti dabalamuun qooda isa irraa eegamu kennuu jalqabe. Maadheelee hiccitin socho\u2019an keessatti hirmaachuun dirqama isaa baheera. Bara 1978, karoorri waraana bilisummaa Oromoo, Dirree Bahaa irraa gara naannoo Gudar-Ambotti dabarsuu akka karoorfameen Dr. Fidoon geejjiba qopheessuu keessatti hirmaate. Waraanni bakka jedhame gahee osoo haala hin mijjeeffatin oduun isaa mootummaa bira gahee miseensoti WBO<\/p>\n<p>sun qabaman. Warri qabame keessii isaa keessatti taargaan makiinaan waraanni itti geejjifame argame. Warri tikaa yeroo qoratan kan makiina sana kiraayesse Dr. Fidoo tahuu baranii qabanii Maa\u2019ikalaawwitti hidhan.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dr. Fidoon yeroo Ethiopian Gene Bank dhaabe gargaarsa mootummaa Jarmanii fi Siwudin irraa kennameen waan ta\u2019eef, hidhamuun isaa hojii mootummoota kanaa wajjin hojjatamu irratti dhiibbaa qabaate. Mootummooti kun lameen Dr. Fidoo gad dhiiftan malee gargaarsa kenninu ni dhaabna jedhanii mootummaa irratti dhiibbaa godhan. Mootummaan Dargii utuu hin jaallatan Dr. Fidoo hidhaaa haa hiiku malee tika dhaabbata irra kaa\u2019an. Dr. Fidoonis akka eegamaa jiru waan beekuuf karaa itti biyyaa bahu mijjeeffachuutu irra ture. Odeessa mootummaan deebisee hidhuuf akka murteesse akka dhaga\u2019een, sagantaa hojii gara Wallaggaa geessu baasuun haga magaalaa Kurmuk, daangaa Sudaan deemuu qopheesse. Dr. Fidoon ganama ganama fiffigee isportii hojjachu sagantaa isaa dhaabbataa ture. Kanaaf bakka bulan hundaatti ganama tuttaa isaa uffatee fiffigee isportii hojjata. Akkuma saganteeffametti magaalaa Kurmuk gahaniii bulanii, ganama isportii hojjachuuf tuttaa uffatee fiffiguu jalqabe. Utuu warri isa eegan quba hin qabaatiin fiigee daangaa cehee Sudanitti harka kenne. Akka kanatti biyyaa fi maatii isaa, ijoollee daa\u2019ima waggaa afurii gadii lama, haadha irratti dhiisuun biyyaa bahe. Haati manaa Dr. Fidoos utuu baayyee hin turin, maadhee ABO ti jedhamtee waggaaa 10 hidhamte. Ijoolleen isaa yetiimaa ta\u2019an. Ilmi isaa, Melbaa jedhamuu utuu taphatuu boolla bishaanitti kufee lubbun isaa dabarte. Haala kanaan Dr. Fidoon qabsoo jedhee qe\u2019ee fi maatii isaa dhiisee biyyaa bahee kan inni deebi\u2019e bara 1991 erga Dargiin kufee ture.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dr. Fidoo fi Qooda Qabsoo ABO Keessatti<\/p>\n<p>Akkuma olitti tuqne, Dr. Fidoon barnoota isaa Ph. D xumuree yeroo biyyatti deebi\u2019u maadheelen ABO bu\u2019ureessan qophii xumuraa godhaa turan. Dr. Fidoon sochii kana duraan iyyuu waan quba qabuuf itti makamuun isa hin rakkifne. Bara 1976 yeroo ABO sagantaa isaa labse fi koreen gidduu utubame warra walgahii sana irraa hirmaatan keessa ture. Hidhaa yeroo gabaabaa booda akka biyyaa baheeen dirqama qabsoo irratti guutummaatti bobba\u2019e. Dr. Fidoon yeroo Sudan seenu Kartoum keessatti wajjirri ABO baname hojiin jalqabee jira. Dr. Fidoon, Sudaan dhufee hogganoota achi turanitti dabalamuun dhaga\u2019eettii dhaabichaa ol kaaseera.<\/p>\n<p>Akka Sudaan seenen hojii guddaa, haga har\u2019aatti ifee mul\u2019atu, Qabsoo Bilisummaa Oromootiif qooda guddaa gumaache, inni hojjate kitaaba \u201cOromia: A Brief Introduction to the history of the Oromo People\u201d jedhamu barreessuu ture. Yeroo biyya ture Gene Bank gad dhaabuuf, ija mukkeetii fi midhaanii walitti qabuuf guutummaa biyyichaa keessa naanna\u2019aa ture. Carraa sanatti dhimmi bahuun seenaa, duudhaa fi aadaa Oromoo qorataa ture. Qormaata sana waan of harkaa qabuuf kitaaba kana barreessuun yeroo irraa hin fudhanne. Kitaaba kana dura afaan Ingiliziin barreessee booda afaan Oromootti hiikame.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Kitaabni kun Oromoon eenyu akka ta\u2019e, maddi dhaloota isaa, aadaa fi amantii isaa maal akka ta\u2019e, Oromiyaan qabeenya akkamii akka qabuu fi seenaa koloneeffamuu Oromiyaa bifa salphaa ta\u2019een barsiisa. Oromoo dammaqsuu keessatti qoodni kitaabni kun qabaate salphaa miti. Alagaan kitaaba kana dubbisanii Oromoon eenyu akka ta\u2019e hubatan baayyee dha. Kitaabni kun haga har\u2019aatti Oromoo barsiisaa fi dammaqsaa jira. Dr. Fidoon, nama kitaaba kana barreesse Gadaa Melba tii kan jedheef ilma isaa ittin yaadachuuf kan jedhan jiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Walgahii Jila Qabsaawotaa (WJQ) bara 1988, dirrree Dhihaatti godhame irratti Dr. Fidoon miseensa Koree Gidduu fi Wajjira Siyaasaa ta\u2019ee filame. Gaafatamaa Damee Dinagdee hojjachuu cinaatti, Waldaa Gargaarsa Oromoo(WGO-ORA) jabeessuu fi guddisuu keessatti qooda guddaa kenneera. Firoota dhaabaaf horuuf Dr. Fidoon guddaa tattafateera. Sudaanota biyya keenya turan barbaaduun wal baree akka ABO gargaaran godhaa ture. Ummatoota hundeen isaanii Kush ta\u2019an kan akka Nubiyaa fi Dungulaa faa keessaa namoota inni firoomfate turan. Namoota Nuweerii fi Dinkaa illee walbarun kan dhaaba keenya mararfatan turan.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hojii qabatamaa Dr. Fidoon Sudaan keessatti hojjate radio SBO gad dhaabuu dha. Hariiroo gaarii Sudanoota wajjin uumametti dhimma bahuun bara 1988, baatii Waxabajjii keessa Sudaaniin gaafatee daandii qilleessaa argamsisuu danda\u2019eera. SBO jalqabuun uggura tokko malee ummata keenyaa barsiisuu fi dammaqsuun danda\u2019ameera. Olola diinaa cabsuu fi qabsoo bilisummaa ABOn gaggeeffamu beeksisuu keessatti qoodni SBO qabaate seena qabeessa. Bara 1992 keessa yeroo Sudaaniin SBO cufe, akka deebi\u2019ee qilleensa irra oolu godhuuf, anteenaa kireeffamu barbaadanii argamsiisuu keessatti tattaaffi Dr. Fidoon godhe guddaa dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Jaal Dr. Fidoon bara 1988 irraa kaasee miseensa WJS ta\u2019ee hoggana kennaa turee, Kora Hatattamaa 1998 booda hamma Kora Sabaa 3ffaa 2004 godhameetti miseensa Barcuma Yubaa ta\u2019ee dirqama isaa bahaa ture. KS 3ffaa irratti miseensa Gumii Sabaa ta\u2019ee filamee Damee Dantaa Alaa jalatti haga 2012tti Gaafatamaa Hojii Diplomasii ta\u2019ee hojjateera.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Walgahii Gumii Sabaa 2010 godhame irratti miseensa Shanee Gumii akka ta\u2019u sagalee guutuun filame. Akka kanatti Gaafatamaa Damee Dantaa Alaa ta\u2019ee dirqama isaa baheera. Murnootii adda addaa dhaaba keessaa bahan wajjin araara buusuuf bara 2011 koree ramadamte hogganaa ture.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Sadarkaa adda addaatti hoggana ABO irraa qooda fudhataa turee, Kora Sabaa 4ffaa 2017, Af\u2019aabet, Eritrea keessatti godhame irratti fedha isaan hoggana kennu irraa of buusee Yuba ta\u2019e. Dirqama qabsoo itti kennamu raawwachuu duwwaa utuu hin taane Dr. Fidoon dandeetti barreessuu qabuun maqootii dhiiraa fi dhalaa Oromoo, 5000, hiikaa isaanii wajjin yeroo dheeraa dhaaf walitti qabaa ture, bara 2018 kitaaba Moggaasa: Maqoota Oromoo fi Hiikota Isaanii jedhu maxxanse. Kitaabni kun maqooti Oromoo fi hiikaa isaan tarrisuu duwwaa osoo hin taane maqaan maal akka ta\u2019e, sirna maqaan itti moggaafamu, madda maqoota Oromoo, ayyaanota fi aadaa Oromoo kan gad fageenyaan ibsi dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Bara 2018 yeroo hogganni ABO biyyatti deebi\u2019e J. Fidoon Asmaraa dhaquun, hogganaa wajjin waggaa 27 booda Oromiyaatti deebi\u2019uu danda\u2019e. Sagantaa dhaabni qopheesse irraa hirmachuun, godinoota Qellem fi Dhiha Wallaggaa keessa naanna\u2019uun ummata dubbisaa fi kaayyoo ABO ibsuu irraa hirmaatera. Sana boodas bara 2019 dhuma jala Oromiyaatti deebi\u2019uun waan isaa danda\u2019amu gumaachuu yaalee ture.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Bara 2020 jalqaba irratti USA tti deebi\u2019ee milli isaa dhukkubuu jalqabnaan yeroo ilaalamu dhukkuba kaansarii sammuu akka isa qabate itti himan. Dr. Fidoon akkuma qabsootti cichaa fi salphaatti hin sarmine, kaansarii kanaan waggaa lama guutuu waldhaansoo qabaa turee, Caamsaa 1, 2022 moo\u2019amee du\u2019aan boqoteera.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dr. Fidoon du\u2019uun ABO hoggana cimaa fi goota seenaa gudda tokko dhabe. ABO duwwaa utuu hin taane ummata Oromoo ilma qaroo, ogeessa, qabsaawaa cimaa, qorataa seenaa dhabe. Kaayyoo inni of qusannoo tokko malee waggootii 40 oliif qabsoo godhaa ture warri lubbun jirruu fi dhalooti haaraan itti fufuun galmaa\u2019an gahuun nurraa eegama.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>ABO maatii Dr. Fidoo, Qabsaawotaa, Deggartootaa fi ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwa. Kaayyoo inni bakkaan gahuuf waggaa 40 ol itti badade namusaa fi cichoomina inni nuuf dabarseen gama gahuuf galfata isaa tiksuun hunda keenya irraa eegama.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Qabsaawaan ni kufa, Qabsoon itti fufa<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dr. Fidoo, jaala jaallatamaa fi kabajamaa biyyeen itti haa salphatu, lubbuu isaa Waaqayyoo haa simatu.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifatnoo Ummata Bal\u2019aaaf!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Caamsaa 05, 2022<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; &nbsp; Seenaa Gabaabaa Jaal Dr. Fidoo Eebbaa (Taddasaa) Ibsa ABO Caamsaa 05, 2022 &nbsp; Jaal Dr Taddasaa Eebbaa Fidoo, baadiyaa Oromiyaa, Ona Najjoo, ganda Guduruu bakka addaa Qoxee Ginnasii keessatti, abbaa isaa obbo Eebbaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/05\/11\/seenaa-gabaabaa-jaal-dr-fidoo-eebbaa-taddasaa\/\" title=\"Seenaa Gabaabaa Jaal Dr. Fidoo Eebbaa (Taddasaa)\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2107"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2107"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2107\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2111,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2107\/revisions\/2111"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2107"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2107"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2107"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}