{"id":2103,"date":"2022-04-30T18:25:41","date_gmt":"2022-04-30T18:25:41","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2103"},"modified":"2022-04-30T18:25:41","modified_gmt":"2022-04-30T18:25:41","slug":"waraana-mootummaan-paartii-bilxiginnaa-uummata-oromoo-fi-lammilee-oromiyaa-irratti-kallattii-maraan-labsee-jiru-ilaalchisee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/04\/30\/waraana-mootummaan-paartii-bilxiginnaa-uummata-oromoo-fi-lammilee-oromiyaa-irratti-kallattii-maraan-labsee-jiru-ilaalchisee\/","title":{"rendered":"Waraana Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Uummata Oromoo fi Lammilee Oromiyaa irratti kallattii maraan labsee jiru ilaalchisee"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"115\" height=\"115\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 115px) 100vw, 115px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waraana Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Uummata Oromoo fi Lammilee Oromiyaa irratti kallattii maraan<br \/>\nlabsee jiru ilaalchisee<\/p>\n<p>Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo Baase<br \/>\nIbsa ABO-Ebla 29, 2022<br \/>\nTibba Murni Paartii Bilxginnaa jedhamu Dr.Abiyyi Ahimadin durfamu aangoo qabate irraa eegalee karaa hedduudhaan haleellaa<br \/>\nuummata Oromoofi lammiilee Oromiyaa irratti raawwatamaa jira. Paartiin Bilxginnaa jedhee of waamu pirojektii sirna kolonii durii<br \/>\ndeebisuudhaaf yeroo ammaa diriirfamee jiru kana uummata Oromoo fudhachiisuuf tooftaalee addaa addaatti fayyadamaa jira.<br \/>\nDuulli yeroo ammaa Oromoo irratti labsamee jiru kan yeroo kamiyyuu caalaa hamaa fi qabiyyee hedduu kan of keessaa qabu<br \/>\nyoo ta\u2019u, jireenya ilmaan Oromoo mancaasuu, dhaabbilee Oromoo diiguufi saba Oromoo laaffisuu irratti fuuleffata. Paartiin<br \/>\nBilxginnaa Dr.Abiyyi Ahimadiin durfamu yeroo hundeeffamee aangoo qabate irraa eegalee malaan eenyummaa Oromoo<br \/>\ndhabamsiisuu, dhaabbilee Oromoo diiguufi saba Oromoo laaffisuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Duulli Paartiin Bilxginnaa<br \/>\nkallattii maraan labsee jiru kun kaayyoon isaa ijoo pirojektii sirna Minilik II deebisanii dhaabuuf diriirfame humnaan uummata<br \/>\nOromoo fi sabootaafi sablammoota biyyattii biroo fudhachiisuudha. Duulli kanaafis fakkeenya kan ta\u2019u malaan iyyummaa<br \/>\ndagaagsuudhaan eenyummaa fi ilaalcha siyaasaa isaanii irratti hundaa\u2019uun lafa isaanii jalaa fudhachuu, gareen lafa<br \/>\nbabal\u2019ifachuuf bobbaafaman lafa Oromoo akka fudhataniif tumsuu, eenyummaa irratti hundaa\u2019uudhaan Oromoo ajjeessuu fi lafa<br \/>\nisaa irraa buqqaasuu, matta\u2019aa fudhachuu fi malaanmaltummaa loltootaa fi humnoota nageenyaa mootummaan hidhachiisee<br \/>\nbobbaasuun raawwatamaniidha.<br \/>\nHaaluma kanaan duguggaan sanyii jumulaan kan irratti raawwatame yoo ta\u2019u, kanaanis guyyaa guyyaatti haleellaan irratti<br \/>\nraawwatamaa jira, qe\u2019ee isaa irraa buqqaafamaa jiru, walitti bu\u2019insaa fi lola addaa addaatiif saaxilamee jiru. Murni Paartii<br \/>\nBilxginnaa jedhee of waamu kun sabaafi sablammoota ollaa waliin jiraatan walitti buusuudhaan nagaadhaan akka isaan waliin<br \/>\nhin jiraanneef shira addaa addaa xaxaa jira. Gareen Paartii Bilxginnaa jedhee of waamu kun Oromiyaa dirree waraanaa gochuu<br \/>\nqofa osoo hin taane, ilaalcha, amantii, eenyummaa, barnootaa fi hariiroo hawaasummaa dabalatee mirgoota namummaa<br \/>\nbu\u2019uura ta\u2019an sarbaa jira. Haleellaa Tibbana gareen shororkeessaa mootummaan deggeramu hawaasa Musiliimaa kaaba<br \/>\nItoophiyaa irratti raawwate loogiin amantii irratti raawwatamu jiraachuu ragaa mirkaneessuudha. Kunis gareen aangoo qabatee<br \/>\njiru mirga namoota amantii isaa hin hordofnee akka hin kabajne ifatti agarsiisa. Akkasumas loogii sirna barnootaa, sagantaalee<br \/>\nmisoomaa fi dhimmoota nagaa fi tasgabbiin walqabatee raawwataman ilaalchisee ragaalee hedduu eeruun ni danda\u2019ama.<br \/>\nUummata Oromoo irratti kallattii garaagaraan dhiibbaa gochuudhaan, dhaabbilee siyaasaa fi hawaasummaa Oromoofi saboota<br \/>\ncunqurfamoo biroo laaffisuuf abbaluun gareen biyya bulchaa jiru sirna dimokiraasii akka hin kabajnee fi saboonni cunqurfamoon<br \/>\nbiyyattii sirna abbaa irreetti akka harka kennatuuf dirqisiisuuf abbalaa akka jiru mirkaneessa.<br \/>\nUummanni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa yeroo ammaa kana haleellaa irratti raawwatamuu fi nagaa fi tasgabbii dhabuu irraan<br \/>\nkan ka\u2019e wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuuf hojii isaanii guyyaa guyyaa sirnaan hojjetachuu hin dandeenye. Duulli<br \/>\nhaleellaa loltoonni mootummaa yeroo ammaa uummata Oromoo irratti labsanii jiran kan yeroo kamiyyuu caalaa baay\u2019ee<br \/>\nhammataadha. Gaafa Ebla 21\/2022 Mootummaan Paartii Bilxginnaa uummata Oromoo Walloo akka weerareefi kanaanis<br \/>\nmancaatii baay\u2019ee hamaa uummata Oromoo Walloo irraan akka ga\u2019e eeruudhaan ibsa baasuun keenya ni yaadatama. Ammas<br \/>\nMurni Paartii Bilxginnaa jedhamu Giddugaleessa Oromiyaa, Arsii Lixaa, Baha Wallaggaa fi Godinoota Gujii dabalatee kutaalee<br \/>\nOromiyaa hedduu keessatti gochawwan baay\u2019ee suukaneessoo ta\u2019an uummata Oromoo nagaa irratti raawwatee jira.<br \/>\nOdeeffannoo kana akka armaan gadiitti bal\u2019inaan dhiyeessinee jirra:<br \/>\n1. Humnoonni murni aangoorra jiru hidhachiisee bobbaase gaafa guyya Ebla 28, April 2022, Giddugaleessa Oromiyaa, Aanaa<br \/>\nAda\u2019aa Bargaa keessatti jaarsa waggaa 70 dabalatee namoota nagaa 15 ajjeesanii jiru. Humnoonni murni aangoo<br \/>\ndhuunfatee jiru hidhachiisee bobbaase kunniin maallaqa callaa, meeshaalee mana keessaa dabalatee qabeenya namootaa<br \/>\nsaamuufi mana jireenyaa namoota dhuunfaa gubanii jiru. Yeroo ibsa kana baasaa jirru kanatti daa\u2019immaniifi<br \/>\nmaanguddoonni lubbuu isaanii baraaruuf gara bosonaatti baqachaa jiru.<br \/>\n2. Humnoonni nageenyaa Paartiin Bilxginnaa hidhachiisee bobbaase, gaafa guyyaa Ebla 28, 2022, Godina Arsii Lixaa Aanaa<br \/>\nDigaluuf Xiijjoo, Heexxosaa, Itayyaa, Muunessaa, Leemmuu Hilbiluu, Boqojjii, Roobee fi Ziwaayi Dugdaa keessatti namoota<br \/>\nnagaa 31 mana hidhaatti kan ugguran yoo ta\u2019u, namoonni hidhaman kunniin wiirtulee mana hidhaa addaa addaa keessatti<br \/>\nugguramanii humnoota mootummaan hidhachiisee bobbaasen dararaa hamaan irratti raawwatamaa jira. Dararaa fi<br \/>\nreebicha irratti raawwachuu qofas osoo hin taane, namoonni hidhaman kunniin qarshii 20,000-30,000 kaffaluudhaan mana<br \/>\nhidhaarraa akka gadhiifaman ajaja dabarsaa jiru. Akkasumas lafa qonnaa isaanii akka hin qotanneef kan dhorkaman yoo<br \/>\nta\u2019u, kanatti dabalees miseensota WBO naannicha socho\u2019an qabanii humnoota mootummaaf hin dhiyeessan taanaan lafti<br \/>\nqonnaa isaanii akka harkaa fudhatamu akeekkachiisuun sodaachisaa jiru.<br \/>\n3. Godina Horroo Guduruu (Finca\u2019aa) keessatti ammoo gaafa guyyaa Ebla 26, 2022, namoonni sadii kan ajjeefaman yoo ta\u2019u,<br \/>\nnamoonni sadii ammoo achi buuteen isaanii dhabamee jira. Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuu keessatti barataan<br \/>\nYuunivarsiitii QabriDaar humnoota mootummaan hidhachiisee bobbaaseen ajjeefamee jira. Godina Horroo Guduruu<br \/>\n(Kiramuu) keessatti gaafa Ebla 16, 2022 nama nagaa 36 ajjeesaniiru.<br \/>\n4. Torban kana Kaaba Baha Finfinnee fi Godina Salaalee (Abootee, Haroo Kuyyuu, Meettaa fi Gindabarat) keessatti haleellaa<br \/>\nmootummaan humna qilleensaa fayyadamuun raawwate dabalatee namoonni nagaan 30 ajjeefamanii jiru.<br \/>\n5. Godina Shawaa Lixaa (Amboo fi Naannolee ollaatti argaman) keessatti gaafa guyyaa Ebla 27, 2022 namoonni nagaan 19<br \/>\nol ta\u2019an ajjeefamanii jiru.<br \/>\n6. Godina Gujii, aanaa Bulee Horaa keessatti gaafa guyyaa Ebla 28, 2022 namoonni nagaa 11 ajjeefamanii jiru.<br \/>\n7. Ajjeechaa fi dararaan uummata Oromoo nagaa irratti raawwatamu muraasa armaan olitti kan eerre yoo ta\u2019e iyyuu, gochi<br \/>\najjeechaa fi hidhaa kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti bal\u2019inaan raawwatamaa jira.<br \/>\nABOn waraana kallattii maraan uummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti labsame kana gadi jabeessee balaaleffachaa,<br \/>\nnamoonni Godina Arsii Lixaa fi Giddugaleessa Oromiyaa keessatti hidhamanii jiran atattamaan hidhaarraa gadhiifamanii<br \/>\nqabeenya isaanii saamameefi uggurame akka deebi\u2019uuf, mana gubatee fi qabeenya manca\u2019eef beenyaa barbaachisaan akka<br \/>\nkaffalamu gaafanna.<br \/>\nHumna waraanaa bobbaasuu fi lola labsuudhaan uummanni Oromoo sirna abbaa irreetti harka kennatee akka garboomee akka<br \/>\njiraatuuf dirqisiisuun akka hin danda\u2019amne paartii Bilxginnaa yaadachiisuu barbaanna. Murni aangoo qabatee jiru yakka irratti<br \/>\nyakka tuulaa deemuu kana dhiisee, rakkoo siyaasaa impaayera Itoophiyaa mudatee jiruuf karaa nagaa fala akka barbaadu<br \/>\nyaadachiisna. Walitti bu\u2019insa hammeessuu fi dhiiga uummata nagaa dhangalaasuun wal qoodinsa babal\u2019isuun gara diigmsaatti<br \/>\noofa malee nagaa fi tasgabbii fiduu akka hin dandeenye qalbifachuun barbaachisaadha. Akkasumas abjuu Paartiin Bilxginnaa<br \/>\nbiyya tokko, amantii tokkoofi sirna bulchiinsaa tokko ijaaruuf qabu, walitti fufiinsaan waraana labsuufi garee shororkeessaa<br \/>\nhidhachiisuun Oromiyaatti bobbaasuu fi mirga namummaa sabootaafi sablammoota cunqurfamoo sarbuudhaan gonkumaa hin<br \/>\nmilkaa\u2019u.<br \/>\nAjjeechaa fi manca\u2019insa qabeenyaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruufi miidhaa kanaan wal qabatee<br \/>\nfuulduratti biyyattii keessatti uumamuu maluuf kan itti gaafatamu Murna Paartii Bilxiginnaa jedhee of waamuufi aangoo qabatee<br \/>\njiruudha. Gochi walitti bu\u2019insa hammeessuu fi nageenya booressuu yeroo ammaa raawwatamaa jiru kun fuulduratti hariiroo<br \/>\nwaliin jireenyaa uummattoota Itoophiyaa gidduu jiru waan diiguuf, gareen aangoo dhuunfatee jiru atattamaan humnoota<br \/>\nhidhachiisee bobbaase Oromiyaa keessaa baasee, humnoonni kunniinis hidhannoo isaanii hiikkatanii rakkoo siyaasaa<br \/>\nimpaayera Itoophiyaa mudatee jiruuf furmaati karaa nagaa akka barbaadamu dhaamna.<br \/>\nDhumarrattis, yaa uummata Oromoo haalli yeroo ammaa keessa jirtu dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuuti. Waan kana ta\u2019eef<br \/>\ntokkummaadhaan harka wal qabattee mataakeef eenyummaakeef falmachuu qabda. Bilisummaa fi dimokiraasii dhugaa<br \/>\nargachuudhaaf sabaaf sablammoota biyyattii biroo waliin taatee jabaattee falmachuutu sirraa eegama. Akkasumas uummanni<br \/>\nOromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan kara dandeessan maraan uummata keessaan Oromoo cina akka dhaabattan<br \/>\ndhaamna. Uummanni Oromiyaa fi lammiileen Oromiyaa biyya keessa jiraatan uummata Oromoo Arsii Lixaa, Ada\u2019aa Bargaa,<br \/>\nGindabarat, Horro Guduruu keessa jiraataniif tumsa barbaachisaa akka gootanii fi sagaleen isaanii hawaasa idil-addunyaa biratti<br \/>\nakka dhagaa\u2019amuuf waan dandeessan mara akka raawwattan dhaamna. Sabaafi sablammoonni cunqurfamoonis uummata<br \/>\nOromoo fi lammiilee Oromiyaa cina dhaabachuun akka tumsan gaafanna.<br \/>\nAkkasumas, Mootummaan Paartii Bilxginnaa gocha aangoo irra turuuf jecha yakka lammilee biyyattii irratti raawwachaa jiruu fi<br \/>\nmirgoota namummaa lammiilee biyyattii sarbuu akka dhaabuuf, kallattii maraan dhiibbaa akka godhan hawaasa idil-addunyaa<br \/>\nfi dhaabbilee mirga dhala namaa idil-addunyaatti iyyanna. Mootummoota addunyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii,<br \/>\nGamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi dhaabbilee sadarkaa idil-addunyaatti mirga dhala namaaf falman dabalatee hawaasi<br \/>\nidil addunyaa Mootummaan Paartii Bilxiginnaa yakka mirga dhala namaa sarbuu raawwachuu irraa of qusatee, rakkoo siyaasaa<br \/>\nimpaayera Itoophiyaa mudatee jiruuf karaa agaatiin fala akka barbaaduuf dhiibbaa akka godhan jabeessinee dhaammanna.<br \/>\nInjifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nEbla 29, 2022<br \/>\nFinfinn<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Waraana Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Uummata Oromoo fi Lammilee Oromiyaa irratti kallattii maraan labsee jiru ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo Baase Ibsa ABO-Ebla 29, 2022 Tibba Murni Paartii Bilxginnaa jedhamu Dr.Abiyyi Ahimadin durfamu aangoo qabate <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/04\/30\/waraana-mootummaan-paartii-bilxiginnaa-uummata-oromoo-fi-lammilee-oromiyaa-irratti-kallattii-maraan-labsee-jiru-ilaalchisee\/\" title=\"Waraana Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Uummata Oromoo fi Lammilee Oromiyaa irratti kallattii maraan labsee jiru ilaalchisee\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2103"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2103"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2103\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2104,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2103\/revisions\/2104"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2103"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2103"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2103"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}