{"id":2055,"date":"2022-03-16T23:27:02","date_gmt":"2022-03-16T23:27:02","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2055"},"modified":"2022-03-16T23:27:09","modified_gmt":"2022-03-16T23:27:09","slug":"boordiin-filannoo-itoophiyaa-mana-jireenyaa-hayyu-dureen-abo-jaal-daawud-ibsaa-waggaa-tokkoo-oliif-keessatti-hidhaman-daawwachuudhaan-akka-gadhiifamaniif-haala-mijeessee-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/03\/16\/boordiin-filannoo-itoophiyaa-mana-jireenyaa-hayyu-dureen-abo-jaal-daawud-ibsaa-waggaa-tokkoo-oliif-keessatti-hidhaman-daawwachuudhaan-akka-gadhiifamaniif-haala-mijeessee-jira\/","title":{"rendered":"Boordiin Filannoo Itoophiyaa Mana Jireenyaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Waggaa Tokkoo Oliif Keessatti Hidhaman Daawwachuudhaan Akka Gadhiifamaniif Haala Mijeessee Jira"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"139\" height=\"139\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 139px) 100vw, 139px\" \/><\/p>\n<p><strong>Boordiin Filannoo Itoophiyaa Mana Jireenyaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Waggaa Tokkoo Oliif Keessatti Hidhaman Daawwachuudhaan Akka Gadhiifamaniif Haala Mijeessee Jira<\/strong><\/p>\n<p>Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Bitootessa 03\/2021 irraa eegalee mana jireenyaa isaanii keessatti hidhamanii turuun ni yaadatama.<\/p>\n<p>Boordiin Filannoo Itoophiyaa dhimma mana jireenyaa keessatti hidhamuu Hayyu-Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa akka qorataniifi haala akkam irratti akka argaman akka adda baasaniif gaafa guyyaa Guraandhala\/February 28\/2022 qondaaltota isaa gara mana jireenyaa Hayyu-Dureetti ergee jira.<\/p>\n<p>Boordiin Filannoo daawwannaa qondaaltota isaa kanarratti hundaa\u2019uudhaan abbootii taayitaa dhimmi ilaallatuuf xalayaa barreessee jira. Boordiin Filannoo Itoophiyaa xalayaa isaa kana keessatti sarbiinsi mirga namummaa raawwatamuufi Jaal Daawud Ibsaa seeraan ala hidhamuu isaanii eeree jira. Kanumaan boordichi Hayyu-Dureen ABO atattamaan akka gadhiifaman kan gaafate yoo ta\u2019u, kunis Boordiin Filannoo gaafa guyyaa Bitootessa 10\/2022 mana jireenyaa Hayyu-Dureetti argamuudhaan dhimmoota barbaachisoo ta\u2019an irratti akka mari\u2019ataniif daandii kan saaqe yoo ta\u2019u, marii kanaanis Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa akka lammii tokkootti walaba ta\u2019anii akka socho\u2019aniifi dirqama akka hayyu-duree paartii siyaasaa tokkootti qaban sirnaan akka ba\u2019aniif haala mijeessuun barbaachisaa ta\u2019uu dhaamanii jiru.<\/p>\n<p>Dhimmi kun irra deddeebiidhaan dhiyaachaa waan tureef, Boordiin Filannoo waa\u2019ee dhimmichaa sirriitti quba qaba. Kanumaan boordichi dhimma kanarratti xiyyeeffannoodhaan akka hojjetu waadaa galee jira. Addi Bilisummaa Oromoos kaka\u2019umsa haaraa boordichi agarsiise kana dinqisiifachuu dhaan, haaluma waadaa seeneen fuulduratti akka tarkaanfatu abdiidhaan eegaa jira.<\/p>\n<p>Kanaaf, kaka\u2019umsa gaarii Boordiin Filannoo Itoophiyaa agarsiisaa jiru kanaaf galateeffachaa, hidhamtoonni siyaasaa marti hiikamanii marii ijaarsa sirna dimokirasii Itoophiyaa keessatti ABOn walabummaadhaan akka hirmaatuuf haala mijataa uumuuf cichoominaan akka hojjetan abdii qabna.<\/p>\n<p>Dhumarrattis, namoonniifi dhaabbileen biyya keessaa fi biyya alaa irraa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawwud Ibsaa fi hidhamtoonni siyaasaa Oromoo biroon akka hiikamaniif dhiibbaa gochaa turtan tumsa keessaniif ABOn hedduu isin galateeffata.<\/p>\n<p>Jijjiirami gama kanaan argame, tumsa isin gumaachitaniifi aarsaa isin kaffalataniin ta\u2019uu isin beeksiuu barbaanna. Kanaaf ammas irra deebinee isin galateeffanna.<\/p>\n<p>Injifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Boordiin Filannoo Itoophiyaa Mana Jireenyaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Waggaa Tokkoo Oliif Keessatti Hidhaman Daawwachuudhaan Akka Gadhiifamaniif Haala Mijeessee Jira Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Bitootessa 03\/2021 irraa eegalee mana jireenyaa isaanii keessatti <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/03\/16\/boordiin-filannoo-itoophiyaa-mana-jireenyaa-hayyu-dureen-abo-jaal-daawud-ibsaa-waggaa-tokkoo-oliif-keessatti-hidhaman-daawwachuudhaan-akka-gadhiifamaniif-haala-mijeessee-jira\/\" title=\"Boordiin Filannoo Itoophiyaa Mana Jireenyaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Waggaa Tokkoo Oliif Keessatti Hidhaman Daawwachuudhaan Akka Gadhiifamaniif Haala Mijeessee Jira\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2055"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2055"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2055\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2056,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2055\/revisions\/2056"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2055"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2055"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2055"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}