{"id":2052,"date":"2022-03-16T15:56:12","date_gmt":"2022-03-16T15:56:12","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2052"},"modified":"2022-03-16T15:56:12","modified_gmt":"2022-03-16T15:56:12","slug":"addi-bilisummaa-oromoo-gocha-mootummaan-tae-jedhee-hidhamtoonni-siyaasaa-oromoo-dhukkuboota-daddarboodhaan-akka-hubamaniif-raawwachaa-jiru-balaaleffachaa-hidhamtoonni-siyaasaa-marti-hatattam","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/03\/16\/addi-bilisummaa-oromoo-gocha-mootummaan-tae-jedhee-hidhamtoonni-siyaasaa-oromoo-dhukkuboota-daddarboodhaan-akka-hubamaniif-raawwachaa-jiru-balaaleffachaa-hidhamtoonni-siyaasaa-marti-hatattam\/","title":{"rendered":"Addi Bilisummaa Oromoo Gocha Mootummaan Ta\u2019e Jedhee Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Dhukkuboota Daddarboodhaan Akka Hubamaniif Raawwachaa Jiru Balaaleffachaa, Hidhamtoonni Siyaasaa Marti Hatattamaan Akka Gadhiifaman Gaafata"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"137\" height=\"137\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 137px) 100vw, 137px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo Gocha Mootummaan Ta\u2019e Jedhee Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Dhukkuboota Daddarboodhaan Akka Hubamaniif Raawwachaa Jiru Balaaleffachaa, Hidhamtoonni Siyaasaa Marti Hatattamaan Akka Gadhiifaman Gaafata<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo- Bitootessa 16\/2022<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Gareen Biyya Itoophiyaa keessatti aangoo qabatee jiru, hooggantootaa fi miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo yakka dalaganii osoo hin taane sababa ilaalchaa siyaasaa isaanii qofaaf hidhee dararaa jira. Kunis muddamaafi gaaga\u2019ama siyaasaa biyyaattii mudatee jiruuf furmaata yeroo barbaaduuf jecha gocha yaada addaa maaliif qabaattanii raawwatamuudha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Tibbana hooggantoonnii fi miseensonni gameeyyiin Adda Bilisummaa Oromoo baay\u2019een isaanii dhukkuboota daddarboodhaaf saaxilamaa jiru. Kanaafis ragaa qabatamaan Mana Hidhaa Buraayyuu magaalaa Finfinnee keessatti argamuudha. Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo mana Hidhaa Buraayyuu keessatti argaman dhukkuba tiruu B (Hepatitis B) dhaaf waan saaxilamaniif garmalee dhukkubsachaa jiru. Haaluma kanaan Jaal Battee Urgeessaa dhukkuba tiruu B (Hepatitis B) jedhamu kanaan qabamee baay\u2019ee dhukkubsachaa jira. Jaal Batteen yeroo dheeraadhaaf waldhaaansa fayyaa dhorkamee waan tureef, dhukkubni isaa yeroo ammaa sadarkaa yaaddessaa irra ga\u2019ee jira. Guyyoota muraasa dura erga inni baay\u2019ee laafee mana hidhaa irraa wabiin gadhiisanii jiru. Kanaanis ogeeyyiin fayyaa haalli fayyaa isaa sadarkaa hamaafi yaaddessaa irra akka ga\u2019e yoo ibsan iyyuu, dhukkubicha dandamachuun ni fayya jennee abdanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hidhamtoonni Oromoo lama Jaal Kennasaa Ayyaanaa fi Jaal Gadaa Gabbisaa jedhaman Jaal Battee Urgeessaa waliin mana hidhaa tokko keessa kan turan yoo ta\u2019u, kutaa hidhaa qilleensa ga\u2019aa hin qabne kana keessattis walitti dhiyeenyaan waliin turan. Hidhamtoonni kunniin lamaanis guyyoota muraasa dura dhukkuba biraa dhukkubsatanii hospitaala deemuun erga qoratamanii booda, dhukkuba tiruu B (Hepatitis B) jedhamuun qabamuun isaanii mirkanaa\u2019ee jira. Dhukkuba isaanii kanaaf hatattamaan waldhaaansa fayyaa argachuun kan isaan barbaachisu yoo ta\u2019e iyyuu, Bulchiinsi Poolisii Buraayyuu garuu haga ammaatti mana hidhaatti isaan dararaa jira. Akkasumas hidhamtoonni Oromoo kanneen akka Jaalllan Abdii Raggaasaa, Mikaa\u2019el Booran, Daawwit Abdataa, Gadaa Oljirraa, Gammachuu Ayyaanaa fi Lammii Beenyaa kutaa mana hidhaa kana keessa yeroo J\/Batteen qabame waan waliin turaniif dhukkuba tiruu B (Hepatitis B) jedhamu kanaan qabamuu danda\u2019u.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo hidhamtoonni siyaasaa kunniin hatattamaan gadhiifamanii waldhaansa fayyaa barbaachisaa akka argatan gaafata. Yeroo ammaa hidhamtoonni Oromoo kumaatamaan lakka\u2019aman manneen hidhaa biyyattii keessatti bakka addaa addaatti argamanitti dararaamaa jiru. Hidhamtoota kunniin baay\u2019ee isaanii irratti miidhaan qaamaa fi sammuu kan irratti raawwatame yoo ta\u2019u, dhukkuboota daddarboodhaaf saaxilamaa jiru. Kunis shira hooggantoota Adda Bilisummaa Oromoo, akkasumas Dhaabicha dhawataan dhabamsiisuu fi kanaanis uummata Oromoo hooggana dhabsiisuuf yaadamee shira dalagamaa jiruu ta\u2019uu hubatna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Murni Paartii Bilxginnaa aangoo qabatee jiru hammeenyaafi dararaa uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf akka itti gaafatamu akeekkachiisna. Lammiileen Oromiyaa fi Uummattoonni Itoophiyaa murni aangoo qabatee jiruu kun hidhamtoota siyaasaa Oromoo akka gadhiisuuf dhiibbaa akka godhan waamicha goonaa. Akkasumas hawaasi Idil-addunyaa fi dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa gareen Itoophiyaa bulchaa jiru mirgoota hidhamtootaa, keessuma mirga hidhamtoonni waldhaansa fayyaa argachuuf qaban akka kabajuuf dhiibbaa akka godhan gaafanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhuma irrattis, Addi Bilisummaa Oromoo, Oromootaa fi Dhaabbilee Oromoo biyya keessaafi biyya alaatti argaman kanneen Jaal Battee Urgeessaa waldhaansa fayyaa akka argatuuf gumaacha isin irraa eegamu gootan galateeffachaa, hidhamtoota Oromoo biroo rakkoo kanaan wal fakkaatu keessa jiraniifis tumsa akka gootan gaafanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Bitootessa 16\/2022<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; &nbsp; Addi Bilisummaa Oromoo Gocha Mootummaan Ta\u2019e Jedhee Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Dhukkuboota Daddarboodhaan Akka Hubamaniif Raawwachaa Jiru Balaaleffachaa, Hidhamtoonni Siyaasaa Marti Hatattamaan Akka Gadhiifaman Gaafata &nbsp; Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo- Bitootessa 16\/2022 &nbsp; Gareen <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/03\/16\/addi-bilisummaa-oromoo-gocha-mootummaan-tae-jedhee-hidhamtoonni-siyaasaa-oromoo-dhukkuboota-daddarboodhaan-akka-hubamaniif-raawwachaa-jiru-balaaleffachaa-hidhamtoonni-siyaasaa-marti-hatattam\/\" title=\"Addi Bilisummaa Oromoo Gocha Mootummaan Ta\u2019e Jedhee Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Dhukkuboota Daddarboodhaan Akka Hubamaniif Raawwachaa Jiru Balaaleffachaa, Hidhamtoonni Siyaasaa Marti Hatattamaan Akka Gadhiifaman Gaafata\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2052"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2052"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2052\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2053,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2052\/revisions\/2053"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2052"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2052"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2052"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}