{"id":1949,"date":"2022-01-03T17:23:44","date_gmt":"2022-01-03T17:23:44","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1949"},"modified":"2022-01-03T17:23:44","modified_gmt":"2022-01-03T17:23:44","slug":"mootummaan-paartii-bilxiginnaa-haleellaa-diroonii-fi-humna-qileensaa-kutaalee-oromiyaa-addaa-addaa-keessatti-raawwateen-namoota-nagaa-hedduu-ajjeesee-kaan-ammoo-madeessee-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/01\/03\/mootummaan-paartii-bilxiginnaa-haleellaa-diroonii-fi-humna-qileensaa-kutaalee-oromiyaa-addaa-addaa-keessatti-raawwateen-namoota-nagaa-hedduu-ajjeesee-kaan-ammoo-madeessee-jira\/","title":{"rendered":"Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Haleellaa Diroonii fi Humna Qileensaa kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwateen namoota nagaa hedduu ajjeesee kaan ammoo madeessee jira."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"150\" height=\"150\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 150px) 100vw, 150px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Haleellaa Diroonii fi Humna Qileensaa kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwateen namoota nagaa hedduu ajjeesee kaan ammoo madeessee jira.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)- Amajjii 1, 2022<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Paartiin Bilxiginnaa Oromiyaa fi guutummaa biyyattii keessatti waraana babal\u2019isuu jabeessee itti fufee jira. Yeroo ammaa kanatti kutaaleen Oromiyaa waraana irraa walaba ta\u2019an hin jiran. Haaluma kanaan mootummaan bakkoota gaaraaagaraatti diroonii fi xayyaaraan haleellaa raawwachuudhaan namoota nagaa baay\u2019inaan ajjeesaa jira. Humnoonni paartiin Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaasee fi deggertoonni isaanii loltoonni Ertiriyaa uummata nagaa qe\u2019ee irraa buqqaasuu fi mana jireenyaa isaanii gubuu itti fufanii jiru. Kun ammoo haala yaaddessaa irra ga\u2019ee jira.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Guyoota muraasa darban keessatti, humnootni Paartii Bilxiginnaa araddaalee fi magaalota addaa addaa keessatti haleellaa diroonii fi humna qilleensaa raawwachaa akka turan gabaasaleen nu qaqqabanii jiru. Kanaanis Godina Shawaa Bahaa naannoo Kaarrayyuu, Harargee (naannoo magaalaa Mi\u2019eessoo fi Machaaraa), lafa Baddaa fi gammoojji Gindabarat, Salaalee, Meettaa Walqixxee fi Kiiramuun bakkoota tibbana Paartiin Bilxiginnaan Diroonii fi Humna Qilleensaan haleeleedha.<\/p>\n<p>Gabaasaaleen naannolee kanneenii nu qaqqaban akka mirkaneessanitti haleellaan kun kan raawwatame naannoo manneen jireenyaa uummataatti waan ta\u2019eef, kan miidhame uummata nagaadha. Paartii Bilxiginnaa jedhee of dirooniidhaan uummata nagaa haleeluun isaa kun kan jalqabaa osoo hin taane ammaan duras Walloo fi kutaalee godinaa Wallaggaa addaa addaa keessatti raawwatamee jira. Paartiin Bilxiginnaa uummatichi waraana isaaa deggeruu waan dideef qofa uummata nagaa dirooniin haleelee jira.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Haleellaa Diroonii fi Humna Qilleensaa Paartiin Bilxiginnaa naannoo mana jireenyaa fi uummata nagaa irratti raawwatu kana, ABOn yeroo baaya\u2019ee irra deddeebi\u2019ee balaaleffachaa ture. Bilxiginnaan gocha isaa kanaan yakka sarbiinsa mirga namummaa raawwacha jira jennee amanna. Waan kana ta\u2019eef ABOn, hawaasi idil-addunyaa dhimma kana walaba ta\u2019ee akka qoratu gaafata. Akkasumas hawaasi idil-addunyaa fi mootummoonni addunyaa, Gareen Paartii Bilxiginnaa fi deggertoonni isaa araddaalee fi magaalota Oromoiyaa uummanni nagaan baay\u2019inaan jiraatutti haleellaa diroonii fi humna qilleensaa akka hin raawwanneef dhiibbaa akka godhan iyyanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhumarratti, gaaffiin siyaasaa, wal qixxummaa fi kabajaa mirga dhala namaa Itoophiyaa kallattiin maraan muddaa jiru kun waraana dhaabuudhaan, marii qaamolee siyaasaa mara hirmaachise gaggeessuudhaan furama malee haleellaa diroonii fi humna qilleensaatiin gonkumaa hin furamu jennee amanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Uummata bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Amajjii 1, 2022<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Haleellaa Diroonii fi Humna Qileensaa kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwateen namoota nagaa hedduu ajjeesee kaan ammoo madeessee jira. &nbsp; Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)- Amajjii 1, 2022 &nbsp; Paartiin Bilxiginnaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2022\/01\/03\/mootummaan-paartii-bilxiginnaa-haleellaa-diroonii-fi-humna-qileensaa-kutaalee-oromiyaa-addaa-addaa-keessatti-raawwateen-namoota-nagaa-hedduu-ajjeesee-kaan-ammoo-madeessee-jira\/\" title=\"Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Haleellaa Diroonii fi Humna Qileensaa kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwateen namoota nagaa hedduu ajjeesee kaan ammoo madeessee jira.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1949"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1949"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1949\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1950,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1949\/revisions\/1950"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1949"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1949"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1949"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}