{"id":1921,"date":"2021-12-04T19:39:14","date_gmt":"2021-12-04T19:39:14","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1921"},"modified":"2021-12-04T19:39:14","modified_gmt":"2021-12-04T19:39:14","slug":"ajjeechaan-jumulaa-irra-deddeebiee-uummata-nagaa-irratti-raawwatamaa-jiru-seeraa-fi-danbii-biyya-itoophiyaa-keessaa-caccabuu-ifatti-agarsiisaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/12\/04\/ajjeechaan-jumulaa-irra-deddeebiee-uummata-nagaa-irratti-raawwatamaa-jiru-seeraa-fi-danbii-biyya-itoophiyaa-keessaa-caccabuu-ifatti-agarsiisaa-jira\/","title":{"rendered":"Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi\u2019ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa fi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Caccabuu Ifatti Agarsiisaa Jira"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"173\" height=\"173\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 173px) 100vw, 173px\" \/><\/p>\n<p>Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi\u2019ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa<br \/>\nfi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Caccabuu Ifatti Agarsiisaa Jira<br \/>\nIbsa ABO-Mudde 3, 2021<\/p>\n<p>Bara 2018, erga gareen Paartiin Bilxiginna jedhamu aangoo qabatee asitti, ajjeechaa jumulaa uummata Oromoo<br \/>\nnagaa fi saboota biroo irratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaa irra ga\u2019ee jira. Yeroo ammaa kanatti ammoo gochi<br \/>\najjeechaa uummata nagaa irratti xiyyeeffachuun raawwatamu kun Oromiyaa keessatti daran kan hammaate yoo<br \/>\nta\u2019u, daa\u2019imman, dubartootaa fi jaarsolii dabalatee lubbuun uummata nagaa guyyaa guyyaatti akka baalaa harca\u2019aa<br \/>\njira. Kanaanis baay\u2019inni namoota jumulaan ajjeefamanii fi yeroon ajjeechaan kun itti deddeebi\u2019ee raawwatamu<br \/>\nyeroodhaa gara yerootti dabalaa deemaa jira. Gochi ajjeechaa jumulaa uummata nagaa irratti raawwatamu kun<br \/>\nsadarkaa baay\u2019ee yaaddessaa irra kan ga\u2019ee jiru yoo ta\u2019u, gochi ajjeechaa marra ammaa raawwatamu kun gocha<br \/>\nsuukaneessaa fi duguggaa sanyii bara 1880 keessa yeroo weerara Minilik uummata Oromoo miliyoona 5 fixan<br \/>\nwaliin wal fakkaata. Weerara Minilik kanaan gara jabeenya hamaadhaan uummata miliyoonaan lakkaa\u2019amu fixanii,<br \/>\nkaan ammoo harka, miillaa fi harma irraa muruudhaan godaannisa barabaraa ka\u2019anii darban. Hoogganaan Paartii<br \/>\nBilxiginnaa Dr. Abiyyi Ahmad abjuu sirna impaayera Itoophiyaa durii deebisuu kan qabu yoo ta\u2019u, abjuu isaa kana<br \/>\ndhugoomsuufis halkaniif guyyaa hojjechaa akka jiru argaa jirra. Mul\u2019atni sirna kolonii deebisanii gadi dhaabuuf<br \/>\nqaban bifa haaraatiin kutaalee biyyattii guutuu keessatti uummattoota cunqurfamoo biyyattii irratti diriiruu eegalee<br \/>\njira. Mootummaa garee Paartii Bilxiginnaa jalatti seenan weerara sirna kolonii bara 1880 ifatti deebi\u2019ee diriirfamaa<br \/>\njira. Kunis ajjeechaa suukaneessaa tibbana maqaa Duula Minilik (Zamachaa Minilik) jedhuun naannoolee Shawaa,<br \/>\nWalloo, Wallaggaa fi Tigraay dabalatee kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwatamaa jiruun ifatti<br \/>\nmul\u2019atee jira. Paartiin Bilxiginnnaa bara kana keessa maqaa tokkummaa biyyaa jedhuun humna qawwee<br \/>\nfayyadamee sirna kolonii impaayera Itoophiyaa duraanii deebisuuf akkanatti abbaluun isaa hedduu nama raajaa,<br \/>\ngaddisiisa.<br \/>\nTarkaanfiin impaayera sirna qeenxee ijaaruu yeroo Dr. Abiyyi Ahamd aangoo qabate irraa eegalee tattaafatamaa<br \/>\nkan jiru yoo ta\u2019u, kanaanis ajjeechaan haala garaagaraatiin kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti<br \/>\nraawwatamaa kan ture yoo ta\u2019u, ajjeechaan jumulaan uummata Oromoo Kaarrayyuu irratti gaafa guyyaa Sadaasa<br \/>\n30\/2021 raawwatamee fi gaafa guyyaa Mudde 1\/2021 Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa, Aanaa<br \/>\nFantaallee keessatti raawwatame hedduu nu rifaasisee jira. Ajjeechaa suukaneessaan guyyaa saafaa uummata<br \/>\nnagaa hidhannoo hin qabne irratti raawwatame kun shira humni tikaa fi loltoonni Paartii Bilxiginnaa dursanii itti<br \/>\nyaadanii tahe jedhame raawwatame. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa gaafa guyyaa 30\/11\/2021 dabarseen<br \/>\nhumnoonni hidhatanii bobbaafaman manaa-manarra deemanii dargaggoota akka adamsan ajaja dabarsee.<br \/>\nDargaggoonni kunniin waan yakka dalaganiif adamsamu osoo hin taane waan Paartii Bilxiginnaa deggeruu didaniif<br \/>\nadamsamu. Kanaanis dargaggoota barbaadanii erga dhabanii booda, haala suukaneessaa fi dhala namaa irraa hin<br \/>\neegamneen maatii dargaggoota kanneenii tumuun lafarra harkisanii gara wiirtulee mana hidhaatti geessuuf<br \/>\nyaalaan. Jiraattonni naannoos gocha hammeenyaa fi suukaneessaa loltoonni mootummaa namoota nagaa irratti<br \/>\nraawwatan kana wayita argan gocha kana akka dhaabanii fi dhimmichas karaa nagaatiin akka furamu gaafatan.<br \/>\nKanumaan dhimmicha akkaataa duudhaa fi aadaa isaaniitii irratti mari\u2019atanii loltoota waliin wal tumsuun furuudhaaf<br \/>\njecha jaarsoliin naannichatti argaman gaafa guyyaa 01\/12\/2021 walga\u2019an. Haatahu malee loltoonni Paartiin<br \/>\nBilxiginnaa hidhachiisee bobbaase jaarsolii naannoo nagaa buusuuf walga\u2019an irratti rasaasa roobsuudhaan Abbaa<br \/>\nGadaa fi Abbaa Gadaa (Jaarsolii Naannootti Kabajaman) dabalatee namoota nagaa 13 bakka tokkotti fixan.<br \/>\nAjjeechaan jumulaa kun erga raawwatamee boodas, jiraattonni naannichaa baay\u2019ee rifatani gocha suukaneessaa<br \/>\nkana mormuuf sagalee isaanii karaa nagaatiin ibsachuuf yaalan.<br \/>\nKanaanis humnoonni mootummaa hidhatanii turan kunniin uummata nagaa hiriira ba\u2019ee karaa nagaa sagalee isaa<br \/>\ndhageessifachaa jiru irratti rasaasa roobsuudhaan namoota nagaa 50 bakka tokkotti fixan. Kanumaan waliigalatti<br \/>\nyeroo tokkotti namoota nagaa 63 fixan. Baay\u2019ina namoota madaa\u2019anii fi hidhamanii ibsuun ulfaataadha.<br \/>\nAjjeechaan kun namoota nagaa hokkora kamiyyuu keessatti qooda hin fudhanne irratti waan raawwatameef gocha<br \/>\nduguuggaa sanyii itti yaadamee raawwatame ta\u2019uu ifatti agarsiisa. Namoonni ajjeeffaman kunniin namoota nagaa<br \/>\njireenya mataa isaanii gaggeeffataniidha. Namoonni ajjeefaman kanneen keessatti daa\u2019imman, dubartootaa fi<br \/>\njaarsolii saaxilamoo humna ittiin mootummaa biyya bulchaa jiru irratti dhiibbaa godhan hin qabnetu argama.<br \/>\nNamoota kanneen to\u2019achuudhaan gara mana hidhaatti geessuun osoo danda\u2019amu Mootummaan Bilxiginnaa maaliif<br \/>\nnamoota nagaa kanneen ajjeesuu akka filate gaaffii nutti ta\u2019ee jira. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa lubbuuf jireenya<br \/>\nlammii isaatiif itti gaafatamummaa tokkollee osoo hin fudhatin gocha gara jabeenyaa kana uummata Oromoo irratti<br \/>\nraawwate.<br \/>\nHaaluma wal fakkaatuun mootummaan Paartii Bilxiginnaa uummata Oromoo Walloo Dirooniin haleelee jira. Har\u2019a<br \/>\nganama yeroo ibsa kana baasaa jirrutti waraanni paartii badhaadhina Godina Walloo Magaalaa Kamisee fi Baatii<br \/>\nboombiidhaan haleeluun uummata nagaa ajjeesaa jiru. Gocha gara jabeenyaa fi ajjeechaa Mootummaan Paartii<br \/>\nBadhaadhinaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru gadi jabeessinee balaaleffanna. Ajjeechaan jumulaa<br \/>\nuummata nagaa irratti raawwatamu kun madaa Uummanni Oromoon madaa\u2019ee jiru tuttuquudhaan biyyatti guyyuu<br \/>\ngara hokkara hamaati caalaatti oofa jira.<br \/>\nPaartiin Bilxiginnaa duula waraanaa bal\u2019aa kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti labsuudhaan gocha<br \/>\nsuukaneessaa uummata nagaa irratti raawwachaa jira. Paartiin Bilxiginnaa gocha sarbiinsa mirga dhala namaa fi<br \/>\nduguggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf akka itti gaafatamu akeekkachiisna. Gochi<br \/>\nhammeenyaa Paartiin Bilxiginnaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru kun rakkoolee kallattii maraan biyyattii<br \/>\nmuddaa jiran daran hammeessa. Hawaasi idil-addunyaas yakka sarbiinsa mirga dhala namaa hordofuu waan<br \/>\nqabuuf, ajjeechaa jumulaa guyyaa guyyaatti paartiin Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru akka<br \/>\nhordofan gaafanna. Addatti ammoo Dhaabbanni Falmaa Mirga Dhala Namaa Idil-addunyaa, UNSC, AU,<br \/>\nqaamoleen Nagaa fi Tasgabbii irratti hojjetanii fi gaggeessitoonni idil-addunyaa bu\u2019uura tumaalee seerotaa fi<br \/>\nwaliigaltee mirga dhala namaa idil-addunyaatiin uummata nagaa Oromoo fi uummattoota biyyattii akka eegan<br \/>\ngaafanna.<br \/>\nWalumaagala, Gareen Paartii Bilxiginnaa aangoo qabatee jiru fedhii uummattoonni cunqurfamoon biyyattii wal<br \/>\nqixxummaaf qaban ukkamsuudhaan weerara lafa babal\u2019ifannaa fi olaantumaa garee tokkoo impaayera Abisiiniyaa<br \/>\ndurii deebisee gadi dhaabuuf ifaajaa jira.<br \/>\nKanaaf:<br \/>\n1. Dhumaatii Fantaalleetti raawwatame gadi jabeessinee kan balaaleffanu yoo tahu, ajjeechaan jumulaa uummata<br \/>\nnagaa irratti raawwatame kun qaama walaba ta\u2019een qoratamee, qaamoleen gocha kana raawwatan seeratti<br \/>\nakka dhiyaatan waamicha goona. Akkasumas duula waraanaa Oromiyaa irratti labsamee jiru cimsinee<br \/>\nbalaaleffanna.<br \/>\n2. Gochi duguuggaa sanyii fi weerarri lafa babal\u2019ifannaa Paartii Bilxiginnaa qindeeffamu kutaalee Oromiyaa<br \/>\nhedduu keessatti jabaatee gaggeeffamaa waan jiruuf uummanni Oromoo of eeggannoo akka taasisu dhaamna.<br \/>\nUummanni Oromoos ta\u2019e uummattoonni biyyattii Jaarraa 21ffaa keessatti dugda ittiin ba\u2019aa sirna kolonii baroota<br \/>\n1980 keessa ture baatan hin qaban. Uummanni Oromoo hacuuccaa, cunqursaa fi weerara lafa babal\u2019ifannaa<br \/>\ndhufaa darbaan sirratti raawwatamu kana hiddaan ofirraa buqqisuuf yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaakee<br \/>\njabeessuu qabda. Keessumaa ammo ajjeechaa itti yaadamee qe\u2019eetti sirratti raawwatamu kana ofirraa<br \/>\ndhorkuuf yeroo mara dammaquutu sirraa eegama. Gareen Paartii Badhaadhinaa gaggeessitoota, jaarsolii fi<br \/>\nhayyootakee hubannaa fi dandeettii qaban ajjeesuudhaan, jaarmiyaaleekee diiganii ammas jaarraa kanbiraaf<br \/>\nsi jilbeenffachiisanii kolonii jalatti cabsanii si bulchuuf abbalaa waan jiraniif dammaqinaan of eeggannoo guddaa<br \/>\ngochuu qabda. Nagaa fi tasgabbii naannookeetii to\u2019achuudhaan jaarmilaakee, gaggeessitootakee fi hayyoota<br \/>\nkee aggaammii diinaa irraa eeguun itti gaafatamummaa keeti.<br \/>\n3. Uummattoonni Itoophiyaa marti ajjeechaa jumulaa, hidhaa fi haleellaa gareen aangoorra jiru namoota nagaa<br \/>\nirratti raawwachaa jiru akka balaaleffatan waamicha goona. Akkasumas namoonnii fi paartileen siyaasaa tokko<br \/>\ntokko dharraa sirna kolonii impaayera durii deebisuuf qaban milkeeffachuuf jecha uummattoota biyyattii<br \/>\ngidduutti walitti bu\u2019insa hammeessaa waan jiraniif gocha ofittummaa kanarraa akka of qusatan dhaamna.<br \/>\nKanarra akkaataa itti karaa nagaatiin sirna federaalaa uummattoota biyyattii maraaf mijataa ta\u2019e deebisanii<br \/>\ndhaabuun gara marii siyaasaa waliigalatti deemuu danda\u2019amu irratti tumsa isaan irraa eegamu yoo gumaachan<br \/>\nfilatamaadha jenna.<br \/>\n4. Rakkoolee wal xaxoo biyya Itoophiyaa muddaa jiran kana furuudhaaf, hawaasi idil-addunyaa garaa isaanii irraa<br \/>\nduuka bu\u2019anii hordofuudhaan maree fi waliigalteen karaa nagaa qaamolee mara hirmaachise akka<br \/>\ngaggeeffamuuf akka haala mijeessan ammas irra deddeebinee dhaammanna.<br \/>\nDhumarrattis, paartileen siyaasaa fi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu marti ofittummaa irraa walaba ta\u2019uudhaan<br \/>\nuummattoota Itoophiyaa maraaf, nagaa, haqaa fi wal qixxummaa mirkaneessuuf of kennanii garaa isaanii irraa<br \/>\nakka hojjetan waamicha goona.<br \/>\nInjifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nMudde 3, 2021<br \/>\nFinfinnee!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi\u2019ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa fi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Caccabuu Ifatti Agarsiisaa Jira Ibsa ABO-Mudde 3, 2021 Bara 2018, erga gareen Paartiin Bilxiginna jedhamu aangoo qabatee asitti, ajjeechaa jumulaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/12\/04\/ajjeechaan-jumulaa-irra-deddeebiee-uummata-nagaa-irratti-raawwatamaa-jiru-seeraa-fi-danbii-biyya-itoophiyaa-keessaa-caccabuu-ifatti-agarsiisaa-jira\/\" title=\"Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi\u2019ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa fi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Caccabuu Ifatti Agarsiisaa Jira\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1921"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1921"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1921\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1922,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1921\/revisions\/1922"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1921"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1921"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1921"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}