{"id":191,"date":"2017-09-12T20:12:32","date_gmt":"2017-09-12T20:12:32","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=191"},"modified":"2017-09-15T13:19:05","modified_gmt":"2017-09-15T13:19:05","slug":"oromoo-fi-oromiyaa-badii-waliigalaa-irraa-haa-ittisnu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/09\/12\/oromoo-fi-oromiyaa-badii-waliigalaa-irraa-haa-ittisnu\/","title":{"rendered":"Oromoo fi Oromiyaa Badii Waliigalaa Irraa Haa Ittisnu!"},"content":{"rendered":"<p><strong><img loading=\"lazy\" class=\"alignnone size-full wp-image-192\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/09\/olf_em.jpg\" alt=\"\" width=\"650\" height=\"228\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/09\/olf_em.jpg 650w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/09\/olf_em-300x105.jpg 300w\" sizes=\"(max-width: 650px) 100vw, 650px\" \/><\/strong><\/p>\n<p><em><strong>\u201cGoorroo Abbaatu Hordata, Roorroo Abbaatu Dhowwata!\u201d<\/strong><\/em><\/p>\n<p>Mootummaan Wayyaanee waggoota 26 dabraniif Ummata Oromoo irratti lola ifatti baneen ajjeechaa suukanneeessaa raaw\u2019achaa jirutti dabalee kumoota hedduudhaan manneen hidhaatti guuree dararuudhaan miidhaa ol aanaa irraan gahaa jiraachuu fi kanneen ajjeechaa fi hidhaa irraa hafan saamuu fi hiyyoomsuudhaan beelaa fi kadhaaf saaxiluu itti fufee waan jiruuf,<\/p>\n<p>TPLF Oromoo lafa isaa irraa buqqisuudhaan maqaa investmentiin aangawootaa fi ergamtoota isaatiif, akkasumas, alagoota biroof qooduutti dabalee qubsuma alagootaa lafa Oromoo irratti babal\u2019isuudhaan Oromoo lafaa fi qabeenya-maleeyyii taasisuun kan ifatti mul\u2019atuu fi akka imaammataatti irratti dalagamaa jiru tahuun eenyu jalaa iyyuu dhokataa miti. Addatti ammoo imaammata bittootni Itoophiyaa bara dheeraaf hordofan itti fufuudhaan magaalaa Finfinnee fi magaalota naannoo isii dhuunfatuuf karoora bal\u2019aa fi tarsiimawaa (Strategic) qubsuma Oromoo (demography) jijjiiruuf sochii bal\u2019aa gochuu irratti waan argamuuf,<\/p>\n<p>Mootummaan farra ummatootaa kun ummata Oromoo akka sabaatti dhabamsiisuuf imaammata hordofaa jiruun duula ofiin adeemsisu cinaatti Ummatoota ollaa Oromoo qubatan guuza\/daboo waammatuudhaan leenjisee fi hidhachiisee lolchiifatuu waan itti fufeef,<\/p>\n<p>Ilmaan Oromoo Univarsitii adda addaa irraa eebbifaman kuma dhibbaan lakkaa\u2019aman, akkasumas, kanneen barnoota sadarkaa adda addaa qaban hojii dhorkatuudhaan hiyyummaaf saaxilee hegeree dhaloota haaraa dukkaneessee waan jiruuf,<\/p>\n<p>Oromiyaa keessatti <em>(miseensotni OPDO osoo hin hafne)<\/em> abbootii qabeenyaa Oromoo, beektota, dargaggootaa fi qotataa irratti hammeenya TPLF ifaa fi dhoksaan raaw\u2019achaa jiruun lammiileen Oromoo imaammataa fi tarkaanfii diinummaa Wayyaaneef saaxilamanii abdii jireenyaa dhaban lakkoobsaan dabalaa dhufuun bal\u2019inaan waan mul\u2019atuuf,<\/p>\n<p>Mootummaan mirgaa fi wabii jireenya dhala namaa caalaa dantaa garee ofii fi matayyaaf dursa kennu kun dhiibbaa fi tarkaanfii diinummaa Shamarranii fi Dargaggoo irratti raaw\u2019atu irraa filmaata dhabanii kaa\u2019imman abdii hegeree Saba keenyaa tahan biyyoota alagaatti akka baqatan dirqee gammoojjii biyya ormaa adda addaa keessatti kufanii irbaata allaattii tahuu fi galaana keessatti dhumuudhaan irbaata qurxummii tahuun guyyaa irraa guyyaatti dabalaa waan jiruuf,<\/p>\n<p>Aangawootni Wayyaanee saamicha kaayyoo ofii godhatan kun tarkaanfii namoomaan alaa kan abbootii isaanii haaromsuudhaan sharafa alaa ittiin argatuuf jecha lammiilee biyyattii bifa gurgurtaan akka gabraatti daldaluudhaan rakkinootni ulfaatoo fi suukanneessooon dhala namaaf hin malle akka irra gahan taasisuun bal\u2019inaan kan itti fufee jiru waan taheef,<\/p>\n<p>Tarkaanfiilee diinummaa kanneen hunda gootummaadhaan dura dhaabbatee hanqisuuf Ummatni keenya Dhaaba isaa ABOdhaan hogganamee umrii mootummaa kanaa gabaabsuuf finciloota seena-qabeessaa fi itti fufiinsa qaban adeemsisaa turee fi itti jiruun injifannoolee gurguddoo galmeesseen har\u2019aan tana mootummaa Wayyaanee\/TPLF qarqara awwaalaa irraan gahee jiraachuun ifatti mul\u2019ata.<\/p>\n<p>Mootummaan umriin bittaa isaa gabaabbatuu of iratti arge kunis har\u2019a-bulinnaadhaan:<\/p>\n<ol>\n<li>Humna waraanaa addaa \u2018Liyyuu Poolis\u2019 jedhamu kan Somaalota irraa ijaarame leenjisee hidhachiisuudhaan Baha, Kibba-Bahaa fi Kibba Oromiyaatti Ummata keenya irratti duulchisee lolchiifatuu akka itti fufetti jira.<\/li>\n<li>Wayyaaneen humna kana Al-Shabaabiin ittiin lola jechuudhaan Amerikaa fi Ingilizii kan leenjisiifate tahuun ni beekama. Haa tahu malee akeeka himateen alatti Ummata keenya irratti bobbaasuudhaan lolchiisuu irratti argama.<\/li>\n<li>Humni \u201cIttisa Biyyaa\u201d dhuunfata isaa tahe humna Liyyuu Poolis jedhamuuf karoora bobbaa akka baasu, dhiheessii meeshaa lolaa, nyaataa fi qoricha akka dhiheessuuf ajajuutti dabalee\u00a0uffata Liyyuu Poolis itti uwwisuudhaan lola Saba Oromoo irratti adeemsifamu kana\u00a0keessatti kallattiidhaan qooda fudhachiisaa jira.<\/li>\n<\/ol>\n<p>Walumaagala mootummaan Wayyaanee fincila ummatootaan, addatti ammoo, Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) Ummatni Oromoo geggeessaa jiruun akka hamaatti madaa\u2019ee qarqara boollaa gahuu irraa dhabama irraa of hambisuuf duula bifa irra hammaataa fi tarkaanfii namoomaan alaa Ummata Oromoo irratti fudhatuudhaan umrii bittaa isaa turfatuuf abbaluu irratti argama.<\/p>\n<p>Waan taheef, Ummatni Oromoo akka Sabaatti akka hin dhabamneef filmaatni tokkichi qabu mootummaa kana gateettii ofii irraa darbatee gatuu qofa. Akeekni mootummaa farra ummataa kana of irraa gatuu kunis Oromoo hundi harka wal qabatee diina isaa irratti wal-faana bobba\u2019uu qofaan milkaawa.<\/p>\n<p>Bilisummaan Ummatni keenya dharra\u2019u akka mirkanaawuuf tarkaanfiileen armaan gadii akka fudhataman Addi Bilisummaa Oromoo waamicha isaa hundaaf haaromsa:<\/p>\n<ol>\n<li>Sochii mootummaan kun Oromiyaa keessatti adeemsisu kamuu irratti tarkaanfii fudhatuun bifa haaraa fi irra cimaa taheen akka itti fufu,<\/li>\n<li>Ummatni Oromoo gibira mootummaan bifa kamiinuu walitti qabatu baasuu akka dhaabu,<\/li>\n<li>Sochii aangaawotnii fi hojjettootni mootummaa godhan hunda gufachiisuuf tarkaanfiin barbaachisaa tahe hundi akka fudhatamu,<\/li>\n<li>Ummatni keenya Ona hunda keessatti bulchiinsa ofii akka utubatu, akkasumas, qaama nageenya isaa tiksu ijaarratee nagaa fi qabeenya isaa tikfatuu fi tohatuudhaan diddaa itti jiru daran finiinsee mootummaa kana karaa irraa maqsuuf akka sosso\u2019u,<\/li>\n<li>Addatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo dirqama kana ofitti fudhatee milkoomina isaaf sadarkaa ol\u2019aanaatti akka sossohuu fi<\/li>\n<li>Ilmaan Oromoo hidhataniis tahe osoo hin hidhatin mootummaa kanaaf hojjetan hundis tarkaanfii Ummatni keenya bilisummaa ofii gonfatee jireenya Sabummaa ofiitti iggitii gochuuf fudhatu kana milkeessuuf dirqama lammummaa isaanii akka bahatan ABOn gadi jabeessee waamicha isaa dabarsa.<\/li>\n<li>ABOn gama ofiitiin akeeka kana milkeessuuf sochii WBO, Caasaalee ABO fi Jaarmaya Ummataa jabeessuu dabalatee kan isa irraa eegamu hunda akka raaw\u2019atu mirkaneessa.<\/li>\n<\/ol>\n<p><em><strong>\u201cGoorroo Abbaatu Hordata, Roorroo Abbaatu Dhowwata !\u201d<\/strong><\/em><\/p>\n<p><strong>Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !<br \/>\nInjifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong> Fulbaana 12, 2017<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>\u201cGoorroo Abbaatu Hordata, Roorroo Abbaatu Dhowwata!\u201d Mootummaan Wayyaanee waggoota 26 dabraniif Ummata Oromoo irratti lola ifatti baneen ajjeechaa suukanneeessaa raaw\u2019achaa jirutti dabalee kumoota hedduudhaan manneen hidhaatti guuree dararuudhaan miidhaa ol aanaa irraan gahaa jiraachuu fi <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/09\/12\/oromoo-fi-oromiyaa-badii-waliigalaa-irraa-haa-ittisnu\/\" title=\"Oromoo fi Oromiyaa Badii Waliigalaa Irraa Haa Ittisnu!\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":192,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[5,8],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/191"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=191"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/191\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/192"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=191"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=191"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=191"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}