{"id":1893,"date":"2021-10-17T22:08:14","date_gmt":"2021-10-17T22:08:14","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1893"},"modified":"2021-10-17T22:08:14","modified_gmt":"2021-10-17T22:08:14","slug":"ongee-gaddaan-laphee-nama-cabsu-uummata-keenya-godina-booranaa-mudatee-jiru-ilaalchisee-ibsa-addi-bilisummaa-oromoo-baase","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/10\/17\/ongee-gaddaan-laphee-nama-cabsu-uummata-keenya-godina-booranaa-mudatee-jiru-ilaalchisee-ibsa-addi-bilisummaa-oromoo-baase\/","title":{"rendered":"Ongee Gaddaan Laphee Nama Cabsu Uummata Keenya Godina Booranaa Mudatee Jiru Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo Baase."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"149\" height=\"149\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 149px) 100vw, 149px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ongee Gaddaan Laphee Nama Cabsu Uummata Keenya Godina Booranaa Mudatee Jiru Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo Baase.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Onkololessa 17, 2021<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Galma aadaa fi duudhaa Oromoo kan taate Booranaan dararama nam-tolchee fi uumamaatiin dararamaa jiraachuu ishee wayita beeksisnu gadda guddaadhaan lapheen keenya cabeeti. Uummanni Booranaa falmii Oromoon mirga hiree ofiin murteeffachuu mirkaneeffachuuf jecha bara dheeraadhaaf mootummaa impaayera Itoophiyaa irraatti qabsoo hadhooftuu gaggeessaa haga har\u2019aatti itti fufee jira. Hacuuccaa fi dararami mootummoonni Impaayera Itoophiyaa dhufaa darbaan uummata naannichaa irratti raawwatan haga ammaatti kan hin dhaabbanne yoo ta\u2019u, kun ammoo uummanni naannichaa tajaajilawwan qaroomina ammayyaa, tajaajila mana barnootaa, hospitaalaa fi kkf akka hin arganne taasisee jira. Kun ammoo hongee hamaa Godina Booranaa mudatee jiruuf irra aanuu dadhabamuuf sababa ta\u2019ee jira.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Sababa dhibaa\u2019ummaa, maal na dhibdee fi tarkaanfii fudhachuu dhabuu Paartii Bilxiginnaa Itoophiyaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ongeen yeroo ammaa Godina Booranaa mudatee jiru daran hammaatee jira. Tibba mootummaan Bilxiginnaa kaabaan Raayyaa Ittisaa Tigiraayii fi Oromiyaatti ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin lola ofii qabsiise irratti xiyyeeffatee jiru kanatti kibba biyyattii keessatti namoonni kumootaan lakkaa\u2019aman humnoota nageenyaa mootummaatiin ajjeeffamuu qofa osoo hin taane, sababa hoongee mootummaan beekaa xiyyeeffannoo itti kennuu dhabeef du\u2019aa jiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hongee Godina Booranaa mudatee jiru kanaan wal qabatee, namootaa fi horii godinichaatiif hatattamaan bishaan dhugaatii fi nyaati ga\u2019aan hin dhiyaatu taanaan, rakkoo baay\u2019ee hamaatu mudachuuf deema. Rakkoo fi dararama yeroo dheeraaf naannoo Oromiyaa keessa ture taajjabaa har\u2019a geenyee jirra. Hongee hamaan balaa uumamaa fi rakkoo siyaasaan wal qabatee yeroo ammaa Godina Booranaa mudatee, tibba addunyaa guutuun waldhabdeen jeeqamaa jirtutti ta\u2019uun isaa adda taasisa.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo gumaacha dhaabbanni Mootummoota Gamtoonni (UN) gama kanaan gochaa jiru kan quba qabu yoo ta\u2019u, gumaacha isaanii kanaaf galata guddaa isaaniif qabu ibsuu barbaada. Haatahu malee, miidhaa hongee hamaan kun geessisu hir\u2019isuudhaaf yeroodhaan tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun murteessaadha. Waan kana ta\u2019eef, Dhaabbileen Mit-Mootummaa (NGO), mootummaan, firoonnii fi olloonni uummata Oromoo, osoo yeroon hin darbin uummata Oromoo Booranaa fi naannoo isaa akka baraaraniif gadi jabeessinee waamicha goona.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Lammiileen Oromiyaa addunyaa kanarra jiran marti dhimma uummata keenya Booranaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan, hubannoo barbaachisaa ta\u2019e uumuun gama danda\u2019ame maraan gargaarsa akka walitti qabanii fi harka wal qabatanii yeroo ulfaataa kana keessa akka wal dabarsan dhaamna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Onkololessa 17, 2021<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Ongee Gaddaan Laphee Nama Cabsu Uummata Keenya Godina Booranaa Mudatee Jiru Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo Baase. &nbsp; Onkololessa 17, 2021 &nbsp; Galma aadaa fi duudhaa Oromoo kan taate Booranaan dararama nam-tolchee fi uumamaatiin <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/10\/17\/ongee-gaddaan-laphee-nama-cabsu-uummata-keenya-godina-booranaa-mudatee-jiru-ilaalchisee-ibsa-addi-bilisummaa-oromoo-baase\/\" title=\"Ongee Gaddaan Laphee Nama Cabsu Uummata Keenya Godina Booranaa Mudatee Jiru Ilaalchisee Ibsa Addi Bilisummaa Oromoo Baase.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1893"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1893"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1893\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1894,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1893\/revisions\/1894"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1893"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1893"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1893"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}