{"id":1888,"date":"2021-10-08T16:50:16","date_gmt":"2021-10-08T16:50:16","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1888"},"modified":"2021-10-08T16:50:16","modified_gmt":"2021-10-08T16:50:16","slug":"paartiin-badhaadhinaa-abo-maqaa-sirrii-hin-taaneen-waamuu-fi-uummata-oromoo-maqaa-balleessuudhaaf-mirga-hin-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/10\/08\/paartiin-badhaadhinaa-abo-maqaa-sirrii-hin-taaneen-waamuu-fi-uummata-oromoo-maqaa-balleessuudhaaf-mirga-hin-qabu\/","title":{"rendered":"Paartiin Badhaadhinaa ABO Maqaa Sirrii Hin Taaneen Waamuu fi Uummata Oromoo Maqaa Balleessuudhaaf Mirga Hin Qabu"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"156\" height=\"156\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 156px) 100vw, 156px\" \/><\/p>\n<p>Paartiin Badhaadhinaa ABO Maqaa Sirrii Hin Taaneen Waamuu fi Uummata Oromoo Maqaa Balleessuudhaaf Mirga Hin Qabu<\/p>\n<p>Ibsa ABO<\/p>\n<p>Onkoloolessa 8, 2021<\/p>\n<p>Filannoo biyyaalessaa mootummaan Itoophiyaa Waxabajjii 21\/2021 gaggeessee ture, adeemsi isaas ta\u2019e bu\u2019aan filannichaa fudhatama kan hin qabne ta\u2019uu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) irra deddeebi\u2019ee uummata Itoophiyaafi hawaasa idil-addunyaa beeksisaa ture. Filannichi filannoo ulaagaa filannoo hin guunnee fi filannoo bu\u2019uura seeraa hin qabne ture. Filannoo walabaa fi haqa qabeessa hin turre. Adeemsi filannichaa jalqabaa kaasee haga dhumaatti, akkasumas bu\u2019aan filannichaa qindoomina kan hin qabnee fi fafakkeessaa fi gowoomsaadhaan kan guutame ture.<\/p>\n<p>Waanti beekamuu qabu, garee aangoo dhuunfatee jirutu maqaa dimokiraasiitiin dantaa siyaasaa mataa ofii milkeeffachuuf diraamaa dalagameedha filannoon Mootummaan Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa gaggeesse hin turre. Filannichi sagantaa Paartiin Badhaadhinaa ittiin uummata Itoophiyaa, addatti ammoo uummata Oromoo gowoomsee gara mootummaatti of jijjiireedha. Jalqabuma iyyuu, Dr.Abiyyi Ahmad osoo adeemsa heeraa fi seeraa hin hordofin paartii ADWUI (EPRDF) diigee, Paartii Qeenxee Badhaadhina hundeessuudhaaf aangoo heera mootummaan kennameef hin qabu. Kanaaf paartiin karaa seeraan alaa hundeeffame kun biyyattii bulchuudhaaf yookaan filannoo biyyaalessaa gaggeessuudhaaf aangoo heeraa fi seeraa hin qabu. Dabalataanis, erga Dr.Abiyyi gara aangootti dhufee eegale gaaga\u2019amni hamaan heera mootummaa irratti kan raawwatame yoo ta\u2019u, qabeenya uummata biyyattii fi aangootti seeraan ala fayyadamuudhaan Paartii Badhaadhinaa jabeessuufi aangessuuf abbalamaa jira. Dhaabbileen Sirna Dimokiraasii, dantaa fi fedhii Paartii Badhaadhinaa milkeessuu qofaaf hojjetu. Paartileen moormitootaa jalqabuma irraa eegalee dhiibamanii waan baafamaniif, filannoo keessatti qooda hin fudhanne. Haaluma kanaan Addi Bilisummaa Oromoo humnaan dhiibamee filannoo keessaa akka baafame uummati Itoophiyaas ta\u2019e hawaasi idil-addunyaa quba qaba. Kongireesiin Federaalistii Oromoos haaluma wal fakkaatuun humnaan dhiibamee filannoo keessaa ba\u2019e. Paartileen mormitootaa kanneen Paartii Badhaadhinaa biratti amanamummaa qaban, garuu ammoo ilaalcha siyaasaa xiqqoo adda ta\u2019e qaban, malaan filannoo keessaa dhiibamaniiru yookaan tibba filannoo miidhaan isaan irratti raawwatameera.<\/p>\n<p>Akkasumas filannichi ta\u2019e jedhamee itti yaadamee, haalota nagaa fi tasgabbiin yaaddessaa ta\u2019ee fi naannowwan walitti bu\u2019insaan muddame keessatti gaggeeffame. Tibba filannootti Lixa Oromiyaa, Kibba Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, Giddugaleessa Oromiyaa, naannolee Affaarii fi Ogaadenii fi lola Kaaba Itoophiyaa Adda Bilisummaa<\/p>\n<p>Uummata Tigraay waliin gaggeeffamaa jiru dabalatee lola hamaatu adeemsifamaa ture. Buufataaleen filannoo loltoota paartii badhaadhinaan guutamanii waan turaniif, uummannii naannoolee lolli itti gaggeeffamuu barbaadu kana keessa jiraatu filannoo irratti hirmaachuu hin dandeenye. Hawaasaa fi dhaabbileen idil-addunyaa filannoo kana waan lagateef, qaamoleen walaba ta\u2019an filannicha hin daawwanne. Waanti baay\u2019ee nama ajaa\u2019ibu ammoo, bakkoota hedduutti deggertoota Paartii Badhaadhinaatu akka daawwattootaatti dhiyaate. Warri filannoo kana irratti hirmaachuudhaaf carraa argatanis, loltoota Paartii Badhaadhinaatiin sodaachifamaa, miseensota Paartii Badhaadhinaa akka filaniid kallattiinis ta\u2019e alkallattiidhaan dhiibbaan isaan irratti godhamee jira. Walumaagala, filannicha haala lolaa fi walitti bu\u2019insaan muddamee fi garee biyya bulchaa jiruun dhuunfatame keessatti gaggeeffame. Paartiin Badhaadhina gaafa guyyaa Waxabajjii 21\/2021 dorgommii tokko malee qofaa isaa filannoo gaggeessuudhaan, akka waan injifateetti labsee jira.<\/p>\n<p>Yeroo ammaa paartii Qeenxee Dr.Abiyyii ofii isaa haaromsuudhaan, Dr.Abiyyi kaayyoo isaanii dhugoomfachuuf mootummaa isaanii hundeeffachaa jiru. Adeemsa mootummaa hundeessuu kana irratti ABO maqaa sirrii hin taaneen waamuu fi uummata Oromoo maqaa xureessu gadi jabeessinee balaaleffanna. Dr.Abiyyiin dantaa siyaasaa dhuunfaaf jecha karaa seeraan alaa maqaa ABO fayyadamuudhaan Uummata Oromoo fi hawaasa idil-addunyaa gowoomsuuf yaalaa jira. Kun ammoo Qeeroo Oromoo kumootaan lakkaa\u2019aman kanneen Sirna Mootummaa TPLF-EPDRF duraanii kuffisuuf lubbuu isaanii qaalii aarsaa godhan tuffachuudha.<\/p>\n<p>Waan kana ta\u2019eef, uummattoonni Itoophiyaa gamtaadhaan tokko ta\u2019ee rakkoo fi gaaga\u2019ama deddeebi\u2019ee uummata keenyaa fi biyyattii mudataa jiruuf fala barbaaduutu irraa eegama. Kanaafuu, uummati Itoophiyaa fi paartileen siyaasaa furmaatawwan armaan gadii irratti xiyyeeffachuudhaan, osoo yeroo hin gubin hojiirra oolmaa isaaf gamtaadhaan hojjechuu qabu:<\/p>\n<p>1. Uummanni Oromoo naannoo isaanii keessatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu fi uummata naannichaatiif abdii gaarii dhugoomsuudhaaf Mootummaa Ce\u2019umsaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jabeessuu qabu.<\/p>\n<p>2. Uummattoonni Itoophiyaa bu\u2019uura heera mootummaa Itoophiyaatiin qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachisun Mootummaa Ce\u2019umsaa Biyyaalessaa hundeessuudhaan filannoo walabaa fi haqa qabeessa ta\u2019e gaggeeffamee biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbiin akka dagaaguuf waliin hojjechuudhaan haala akka mijeessan dhaamna.<\/p>\n<p>3. Hawaasi Idil-addunyaa rakkoo fi gaaga\u2019ama kallattii maraan Itoophiyaa mudateef furmaata barbaachisaa diriirsuu fi mootummaa ce\u2019umsa marii biyyaalessaatiif haala mijeessu uumuudhaan biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii dhugoomsuudhaaf qaamolee dhimmi ilaallatu mara irratti dhiibbaa akka godhan dhaamna.<\/p>\n<p>Injifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Onkololessa 8, 2021<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Paartiin Badhaadhinaa ABO Maqaa Sirrii Hin Taaneen Waamuu fi Uummata Oromoo Maqaa Balleessuudhaaf Mirga Hin Qabu Ibsa ABO Onkoloolessa 8, 2021 Filannoo biyyaalessaa mootummaan Itoophiyaa Waxabajjii 21\/2021 gaggeessee ture, adeemsi isaas ta\u2019e bu\u2019aan filannichaa fudhatama <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/10\/08\/paartiin-badhaadhinaa-abo-maqaa-sirrii-hin-taaneen-waamuu-fi-uummata-oromoo-maqaa-balleessuudhaaf-mirga-hin-qabu\/\" title=\"Paartiin Badhaadhinaa ABO Maqaa Sirrii Hin Taaneen Waamuu fi Uummata Oromoo Maqaa Balleessuudhaaf Mirga Hin Qabu\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1888"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1888"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1888\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1889,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1888\/revisions\/1889"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1888"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1888"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1888"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}