{"id":1833,"date":"2021-08-28T15:51:13","date_gmt":"2021-08-28T15:51:13","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1833"},"modified":"2021-08-28T15:51:13","modified_gmt":"2021-08-28T15:51:13","slug":"gabaasi-komiishiniin-mirga-dhala-namaa-itoophiyaa-dhiyeesse-adda-bilisummaa-oromoo-kan-hin-amansiisnee-fi-fudhatama-kan-hin-qabneedha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/08\/28\/gabaasi-komiishiniin-mirga-dhala-namaa-itoophiyaa-dhiyeesse-adda-bilisummaa-oromoo-kan-hin-amansiisnee-fi-fudhatama-kan-hin-qabneedha\/","title":{"rendered":"Gabaasi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Dhiyeesse Adda Bilisummaa Oromoo Kan Hin Amansiisnee fi Fudhatama Kan Hin Qabneedha"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"159\" height=\"159\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 159px) 100vw, 159px\" \/><\/p>\n<p>Gabaasi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Dhiyeesse Adda Bilisummaa Oromoo Kan Hin Amansiisnee fi Fudhatama Kan Hin Qabneedha<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ibsa ABO, Hagayya 27\/2021<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa akka waan mirga dhala namaatiif falmuu fi sarbiinsa mirga dhala namaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru qorachaa jiruutti dubbata. Haatahu malee gabaasawwan komiishinichi dhiyeessu tokko tokko loogiidhaan kan guutamanii fi dantaa siyaasaa bu\u2019uura kan godhatan ta\u2019uu yeroo baay\u2019ee irra deddeebinee taajjabnee jirra. Dhaabbati Mirga Dhala Namaa walaba ta\u2019e tokko, ga\u2019ee fi dirqamoota mirga dhala namaa ilaalchisee qabu, haala oogummaa bu\u2019uura godhateen loogii tokko malee walaba ta\u2019ee sirnaan raawwachuu qaba jennee amanna. Akkasumas dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu tokko, sarbiinsa mirga dhala namaa raawwatame qorachuudhaaf, qaamolee naannoo sarbiinsi mirga dhala namaa itti raawwatame keessatti argaman kanneen akka maatii, miidhamtootaa fi ragoolii ijaan argan, akkasumas jiraattota naannoo, qondaaltota mootummaa irraa ragaalee fi odeeffannowwan barbaachisoo ta\u2019an walitti qabuudhaan bu\u2019uura seera biyyaalessaa fi seerota idil-addunyaa dhimmichaan wal qabatuun mirkaneessuutu irraa eegama jennee amanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Haatahu malee hooggantoota olaanoo fi hojjettoota Komiishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa irraa mala qorannoo sirrii, walaba ta\u2019ee fi oogummaa bu\u2019uura godhate argachuu hin dandeenye. Dhaabbanni Komiishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa dhaabbata qaama mootummaa ta\u2019ee fi dantaa siyaasaa murnaa tokkoo tarkaanfachiisuu fi faayidaa saba tokkoo tiksu waan ta\u2019eef, walaba ta\u2019ee ga\u2019ee fi dirqama isaa sirnaan raawwachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Gabaasawwan komiishinichi yeroo darbe dhiyeessaa turre qalbiidhaan yoo xiinxalle, keessumaa gabaasawwan naannolee walitti bu\u2019insa Amaaraa fi sabaaf sablammoota biroo kanneen akka Oromoo, Beneeshaangul Gumuzii fi Tigraayi ilaalchisee dhiyaatan loogii dhaan faalame ta\u2019uu hubachuun ni danda\u2019ama. Odeeffannowwan jiraattota naannoo irraa arganne (kanas kallattiidhaan jiraattota naannoo dubbisuun mirkaneessuun ni danda\u2019ama), akka ibsanitti gabaasawwan Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa dhiyeesse kunniin odeeffannoowwanii fi ragaalee qondaaltota mootummaa sarbiinsa mirgaa raawwatan irraa walitti qabame bu\u2019uura godhachuudhaan qophaa\u2019e. Qorannoon komiishinichi dhiyeesse bakkoota tokko tokkotti, ragaalee namoota miidhamanii fi qaamolee sarbiinsa mirgaa raawwataniin wal qabatan hin ibsine. Gabaasawwan komiishinichi dhiyeessaa ture baay\u2019een isaanii ragaa qabatamaa kan hin qabne, loogiidhaan kan guutamee fi oogumaa bu\u2019uura godhachuun kan hin raawwatamne ta\u2019uu qalbifachuun ni danda\u2019ama. Gabaasawwan kunniin hedduun isaanii loogii kan guutaman yookaan dhugaa qabatamaa lafarra jiru dhoksuun, odeeffannoo sobaatiin uummata dogoggorsuuf dhiyaatan. Akkasumas, komiishinichi sarbiinsa mirga namaa gurguddoo fi hamoo ta\u2019an, garuu ammoo fedhii fi dantaa komiishinichaa waliin wal hin simneef xiyyeeffannoo hin laanne. Dabalataanis komiishinichi adeemsa ragaa fi odeeffannoo funaanuu keessatti namoota odeeffannoo kennaniif iccitii eeguu dhabuun, namoonni odeeffannoo kennan qaamolee mootummaatiin dabalata akka miidhamaniif kan saaxile ta\u2019uu taajjabnee jirra.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Tibba darban keessa gabaasawwan loogiin guutamanii fi uummata dogoggorsan hedduu taajjabaa kan turre yoo ta\u2019e iyyuu, ibsi komiishinichi gaafa guyyaa Hagayya 26\/2021 baase addatti qalbi keenya hawwatee jira. Ibsichi haleellaa\/miidhaa gara jabeenyaa Milishaan Amaaraa fi humnoonni mootummaa uummata Oromoo nagaan jiraatuu fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatan xiqqeessuudhaan, kan miidhamtoota Amaaraa garmalee dhaadhessee jira. Gabaasi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa dhiyeesse kun akka waan Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn), Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Giddaa Kiramuu keessatti jiraattota saba Amaaraa 150 ajjeeseetti ibsee jira. Dabalees, gabaasichi akka waan ajjeechaan saba Amaaraa irratti xiyyeeffatee raawwatameetti eeree jira. Haatahu malee miidhamtootaa fi jiraattota naannoo irraa akka mirkaneessinetti, ibsi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa dhiyeesse, waa\u2019ee diraamaa siyaasaa osoo taateen kun hin uumamin guyyoota muraasa dursee raawwatame hin eerre. Akkuma duraan baratame, qaamoleen mootummaa fi miiltowwan isaa, lolli kun osoo hin eegalin guyyoota muraasa dursanii diraamaa siyaasaa tokko qindeessanii turan. Kaayyoon diraamaa kanaas sochii WBOn naannicha keessatti gaggeessu irratti duula maqa-balleessii banuudhaaf ture. Taateen kun osoo hin raawwatin guyyoota lama dursanii, Humni Amaaraa hidhatan laga Abbayyaa ce\u2019uudhaan, aanaalee kanneen akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Hagamsaa fi Amuuruu Jaartee qabatan. Ergami isaanii jalqabaas dubartootaa fi daa\u2019imman Amaaraa naannicha jiraatan buqqaasuu ture. Kanumaan mootummaan<\/p>\n<p>dhoksaadhaan gocha duguuggaa sanyii akkanaa raawwachuudhaaf sarara tajaajilaa bilbilaa fi quunnamtii naannichaa addaan kute. Ergamni isaanii lammaffaan lola banuudhaan namoota nagaa heddumminaan erga ajjeesanii booda, akka waan WBOn garee saba tokkorratti xiyyeeffatee ajjeechaa raawwatuutti fakkeessuudhaan miidiyaalee garaagaraa irratti ololanii bu\u2019aa siyaasaa irraa argachuudhaaf ture. Dubartoonnii fi daa\u2019imman erga buqqaa\u2019anii boodas, miliishaan Amaaraa, humnoota mootummaa waliin ta\u2019uudhaan baayyatanii meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhachuun uummata Orommoo magaalota kanneen akka Wasti, Sireedooroo, Hagamsa fi Haroo\/Lalisee keessa jiraatan irratti lola banan. Lolli kunis guyyoota sadiif walitti fufiinsaan kan gaggeeffame yoo ta\u2019u, uummata Oromoo nagaa hidhannoo hin qabne hedduu ajjeesan. Gabaasi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa dhiyeesse garuu gocha duguuggaa sanyii uummata Oromoo hidhannoo hin qabne irratti raawwatame dhoksuudhaan, akka waan ajjeechaan jiraattota Amaaraa naannichatti argaman irratti raawwatamee fakkeessuun garmalee dhaadhessee kan ibse yoo tahu, kanaanis miidiyaaleen garaagaraa WBO balaaleffachuu irratti fuuleffatanii jiru. Kanaaf ABOn, ibsi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiuaa gaafa guyyaa Hagayya 26\/2021 Godina Wallaggaa Bahaa keessatti jiraattonni Amaaraa 150 ajjeefamaniiru jechuun baase, loogiidhaan kan faalame, hir\u2019uu fi soba jedhee amana.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>ABOn jiraattotaa fi maatii sababa walitti bu\u2019insa kanaatiin miidhamaniif jajjabina hawwa. Dabalataanis, naannichi haga ammaatti walitti bu\u2019insaa fi hokkoraan jeeqamaa waan jiruuf, baay\u2019ina namoota ajjeefamanii yeroo gabaabaa keessatti ragaa quubsaa fi amansiisaa argachuun ulfaataa waan ta\u2019eef, gara fuulduraatti mirkaneessinee kan beeksifnu ta\u2019a.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waan kana ta\u2019eef, ibsa Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa gaafa guyyaa Hagayya 26\/2021 baase ilaalchisee, uummanni Oromoo fi Uummati Itoophiyaa, akkasumas hawaasi idil-addunyaa odeeffannoo sirrii fi dhugaa akka argataniif dhimmichi qaama walaba ta\u2019een akka qoratamuuf waamicha goona.<\/p>\n<p>BBC Afaan Oromoo dabalatee miidiyaaleen marti gabaasa Komiishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa loogiidhaan faalame kana gabaasuun uummata dogoggorsuu irraa akka of qusatan dhaamna. Kanarra, miidhamtoota kallattiidhaan dubbisanii ragaa sirrii fi dhugaa argachuun akka gabaasan beeksifna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Gamtaan Mirga Dhala Namaa Idil-Addunyaa (UNHRC) fi gareewwan mirga dhala namaatiif falman biroon, Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa gocha loogii fi amanamummaa dhabuu kana irraa of qusatee, bu\u2019uura qajeelfamoota Mirgoota Dhala Namaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi danbiiwwan mirgoota dhala namaatiin ga\u2019ee fi dirqama isaa sirnaan akka raawwatuuf hordoffii barbaachisan akka gootan gaafanna. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Gamtaan Mirga Dhala Namaa Idil-Addunyaa (UNHRC), Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa hojii isaa oogummaa bu\u2019uura godhachuudhaan loogii tokko malee karaa haqaa fi dhugaatiin hojjechaa kan jiru ta\u2019uu uummata uummata Itoophiyaaf mirkaneessuuf dhiibbaa gochuu qaba.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhuma irrattis, Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa yaada, ilaalcha siyaasaa fi saba irratti hundaa\u2019uudhaan loogii raawwachuu irraa of qusate, hojii isaa bu\u2019uura qajeelfamoota mirga dhala namaa UNHRC tiin akka raawwatu gorsina.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Uummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hagayya 27\/2021<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Finfinnee, Oromiyaa<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; &nbsp; Gabaasi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Dhiyeesse Adda Bilisummaa Oromoo Kan Hin Amansiisnee fi Fudhatama Kan Hin Qabneedha &nbsp; Ibsa ABO, Hagayya 27\/2021 &nbsp; Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa akka waan mirga dhala <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/08\/28\/gabaasi-komiishiniin-mirga-dhala-namaa-itoophiyaa-dhiyeesse-adda-bilisummaa-oromoo-kan-hin-amansiisnee-fi-fudhatama-kan-hin-qabneedha\/\" title=\"Gabaasi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Dhiyeesse Adda Bilisummaa Oromoo Kan Hin Amansiisnee fi Fudhatama Kan Hin Qabneedha\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1833"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1833"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1833\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1833"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1833"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1833"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}