{"id":1737,"date":"2021-06-27T23:09:58","date_gmt":"2021-06-27T23:09:58","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1737"},"modified":"2021-06-27T23:10:08","modified_gmt":"2021-06-27T23:10:08","slug":"ibsa-gaddaa-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/27\/ibsa-gaddaa-abo\/","title":{"rendered":"IBSA GADDAA ABO"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1224 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"154\" height=\"136\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>IBSA GADDAA ABO<br \/>\nJaal Dheengee Huseen Kulaa, Miseensa Koree Hojii Gaggeesituu ABO akka tasaatti du\u2019aan of biraa dhabuun<br \/>\ngudda guddaan nutti dhagahamuu ibsina. Jaal Dheengeen Jimaata barii gaafa Waxabajjii 25, 2021<br \/>\nHospotala Nairobii, Kenyatti guyyoota 11f bakka itti wal\u2019aanamaa turetti boqote.<br \/>\nJaal Dhhengee Huseen Kibba Oromia, Magaalaa Moyyaaleetti, Caamsaa 21 bara 1974tti dhalatee guddate.<br \/>\nBarnoota isaa sadarkaa duraa fi lammaffaas Mana Barnootaa Moyyaaleetti xumure. Hiriyootni waliin guddata<br \/>\nnii fi baratan yammuu himan ijoollummaatti callisaa barnoota isaa irraa hin gorree fi qaroo, bartoota<br \/>\nqorumsa biyyoolessaa ministeera barnootaa irraa bara san kennametti warra sadarkaa tokkofaatti qabxii<br \/>\nguddaa galmeessan keessaa tokko ture.<br \/>\nJaal\u2019ataa fi taphataa kubbaa miillas ture. Carraa argame maraan baratee dandeettii isaa ol kaasuuf hawwii qab<br \/>\nuun koorsiilee ogummaa gara garaa fudhateera. Universitii Afiriikaa Kibbaatti barnoota Siyaasaan digrii isaa<br \/>\nduraa argate. Warri isaa ijoolummaatti akka fudhu waan godhaniif ilmaan Afur qaba. Obaleewan<br \/>\nlubbuun jiran dhiiraa afurii fi dubartoota sadii qaba. Haadhaa fi abbaan duraa du\u2019aniiru. Hojjataa fi<br \/>\ntattaafataa waa maraa waan tureef ijoollummaan gaafatamni itti kennamee hawwaasaaf tajaajila kennaa ture.<br \/>\nJaal Dheengeen bara 1990 Adda Bilisummaa Oromootti makame. Jaallan Zooni Kibbaatti makamee warren<br \/>\ndirree sana banan keessaas tokko. Barattiin sun yeroo hadhooftuu fi qorumsaa turte.<br \/>\nJaal Dheengeen warra humnicha jiraachisanii fi obsaa fi murannoon, naamusaa fi danboobaan humnichaaf fa<br \/>\nkkii gaarii tahan keessaa tokko ture. Loltummaa fi dabballummaan qooda dinqisiisaa kennaa ture. Bara<br \/>\n1998 keessa miseensa Gumii Sabaa ABO tahee filame,<br \/>\nAmanamummaa kaayyoo fi si\u2019aa\u2019ina hojii agarsiiseen kabajaa fi jaalala waan horateef 2017 keessa Kora<br \/>\nSabaa 4ffaa irratti miseensummaa Koree Hojii Geggeesituu ABOtti filamee hanga guyyaa<br \/>\nboqotuutti kenninsaa fi murannoo cimaan qooda isaa kenneera. Gaafatamaa Hojii Hariiroo Alaa<br \/>\nABO kan Afiriikaa ture. Akka dafee ka\u2019u abdachuun dhukkubsachuun isaahuu dhoksaatti qabamee ture.<br \/>\nWanti hin eegamin yammuu mudate gadda guddaatu nu hundatti dhagahame.<br \/>\nDu\u2019aan adduunyaa kana irraa godaanuun battala dhagahametti oduun isaa dafee bakkayyuu gahe. Miseensota<br \/>\nABO duwwaa utuu hin tahin firaa-fiixaa fi sabboonttonni Oromoo hundi gaddaanii jiru.<br \/>\nBakka aantii fi sabboontonni Oromoo heddumminaan argamanitti, aradduma itti dhalate Moyyaalee Oromiya<br \/>\natti sirna bareedaan ganama Waxabajjii 27,2021 hawwaalameera. Yeroo ammaa kan hoogganootni ABO hed<br \/>\nduun hidhamanii bakka isaaniis cufuuf kanneen hafan horiyaa yeroo jiran kana keessatti Jaal Dheengee Husee<br \/>\nn of biraa dhabuun baay\u2019ee gaddisiisaa tahus,warri hafe qabsoo inni guyyaa fi halkan itti hojoomaa ture fiixa<br \/>\nbaasuuf gahee ofii bahuun dirqama.<br \/>\nJaallan qabsoo, Ijoolleen Jaal Dheengee Huseen, obbolaan ,firaa fi lammiin Oromoo marti obsaa, sabbaraa. W<br \/>\naaqayyo hunda keenyaaf jajjabina kenninna.Lubbuun isaa jannataan haa qananiitu.<br \/>\nQabsaawaan ni kufaa, Qabsoon itti fufa!<br \/>\nInjifatnoo ummata Oromoof!!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; IBSA GADDAA ABO Jaal Dheengee Huseen Kulaa, Miseensa Koree Hojii Gaggeesituu ABO akka tasaatti du\u2019aan of biraa dhabuun gudda guddaan nutti dhagahamuu ibsina. Jaal Dheengeen Jimaata barii gaafa Waxabajjii 25, 2021 Hospotala Nairobii, Kenyatti <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/27\/ibsa-gaddaa-abo\/\" title=\"IBSA GADDAA ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1737"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1737"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1737\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1737"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1737"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1737"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}