{"id":1733,"date":"2021-06-25T16:45:54","date_gmt":"2021-06-25T16:45:54","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1733"},"modified":"2021-07-01T02:30:19","modified_gmt":"2021-07-01T02:30:19","slug":"mootummaan-baraaraa-akka-hundeeffamuu-fi-mariin-siyaasaa-qooda-fudhattoota-mara-hirmaachise-akka-gaggeeffamuuf-waamicha-goona-ibsa-abo-waxabajjii-25-2021-rakkoo-siyaasaa-nageenyaa-fi-heera-mootum","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/25\/mootummaan-baraaraa-akka-hundeeffamuu-fi-mariin-siyaasaa-qooda-fudhattoota-mara-hirmaachise-akka-gaggeeffamuuf-waamicha-goona-ibsa-abo-waxabajjii-25-2021-rakkoo-siyaasaa-nageenyaa-fi-heera-mootum\/","title":{"rendered":"Mootummaan Baraaraa\u00a0 Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1224 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"160\" height=\"141\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Mootummaan Baraaraa\u00a0 Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona<\/strong><\/p>\n<p><strong>Ibsa ABO, Waxabajjii 25\/2021<\/strong><\/p>\n<p>Rakkoo siyaasaa, nageenyaa fi heera mootummaa biyyattii mudachaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, filannoon haala akkanaa keessatti gaggeeffamu kamiyyuu seera qabeessa, haqa qabeessaa fi walaba ta\u2019uu akka hin dandeenye ibsoota keenya yeroo darbee keessatti beeksisaa turre. Kanaaf, mootummaa fi qooda fudhattoonni biroon xiyyeeffannoo fi leecaalloo isaanii filannoo eerame kana irraa kaasanii, mariin Siyaasaa qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachise akka gaggeeffamuufi rakkoon siyaasaa biyyattii mudatee jiru akka furamuuf haala akka mijeessatuuf waamicha goonee turre. Haatahu malee gareen aangoo mootummaa qabatee jiru waamicha nuti gooneef bakka kennuu dhiisee, humnaan gara filannoo \u201cbiyyaalessaa\u201d gaggeessuutti ce\u2019e. Filannoon \u201cbiyyaalessaa\u201d waamicha keenya dhaga\u2019uu diduun humnaan gaggeeffame kun, lubbuu namootaa gaaga\u2019uu fi qabeenya mancaasuun\u00a0 alatti bu\u2019aa tokkollee hin argamsiifne jennee amanna.<\/p>\n<p>Filannoo kanaan wal qabatee lubbuu namaa fi qabeenya badeef gadda nutti dhagaa\u2019ame ibsaa, filannoon gaggeeffame kun rakkoo siyaasaa biyya kanaa kan haammessu malee fala akka hin taane yaadachiifna. Rakkoon siyaasaa Itoophiyaa marii siyaasaa malee filannoon fala akka hin taane dhaamnee turre. Haatahu malee gareen aangoo irra jiru, filannoon kun rakkoo siyaasaa biyyattii kanaaf fala akka hin taane osoo beekuu, filannoo jedhamu sana gaggeessee jira. Haa tahu malee akkuma eegame filannoon mootummaan humnaan itti seene, lubbuun namaa fi qabeenyi guddaan akka manca\u2019uuf sababa ta\u2019ee jira.<\/p>\n<p>Mootummaan humnaan dhiibee gara filannootti kan seeneef, haala kamiin iyyuu, aarsaan fedhe\u00a0 kaffalee aangoo irra turuuf akka ta\u2019e ni beekna. Kana irraa ka\u2019uun dabalees mootummaan biyyattii keessatti walitti bu\u2019insaa fi waraanni akka hammaatu taasisaa jira. Haatahu malee uummanni keenya shira mootummaan dalagu kanaan hin gowoomne. Inumaayyuu, aarsaa kan isaan kaffalchiise ta\u2019us, uummati keenya obsaa fi tasgabbiidhaan hordofaa turee jiras. Uummattoonni Itoophiyaa, addatti immoo uummanni Oromiyaa hokkora mootummaan kaasuuf yaale ture irraa of qusattanii obsaan wan dabartaniif ABOn baay\u2019ee isin galateeffata. Sababni isaa bilchina uummta keenyaatu, jeequmsaa fi seer-maleessummaan kun akka hin haammanneef fashaleesse. Addatti immoo uummanni Oromoo bal\u2019aan, keessumaa immoo miseensotaa fi deggertoonni keenya, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi caasaaleen isaa, Koreen Mootummaa Ce\u2019umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa as Oromiyaa fi Biyya alaa jirtan shira mootummaa kanaatti diramuu diduun fi\u00a0 harka kennuu hanqisuu keessaniif ABOn akka dhaaba siyaasaatti dinqisiifannaa fi galata isiniif qabu ibsuu barbaada. Bulchiinsi Mootummaa Ce\u2019umsaa Naannoo Oromiyaa shira kaadiroonnii fi tikoonni mootummaa yeroo filannoo fi filannoodhaan booda Oromiyaa fi bakkoota biroo keessatti hokkora kaasuuf yaalaa turan, uummata Oromiyaa waliin ta\u2019uudhaan fashaleessee jira.<\/p>\n<p>Filannoon biyyaalessaa gaafa guyyaa Waxabajjii 21\/2021 gaggeeffame gama kamiin iyyuu fudhatama akka hin qabne, ABOn ammas irra deebi\u2019ee ibsachuu barbaada. Adeemsi filannoo kanaa garee aangoo irra jiruun waan gufateef, paartilee siyaasaa muraasa qofatu filannoo irratti hirmaate. Kanumaan paartileen siyaasaa filannoo irratti qooda fudhatan kunniin bu\u2019aa filannoon wal qabatee bakkoota tokko tokkotti hokkora akka hin kaasne dhaamna. Dhimma kanaan wal qabatee bakka kamitti iyyuu hokkora kaasuun gama siyaasaanis ta\u2019e safuun fudhatama hin qabu. Kanarra yeroo ammaa rakkoo hamaa biyya kanaa fi uummata keenya mudatee jiruuf furmaata barbaaduutu filatamaadha. Kanaaf paartileen siyaasaa marti furmaatawwan armaan gadii irratti xiyyeeffatanii hojiirra oolmaa isaatiif akka hojjetan dhaamna:<\/p>\n<ol>\n<li>Mootummaa Baraaraa Yeroo Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa hundeessuudhaan, Qooda fudhattoonni marti walitti dhufanii marii siyaasaa hunda hammataa akka gaggeessaniif haala mijeessuu;<\/li>\n<li>Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi Pirezidaantiin Mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa, Mootummaan Baraaraa Mootummaa Federala Dimokratawaa Itophiyaa (MFDI) yeroo hundeeffamee marii siyaasaa hunda hammataa akka gaggeeffamuuf nageeya akka mirkaneessan hubachiifna;<\/li>\n<li>Waraanaa fi walitti bu\u2019insa naannoolee biyyattii garaagaraa keessatti gaggeeffamaa jiru hatattamaan, dhaabuun loltoota Ertiriyaa fi humni nageenyaa fi qaruxee isaa biyya Itoophiyaa keessaa baafaman. Looltota Ertiriyaa Itoophiyaa keessaa baasuun Itoophiyaafis ta\u2019e Ertiriyaadhaaf\u00a0 jennee amanna;<\/li>\n<li>Uummattoonni Itoophiyaa fi dhaabbileen siyaasaa marti haala eerame kanaan ga\u2019ee fi itti gaafatamummaa isaanii akka ba\u2019an dhaamna;<\/li>\n<li>Hawaasi idil-addunyaa fi uummattoonni Itoophiyaa Mootummaa Baraaraa mariin Siyaasaa akka gaggeeffamuuf haala mijeessu akka hundeeffamuuf dhiibbaa akka godhan yaadachiifna;<\/li>\n<li>Dhuma irrattis, Mootummaan Ce\u2019umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii buusuudhaaf, haala danda\u2019ame maraan mariin siyaasaa bu\u2019a qabeessa ta\u2019e akka gaggeeffamuuf sabaa fi sablamoota biyyattii mara waliin akka hojjatu mirkaneessina.<\/li>\n<\/ol>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoon Uummata Bal\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nWaxabajjii 25\/2021<br \/>\nFinfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Mootummaan Baraaraa\u00a0 Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona Ibsa ABO, Waxabajjii 25\/2021 Rakkoo siyaasaa, nageenyaa fi heera mootummaa biyyattii mudachaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, filannoon haala akkanaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/25\/mootummaan-baraaraa-akka-hundeeffamuu-fi-mariin-siyaasaa-qooda-fudhattoota-mara-hirmaachise-akka-gaggeeffamuuf-waamicha-goona-ibsa-abo-waxabajjii-25-2021-rakkoo-siyaasaa-nageenyaa-fi-heera-mootum\/\" title=\"Mootummaan Baraaraa\u00a0 Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1733"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1733"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1733\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1733"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1733"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1733"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}