{"id":1726,"date":"2021-06-22T17:38:04","date_gmt":"2021-06-22T17:38:04","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1726"},"modified":"2021-06-22T17:39:52","modified_gmt":"2021-06-22T17:39:52","slug":"dararama-mootummaan-mooticha-saud-arabiyaa-baqattoota-ilmaan-oromoo-biyyattii-keessatti-hidhamanii-jiran-irratti-raawwate-abo-fi-kfon-cimsinee-balaaleffanna","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/22\/dararama-mootummaan-mooticha-saud-arabiyaa-baqattoota-ilmaan-oromoo-biyyattii-keessatti-hidhamanii-jiran-irratti-raawwate-abo-fi-kfon-cimsinee-balaaleffanna\/","title":{"rendered":"Dararama Mootummaan Mooticha Saud-Arabiyaa Baqattoota Ilmaan Oromoo Biyyattii Keessatti Hidhamanii Jiran Irratti Raawwate ABO fi KFOn Cimsinee Balaaleffanna"},"content":{"rendered":"<p><strong><img loading=\"lazy\" class=\"alignnone size-full wp-image-624\" src=\"http:\/\/oromoliberationfront.org\/english\/wp-content\/uploads\/2021\/06\/OLF-OFC-2.jpg\" alt=\"OLF OFC\" width=\"700\" height=\"202\" \/><\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Dararama Mootummaan Mooticha Saud-Arabiyaa Baqattoota Ilmaan Oromoo Biyyattii Keessatti Hidhamanii Jiran Irratti Raawwate ABO fi KFOn Cimsinee Balaaleffanna<\/strong><\/p>\n<p>Ibsa ABO fi KFO irraa kenname<\/p>\n<p>Waxabajjii, 21, 2021<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Koongiresiin Federaalistii Oromoo (KFO) miidhaa fi dararama suukanneessaa\u00a0 ilmaan Oromoo mana hidhaa biyya\u00a0 Saud-Arabiyaa keessatti argamutti hidhamanii jiran irratti raawwate\u00a0 wayita argine hedduu rifanne.\u00a0 Baqattoonni Oromoo sarbiinsa mirga namoomaa akkasumas hacuuccaa siyaasaa fi dinagdee impaayera Itiyoophiyaa keessatti dagaagee jiru baqatanii biyya isaanii irraa godaanan. Hacuuccaa fi sarbiinsi mirga dhala namaa kun ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatamu dabalatee yeroo ammaa sadarkaa olaanaa irra ga\u2019ee jira. Bu\u2019uura tumaalee qabiinsa baqattootaa idila addunyaa fi qajeelfamoota mirgoota dhala namaa idila addunyaatiin, baqqattoota lubbuu isaanii baraarfachuuf biyya isaanii irraa baqatanii gara biyya ormaatti godaanan sirnaan qabamanii eegumsa barbaachisaa argachuu qabu.<\/p>\n<p>Odeeffannoo manneen hidhaa Saud-Arabiyaa keessatti argaman irraa nu qaqqabeen, baqattoota Oromoo irratti miidhan dhala namaaf hin malletu\u00a0 raawwatamaa jira. Baqattoonni kunneen mana baay\u2019ee dhiphoo keessa baayyatanii kan jiraatan yoo ta\u2019u, kutaa dhipaa tokko keessatti baqattoota baayyinni isaanii haga 200 ta\u2019antu ugguramanii jiru. Baqattoonni manneen hidhaa keessatti ugguramanii jiran kunneen daa\u2019imman, dubartoota ulfaa, namoota dulloomaniifi namoota miidhaa qaamaa gosa garaagaraa qaban kan of keessatti haammate yoo ta\u2019u, namoonni kunneen sababa kutaa dhiphoo keessatti baayyatanii ugguramanii jiraniif dhukkuboota garaagaraatif saaxilamuu danda\u2019u.\u00a0 Baqattoonni yeroo ammaa\u00a0 manneen hidhaa biyya Saud-Arabiyaa keessatti argaman waantota bu\u2019uuraa jireenya dhala namaatiif barbaachisan kan akka bishaan, nyaata, meeshaalee qulqullinaa fi daawaa argachaa hin jiran. Akka odeeffannoon nu qaqqabe eerutti sababa miidhaa mana hidhaa kana irratti isaan irra ga\u2019eef baqattoonni lama (2) lubbuun isaanii darbee jira. Sababa mana dhiphaa keessatti ukkaamfamanii\u00a0 irraan kan ka\u2019e baqattoonni Oromiyaa manneen hidhaa kanneen keessatti argaman dhukkuba COVID-19 tiif saaxilamuu waan dandaa\u2019aniif hedduu nu yaaddessee jira.<\/p>\n<p>Nuti ABO fi KFOn maatii baqattoota manneen hidhaa kanneen keessatti lubbuun isaanii darbeef jajjabina hawwina. Tarkaanfii hamaa mootummaan mootii Saud-Arabiyaa baqattoota kanneen irratti fudhate gadi jabeessinee balaaleffanna. Kanaaf Dhaabbileen Mirga Namoomaa dhimmichi ilaallatu: dhaabbilee mirga baqattootaa, daa\u2019immanii, dhaabbilee fayyaa Addunyaa fi qaamoleen dhaabbata mootummoota gamtoomanii dhimmichi ilaallatu, Mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa baqattoota bu\u2019uura qajeelfamoota qabiinsa baqattootaa fi tumaalee mirga namoomaatiin akka keessummeessuuf\u00a0 dhiibbaa akka godhan gaafanna.<\/p>\n<p>Aanga\u2019oonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi gareen Ambaasaddarotaa fi Dippilomaatotaa biyya Saud-Arabiyaa\u00a0 taa\u2019uu Oromiyaa fi lammiileen ishee manneen hidhaa biyya alaa keessatti\u00a0 dararamaa jiran kanatti, hidhii xuuxuurraan kan hafe, hoomaa akka hin gooneef uummata Oromoofi uummattoota Itoophiyaa beeksisuu barbaanna. Mootummaan Itoophiyaa sababa rakkoo siyaasaa hammaataa isa mudatee jiru irraan kan ka\u2019e, rakkoon baqattootaan wal qabatan akka isa mudatu beekamaadha. Garuu baqattoota kanneeniif yoo xiqqaate mirga namoomaa isaanii eeguufiitu irraa eegama. Haa ta\u2019u malee, aanga\u2019oonni Mootummaa Itiyoophiyaa akkuma dhumaatii Yemeen keessatti lammiilee Oromoo irratti raawwatame ilaalchisee hoomaa hin dubbatin darban sanaaf ajjeechaa fi dararama\u00a0 lammiilee Oromoo Biyya Saud-Arabiyaa jiran irratti raawwatamaa jiruuf hoomaa hin dubbanne. Keessumaa ammoo Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Biyya saud-Arabiyaatti argamu baqattoota lammii Itiyoophiyaa biyya sana keessatti argaman tiksuuf kanaanis dararamaa fi ajjeechaa mana hidhaa biyya Saud-Arabiyaa keessatti lammiilee Itiyoophiyaa irratti raawatameef itti gaafatamummaa qaba.<\/p>\n<p>Baqattoonni baayyeen isaanii Mootummaa Itiyoophiyaa akka morman beekamaadha. Mootummaan Itiyoophiyaas kanumaaf jecha wayita baqattoota Oromoo irratti dararamni raawwatu osoo beekuu callisuu filate.<\/p>\n<p>Kanumaan gaaga\u2019amni siyaasaa yeroo ammaa Impaayera Itiyoophiyaa keesa jiru hammaachaa deemuudhaan daangaa ce\u2019ee jireenyaa fi lubbuu lammiilee biyyattii mancaasaa akka jiru uummata Oromoo, akkasumas sabaa fi sab-lammoota cunqurfamoo Itiyoophiyaatiif dhaamuu barbaanna. Rakkoon siyaasaa yeroo ammaa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti hammaatee jiru lammiilee biyyattii keessatti argaman qofa osoo hin taane baqattoota biyya Saud-Arabiyaa keessatti argaman qofa osoo hin ta\u2019in baqattoota biyyoota biraa keessatti argamanillee gaaga\u2019aa jira.<\/p>\n<p>Kanaafis furmaati humnoota keessaa fi alatti argaman qindeessuudhaan qabsoo Bilisummaa fi Diimokiraasii finiinsuudhaan dararama jaarraaf ture kana of irraa kaasuu dha.<\/p>\n<p>Waan kana ta\u2019eef Mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa\u00a0 baqattoota Oromoo manneen hidhaa keessatti ugguramanii jiraniif eegumsi barbaachisaan akka godhamuu fi dararama kamirraayyuu walaba ta\u2019uu isaanii akka mirkaneessu hubachiifna. Akkasumas, mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa baqattoonni waantota bu\u2019uuraa dhala namaatiif barbaachisan kanneen akka nyaataa, bishan, dawaa fi qilleensa qulqulluu kan argatan ta\u2019uu isaanii akkasumas miidhaa fi haleellaa Poolisii fi qaamolee nageenyaan itrratti raawwataman irraa walaba ta\u2019uu isaanii akka mirkaneessu dhaamna. Dabalataanis, Mootummaan Mootii Saud-Arabiyaa baqattoota manneen hidhaatti argaman keessaa saaxilamoo ta\u2019an kanneen akka warra madoo ta\u2019anii, dubartoota ulfaa, daaimman, namoota dulloomoo fi qaama miidhamoo ta\u2019aniif xiyyeeffannoo kennuudhaan deggersa barbaachisaa kennuufii qaba.<\/p>\n<p>Kanaafuu miidiyaalee, dhaabbilee hawaasaa, dhaabbilee Amantii, ogeeyyonni, Gareewwan falmitoota mirga dhala namaa ta\u2019anii fi Aktiivistoota dabalatee jaarmiyaaleen Oromoo Addunyaa irratti argaman marti baqattoota Oromoo biyya Saud-Arabiyaa keessatti mana hidhaa keessatti dararamaa jiraniif sagalee ta\u2019anii dhaabbilee Idil Addunyaa akka dhageessisaniif akkasumas kanneen saaxilamoo ta\u2019aniif deggersa akka taasisan dhaamna.<\/p>\n<p>Dhumarrattis, waggoota muraasaa asitti baqattoota Oromoo biyya Saud-Arabiyaa fi Rippaablika Yemeen keessatti argaman irratti miidhaa fi dararamni deddeebi\u2019ee raawwatamee jira. Kun immoo faallaa tumaalee fi seerota dhaabbata mirga dhala namaa Idil-addunyaa fi seerota kanaan wal-qabatan birooti. Kanaaf Dhaabbanni UNHCR fi UNHRC Mootummaan Saud-Arabiyaa baqattoota Oromoo bu\u2019uura seera qabiinsa baqattoota Idil-addunyaa fi qajeelfamoota mirga dhala namaatiin akka keessummeessuuf dhiibbaa akka godhan iyyanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/p>\n<p>Kongireesii Federaalistii Oromoo (KFO)<\/p>\n<p>Waxabajjii 21, 2021<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Dararama Mootummaan Mooticha Saud-Arabiyaa Baqattoota Ilmaan Oromoo Biyyattii Keessatti Hidhamanii Jiran Irratti Raawwate ABO fi KFOn Cimsinee Balaaleffanna Ibsa ABO fi KFO irraa kenname Waxabajjii, 21, 2021 Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Koongiresiin Federaalistii <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/22\/dararama-mootummaan-mooticha-saud-arabiyaa-baqattoota-ilmaan-oromoo-biyyattii-keessatti-hidhamanii-jiran-irratti-raawwate-abo-fi-kfon-cimsinee-balaaleffanna\/\" title=\"Dararama Mootummaan Mooticha Saud-Arabiyaa Baqattoota Ilmaan Oromoo Biyyattii Keessatti Hidhamanii Jiran Irratti Raawwate ABO fi KFOn Cimsinee Balaaleffanna\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1726"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1726"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1726\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1726"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1726"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1726"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}