{"id":1709,"date":"2021-06-15T17:19:33","date_gmt":"2021-06-15T17:19:33","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1709"},"modified":"2021-06-15T17:19:47","modified_gmt":"2021-06-15T17:19:47","slug":"waxabajjii-15-guyyaa-hundeeffama-sbo-waggaa-33ffaa-ilaalchisee-ibsa-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/15\/waxabajjii-15-guyyaa-hundeeffama-sbo-waggaa-33ffaa-ilaalchisee-ibsa-abo\/","title":{"rendered":"Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1224 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"135\" height=\"119\" \/><\/p>\n<p>Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO<br \/>\n(Ibsa ABO &#8211; Waxabajjii 15, 2021)<br \/>\nHunda dura miseensota fi deeggartoota ABO akkasumas Ummata bal&#8217;aa Oromoon baga guyyaa seena<\/p>\n<p>qabeessa Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBOtin isin gahe; walumaan ittiin nu gahe.<br \/>\nSagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) araata ABO fi raadiyoo dhiibbaa gabroomsaarraa bilisaan kaayyoo<br \/>\nOromoo fi Oromiyaa tiksuu fi galiin gahuuf bu&#8217;uureffame hangafa tahuu seenaatu ragaa baha. Har&#8217;a<br \/>\nwayta ayyaana hundeeffama SBOn wagg 33ffaa kabajnu dhimmoota hedduu walyaadachiisuun dirqama<br \/>\ntaha. Ayyaana Kanaan Wanneen Yaadannu keessaa:<br \/>\n\u2022 Imala SBO waggoota 33n dabranii fi gumaacha qabsoo fi miidiyaalee Oromoo har&#8217;aaf laate,<br \/>\n\u2022 Bu&#8217;aa bahii keessa cehee fi haala amma sbon itti jiru<br \/>\n\u2022 Jaallan SBO bu&#8217;ureessuu, gadi dhaabuu fi sadarkaa har&#8217;aatin gahuu keessaa qooda ol&#8217;aanaa<br \/>\nqaban akkasumas haala har&#8217;a isaan keessa jiran,<br \/>\n\u2022 Hegeree SBO fi jaallan ergama ulfaataa miidiyaa hangafa kanaa milkeessuuf dhama&#8217;aa jiranii<br \/>\nakkasumas Oromoon SBO waliigalattis miidiyaalee kaayyoo isaaf dhaabbatan cimsachuun<br \/>\nqabsoo bilisummaa milkeessuuf dirqama dachaa irraa eegamu qaabachuu feesisa.<br \/>\nHar&#8217;a ayyaana kana kan kabajnu bakka duulli murna PP mootummaa dha ofiin jedhu ABO irratti duula<br \/>\nbifa hedduu bal&#8217;inaan banee sochiin qabsoo karaa nagaa ABOn ummataaf waadaa gale danqamee fi<br \/>\nsagaleen ummata keenyaa ukkaamame keessatti tahuun ifa.<br \/>\nGuyyaa seena-qabeessa kana baranaa bifa addaatiin akka yaadannu kan nu taasisu keessaa mataa<br \/>\nDamee Aadaa fi Beeksisii ABO J. Mikaa&#8217;el Booran dabalatee miseensonni Shanee Gumii Gumii Sabaa<br \/>\nABO kan akka J. Abdii Raggaasaa akkasumas Itti Gaafatamaa SBO J. Malkaa Danuu dabalee<br \/>\nmiseensonni Gumii Sabaa ABO kanneen akka J. Kaayyoo Fufaa, J. Amaan Filee, J. Kennasaa<br \/>\nAyyaanaa, J. Gammachiis Tolasaa akkasumas qondaalotni ol&#8217;aanoon akka Koloneel Gammachuu<br \/>\nAyyaanaa, Lammii Beenyaa, Daawit Abdataa, Addunyaa Keessoo, Injiinar Daandii Garbooshee, Yaazoo<br \/>\nKabbabaa, Dr. Gadaa Oljirraa, J. Gadaa Gabbisaa, fi ilmaan Oromoo kumootni hedduun badii malee<br \/>\nmurtiis waakkatamanii hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu dha. Duulli fakkaataan Hoggantoota fi<br \/>\nmiseensota KFO irratti fi sabboontotarratti deemaa jiru xiyyeeffannoon isaa waliigalaa saba Oromoo,<br \/>\nqabsoo haqaa inni gaggeessaa jiruu fi biyya isaa Oromiyaa tahuu sirriitti kan hubachiise jennee amanna.<br \/>\nWayta duula ABO fi waliigalattis Ummata Oromoorratti xiyyeeffateen HDn ABO J. Daawud Ibsaa mana<br \/>\njireenyaa isaanii keessatti haala keessa jiranuu adda baafachuun bifa hin dandahamneen ugguramanitti<br \/>\nhidhaan sirnichaa addatti hojjettoota dhaabichaa fuula miidiyaatin dhugaa jiru ifa baasuuf dirqama isaanii<br \/>\nbahatanirratti tahuu saamamuu fi hidhamuu jaallan SBO keessa hojjetaniitti dabalee hidhamuun Itti<br \/>\nGaafatamaa Sab-qunnamtii ABO J. Battee Urgeessaa ragaa gahaa dha.<br \/>\nABOn dhaaba kaayyoo haqaa qabu, deeggarsaa fi jaalala ummata miliyoonaan lakkaawamuu waan<br \/>\nqabuuf duulli sagalee qabsoo Oromoo ukkaamsuuf taasifamu kamuu xiiqii caalu horee wayta babal&#8217;atu<br \/>\nagarre malee wayta akka fedhii diinaan SBOn hojii dhaabuu fi Oromoon kan sagalee tahuuf dhabee akka<br \/>\nhin mul&#8217;anne, sochiin miidiyaalee Oromoo har&#8217;a dhugaa Oromoo fi shira diinaa saaxiluuf taasisaa jiran<br \/>\nafaan baasee dubbata. Har&#8217;a Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO waggaa 33ffaa wayta kabajnus bu&#8217;aa bahii keessa<br \/>\ndabramee as gahame yaadachuun gamatti haala amma SBO fi jaallan hojjettoota miidiyichaa barootaaf<br \/>\ndirqamaicha raawwataa jiran itti argaman wal yaadachiisuu feesisa. Erga gaafa Muddee 20, 2020 mana<br \/>\njireenyaa isaanii Finfinnee jiruu qabamanii hidhamanii mana murtiittis yakki irraa dhabamee bilisa<br \/>\njedhamanii bakka dur turan Qajeelcha Poolisii Buraayyuutii butamanii eessa buutee dhabamsiifamanii<br \/>\nhanga har&#8217;aa eessaa fi maal keessa akka jiran wanti beekkamu hin jiru. Isaan qofa odoo hin taane jaallan<br \/>\nbifuma fakkaataan butamanii dhabamsiifamanis haalli isaanii akkaan nu yaaddessa.<br \/>\nHaaluma akkaan ulfaataa kana, keessattuu ammoo SBOn hojii isaa itti fufiinsaan gaggeessaa jiraachuun<br \/>\nammoo wanneen ayyaanicha akka gammachuun kabajnu nu taasisu keessaa isa tokko. Kun hojii<br \/>\nkaayyoo dhugaa waan taheef qabsaawota cichoo fi sabboontota muratoo akeeka ABO galiin gahuuf of<br \/>\nkennaniin utubamee itti fufa. Ayyaana guyyaa seena-qabeessa, Waxabajjii 15, kana sababeeffachuun<br \/>\njaallan kaleessa dirqama dhaaba irraa itti kenname fudhachuun bu&#8217;ureessanii wareegama itti baasani fi<br \/>\nmiidiyichaaf sadarkaa adda addaatti hojjechuun har&#8217;aan gahan akkasumas bifa adda addaatin jireenya<br \/>\nSBOf gumaacha olaanaa taasisaaniin galatni keessan bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa<br \/>\nhaa tahu jenna.<br \/>\nHireedhuma kanaan kanneen SBO ukkaamsuun waliigalaan jaarmaya ija fi kallacha Oromoo tahe, ABO,<br \/>\ndadhasiisuun fedhii ummata bal&#8217;aa dura dhaabatan yeroon heera biyyaa, seera addunyaa fi safuu<br \/>\nummata isaanii kabajanii odoo itti hin dukkanaayin mirga Pireesii walabaaf gurra laatanii gaazexeessota<br \/>\nhidhaa hiikan, saamichaa fi danqaa miidiyaalee walabaa addatti dantaa Oromoo fi Oromiyaaf hojjetan<br \/>\nirra kaahan dhaaban kan maayii amma tahuus yaadachiifna.<br \/>\nAmmas Baga guyyaa seena-qabeessa hundeeffama SBO waggaa 33ffaatin isin gahe, walumaanuu<br \/>\ngeenye jechaa, guyyaa kanatti jaallan SBO addatti waliigalaanis hidhamtoota siyaasaa Oromoo<br \/>\nyaadachuuni fi sagalee tahuufin kaayyoo arraatni Dhaabaa SBOn barootaaf itti dhama&#8217;e kan ilmaan<br \/>\nbiyyaa hedduunis itti wareegaman bakka gahuuf waadaa keenya yaa haaressinu.<br \/>\nMaayirratti miseensonni fi deeggartootni ABO akkasumas ummanni Oromoo bal&#8217;aan rakkoo walxaxaa<br \/>\nakka sabaatti keessa jirru keessaa kan baanu, hunduu harka walqabatee ka&#8217;uun kaayyoo Mootummaa<br \/>\nCe&#8217;umsaa Biyyaalessaa Oromiyaa dhugoomsudhaan wabii nageenya fi bilisummaa lammiilee Oromiyaa<br \/>\nmirkaneessuu tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa.<br \/>\nSBOn Arraata Adda Bilisummaa Oromoo ti!<br \/>\nSBOn Kaayyoo fi dhugaa Oromoof dhaabbatuu itti fufa!<br \/>\nInjifannoo Ummata Bal&#8217;aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nWaxabajjii 15, 2021<br \/>\nFinfinne<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO (Ibsa ABO &#8211; Waxabajjii 15, 2021) Hunda dura miseensota fi deeggartoota ABO akkasumas Ummata bal&#8217;aa Oromoon baga guyyaa seena qabeessa Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBOtin <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/06\/15\/waxabajjii-15-guyyaa-hundeeffama-sbo-waggaa-33ffaa-ilaalchisee-ibsa-abo\/\" title=\"Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1709"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1709"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1709\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1709"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1709"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1709"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}