{"id":167,"date":"2017-08-31T13:23:50","date_gmt":"2017-08-31T13:23:50","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=167"},"modified":"2017-08-31T13:48:08","modified_gmt":"2017-08-31T13:48:08","slug":"murtii-fi-kutannoolee-kora-sabaa-4ffaa-abo-hagayya-20-30-2017","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/08\/31\/murtii-fi-kutannoolee-kora-sabaa-4ffaa-abo-hagayya-20-30-2017\/","title":{"rendered":"MURTII FI KUTANNOOLEE KORA SABAA 4ffaa ABO Hagayya 20 \u2013 30, 2017"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"alignnone size-full wp-image-168\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/08\/kora-sbaa-4ffa.jpg\" alt=\"\" width=\"650\" height=\"235\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/08\/kora-sbaa-4ffa.jpg 650w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/08\/kora-sbaa-4ffa-300x108.jpg 300w\" sizes=\"(max-width: 650px) 100vw, 650px\" \/><\/p>\n<p>Korri Sabaa 4ffaan Adda Bilisummaa Oromoo bakka bu\u2019ootni Miseensota ABO, bakka\u00a0bu\u2019ootni Caayaalee ABO, bakka bu\u2019ootni waldaalee fi murnoota hawaasaa adda addaa fi\u00a0keessummootni afeeraman bakka argamanitti Hagayya 20 \u2013 30, 2017 haala ow\u2019aa fi\u00a0mirqaansaa taheen gaggeeffamee injifannoodhaan xumurame.<\/p>\n<p>Korri Sabaa kun kan geggeeffame wayta ummatni Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo fi\u00a0Qeerroon Bilisummaa mootummaa Wayyaanee wajjin yeroo kamiyyuu caalaatti falmaa\u00a0hadhaawaa gageessaa jiran keessatti.<\/p>\n<p>Korri kun Gabaasa Gumii Sabaa Gadaa dabree dhaggeeffatee, dhimmota Qabsoo\u00a0Bilisummaa, hegeree Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas, Idil-Addunyaa bal\u2019inaan\u00a0marihachuudhaan Sagantaa Siyaasaa fi Heera ABO gilgaalee, wayyeessa barbaachisu\u00a0hunda gochuudhaan raggaafatee jira.<\/p>\n<p>Korri kun Gabaasa Gumii Sabaa Gadaa dabree dhaggeeffatee, dhimmota Qabsoo\u00a0Bilisummaa, hegeree Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas, Idil-Addunyaa bal\u2019inaan\u00a0marihachuudhaan Sagantaa Siyaasaa fi Heera ABO gilgaalee, wayyeessa barbaachisu\u00a0hunda gochuudhaan raggaafatee jira.<\/p>\n<p>Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa ABOn durfamu galiin gahuuf\u00a0hoggana ititaa Dhaabicha fuul-dura tarkaanfachiisuu dandayu of keessaa filatee irbuu\u00a0seensisuudhaanis dirqamaa fi itti gaafatama hoogganummaa itti kennee jira. Akka kanaan\u00a0Korri Sabaa 4ffaan ABO kun Murtiilee fi Kutannoolee armaan gadii dabarfatee\u00a0Injifannoodhaan xumuramee jira.<\/p>\n<ol>\n<li>Korri Sabaa 4ffaan ABO tarkaanfii Ummatni Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo\u00a0fi Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaa gabroomfataa Wayyaanee fi ergamtoota\u00a0isaa irratti fudhachaa jiran dinqisiifachaa, qabsicha daran finiinsuuf ciminaan akka\u00a0hojjetamu murteesse. Kanuma waliin Ummatni keenya diinaan kokkee wal qabee,\u00a0sochii seena-qabeessa bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaaf geggeessaa jiru daran\u00a0finiinsee sirna gabrummaatti xumura gochuuf caalaatti akka socho\u2019u waamicha keenya\u00a0haaromsina.<\/li>\n<li>Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) Irree fi Gaachana Ummata Oromoo ti. Waan\u00a0taheef aynaa, heddummina, hidhannoo fi dandeeytii isaa ol guddisuudhaan umrii\u00a0humna weerartuu Wayyaaneetti xumura itti gochuuf dhiheessii barbaachisu hundi akka\u00a0WBOf guutamu ciminaan ni hojjenna.<\/li>\n<li>Qeerroon Bilisummaa Oromoo hogganummaa ABOn qajeelfamu, warraaqsa\u00a0biyyoolessaa Oromiyaa keessatti finiinsaa jiruuf qoodni WBO fi Humna Ittisa\u00a0Ummataa dacha dachaan akka dabalamuuf GS ABO bobbaa barbaachisu irratti akka\u00a0xiiyyeeffatu KS 4ffaan ABO murteesse.<\/li>\n<li>Hiriira nagaa mirga Abbaa-biyyummaa falmachuuf bahame keessatti ajjeechaa\u00a0raaw\u2019atamaa jiruu fi dhumaatii Onkoloolessa 2, 2016 Hora Har-sadeetti raaw\u2019atame,\u00a0tarkaanfii shoororkeessummaa labsii yeroo hatattamaa fi bulchiinsa waraanaa (Command Post) Oromiyaa irratti raaw\u2019atee fi raaw\u2019ataas jiru sagalee\u00a0ulfaataadhaan balaaleffachaa, gochaa suukenneessaa ilmaan Oromoo irratti\u00a0raw\u2019ateef Mootummaan Wayyaanee seera duratti dhihaatee akka itti\u00a0gaafatamuuf jabinaan ni hojjenna !<\/li>\n<li>Mootummaan goolessituu Wayyaanee gochaa shanyi-duguggii, hidhaa fi\u00a0saamicha ummata Oromoo irratti geessisaa jirtu hatattamaan akka dhaabdu,\u00a0hidhamtoota siyaasaa fi qabsaawota maqaa ABO, Oromummaa fi dhaabota\u00a0biraa deggeruu qofaan hidhaman hundi akka gadi dhiifaman akeekkachiisna !<\/li>\n<li>Gochaa shoorarkeessitummaa Wayyaanee irraan kan ka\u2019e, Oromoota qe\u2019ee fi\u00a0qabeenya isaanii gadi dhiisuu dirqamanii biyyoota adda addaa keessatti\u00a0baqatummaan dararamaa jiran hundi, mirgi baqatummaa isaanii akka\u00a0kabajamuuf qaamota Addunyaa mirga baqattootaa tiksanii fi mootummoota\u00a0baqattoonni Oromoo keessa qubatan hunda gadi jabeessinee gaafanna.<\/li>\n<li>Mootummaan Wayyaanee saamicha dorgomaa hin qabne deemsisuu bira taree,\u00a0daldala dhala namaa (Human slavery) addatti ammoo dubartoota maqaa\u00a0hojiitiin gurgurataa jiraachuun miidhaa suukanneessaa geessisaa jira. Korri\u00a0Sabaa 4ffaan ABO kun gochaa farra dhala-namummaa kana jabeessee\u00a0balaaleffachaa, daldalli gurgurtaa dhala namaa bifa haaraan geggeeffamaa jiru\u00a0kun hatattamaan akka dhaabbatu akeekkachiisna !<\/li>\n<li>Weerarri Wayyaaneen maqaa Liyyu Polisii fi kallatti addaa addaatiin\u00a0qindeessitee \u201cseera\u201d ofii baafatteen alatti lafa Oromoo bulchiinsa Ollootaa\u00a0jalatti galchuuf gochaa jirtuu fi gochaan suukkanneessaa, samichaa fi\u00a0ajjeechaan raw\u2019achaa jirtu imaammata shiraa isiin Ummatoota walitti buusuuf\u00a0hordoftu tahuu hubannee, kanneen kana keessatti qooda fudhattan martinuu\u00a0akka irraa dhaabbattan hubachiisaa, humni weeratuu hatattamaan lafa Oromo\u00a0akka gadi lakkisu dinniinna!<\/li>\n<li>Dhaabootni Oromoo Hiree-murteeffannaa Ummata Oromootti amanan hundi\u00a0garaa-garummaa xixiqqoo gidduu isaanii dhiphisanii mooraa qabsoo Oromoo\u00a0gabbisuuf, ABO waliin akka Qabsoo Bilisummaa qindeeffatan Korri Sabaa\u00a04ffaan ABO waamicha lammummaa dabarsa.<\/li>\n<li>Ilmaan Oromoo sadrkaa adda addatti caasaa mootummaa Wayyaanee keessa\u00a0hoojjattan, yakka mootummaan Wayyaanee Ummata Oromo irratti raaw\u2019ataa\u00a0jirtu hubatuudhaan sochii warraaqsa biyyoolessaa hogganummaa ABOn,\u00a0Qeerroo fi ummatni Oromoo finiinsaa jiraniif golgaa ta\u2019uun akka ummata\u00a0keessan bira dhaabbattan waamicha lammummaa dabarsina.<\/li>\n<li>Ilmaan Oromoo kanneen humna waraanaa, tika, poolisaa, bifa milishaa\u00a0gandaan fi bifa adda addaan caasaa mootummaa Wayyaanee tajaajilaa jirtan,\u00a0akeekni mootummichaa ummata keenya mirga Abbaa biyyummaa sarbuu fi\u00a0balleessuu akka tahe hubattanii hidhannoo fi humna qabdan hunda gara\u00a0mootummaa gabroomfataa kanatti akka naannessitan waamicha lammummaa\u00a0isiniif goona.<\/li>\n<li>Biyyootiin Dhihaa maqaa gooolessitummaan loluu jedhuunii fi\u00a0Mootummootni adda addaa, humnotni siyaasaa fi jaarmiyaaleen dantaa ofiif\u00a0jecha mootummaa Wayyaanee aangoo irra tursuuf gargaarsa gootaniif\u00a0Wayyaaneen gargaarsa kana Ummata Oromoo fi kanneen biroos ittiin\u00a0gidirsuu dabalatee badiilee hedduuf kan dhimma itti bahaa jirtu akka tahe\u00a0hubbattanii gargaarsa keessan akka irraa dhaabdan gadi jabeessinee gaafanna.<\/li>\n<li>Gocha yakkaa kan mootummaan Wayyaanee, namootni dhuunfaa fi\u00a0kubbaaniyoonni maqaa investment fi misoomaatiin ummata Oromoo lafa irraa\u00a0buqqisuun of duroomsaniin ni balaalleefanna! Itti gaafatama seeraa jalaa akka\u00a0hin baanees gadi jabeessinee akeekkachiisna !<\/li>\n<li>Beektota, Artistootaa fi Atileetota Oromoo sadarkaa gara garaatti qooda\u00a0ummata Oromoo ol kaastanii Addunyaatti beeksisuu keessatti qooda guddaa\u00a0gumaachitan hunda dinqisiifachaa, qooda kennaa jirtan ammas dacha\u00a0dachaan jabeessuudhaan hirmaannaa keessan akka itti fuftan waamicha isiniif\u00a0dabarsina.<\/li>\n<li>Jaallan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf sochii\u00a0seena-qabeessa geggeessaa jirtan, sochiin keessan warraaqasa diddaa\u00a0garbummaa Addunyaa keessatti argamee hin beekne tahuu fi seenaa\u00a0Addunyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane ta\u2019uu isaatiin raajeffachaa,\u00a0kabajaa fi abdiin qabsaawotnii Ummatni keenya isiniif qaban ol\u2019aanaa tahuu\u00a0hubattanii, dirqama seenaa ofitti fudhattan Injifannoodhaan xumuruu fi\u00a0galmaan gahuuf sochii keessan dacha dachaan akka itti fuftan dhaammanna.<\/li>\n<li>Hawaasni Oromoo biyyoota alaa jiraatu WBO fi Qeerroo falmaa Qabsoo\u00a0Bilisummaa Oromo geggeessaa jiruuf qabeenyaa fi beekumsaan deggersaa fi\u00a0gumaacha irraa eegamu ga\u2019ummaan akka kennu gaafanna. Kanneen tika\u00a0wayyaaneetiin mindeeffamanii akka gartuuttis ta\u2019e akka dhuunfaatti golgaa\u00a0Media Hawaasummaatiin qabsoo fi qabsaawota, akkasumas, hundee\u00a0Oromummaa xiqqeessuun, safuu Oromo cabsuutti bobba\u2019an akka badii itti\u00a0jiran irraa dhaabbataniif gorsaan ykn kophxeessuudhaan tarkaanfii sirressuu\u00a0akka irratti fudhatus waamicha goona. Walumaagalatti Qabsoo Bilisummaa fi\u00a0Walabummaa Oromoo jabeessuu malee gochaa diinaaf faayidaa kennu irraa\u00a0akka of eeggattan jabeessinee dhaammanna.<\/li>\n<li>Ummatni Oromoo haqa ofi malee kan biraa hin barbaadu. Waan ta\u2019eef,\u00a0sabootni cunqurfamtoonni Oromiya keessas ta\u2019e ollaa Oromiyaa jiraattan\u00a0waliif tumsuun qabsoo gita bittuu Wayyaanee hundeedhaan buqqisuu irratti\u00a0akka waliin hojjennu Korri kun waamicha dabarsa. Kanuma waliin Tumsi\u00a0Ummatotaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasiif dhaabbate (PAFD) akeeka isaa\u00a0akka bakkaan gahuuf ciminaan akka hojjetu ABOn waadaa isaa haaromsa.<\/li>\n<li>Biyyootni fi Ummatootni Ganfa Afrikaa nagaa waaraa akka argataniif\u00a0mootummootni, humnootni siyaasaa kan mormitoota ta\u2019anii fi kan\u00a0Idil-Addunyaa martuu Qabsoo Ummatni Oromoo nagaa, dimokiraasii fi\u00a0Abbaa-biyyummaaf taasisu bira akka dhaabbattan waamicha dabarsina.\u00a0Keessattu, humnootni siyaasaa Impaayera Itoophiyaa keessatti sirna wayyanee\u00a0waliin keessaa fi alatti falmaa gochaa jiran Ummatni Oromoo mirga isaa\u00a0argatu malee nageenyi waaraan naannoo kanatti argamuu akka hin dandeenye\u00a0hubatanii Adda Bilisummaa Oromoo waliin akka dhaabbatan hubachiisna.<\/li>\n<li>ABOn Qabsoo mirga Ummatootaa, Dimokiraasii fi mirga dhala namaa\u00a0kabjsiisuuf, kanneen qabsaawan hunda waliin hojjachuuf qophii tahuu isaa\u00a0mirkaeessaa, Mootummaa Wayyaanee kan sirna siyaasaa, dinagdee, waraanaa\u00a0fi tikaa diriirseen ummatoota hunda hiyyumaa, gadadoo fi hacuuccaa\u00a0dorgomaa hin qabneef saaxile karaa irraa maqasuuf akka waliin hojjannu gadi\u00a0jabeessee waamicha godha.<\/li>\n<li>Tarkaanfiilee shiraa kan handhuura Oromiyaa Finfinnee Oromiyaa irraa adda\u00a0baasuuf taasifamu hunda dura dhaabbannee ittisa feesisu hunda ni goona !<\/li>\n<li>Qabsoo Bilisummaa Oromoo ittisa irraa gara haleellaatti cahee jiru daran\u00a0shaffisiisuuf, sochiin fuula hundaan taasifamaa jiru akka babal\u2019atuu fi daran\u00a0finiinu taasisuu irratti ABOn ciminaan hojjechaa jiraachuu hubatuudhaan\u00a0Ummatni Oromoo bal\u2019aan Falmaa Xumura Gabrummaa kanaaf akka of qopheessu waamicha waliigalaa dabarsina.<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong>Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !<\/strong><br \/>\n<strong> Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Kora Sabaa 4ffaa ABO<\/strong><br \/>\n<strong> Hagayya 30, 2017<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Korri Sabaa 4ffaan Adda Bilisummaa Oromoo bakka bu\u2019ootni Miseensota ABO, bakka\u00a0bu\u2019ootni Caayaalee ABO, bakka bu\u2019ootni waldaalee fi murnoota hawaasaa adda addaa fi\u00a0keessummootni afeeraman bakka argamanitti Hagayya 20 \u2013 30, 2017 haala ow\u2019aa fi\u00a0mirqaansaa taheen gaggeeffamee <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/08\/31\/murtii-fi-kutannoolee-kora-sabaa-4ffaa-abo-hagayya-20-30-2017\/\" title=\"MURTII FI KUTANNOOLEE KORA SABAA 4ffaa ABO Hagayya 20 \u2013 30, 2017\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":168,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4,5],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/167"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=167"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/167\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/168"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=167"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=167"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=167"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}