{"id":1623,"date":"2021-04-28T16:25:27","date_gmt":"2021-04-28T16:25:27","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1623"},"modified":"2021-04-28T16:25:27","modified_gmt":"2021-04-28T16:25:27","slug":"rakkoo-amma-itoophiyaa-mudate","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/04\/28\/rakkoo-amma-itoophiyaa-mudate\/","title":{"rendered":"Rakkoo amma Itoophiyaa Mudate:"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1224 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"143\" height=\"126\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Rakkoo amma Itoophiyaa Mudate:<\/p>\n<p>Waamicha -Maree Siyaasaa Hunda Hammate taasisuun Daandii Furmaatati<\/p>\n<p>(Ibsa ABO, Ebla 28, 2021)<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Rakkoo amma Itoophiyaa mudatee jiru kana furuuf dhaabbileen siyaasaa adda addaa carraqqii hedduu godhanis furuu hin dandeenye. Biyyittiin amma daran kufaatii hamaa keessa seentee jiraachuu uummanni Idil-adunyaa, qaamonni dhiheenyaan dhimma Itoophiyaa hordofan fi dhaabilleen miti-mootummaa hundi hubatanii jiru. Walitti bu\u2019inisii fi lolli bakka adda addaatti deemaa jiru ajjeechaa jimilaa fi buqqa\u2019insa uummataa hedduminaan geesisaa jira. Hidhattooni mootummaa sirnaa fi to\u2019anoo ala ta\u2019uun uummata nagaa sababa tokko malee ajjeesaa fi dubartoota gudeedaa jiran. Loltooni Ertiraa fi humni Milishaan naannoo Amharaa jeequmsa hamaa Kaabaa fi naannolee birotti geesisaa jiru. Akkasumas ajjeechaa suukkaneessa fi buqa&#8217;insa bal\u2019aa uummata nannoo Beenishangul Gumuz fi Walloo irraan gahaa jiru. Rakkoon naannoo Tigray amma illee furmaata hin arganne. Gargaarsi dhala namummaa uummata Tigrayi qaqqabsiisuun danqaa hedduu isa mudateera. Kuni hunduu rakkoolee biyyitti mudatan keessaa isa xiqqaa dha.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) itti gafatama isaa hubachuun waamicha waliigala qaamota dhimmi ilaaluu hundaaf dhiyeessa. Kanaan duras ABO yeroo adda addaatti waamicha walfakkataa fi yaadaa ijaaraa fi furmaataa biyyittiif ta\u2019u dhiheessaa tureera. Yaadoleen ABO kunis osoo jirutti hiikamaniiru ta\u2019e rakkoon har\u2019a arginu kun Itoophiyaa hin mudatan ture. Akka fakkenyaatti kaasuuf ABO baatii Ebla bara 2020 keessaa yaada bal\u2019aa rakkoo Itoophiyaa mudateef deemsa cehumsaa keessatti furmaata kan ta\u2019u yaada isaa (recommendation) kenneera. Akkasumas ABOn dhaabbilee siyaasaa adda addaa waliin tahuun dhimma Federalawaa sabdaneessaa irratti yaada bal\u2019aa fi hunda qabate akkasumas Seera Mootummaa Itoophiyaa keessatti deemsa cehumsaa akkamiin ta\u2019uu akka qabu akeekeera. Yaadni tokkummaa dhaabilee siyaasaa kunis ifatti cehumsi kuni akkamiin akka ta\u2019uu malu, mootummaa demokiraatawaa ta\u2019e ijaaruu fi rakko keessaa fi alaa biyyittii mudate keessa darbuun mootummaa tasgabaa\u2019aa utubuuf waliigaltee dhaabilee siyaasaa akka barbaachisu eereera. Kunis ammoo dhawata dhawataan haala seera biyyittii hordofeen deemsifamuu akka qabus yaada kana keessatti eerameera. Haata\u2019u malee mootummaan aangoorra jiru yaada dhaabileen siyaasaa kuni dhiyeessineef bakka hin kennine.<\/p>\n<p>Kuni akkanaan osoo jiruu Fulbaana 13 bara 2020, ABO irra deebi\u2019ee yaada furmaataa rakkoo siyaasaa biyyitti mudatee jiruuf furmaata tokkummaan dhaabilee siyaasaa dhiyyeessan kan jabeessuu fi kanas mootumman irra deebi\u2019ee akka ilaaluu gaafachuun ibsa baaseen gaafatee jira. Ibsa kana keessatti ABO rakkoo siyaasaa jiruuf akka furmaatatti dhaabileen siyaasaa waliin hojjechuun nagaa fi tasgabbii deebisuu, deemsa jijjirama daandii irraa jallate daandiitti deebisuu fi walii gala gaaffilee uummataaf deebii kennuun dirqii ta\u2019uu akeeke. Ammas mootumman aangoo irra jiru yaada keenya hin dhaggeeffanne. Inumayyuu miseensota, deeggartoota fi uummata dararuu, sodaachisuu, hidhuu fi ajjeesuu jabeessee itti fufe. Keessattuu hidhaa fi dararaan miseensota fi deeggaartoota ABO irratti jabate. Ibsuma Fulbaana 13 bara 2020 bahe kana keessattis ABO dhaabbilee Idil-addunyaa kan akka AU, EU, UNSC fi UNHRC rakkoon Itoophiyaa mudate kuni hamaa ta\u2019uu hubatanii jigumsa seera biyyittii fi marqama hawaasummaa irraa biyyittii oolshuuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan gaafateera.<\/p>\n<p>Akkasumas ibsa Mudde 12 bara 2020 ABO baase keessatti rakkolee siyaasa walxaxaa Itoophiyaa mudatan tarressuun filannoo biyyoleessaa gaggeessuu dursa rakkoolee siyaasaa jiran kana furuun dirqama ta\u2019uu hubachiise. Bakka caasaaleen naannoo hundaa diigamee jirutti, lolaa fi walitti bu\u2019insi bakka<\/p>\n<p>adda addaatti deemaa jirutti fi bakka tasgabbiin naannolee adda addaa keessatti hin jirretti filannoo biyyoolessaa gaggeessuun hin danda\u2019amu. ABO kana hubachuun Naannoon Oromiyaa mootummaa cehumsaa biyyoleessa Oromiyaa ijarrachuun Filannoo sadarkaa Federalawaatti ta\u2019uuf akka of qopheessu yaada dhihesse. Kunis rakko siyaasaa fi jeequmsa Oromiyaa mudachuu maluuf of qopheessuu fi mareelee siyaasaa sadarkaa Federalwaatti ta\u2019uuf bu\u2019uura ta\u2019uu hubachiisa.<\/p>\n<p>Itti fufuun ABO ibsa gabaabduu (memo) dhimma humnootiin biyya alaa fi Milishaan nannoo Amhaaraa keessoo Nannoo Oromiyaa fi Benishangul Gumuz seenuun jeequmsa gaggeessaa jiran kan ilaaleen Ebla 7 bara 2021 baaseen ifa godheera. Kunis rakkolee jiran daran hammeessun nageenya Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaa walxaxaa akka taasisu hubachiisee ture. Akkuma amaleeffatan mootummaan aangoorra jiru yaada fi furmaata ABO dhiyeesse dhiisuun, inumayyuu ilaalcha siyaasaa addaa warra qaban dararuu, uummata nagaa miidhuu, dhaabilee siyaasaa mormituu sodachisuu fi seeraa ala yeroo hatattama uummata irratti labsuun bulshiinsa humna waraanaa ijaaruu itti fufe. Har\u2019a harki caalaan Naannoo Oromiyaa, Beenshangul Gumuz fi Walloon bulshiinsa humna waraanaa jala jiru. ABO fi Kongreesiin Federaalawa Oromoo (KFO) mootummaaa aangorra jiruun filannoo biyyoleessaa keessa dhiibamanii bahuu fi hirmannaa maree dhimma egeree biyyitti ta\u2019u keessaa dhorkamuun kamirrayu yaddessaa dha. Akkuma beekamu ABO fi KFO dhaabbilee siyaasaa Oromoo jajjaboo lameen yeroo ta\u2019ani uummata biyyitti harka 40 ol (&gt;40%) ta\u2019an kan bakka bu\u2019ani dha.<\/p>\n<p>Yaada maayiiratti, ABO yeroo kamuu caala dhibdeen haalli nageenyaa fi jeequmsi siyaasaa Itoophiyaa itti fufinsaan dhoramaa jira. Kunis amma sadarkaa haala isaa fi gara itti deemuu illee raaguun rakkisaa ta\u2019eera. Sirna dhablummaanis heddummateera. Rakkooleen kunis yeroon furmaanni waliigala dhaabbilee siyaasaa mormituu dabalatee hin soqamneef biyyittiin rakkoo daran walxaxaa fi keessa bahuun ulfaata ta\u2019e seenti. Furmanni kunis hidhamtoota siyaasaa hiikuu fi deemsa filannoo irra deebi\u2019anii ilaaluu fi sirreessuu dabalata. Kana ta\u2019uu baannaan rakkoo jiru daran kan hammeessaa deemu inumayyuu sirna dhalbummaa kan babali\u2019suun gara dhiiga wal dhangalaasutti kan deemu ta\u2019uu asumaan hubatamuu qaba.<\/p>\n<p>ABO haga ammatti tarkaanfiilee uummanni Idil-addunyaa rakkoo kana furuuf fudhatan ni diqisiifata. Haata\u2019u malee rakkoo hedduu bal\u2019aa fi walxaxaa ta\u2019e kuni xiyyeefannaa guddaa fi deemsa waligala ta\u2019e barbaada. Kanaaf ABO dhaabbilee Idil-addunyaa kan akka AU, UNSC, EU fi dhaabbilee biroo dhimmi kuni ilaaluu hundaa yaada ABOn dhiyeesse kana xiyyefannaa itti kennuun dhiibbaa madalawaa ta\u2019e mootummaa aangoorra jiru irra kaa\u2019uun sirna bulshiinsa humna waraanaa uummata irratti diriirfame akka dhaabbatu taasisu ABO ni gaafata. Dhibdeeleen amma biyyittii mudataa jiru kuni akka jirutti itti fufnaan badii ulfaataa keessaa bahuun hin danda\u2019amne biyyittii akka qunnamu hubatamuu qaba. Furmanni waaraa fi dhaabbataa ta\u2019e rakka Itoophiyaaf kan argamu deemsa maree siyaasaa waligalaa qaamolee hunda hammateen duwwaa akka ta\u2019e ABO ni amana. Bakka bu\u2019oonni dhaabileen siyaasaa hundi sirna maree siyaasaa waligalaa ta\u2019u irraa qooda fudhachuun dirqama.<\/p>\n<p>Dhuma irratti ABO qaamolee kamuu waliin maree gochuun yaada gara daandii furmataa waliigalaatti geessu fi adda addummaa siyaasaa gama haasaa fi mareen hiikuuf godhamu irratti qooda fudhachuuf yoom illee qophii ta\u2019uu irraa deebi\u2019ee ni mirkaneessa.<\/p>\n<p>Injifannoon Uummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Ebla 28, 2021<\/p>\n<p>Finfinnee (Addis Ababa)<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; &nbsp; Rakkoo amma Itoophiyaa Mudate: Waamicha -Maree Siyaasaa Hunda Hammate taasisuun Daandii Furmaatati (Ibsa ABO, Ebla 28, 2021) &nbsp; Rakkoo amma Itoophiyaa mudatee jiru kana furuuf dhaabbileen siyaasaa adda addaa carraqqii hedduu godhanis furuu <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/04\/28\/rakkoo-amma-itoophiyaa-mudate\/\" title=\"Rakkoo amma Itoophiyaa Mudate:\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1623"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1623"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1623\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1623"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1623"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1623"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}