{"id":1570,"date":"2021-03-20T21:18:21","date_gmt":"2021-03-20T21:18:21","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1570"},"modified":"2021-03-20T21:18:21","modified_gmt":"2021-03-20T21:18:21","slug":"ibsa-teessuma-gumii-sabaa-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/03\/20\/ibsa-teessuma-gumii-sabaa-abo\/","title":{"rendered":"IBSA TEESSUMA GUMII SABAA ABO."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1224 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"146\" height=\"129\" \/><\/p>\n<p><strong><u>IBSA TEESSUMA GUMII SABAA ABO.<\/u><\/strong><\/p>\n<p>(Bitootessa 20, 2021<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 17 irraa hanga Bitootessa 20, bara 2021tti, ulfaatina haala yerootiin osoo hin daangeffamne,mana deggertoota dhaabichaa keessatti, teessuma gumii sabaa hatattamaa geggeeffatee, haallen: Ixoophiyaa, Oromiyaa, biyyoota ollaa, kan addunyaa, kan dhaabota siyaasaa biyya xoophiyaa fi qabsoo ummata Oromoo ABO\u2019n durfamuu irratti marii fi gamaaggama bal\u2019aa eerga geggeessee booda, ibsa armaan gadii baasuudhaan milkiin xumurateera. Miseensota Gumii Sabaa manneetii hidhaa biyya kanaa keessatti dararamaa jiran maraaf, bu\u2019urri teessuma Gumii Sabaa kun dursa himameefii, dhimmoota murtii Gumii Sabaa barbaadan irratti yaada murtii qaban akka dhiyeeffatan illee taasifameera.<\/p>\n<p>Filmaata karaa nagaa keessaa, Adda Bilisummaa Oromoo baasuudhaan, akkuma kaleessaa, hoogganaa fi mootummaa ofii fedhan ummata Oromoo irratti fe\u2019uuf duulli hamaan yoo irratti geggeeffame illee, ABO fi qabsoo ummata Oromoo kallachummaa dhaaba kanaatiin geggeeffamu jiraachisuu fi babal\u2019isuu irratti\u00a0 hojiin Adda Bilisummaa Oromootiin hojjetamaa jiru: miseensota, deggertoota fi ummata bal\u2019aa Oromoo kan boonse ta\u2019uu gamaaggama hojii darbee irraa hubatamee, kun, muratnoo fi cichoomina dachaadhaan jabaatee itti fufuu akka qabu teessummi kun murteesseera.<\/p>\n<p>Haala qabatamaa ABO\u2019n keessa jiru irratti gamaaggama geggeefameen, har\u2019a: hoogganooti, qondaaloti, miseensoti fi deggertooti dhaaba kanaa kumootaan manaa hidhaa biyya kanaa keessatti dararamaa akka jiran gabaasaa dhiyaate irraa\u00a0 Gumiin Sabaa hubatee, isaan tun, hidhamtoota seexaa ykn ilaalcha siyaasaa qaban qofaaf kan dararamaa jiran ta\u2019uu irraatti waliigaluudhaan, qabsoo karaa nagaatiin: dimookraasii, haqa, olaantummaa seeraa fi nagaa biyya kana keessatti milkeessuuf itti fufanii akka gumaachaniif, haal-duree tokko malee mootummaan daddaffiidhaan gadi dhiisuu akka qabu\u00a0 tessummi Gumii Sabaa kun jabeessee gaafata.<\/p>\n<p>Seerri Paarileen Siyaasaa ittiin galmaahani fi hojjetan,\u00a0 labsiin lakkoobsa 1162\/2019, dhaaboti Siyaasaa ulaagaa haaraa guutatuu akka qaban kan dirqu waan ta\u2019eef, seera kanaa fi heera dhaabaa wal-fudhachiisuuf haa ta\u2019u, hooggana hir\u2019atan filannoodhaan guutatuuf <strong>(Heera ABO, Aangoo 19:10:Humni namaa hoogganaa yoo hir\u2019ate, Gumiin Sabaa Kora Sabaa hatattamaa yaamee bakka hir\u2019ate filannoodhaan akka guutamu taasisa)<\/strong>, Gumiin Sabaa ABO, Waajjira Muummee dhaabichaa Finfinneetti Bitootessaa 16 irraa hanga Bitootessaa 18, bara 2020 teessuma geggeeffate irratti teessummi Kora Sabaa hatattamaa baatii Muddee,2020\u00a0 geggeeffamuu akka qabu murteessee<strong>(Heera ABO, Aangoo 17:6: Heera kana hordofuudhaan teessuma Kora Sabaa kan hatattamaa yaamuu ni danda\u2019a.), <\/strong>koree teessuma\u00a0 hatattamaa kana qopheessitu of keessaa filee<strong>(Heera ABO, Aangoo 20:4: Koreelee adda addaa yeroo barbaachisetti ijaaree, hojii isaanii murteesssee bobbaasuudhaan ittiin hojiilee dhaabaa waliigalaaa qindeessa; to\u2019ata) <\/strong>dirqama itti kenneera.\u00a0 Haallen humna koree kanaa ol ta\u2019een, yeroo baalamametti Kora kana qopheessuu yoo hin dandeenye illee, Bitootessa 17\/2021, Kora Sabaa hatattamaa milkeessuuf sochii eegaluu Koreen Qopheessituu ibsa baaftee Boordii Filannoo Biyyoolessaa fi qaamota dhaabaa hunda quba qabaachifteetti. Ibsa baafte kanaan, miseensota Gumii Sabaa 8 <strong>( Heera ABO, aangoo 19:5 Gumiin Sabaa ABO,<\/strong> <strong>miseensota 48 qabaata)<\/strong>\u00a0 dhaaba irraa adda bahan yaada fooyyessii yoo qabaatan akka gumaachaniif gaafatamanii yaada gumaachuuf fedhii dhabuu isaanii teessummi Gumii Sabaa tun ragaa waliin hubatee, haala ulfaataa kana keessatti, sochii koreen kun taasisaa jirtu ajaa\u2019ibsiifateera. Itti fufuudhaanis, Koreen kun,\u00a0 haala aanjaa jiru qorataa fi kan hojjetamuu qabu hojjetaa kora kana milkeessuuf akka\u00a0 irratti hojjetu\u00a0 ajajeera.<\/p>\n<p>Kora hatattamaa ABO qopheessuuf, Koreen Gumii Sabaatiin filamte kun sochii geggeessaa osoo jirtuu: heera, seera fi murtii\u00a0 ABO armaan olii\u00a0 faallessuudhaan, miseensoti Gumii Sabaa ABO saddeettan kun, gargaarsa mootoummaa guutuudhaan, waajjirri ABO\u2019f dhowwaa, isaaniif hayyamamee, Bitootessa 13\/2021 maqaa ABOtiin \u201cKora Sabaa\u201d: hayyu dureen, hoogganooti dhaabichaa 40 fi miseensoti irratti hin hirmaanne geggeessuudhaan \u201chooggana filatne\u201d jedhanii labsuun\u00a0 warra dhaaba irraa achi bahe kana qabatanii, ABO\u2019n kan filannoo irraa\u00a0 hirmaate fakkeessuudhaan shira siyaasaa qabsoo fi mirga ummata Oromoo irratti taphachuuf kan karoorfame ta\u2019uu gabaasaa gale irraa\u00a0 Gumiin Sabaa hubatee jira. Kanuma irraa ka\u2019uun, gochaan akkasii daangaa darbe waan jiruuf, mootummaan biyya bulchaa jiru, dhimma ABO keessaa harka isaa akka dachaafatu Gumiin Sabaa gaafachaa, karroorri cubbu, bifa kanaan ummata Oromoo irratti diriire itti bahi isaa akka hin milkoofneef\u00a0 ummata bal\u2019aa Oromoo fi caasaalee dhaabaa daran hiriirsuudhaan qajeelfammi ABO hojii irra akka ooluuf akka hojjetu Gumiin Sabaa ejjennoo fudhateera.<\/p>\n<p>\u201cRakkoo dhalate\u201d jedhamee itti gabaafame ilaalee, Muddee 19\/2020 murtii dabarseen, J\/Daawwud Ibsaa, hayyu duree ABO kan seeraa ta\u2019uu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa labsuun ni yaadatama. Murtiin kun, aangoo fi gaafatama heerri dhaabaa hayyu dureef kennu kan fudhatee ta\u2019uun ifaa dha. Akkasumas, Boordiin kun, Kora Sabaa geggeeffatuuf qophii taasisuun,\u00a0 yeroo jaarmoti siyaasaa Filannoo Biyyoolessaaf qabaachuu qaban kan saamuu\u00a0 danda\u2019u ta\u2019uu isaa hubatuudhaan\u00a0\u00a0 kora isaanii filannoo booda\u00a0 geggeeffachuu akka danda\u2019an Amajjii 14\/2013, lakkoobsa 1162\/11\/206 xalayaa barreesseen murteeessuun, dhaaboti siyaasaa Kora Sabaa geggeeffatuuf yeroon kennameef kan hin dabarre ta\u2019uu kan agarsiisu;<\/p>\n<p>Heera ABO<strong> (Aangoo25:3: Hayyu dureen ABO, hayyu duree Gumii Sabaa fi hayyu duree Koree Hojii Raawwachiiftuu taha.\u00a0 Aangoo 25:5: Hayyu dureen ABO, bakka bu\u2019aa sirnaa dhaabichaa ti. Aangoo 25:6: Walgahii Koree Hojii Raawwachiiftuu gidduutti, qajeelfama hojii isaa irratti hundeeffamee, hojii dhaabaa hordofa; walitti qindeessa. Aangoo 25:7: Hayyu dureen, miseensota Koree Hojii Raawwachiiftuu dameelee adda addaa irratti: ramada, jijjiira, hojii isaanii walitti qindeessa; ni to\u2019atas. Aangoo 25:8: Hayyu dureen, gabaasaa hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu, Gumii Sabaatiif, Hojii Gumii Sabaa ammoo Kora Sabaatiif dhiyeessa) <\/strong>kan jedhu;<\/p>\n<p>Dhaabi siyaasaa kamuu, heera ykn seera ittiin bulmaataa baaafateen of bulcha; hojii isaa illee geggeeffata.\u00a0 Waxabajjii 8, 2019 Kora Sabaa geggeeffamee irratti heera ragga\u2019een, gadaan(yeroo) Gumii Sabaa fi hayyu duree waggaa shan(<strong>Heera ABO, aangoo19:4:Gadaan (yeroon) waajjira Gumii Sabaa, hanga Kora Sabaa itti aanutti ta\u2019a.\u00a0 Aangoo 25:2: Hayyu dureen, miseensota Kora Sabaa keessaa waggoota shaniif filatama) <\/strong>ta\u2019uu kan tumame;<\/p>\n<p>Labsii lakkoobsa 1162\/2019, boqonnaa afreessoo: Mirgaa fi dirqama jaarmota siyaasaa,\u00a0 qabxii 75: Dhimmoota keessa isaanii irratti bilisummaa jaarmoti siyaasaa qaban, qabxii 1 fi 2 jalatti <strong>( 75:1:Paartileen siyaasaa,\u00a0 heera isaanii keessatti: sirna, sagantaa siyaasaa fi heera ittiin raggaafatani fi fooyyessan, akkasumas, teessuma ittiin geggeeffatan heera isaanii keessatti murteessu. 75:2: akka heera isaaniitti, qaamota hoogganaa, hojii siyaasaa dhaabichaa: qajeelchan, murteessanii fi hojii irra oolchan jaarmoti siyaasaa ni qabaatu ) <\/strong>kan tumame;<\/p>\n<p>Faallessuudhaan, Kora: heera, seera fi caasaa sirnaa dhaabaatiin ala yaamame irratti Boordiin Filannoo Biyyolessaa argamee tajjabuunii fi humni poolisaa, nageenya korichaaf bobbaafamuun, seera kabajanii kabachiisuu qaban cabsuudhaan dhimma ABO keessa harka naqatuu fi dirqama Paartii Badhaadhinaa bakkaan gahuuf hojii hojjetame akka ta\u2019etti Gumiin Sabaa ilaalee, Boordiin Filannoo fi Waajjirri poolisaa,, ABO fi ummata Oromoo ifaatti dhiifama gaafatanii, fuulduratti dhimma ABO keessaa harka dachaafatuudhaan ABO\u2019n heera isaatiin akka hojjetu itti dhiisuu ykn ammoo miseensa Paartii Badhaadhinaa ta\u2019anii ABO waliin kallattiidhaan\u00a0 dorgommiif dhiyaatuu akka qaban qaamota kanatti himamuu akka qabu teessummi Gumii Sabaa sagalee guutuudhaan murteesse.<\/p>\n<p>ABO keessatti, foxxoqa uumuudhaan, kan foxxoqe kana ammoo qaama seerawaa taasisuun, maqaa ABOtiin,\u00a0\u00a0 qumaara siyaasaa paartiin biyya bulchaa jiru, mirga ummata Oromoo irratti taphachuu barbaadu ta\u2019uu Gumiin Sabaa hubatee miseensotaa fi ummata waliin ABO\u201dn jabaatee akka hojjetu waadaa haaromfatee jira. Filannoo Biyyoolessaa Dimookraatawaa ta\u2019e\u00a0 geggeessuuf, haal-dureelee guutamuu qaban ABOdhaan gaafatame mootummaan guutuu diduudhaan dhiibee filannoo keessaa ABO waan moggeesseef, filannoo mootummaan umurii aangoo isaa dheereffachuu qofaaf\u00a0 qopheeffataa jiru irraa akka hin\u00a0 hirmaannee daangeffamuu Gumiin Sabaa sagalee guutuudhaan itti amanee fudhatee, kaadhimamaa maqaa ABOtiin filannootti dhiyaatu ABO\u2019n akka hin qabne ummatni keenya beekee, murtiin dhaabaa hojii irra akka ooluuf dirqama isaa bahuu akka qabu Gumiin Sabaa jabeessee ummata bal\u2019aa Oromoof dhaameera.<\/p>\n<p><strong>INJIFATNOON UMMATA BAL\u2019AAF!<\/strong><\/p>\n<p><strong>GUMII SABAA ABO <\/strong><\/p>\n<p><strong>Bitootessa 20, 2021<\/strong><\/p>\n<p><strong>Finfinnee Oromiyaa<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>IBSA TEESSUMA GUMII SABAA ABO. (Bitootessa 20, 2021 &nbsp; Addi Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 17 irraa hanga Bitootessa 20, bara 2021tti, ulfaatina haala yerootiin osoo hin daangeffamne,mana deggertoota dhaabichaa keessatti, teessuma gumii sabaa hatattamaa geggeeffatee, haallen: <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/03\/20\/ibsa-teessuma-gumii-sabaa-abo\/\" title=\"IBSA TEESSUMA GUMII SABAA ABO.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1570"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1570"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1570\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1570"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1570"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1570"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}