{"id":1545,"date":"2021-03-08T23:37:32","date_gmt":"2021-03-08T23:37:32","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1545"},"modified":"2021-03-08T23:37:44","modified_gmt":"2021-03-08T23:37:44","slug":"filmaata-biyyoolessaa-itophiyaarratti-ibsa-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/03\/08\/filmaata-biyyoolessaa-itophiyaarratti-ibsa-abo\/","title":{"rendered":"\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1224 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"165\" height=\"146\" \/><\/p>\n<p>ADDA BILISUMMAA OROMOO<\/p>\n<p>Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO<\/p>\n<p>(Bitootessa 8, 2021)<\/p>\n<p>Akkuma yaadatamu ABO qabsoo hidhannoo waggoota dheeraaf mootummoota Itophiyaa waliin gochaa ture hagayya 2018 keessa dhaabee gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiire. Kunis gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiiruudhan qabsoo karaa Nagaa fi Maree siyaasaa tiin mirga dimokraasii fi hiree murteeffannaa kabachiisuuf yaadameetu ture. Akkuma Kanaan Hoogganni ABOs Baatii Fulbaana 2018 keessaa magaalaa Finfinnee, Itophiyaatti deebi\u2019uun ni beekama. Yeroo sanatti sabni keenya Cehumsa Ebla (April) 2018 irraa eegalee waggaa lamaaf jedhamee itti seename Filmaatni walabaa fi haqaa seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf geggeeffama jedhee yaadamee ture. Garuu abdiin kuni dimismisee dhumarratti dukkanaawuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne. Paartii biyya bitaa ture akkuma injifannoo rakasha mormitoota siyaasaa biyyatti galcheera jedhee argateen utuu yeroo itti hin kenniin ABO irratti olola hamaa jalqbe. Ololli Karaa Sabaa himaa (Social media) fi midiyaa mootummaa akkuma hoogganni dhaabaa Fulbaana 15, 2018 biyyatti seeneen guyyaa muraasa keessatti eegale.<\/p>\n<p>ABOn marii Karaa nagaaf dursa kennee carraaqaa jiru, sadarkaan duula propogandaa fi ummata burjaajessuu kun osoo hin turiin ol-guddatee mootummaan waraana karaa Dhihaa fi Kibba Oromiyarratti bane. Asirratti kan hubatame mootummaan waliigalteen Hagayya (August) 2018 keessa Asmaratti ta\u2019een faallaa deemee waraanni xumuramee, loltootni \u00a0Bilisummaa Oromoo akka humna nageenyaa fi poolisii biyyaatti makaman akka hin feene dha. Mootummaan humna loltuu Bilisummaa Oromoo ummatatti dabalee nagaa buusuurraa \u00a0lolaa fi jeequmsa ufii uumetti dhimma bahuu fi \u00a0Waraana Bilisummaa Oromoo fi Hooggana ABO gidduu hariiroo ture sababeeffachuudhan \u00a0ABO siyaasaa karaa nagaa keessaa ala taasisuu itti shiroota dhuma hin qabne itti fufe.<\/p>\n<p>Lola mootummaan Oromiyaa keessatti geggeessaa jirutti dabalatee Dhibeen COVID-19 dhufuun mormitootni siyaasaa akka daran dadhabanii filmaata Hagayya 2020 yaadamee tureef hin qophoofne taasise. \u00a0Balaan dhukkuba kun filmaata \u00a0biyyoolessaa irratti dhiibbaa qabaatullee sababni guyyaa filmaataa dabarsuuf dhihaate hundee seeraa fi adeemsa siyaasaa keessatti gaaffii guddaa kan uumee dha. Gama seeraatiin yoo ilaalle heera Biyyattii keessatti yeroo paarlaamaa dheeressuuf kan nama dandeessisu hulaa banaan waan hin jirreef yeroo filmaataa dheeressuun humnoota siyaasaa hunda waliin ta\u2019udhaan murtii siyaasaa haarawaa gochuun barbaachisaa \u00a0ture. Yaada kana ammoo mootummaatu fudhachuu dide.<\/p>\n<p>Akkuma mormitootni yeroo filmaataa seeraa ala dheeressuu sirrii miti jedhanii mormiin jabaateen gidduutti Artistiin Oromoo qaroo fi jaallatamaa kan ta\u2019e \u2013 Hacaaluu Hundeessaa \u2013 ajjeefame. Akkuma kuni ta\u2019een miseensota, hoogganootaa fi deeggartoota jarmayaa siyaasaa mormitootaa hidhuu fi dararuu daran bal\u2019atee jabaate. \u00a0Hooggantootni jaarmiyaa mormitootaa beekamoo sadarkaa oliirra jiranii fi bitaa, mirgaa fi giddugaleesssa utuu hin jedhiin jumlaan hidhuun itti fufe. Hanga har\u2019aatti ajjeechaan Hacaaluu fi namootni siyaasa keessatti bebbekamoon ajjefaman qaama loogii hin gooneen utuu hin qoratamiin jira.<\/p>\n<p>Mootummaan \u00a0uummata hiree murteeffannaa fi ofiin of-bulchuu lammileen Oromiyaa fi kibba Itophiyaa gaafachaa jiran irratti gochaa suukanneessaa kana raawwachaa utuu jiruu, itti dabalee garaagarummaa ilaalcha polotikaa marii fi falmii siyaasaatiin furuu irra lola Oromiyaa keessatti eegale sana gara biyya Tigray tti ceesisee lola bal\u2019aa labse. Akkuma ummatni beekuu fi seenaa keessatti galmaawee jiru ABOn firummaa TPLF gonkayyuu hin qabu. ABOn dura bu\u2019aa jaarmotaa siyaasaa ta\u2019ee waayiloota isaa waliin mootummaa TPLF tiin hogganamu darbeemmoo EPRDF jedhee uf yaame mormaa ture. Garuu, dhugaa jiru yoo ilaalle, lolli Tigray keessaatti geggeefamaa jiru itti fufinsa lola Oromiyaa jilbeenfachiisuuf geggeffamaa jiru ta\u2019uu isaa hubanna. Erga kufaatiin diploomaasii qaama biyya bitaa jirurra gahee, fi mootummaan US rakkina hidhaa laga Abbayyaa (GERD) furuuf akka gidduu galu waliigalamee booda Itiyoophiyaan hariiroo Sudan waliin qabdu cabee yeroo ammaa lola guutuu biyya ollaa biraa waliin jalqabuuf qarqara gahamee jira.<\/p>\n<p>Kan keessa jirru biyya miseensotaa fi hooggantootni jaarmayaa polotikaa Bilisa ta\u2019anii haqaan mirgaa fi demokraasii biyyaaf hojjetan qaama biyya bituutiin jumulaa tti qabamanii, haala sukkaneessaa keessatti dararamanii dha. Kunis, utuu karaa mana murtii guutuutti bilisa bahanii jiranii fi yeroo tokko tokko ammoo warri mootummaaf dhaabbatanii abbootiin alangaa jara kanarraa himata kasasanillee yerootti bilisa ta\u2019uu hafee namootni hidhamanii taa\u2019aa jirani dha. Kan keessa jirru biyya waajjirootni jaarmayaa mormitoota polotikaa, teessuma waaltaa isaaniirraa hanga godinaa guutuu cufamanii fi humna biyya bituun weeraramanii tohatamanii dha.<\/p>\n<p>Egaa waliigalaatti haala akkasii kana keessatti biyyattiin kan filmaata biyyoolessaaf \u2018qophaawaa\u2019 jirtu. \u00a0Boordii filannoo biyyoolessaa Itopphiyaa fi qaamota kana keessaa qooda qabna jedhan (stakeholders) kan yaadachiisuu feenu, filannoo jechuun waayee guyyaa filatnoo dhaqanii sagalee keennii qofa miti. Filannoo keessatti hedduun barbaachisaan tartiiba filannoon suni ittiin qophaayee fi akkaataa filannoo sana bira gahamee qulqulleessuu dha. Haqaa fi amanamummaan filannoo fi sirni dimokraasii guyyaa filannoo dura sirna filannoo itti geggeffamuu fi hojii sadarkaa adda addaatti raawwatamuu qabuu fi loogii malee qooda fudhannaa jaarmayaa mormitootaa irratti hundaawa. Filannoo tokko kan ittiin madaalamu adeemsa sirna filannoo sana keessatti jalqabaa hanga dhumaatti raawwatamee malee guyyaa filannoo sagalee dhoksaan kennameen akka hin taane hubatamaa dha. \u00a0Filannoon haqaa fi dhugaa irratti hundaawe kan gamaagamamu adeemsa filannoo sana keessatti ta\u2019e, kabajamuu mirga mormitootaa fi haqni jiraachuu, loogiin dhabamuu fi kanaafis qaama bilisa ta\u2019een tartiiba raawwatame hordofamuu isaarratti hundaawa. Adeemsi kunis mormitoota hundaaf dirree siyaasaa banuu fi akka bilisaan socho\u2019an eyyamuu; Miidiyaa bilisa ta\u2019ee hunda walqixxummaan tajaajiluu; fi boordii filannoo fi qaama seeraa Bilisa ta\u2019ee loogii tokko malee hojjetu feesisa.<\/p>\n<p>Dhuguma dubbachuuf yoo ta\u2019e itti bahinsi filmaata (election results) Itophiyaa ammaa kun dursee kan beekamee dha. Nama haqarratti hundaawee ilaaluuf haala biyyittiin amma keessa jirtu kana keessatti filmaatni kun geggeffamuu kan hin qabnee dha. Sababa warri biyya bulchina jedhanii of-yaaman filmaata kanarratti cichanii jiraniif nuti mootummaa filatamee dha jedhanii of-moggaasuu fi nama amansiisuuif qofaa dha. Kanaa -achi sababni filannoo qabeenyaa guddaan gaafatu kana gargaarsa biyyoota adda addaa fi qabeenyaan biyyattii hiyyeessa kanaa, utuu ummatni miliyoonaan lakkaawamu beelawaa jiruu, qisaasamuuf dantaa warra biyya bituuf malee sababa biraa hin qabu.<\/p>\n<p>Kanarraan kan ka\u2019e ABOn kan itti amanu:<br \/>\n1. Filmaata haqaa fi bilisaa geggeessuu haa turuutii haalli amma biyyittiin keessa jirtu sadarkaa dhumaattiillee mirgi dimokraasii (lowest standards of\u00a0even\u00a0illiberal democracies) akkan hin jirree dha.<br \/>\n2. Haala waggoota lama darban keessatti ta\u2019e walakkaa isaa armaan olitti caqafame irraan kan ka\u2019e, itti bahumsi filmaata kanaa filmaata haqaa, bilisaa fi kan hunda bakka bu\u2019u ta\u2019uu waan hin dandeenyeef qaamota dubbiin ilaaluu (stakeholders) biratti fudhatama hin qabu.<br \/>\n3. Yoo filmaatni kun geggeeffamellee rakkina siyaasaa gurguddoo ta\u2019an fi waldhibdee biyyattii keessa jiru furuu irratti jijjirama inni fidu hin jiru.<\/p>\n<p>Kanaaf, ABOn filmaata dhufu kana qooda fudhachuu irraa Mootummaan dirree siyaasaa itti dhiphiisuun ugguuramuu irraan kan kahe gochaa Mootummaa irraa akka hin hirmaanee taasifamuu Isa labsiinaa.<br \/>\nKunis kan ta\u2019e sababa Paartiin Badhaadhinaa (Prosperity Party) utuu beekuu (intentionally) qooda fudhannaa siyaasaa irra nu dhiibee fi iyyannoo keenya yeroo hundaaf gurra kennuu diduu irraa kan ka\u2019e fi ABO dhiibuu irraa dantaa guddaa paartii badhaadhinaa fi waayiloota isaatiif argachuu waan qindeeffameefidha. Haa ta\u2019uutii, haalota waan armaan gaditti caqasaman guutuu fi gaaffilee haqaa kan jaarmotni mormitoota siyaasaa gaafatan deebisuu fi rakkinoota ummata bal\u2019aa furuu yaaluun adeemsa dimokraasii biyyattii gargaara jennee amanna.<br \/>\n1. Hidhamtoota siyaasaa hunda haal duree tokko malee hiikuu;<br \/>\n2. Waajjiroota jaarmota mormitoota Siyaasaa yeroo ammaa cufamanii\/ tohannoo human sekuriitii warra biyya bulchaa jiranii jiran banuu;<br \/>\n3. Yeroo ammaa biyyattii guutuu keessaatti adeemaa kan jiru ummata hidhuu, dararuu fi ajjeessuu dhaabuu fi marii hunda ammate geggeessuu;<br \/>\n4. Qaamotni (Institutions) kan akka Boordii Filannoo, Mana Seeraa fi Murtii fi nagaa eegdota akka bilisa ta\u2019an wabii kennuu;<br \/>\n5. Marii Siyaasaa (political Dialogue) kan hunda ammatee fi itti bahi isaa furmaata rakkina polotikaa biyya kanaa kan tahe akka jalqabamu taasisuu.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/p>\n<p>Bitootessa 8, 2021<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; &nbsp; ADDA BILISUMMAA OROMOO Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO (Bitootessa 8, 2021) Akkuma yaadatamu ABO qabsoo hidhannoo waggoota dheeraaf mootummoota Itophiyaa waliin gochaa ture hagayya 2018 keessa dhaabee gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiire. Kunis <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2021\/03\/08\/filmaata-biyyoolessaa-itophiyaarratti-ibsa-abo\/\" title=\"\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1545"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1545"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1545\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1545"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1545"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1545"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}