{"id":1438,"date":"2020-12-20T18:49:10","date_gmt":"2020-12-20T18:49:10","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1438"},"modified":"2020-12-20T18:49:10","modified_gmt":"2020-12-20T18:49:10","slug":"mootummaan-garee-dhaaba-badhaadhinaa-qondaaltotaa-fi-miseensota-abo-qaama-tikaan-ukkaamsuun-hidhee-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2020\/12\/20\/mootummaan-garee-dhaaba-badhaadhinaa-qondaaltotaa-fi-miseensota-abo-qaama-tikaan-ukkaamsuun-hidhee-jira\/","title":{"rendered":"\u00a0Mootummaan garee dhaaba Badhaadhinaa qondaaltotaa fi miseensota ABO qaama tikaan ukkaamsuun hidhee jira."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1224 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"145\" height=\"128\" \/><\/p>\n<p><strong>\u00a0Mootummaan garee dhaaba Badhaadhinaa qondaaltotaa fi miseensota ABO qaama tikaan ukkaamsuun hidhee jira.<\/strong><\/p>\n<p>Ibsa Adda Bilsummaa Oromo Muddee 20\/2020<\/p>\n<p>Humni dhaaba siyaasaa Badhaadhinaa aangoo of harkaa qabuu hookkara biyyatti keessatti dhaleessuun nagaa waaraa dhorkachuu yeroo dhaa yerootti itti fufuun lammilee haala yaadessaa keessa galchee jira.<\/p>\n<p>Waggoota lamaa fi walakkaa darban kana keessa ,Dr Abiyyiin kan durfamu paartiin Badhaadhinaa, kan aangoo of harkaa qabu qondaaltota , miseensotaa fi deggeertoota dhaabbilee mormitootaa hidhaa,ajjeessaa , hiraarsaa fi hojii iddilee isaanii akka hin hojjennee dhorkataa tureera. Keessattuu qondaaltootaa fi miseensota ABO kuma kudhanii ol ta\u2019an bakka itti hidhaman kan beeknuu fi garii immoo bakka itti hidhaman kan hin beeknee hidhaatti ugguruun hojii ijaarsa sirna dimookraasiidhaaf danqaa ta\u2019uu kan hunduu hubatudha. Yeroo amma kana hawaasni addunyaa fi lammileen Itoophiyaa hidhamtoota siyaasaa akka gad lakkifamanii mariin biyyooleessaa hutubamee nagaan waaraa akka dhalatu dhiibbaa godhuun gaafataa jiran kanatti gareen aangoo of harkaa qabu hidhaa cimsaa tarsiimoo humna qawween ukkamsanii bulchuu filannoo godhatee itti fufaa jiraachuu hubanna.<\/p>\n<p>Akkuma baramaa armaan dura miseensota keenya irra ga\u2019aa ture, Guyyaa har\u2019aa Muddee 20 bara 2020, qaamni tika mootummaa aangoo of harkaa qabu qondaaltoota hojii jaarmiyaa ABO fi gazeexeessitoota arrata dhaabichaa kan tahan 10 ukkamsee mana hidhaatti darbatee jira. Humnoonni tika garee badhaadhinaa kun ganamaan maneen jireenyaa isaanitti humnaan seenuun mana sakkata\u2019uu dhaan qabeenya dhuunfaa isaanii dookmeentiilee garaagaraa, qabeenya elektrooniksii adda addaa, kompiiteeraa fi bilbila harkaa fudhataanii jiru. Miseensota fi qondaaltota ABO gazeexeessitoota arrata dhaabichaa (SBO) dabalatee,<\/p>\n<ol>\n<li>Mohammad Raggasaa( Firaa\u2019ol Jaallataa) &#8211; Miseensa Gumii sabaa fi dubbi himaa ABO,<\/li>\n<li>Murataa Sabaa (Malkamuu Danuu) \u2013 Miseensa Gumii Sabaa ABO,<\/li>\n<li>Ayyantuu Bulchaa (SBO) -Gazeexeessituu,<\/li>\n<li>Ibsaa Gaaddisaa(SBO)- Gazeexeessaa,<\/li>\n<li>Dr Gadaa Oljirraa -Gaafatamaa waajjira HD ABO,<\/li>\n<li>Yeroosan Hayyuu- Qindeessaa Jaarmiyaa ABO naannoo Finfinnee,<\/li>\n<li>Tumsaa( Asaffaa Fiqaaduu)- Qondaala jaarmiyaa ABO,<\/li>\n<li>Gurmuu Ayyanaa \u2013 Dbballee ABO,<\/li>\n<li>Geessisaa Kuusaa \u2013 Qindeessaa Jaarmiyaa ABO Konyaa Mandii,<\/li>\n<li>Liidiyaa ALI- Miseensa Jaarmiyaa dubartootaa kan ta\u2019an bakka hin beekamneetti fudhatamaniiru.<\/li>\n<\/ol>\n<p>Yeroo ammaa kana Itoophiyaan rakkoo nageenyaa dhidhima keessaa hin baane keessa seentee argamti. Nageenya dhabuu Naannoo Oromiyaa, lola Kaaba biyyatti Tigraay keessatti deemaa jiruu fi rakkina<\/p>\n<p>tajaajila namoomaa(humanitarian crisis) mudatee jiru, hookkara mootummaa Naannoo Beenshaangul-Gumuz keessatti deemaa jiru, rakkoo nageenyaa ummatoota kibbaa gidduu deemaa jiru, gaaffii daangaa biyya Sudaanii fi Itoophiyaa gidduutti deema jiru biyyattii rakkoo nageenyaa fi diigumsa cimaa keessa galchuutu argamaa jira.<\/p>\n<p>Rakkooleen biyyoota olla fi rakkoo nagaa keessaa biyya kanaa keessa jiru hamaa ta\u2019ee jirutti paartiin aangoo of harkaa qabuu \u201cFilannoo biyyooleessaa \u201c 2021 deemsisa jedhee labsaa jira. Kun ammo fakkeessuuf malee haala hamaa akkana keessatti filannoo geggessuun kan yaadamu miti. Akka hubannuu fi ta\u2019u malli lammiilee biyyattii iraa ka\u2019aa jiranitti paartiin aangoo qabatee biyya bulchaa jiru kun jaarmiyaalee mormitootaa filannoo keessaa baasee of filachuu qofaaf akka qophaa\u2019aa jiru ibsa.Kun ammo ifatti qaama aangoo afaan qawween nama bulchutti akka geessu ifa dha.Ummatotni Itoophiyaa waggoota 50 darbaniifis kan ittiin bulaa turan human qawween sodaachisamaa ta\u2019uun kanuma beekamudha. Paartiin biyya bulchaa jirus carraa nagaa waaraa dhabuu biyyattiitti dhimma ba\u2019uun sirna \u201c biyya tokko afaan tokkicha\u201d kan jedhuu tarsiimoo akeeka siyaasaa isaa dhugoomsuuf rawwataa jiraachuu mul\u2019isa. Kun ammo biyya sabdaneessa taate kanaaf nagaa fi tasgabbii lammilee giddu jiraachuu maluuf yaaddoo fi danqaa guddaadha.<\/p>\n<p>Addi bilisummaa Oromoo (ABO)n hawaasa addunyaa fi lammilee Itoophiyaa adeemsi paartii badhaadhinaa kun gara dhidhima siyaasaa keessa ba\u2019uu hin danda\u2019amnetti akka geessaa jiru jala murree akka hubatu hubachiisuu feena.<\/p>\n<p>Maayii irrattis paartiin aangoo of harkaa qabu kun hidhamtoota humnaan ukkamse kanaa fi hidhamtoota siyaasaa Kanaan dura hidhaatti darbataman hundaa akka haal duree tokko malee gadhiisu cimsnee gaafanna. Hawaasni addunyaa, keessattuu wahiloonni mootummichaa ta\u2019an mootummoota Awuroopaa,Gamtaa Afriikaa fi humnoonni falmitoota mirga dhala namaa hunduu dhiibbaa gochuun akka hiikaman taasisan ABO cimsee gaafata. Sabalammii Itoophiyaa hundaaf addatti Ilmaan Oromoo fi lammileen Oromiyaa ammo gochaa kana tokkummaan wal bira dhaabbatuun akka hidhamtoonni siyaasaa hiikaman falmatan dhaamaa hunduu nagaa waaraa argamsiisuufis ta\u2019ee marii nagaa waloo dhaleessuuf ga\u2019ee isaa akka ba\u2019atu dhaammanna.<\/p>\n<p>Injifannoon ummata bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Muddee 20\/2020<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>\u00a0Mootummaan garee dhaaba Badhaadhinaa qondaaltotaa fi miseensota ABO qaama tikaan ukkaamsuun hidhee jira. Ibsa Adda Bilsummaa Oromo Muddee 20\/2020 Humni dhaaba siyaasaa Badhaadhinaa aangoo of harkaa qabuu hookkara biyyatti keessatti dhaleessuun nagaa waaraa dhorkachuu yeroo <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2020\/12\/20\/mootummaan-garee-dhaaba-badhaadhinaa-qondaaltotaa-fi-miseensota-abo-qaama-tikaan-ukkaamsuun-hidhee-jira\/\" title=\"\u00a0Mootummaan garee dhaaba Badhaadhinaa qondaaltotaa fi miseensota ABO qaama tikaan ukkaamsuun hidhee jira.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1438"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1438"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1438\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1438"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1438"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1438"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}