{"id":1250,"date":"2020-04-11T22:59:23","date_gmt":"2020-04-11T22:59:23","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1250"},"modified":"2020-04-11T22:59:23","modified_gmt":"2020-04-11T22:59:23","slug":"kaayyoo-wareegamtoota-keenyaa-galmaan-ni-geenya-ebla-15-guyyaa-gootota-wareegamtoota-oromoo-kan-2020-ilaalchisee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2020\/04\/11\/kaayyoo-wareegamtoota-keenyaa-galmaan-ni-geenya-ebla-15-guyyaa-gootota-wareegamtoota-oromoo-kan-2020-ilaalchisee\/","title":{"rendered":"Kaayyoo Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Ni Geenya! Ebla 15 (Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo) Kan 2020 Ilaalchisee"},"content":{"rendered":"<h2 style=\"text-align: center;\">Kaayyoo Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Ni Geenya! Ebla 15 (Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo) Kan 2020 Ilaalchisee<\/h2>\n<p style=\"text-align: center;\"><em>(Ibsa ABO &#8211; Ebla 11, 2020)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-1224 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/11\/Faajjii.jpg\" alt=\"Obsi\" width=\"239\" height=\"211\" \/>Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ti. Guyyaan kun Gootota qabsaawota keenya kanneen Bilisummaa Saba keenyaa mirkaneessuudhaaf dabarsanii of kennan\/wareegaman kan itti yaadannee oolluu dha. Akeekni kabajaa fi yaadannoo guyyaa kanaa, injifannoo fi mirgoota wareegama isaaniitiin gonfanne tikfachuu fi Kaayyoo isaan (Goototni Wareegamtootni keenya) wareegamaniif itti fufnee guutummaatti galmaan gahuudhaaf Waadaa\/Irbuu qabsoo haaromsachuu dha.<\/p>\n<p>Guyyaan Gootota Wareegamtoota Oromoo (GGWO) kan bara kanaa sababoota gara garaatiin kanneen amma duraa hunda irraa addummaa ni qaba. Sababootni kunneenis: Ebli 15, 2020 waggaa 40ffaa wareegamni ulfaataan Shinniigaa kan Ebla 15, bara 1980 (kan seenaa Guyyaa kanaatiif sababa tahe sun) itti mudatee tahuu isaa, Ayyaana GGWO kan bara kanaa yeroo fi haalli keessatti kabajannu yeroo <em><strong>Golfaan<\/strong> <\/em>hamaan Vaayiresii Koroonaa Addunyaa keenya girgireessaa jirutti tahuu fi hunda caalaa ammoo, haalli amma keessa jirru qabsoo Ummata keenyaa kan wareegama qaalii Gootota keenyaatiin boqonnaa injifannoo ol\u2019aanaa keessa seenee jiru duubatti deebisuudhaan Qabsoo Bilisummaa Saba keenyaa Galma isaa hanqisuu fi wareegama Gootota keenyaas gatii malee hambisuuf dabni siyaasaa farreenii fi diinota Qabsoo Saba keenyaatiin xaxamu kan yeroo kamuu caalaa sadarkaa ol\u2019aanaa yeroo itti dhaqqabee jirutti tahuu isaa ti.<\/p>\n<p>Kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Saba keenyaa kan wareegama qaalii fi ulfaataa Gootota keenyaa gaafate sun, Sabni Oromoo biyya ofii irratti Bilisummaa guutuu gonfatee dhiibbaa tokko malee hiree isaa akka ofiin murteeffatu dandeessisuu dha. Qabsoo hadhaawaa fi wareegama qaalii Gootota keenyaatiin waggoota 2 dura siyaasa biyya kanaa keessatti jijjiiramni abdachiisaan mul\u2019atee ture. Jijjiirama abdachiisaa ture kan bu\u2019aa\/gatii wareegama Gootota keenyaa tahuutti amannu sana irra dhaabbatamee Adda Bilisummaa Oromoo fi Paartii Itoophiyaa bulchaa ture gidduutti waltahiinsa godhameenis ABOn Hooggana isaa Ol\u2019aanaa Finfinneetti deebise. Bu\u2019uurri waltahiinsa sanaa qabsoon ABOn gaggeessu qabsoo haqaa mirga Ummataa kabajsiisuu tahuu isaa fi gama kaaniin ammoo karaan bulchitootni Itoophiyaa hordofaa turan farra dimokiraasii tahuun amanamee irraa deebi\u2019uudhaan, kana booda humnootni siyaasaa hundi bilisa tahanii karaa nagaa akeeka siyaasaa ofii Ummatatti dhiheeffachuudhaan murtii Ummataaf abboomamuuf wal hubannoo irra gahamuu ture.<\/p>\n<p>Har\u2019a waadaan sun hangam takka kabajame? Gama eenyuutiin maaltu hanqate? Abdiin sun sadarkaa maalii irra jira? waan jedhu Ummata keenyatti himuun waan feesisu nutti hin fakkaatu. Waan ija isaa duratti tahaa jiru waan arguuf. Har\u2019a miseensota Hooggana Ol\u2019aanaa ABO akka J\/Abdii Raggaasaa fi MGS fi qondaalota Dhaabichaa hedduu dabalatee deggertootni ABO fi qabsaawotni Oromoo biroo kan mirga Saba kanaa kabajsiisuuf wareegama baasaa turan kumootaan sababa gahaa fi murtii seeraa malee hidhaa keessa jiru. Mirga Sabni Oromoo wareegama qaalii Gootota isaatiin gonfate kan akka Oromiyaa, Afaan Oromoo, \u2026 kkf. sharafuuf (duubatti deebisuuf) shira hedduutu xaxamaa jira. Kun waan Sabni keenya xiyyeeffannoo addaatiin hordofuu fi irratti qabsaawee irra aanuu qabu dha.<\/p>\n<p>Egaan, Ebla 15 (Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo) kan bara kanaa oggaa kabajannu haala akkanaa keessa jiraachuu keenya hubachuu fi akkamiin haala kana irra aanna? gaaffii jettu sammuu keenyatti qabachuudhaan tahuu qaba jenna.<\/p>\n<p>Gama biraatiin, Sababaa dhibee Vaayiresii Koroonaa irraa kan ka\u2019e, Guyyaa Yaadannoo Wareegamtoota keenyaa kan bara kanaa (Ebla 15, 2020) guutuu Addunyaa irratti (biyya keessaa fi biyyoota alaattis) akka baroota dabranii lakkoofsa namaa hedduudhaan walitti dhufnee sirna how\u2019aa gara garaatiin miidhagsinee kabajachuu haala nu dandeessisu keessa hin jirru. Dhibee Vaayiresii Koroonaa amma Addunyaa raasaa jiru tatamsa\u2019ina isaa xiqqeessuuf namootni lakkoofsaan hedduu tahan bakka tokkotti akka walitti hin qabamne gochuun maloota Addunyaan itti dhimma bahaa jirtu keessaa tokko waan taheef. Haa tahu malee, haalli rakkisaa fi danqaan fedhes jiraatu Ayyaana Guyyaa Yaadannoo Gootota Wareegamtoota keenyaa kabajannee isaan yaadannee ooluu nu hin hanqisu. Akkuma isaan Bilisummaa keenyaaf jireenya ofii wareegan, nutis isaaniin hoggayyuu yaadachaa, Kaayyoo isaanii kan tahe galma gahiinsa Qabsoo Bilisummaa Saba keenyaa akka mirkaneessinu waadaa qabsoo haaromfachuuf haala kamuu keessatti sirna yaadannoo Gootota Wareegamtoota keenyaa ni gaggeeffanna.<\/p>\n<p>Kana waan taheef, Ayyaanni Yaadannoo Gootota Wareegamtoota keenyaa kan bara kanaa haala armaan gadiitiin (seeraa fi tartiiba of eeggannoo ittisa dhibee Koroonaa wajjin haala wal hin faallessineen) akka kabajamee oolu Addi Bilisummaa Oromoo miseensotaa fi deggertoota isaa dabalatee Ummata bal\u2019aa Oromoo kan biyya keessaa fi biyyoota alaas jiraniif dhaamsa dabarsa:<\/p>\n<ol>\n<li>Namni hundi bakka jirutti haala isaaf danda\u2019ameen galgala jal-bultii guyyichaa (Ebla 14, 2020) Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Keenyaaf dungoo qabsiisuu fi Faaruu Wareegamtootaa <em><strong>\u201cMaal dhaamanii, Jaallewwan Qabsoof Kufanii \u2026?\u201d<\/strong><\/em> jedhu dhaggeeffachuu fi faarfachuudhaan yaadachuu.<\/li>\n<li>Ebla 15, 2020tti ammoo nam-tokkeenis tahe maatiidhaan ykn murnaan, akkuma akka walitti dhihoo fi waliin jiramutti qophii feesisuu fi danda\u2019amu taasisuudhaan, Kaayyoo Gootota Wareegamtoota keenyaa galmaan gahuuf ni gargaara jennee waan itti amannu kanneen armaan gadii fi kan biroos raaw\u2019achuudhaan Guyyicha kabajatanii ooluu:\n<ol style=\"list-style-type: lower-alpha;\">\n<li>Suuraa Wareegamtootaa, Faaruu fi Dhaadannoo Qabsoo, Walaloo, Diraamaa \u2026 kkf. keessaa waan dandeenye qopheeffachuun wal afeeruu fi haasawa, tapha, marii<br \/>\nwareegamtoota keenya ittiin yaadannuu fi Kaayyoo isaanii fiixaan baasuuf waadaa keenya itti haaromsannu waliin qabaachuu,<\/li>\n<li>Kaayyoon Qabsoo Goototni Wareegamtootni keenya lubbuu isaanii wareeganiif akka galma gahuuf kan gargaaru deggersa dinagdee (maallaqas tahe qabeenya biroo) gumaachuu dandeenyu malaa fi caasaa qabnuun gumaacha gochuu,<\/li>\n<li>Dhibee balaafamaa yeroo ammaa Addunyaa kana raasaa jiru ilaalchisee odeeffannoo jiru, mala of eeggannoo irratti qajeelfama karaa Dhaabbattootaa fi ogeeyyota wal\u2019aansa fayyaa (WHO, Oggeeyyota Wal\u2019aansa Fayyaa Keenyaa fi kan biroo) irraan tamsa\u2019an wal dhageessisuu fi wal irraa dhagahuun dhimma itti bahuu,<\/li>\n<li>Kan biyya keessaa lammiilee keenya sababa gahaa fi balleessaa malee bakka adda addaatti hidhamanii jiran gaafachuu fi haala isaan itti gadi lakkifaman irratti qaamota mootummaa isaan hidhe dubbisuu fi dhiibbaa feesisu taasisuu,<\/li>\n<li>Namoota dhibee Koroonaa kanaan qabaman seera of eeggannoo ittisa dhibee kanaa haala hordofeen gargaaruudhaan du\u2019a irraa baraaruuf waan dandeenyu gochuu,<\/li>\n<li>Sababa tatamsa\u2019ina dhibee kanaatiin uggura sochii fi tajaajila adda addaa irra kaa\u2019ameen namoota harka-qalleeyyii rakkinaaf saaxilaman seera of eeggannoo ittisa dhibee kanaa haala hordofeen gargaaruuf waan danda\u2019amu gochuu,<\/li>\n<li>Hanga haalli hamaa fi yaaddoon dhibee Vaayiresii Koroonaa kanaan uumame furmaata irra wayyaa argatutti haala hojii qabsoo, sochii fi qunnamtii keenyaa akkamiin qindeeffachuu akka dandeenyu mari\u2019achuu fi qindeeffachuu,<\/li>\n<\/ol>\n<\/li>\n<\/ol>\n<p>Kanneen armaan olii fi kan biroo waan Kaayyoo Wareegamtoota keenyaa fiixaan baasuuf ni gargaara jennu hunda gochuudhaan guyyaa ulfaataa fi kabajamaa tahe, Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo (GGWO) kabajannee haa oollu jenna.<\/p>\n<p><strong>Ulfinaa fi Yaadannoon Bara-baraa Wareegamtoota Keenyaaf !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Ebla 11,2020<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Kaayyoo Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Ni Geenya! Ebla 15 (Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo) Kan 2020 Ilaalchisee (Ibsa ABO &#8211; Ebla 11, 2020) Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ti. Guyyaan kun Gootota qabsaawota keenya kanneen Bilisummaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2020\/04\/11\/kaayyoo-wareegamtoota-keenyaa-galmaan-ni-geenya-ebla-15-guyyaa-gootota-wareegamtoota-oromoo-kan-2020-ilaalchisee\/\" title=\"Kaayyoo Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Ni Geenya! Ebla 15 (Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo) Kan 2020 Ilaalchisee\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":362,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[18],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1250"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1250"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1250\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/362"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1250"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1250"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1250"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}