{"id":1233,"date":"2019-11-27T03:32:04","date_gmt":"2019-11-27T03:32:04","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1233"},"modified":"2019-11-27T03:32:04","modified_gmt":"2019-11-27T03:32:04","slug":"waamicha-hariiroo-gaarii-hundaaf","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/11\/27\/waamicha-hariiroo-gaarii-hundaaf\/","title":{"rendered":"Waamicha Hariiroo Gaarii Hundaaf !"},"content":{"rendered":"<h2>Waamicha Hariiroo Gaarii Hundaaf !<\/h2>\n<p><em>(Ibsa ABO \u2013 Sadaasa 26 2019)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda ummata\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Dhibdeen polotikaa Itoophiyaa yeroo ammaa kan yeroo kamuu caalaa ulfaataa fi yaaddessaa tahee mul\u2019achaa jira. Yeroo ammaa manneen barnootaa ol\u2019aanoo (Universitiilee) fi manneen amantii osoo hin hafin dhimma bahuudhaan rakkinicha daran babal\u2019isanii gara walitti bu\u2019iinsa Ummatootaatti jijjiiruuf yaaluunis mul\u2019achaa jira. Gochaan akkanaa hedduu gaddisiisaa dha. Adeemsi akkanaa aadaa polotikaa Itoophiyaan irratti hundeeffamte kan farra dimokiraasii isa ilaalcha adda addaa keessummeessuu hin dandeenye keessaa akka maddu beekamaa dha. Jijjiirama qabsoo fi wareegama Ummatootaan dhufuu eegale deggeruudhaan qaama jijjiiramichaa tahee itti fufsiisuuf waadaa galee kan aangoo qabate bulchiinsi Dr. Abiy Ahmed rakkoo amma mul\u2019achaa jiru kana furuuf hojiin hojjechaa jiru akkumaa jirutti tahee, Jaarmayootni siyaasaa ilaalcha adda addaa qabanis walitti dhufeenyaan haala ilaa fi ilaameetiin nagaa biyyaa fi Ummataa irratti waliin mari\u2019achuunii fi waan danda\u2019amus waliin hojjechuun murteessaa dha jennee amanna.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo rakkoon wal xaxaan polotikaa Itoophiyaa kan jaarraa lakkoofsise kun hirmaannaa humnoota polotikaa Itoophiyaa keessa jiran hundaatiin (All Inclusive) yoo tahe malee furmaata waaraa akka hin arganne ni amana. Waan furmaata jedhee itti amane kana hojiitti hiikuufis jalbultii jijjiirama kanaa irraa kaasee ifatti humnoota siyaasaa hedduu waliin irratti hojjechuuf yaalii guddoo gochaa ture.<\/p>\n<p>Yeroo ammaa humnoota siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran gidduutti garaa garummaan ilaalcha polotikaa mul\u2019atu bifuma hanga yoonaa aadeffatameen garri tokko gara kaan humnaan cabsee fi ukkaamsee irra aanama jedhanii yaaduun hawwii hin dhugoomnee fi abjuu irraa kan fagaate nutti hin fakkaatu. Gama kaaniin ammoo, afaanumaan abdii waliif kennanii maqaa araaraa, dhiifamaa, bu\u2019aa tokkummaan qabuu \u2026 fi kkf. walitti faarsuu qofaan araarri, bilisummaan ummatootaa, dimokiraasiin, nageenyi waaraa fi guddinni barbaadamu sun ni dhufa jedhanii hawwuunis waan hawwii bira dabree wahitti nu baasu jennee amanuun rakkisaa dha.<\/p>\n<p>Kanaafuu, rakkoon polotikaa Itoophiyaa furmaata waaraa kan argatu humnootni polotikaa jiran hundi waa\u2019ee rakkoo kanaa irratti gadi taa\u2019anii waliin haasawuudhaan seenaa dabre irratti, haala har\u2019a keessa jiramuu fi isa hegeree irratti wal hubannoo fi wal amantii wal gidduutti uumuudhaan qofa tahee nutti mul\u2019ata.<\/p>\n<p>Waan taheef, Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin adeemsa polotikaa biyya kanaa kan gama fuula duraa keessatti Bilisummaa Ummatootaa, dimokiraasii dhugaa, nageenya waaraa fi guddina mirkaneessuuf akka gargaarutti jaarmayootaa fi humnoota polotikaa jiran hunda (<strong><em>kamiinuu osoo hin kophxeessine<\/em><\/strong>) waliin haasawuun, dhimmoota itti waliif gallu irratti wal amantaan waliin hojjechuudhaan, garaagarummaa qabnu hundee irraa dhiphisaa deemuun rakkoo jirutti furmaata barbaaduuf qophii tahuu isaa mirkaneessa. Kanaafis, Jaarmayoota siyaasaa hundaaf waamicha qabsoo kan hariiroo gaarii wal gidduutti ijaaruu kaayyoo godhate dhiheessina. Warri waamicha keenyaaf sagalee deebii kennitan karaa waajjira keenya Gullallee akka nu quunnamtan asumaan isin beeksisna.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nSadaasa 26 2019<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Waamicha Hariiroo Gaarii Hundaaf ! (Ibsa ABO \u2013 Sadaasa 26 2019) Dhibdeen polotikaa Itoophiyaa yeroo ammaa kan yeroo kamuu caalaa ulfaataa fi yaaddessaa tahee mul\u2019achaa jira. Yeroo ammaa manneen barnootaa ol\u2019aanoo (Universitiilee) fi manneen amantii <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/11\/27\/waamicha-hariiroo-gaarii-hundaaf\/\" title=\"Waamicha Hariiroo Gaarii Hundaaf !\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1233"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1233"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1233\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1233"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1233"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1233"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}