{"id":1194,"date":"2019-09-14T18:31:06","date_gmt":"2019-09-14T18:31:06","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1194"},"modified":"2019-09-14T23:42:10","modified_gmt":"2019-09-14T23:42:10","slug":"harki-hanna-bare-dooluutu-sossoha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/09\/14\/harki-hanna-bare-dooluutu-sossoha\/","title":{"rendered":"Harki Hanna Bare Dooluutu Sossoha"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: center;\"><img loading=\"lazy\" class=\"alignnone size-full wp-image-1201\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/09\/abo.jpg\" alt=\"\" width=\"695\" height=\"167\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/09\/abo.jpg 695w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2019\/09\/abo-300x72.jpg 300w\" sizes=\"(max-width: 695px) 100vw, 695px\" \/><br \/>\n<strong>Harki Hanna Bare Dooluutu Sossoha<\/strong><br \/>\n<em>(Ibsa ABO &#8211; Fulbaana 14, 2019)<\/em><\/p>\n<p>Kamisa Fulbaana 12, 2019 galgala Waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti boombiin darbatamee miidhaa namoota irraa gahe jechuudhaan gochaa kanas <em>(kallattiidhaan maqaa dhawuu baatanis)<\/em> ABO dhaan wal qabsiisanii oduun dabballoota ODP\/EPRDF iin tamsa\u2019e ololuma maqa-balleessii baroota aangoo EPRDF guutuu itti hojjetamaa ture dha. EPRDF baroota aangoo isaa hunda lammiilee biyyattii kanneen sirna Abbaa irrummaa isaa mormanii mirga ofiif falmatan dharaan yakkuuf gocha fokkataa akkanaa oggayyuu irra deddeebiidhaan raaw\u2019achaa jiraate. Manneen jireenyaa namootaa, manneen ciisichaa (doormii) barattootaa, manneen nyaataa \u2013 dhugaatii fi hoteelota, konkolaattota geejjibaa fi \u2026 kkf. keessa dhuka\u2019aa fi meeshaalee lolaa adda addaa kaa\u2019uun, yookaan Alaabaa ABO kaa\u2019uudhaan namoota yakkamoo fakkeessuu barbaadan ittiin tohannoo jala oolchuuf ykn. miidhaa irraan gahuuf fiilmiin sobaa hojjetamaa ture kan himamee dhumu miti.<\/p>\n<p>Inni ammaa kunis <em>(boombiin Kamisa galgala waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti darbatamee miidhaa geessise jedhamu)<\/em> fiilmiilee dharaa ammaan dura dalagamaa turan irraa adda hin fakkaatu. Miseensota humna nageenyaa (Poolisoota Oromiyaa) miidhaan sun irra gahe dabalatee lammiilee nagaa kanneen gochaa hammeenyaa EPRDF Ummata irratti raaw\u2019atu mormanii haqaaf falman ykn. mirga gaafatan ittiin miidhuu fi kan barbaadan tohannoo jala oolchuuf gochaa raaw\u2019atame tahuu isaatiif akkaataan odeeffannoon isaa qaamota mootummaa irraa itti kennamaa jirus ragaa biraa ti.<\/p>\n<p>Miidiyaa mootummaa\/ODP irratti oduun gadi dhiifame kanneen balaa boombii sana geessisan abalufaa dha jechuudhaan qaamota yakkamoo fakkeessuu barbaadan eeree namootni shakkamanii tohannoo jala oolfaman jiraachuus ibsa. Gama biraatiin ammoo qondaalli mootummaa <em>(Bakka bu\u2019aan hoogganaa Communication Commission Poolisii Oromiyaa)<\/em> Komaander Haayiluu Fiqaaduu qaamni balaa boombii kana geessise eenyu akka tahe akka hin baraminii fi namni dhimma kanaan wal qabatee tohannoo jala oolfames akka hin jirre Jimaata Fulbaana 13, 2019 BBC tti himan. Oduu wal-dhawaa kana irraa wanti hubatamu akkuma olitti ibsame gochaan kun fiilmii dharaa kan namoota nagaa daba EPRDF morman ittiin miidhuuf ykn. tohannoo jala oolchuuf tolfame akka tahe dha.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo erga waggaa tokko dura mootummaa Itoophiyaa wajjin wal-tahiinsa irra gahee hoogganni isaa ol\u2019aanaan Finfinnee seene irraa kaasee karaa nagaa sossohee Kaayyoo qabsoo isaa galmaan gahuuf kan isa irraa eegamu hunda gochaa jira. Gama ODP\/ EPRDF.tiin garuu ejjennoon inni ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti qabu kan duraanii irraa jijjiirama\/wayyoomina agarsiisuu dhabuun kan nu gaddisiisuu fi nu yaaddessuu dha.<\/p>\n<p>Lammiileen Oromoo 5000 caalan sababaa ABO deggeran qofaaf Godinoota Oromiyaa adda addaa irraa Sanqalleetti guuramanii hiraarfamaa jiru. Isaan kana keessatti Abbaa fi ijoollee dhiiraa, haadhaa fi ijoollee dubaraa, obboloota, Abbaa warraa fi haadha warraa wal-faana hidhaman hedduutu argamu. Kana malees Godinoota Oromiyaa hedduu keessatti kanneen sababa miseensota ykn. deggertoota ABO tahan qofaaf hidhamanii jiran kumootaan lakkaawamu. Gama biraatiin ajjeechaa suukanneessaan loltoota EPRDF kan maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhamuun sosso\u2019aniin Godinoota Wallaggaa fi Gujii keessatti ilmaan Oromoo meesha-maleeyyii irratti gaggeeffamaa jiru seenaa biyya kanaa keessatti kan takkaa mul\u2019atee hin beekne dha. Dhugaa rifaasisaa kana yeroo dhihootti ragaa qabatamaa wajjin kan ifa goonu taha.<\/p>\n<p>Kun hundi kan nutti agarsiisu yeroo ammaatti murni aangoo mootummaa dhuunfatee jiru murna itti gaafatamni itti dhagahamu kan ilaalcha siyaasaa adda addaa bifa dimokiraatawaa taheen keessummeessee jijjiirama qabsoo Ummatootaan argame kana fiixaan baasuudhaan biyyattii gara sirna dimokiraasiitti ceesisuuf hojjechaa jiru osoo hin taane carraa argatetti gargaaramee humna waraanaa fi tikaa qabuun aangoo irra of tursuuf kan wixxifachaa jiru tahuu isaa ti. Tahus garuu,<em> \u201cHarki hanna bare dooluutu sossoha\u201d<\/em> akkuma jedhamu waggoota 28 dabraniif kanuma waan aadeffataniif yeroodhaaf bifa kanaan Ummata gidirsu malee ejjennoon farra dimokiraasii fi farra mirga dhala namaa akkanaa kun kana booda karaa dheeraa isaan hin deemsisu. Ummatni bulchiinsa isaaf hin taane akkamiin of irraa kaasuu ykn. sirreessuu akka danda\u2019u qabsoodhaan baratee jira.<\/p>\n<p>Waan taheef, Paartiin biyya bulchus tahe namootni fi humnootni siyaasaa dantaa ofii fi kan murna ofiif jecha daba jireenya lammiilee nagaa balaa irra buusu kana karoorsanii dalagan, keessatti qooda fudhatanii fi tumsan hundinuu gochaa isaanii kana irraa akka dhaabbatan gorsina. Miseensotaa fi deggertoota keenya (ABO) dabalatee, Ummatni bal\u2019aan, akkasumas, humnootni siyaasaa biyya kanaa kanneen dimookiraasii dhugaatti amanan hundi rakkoon siyaasaa amma mul\u2019atu kun furamee adeemsi jijjiiramaa biyya kana gara sirna dimokiraasiitti ceesisuuf jalqabame itti fufee akka fiixaan bahuuf gahee isaanii akka bahatanis hubachiisna.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Fulbaana 14, 2019<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Harki Hanna Bare Dooluutu Sossoha (Ibsa ABO &#8211; Fulbaana 14, 2019) Kamisa Fulbaana 12, 2019 galgala Waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti boombiin darbatamee miidhaa namoota irraa gahe jechuudhaan gochaa kanas (kallattiidhaan maqaa dhawuu baatanis) ABO <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/09\/14\/harki-hanna-bare-dooluutu-sossoha\/\" title=\"Harki Hanna Bare Dooluutu Sossoha\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":362,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1194"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1194"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1194\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/362"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1194"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1194"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1194"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}