{"id":1165,"date":"2019-06-29T19:14:48","date_gmt":"2019-06-29T19:14:48","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1165"},"modified":"2020-10-26T08:01:57","modified_gmt":"2020-10-26T08:01:57","slug":"1165","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/06\/29\/1165\/","title":{"rendered":"Murtii fi Kutannoolee Kora Adda ABO"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-362 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/12\/faajjii2.jpg\" alt=\"ABO Oromoo Gadaa Wareegamtoota\" width=\"130\" height=\"120\" \/><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\">Murtii fi Kutannoolee Kora Addaa ABO<br \/>\nWaxabajjii 28, 2019<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo waggoota 43 booda yeroo duraatiif Magaalaa Finfinnee keessatti Kora gaggeeffate. Erga bara 1976 Korri Bu\u2019uuressaa ABO Magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffameen asitti yeroo duraatiif kan gaggeeffame Korri seena-qabeessi kun Kora Addaa ABO kan Dhaabicha Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaatti galmeessuu akeekkate dha. Korri kun Waajjira Muummicha Adda Bilisummaa Oromoo kan Gullalleetti argamu keessatti lafa bakka bu\u2019aan Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa argametti gaggeeffame. Waxabajjii 28, bara 2019 kan gaggeeffame Korri kun akka armaan gadiitti Murtii fi Kutannoolee dabarfatee ka\u2019e.<br \/>\nNuti bakka bu\u2019ootni miseensota ABO Godinaalee Oromiyaa fi Mootummoota Naannoolee adda addaa irraa walitti dhufnee Magaalaa Finfinneetti Waxabajjii 28, 2019 Kora geggeeffanne Murtiilee fi Kutannoolee armaan gadii dabarfannee milkii fi injifannoodhaan xumurannee jirra.<br \/>\n1. Sagantaa Siyaasaa fi Heera ABO irrati marii bal\u2019aa gaggeessinee wayyeessa haala keessa jiramu wajjin deemu itti goonee raggaasifannee jirra.<br \/>\n2. Hooggana ABO kan hanga Kora itti aanuutti qabsoo karaa nagaa fi dimokiraasii qindeessuu fi to\u2019atu filannee jirra.<br \/>\n3. Hanga Kora itti aanuutti dhimmoota seera\/sirnaa fi naamusaa, akkasumas, qabeenya Dhaaba kanaa kan to\u2019atu Koree Naamusaa fi Toohannoos filannee jirra.<br \/>\n4. Qabsoon karaa nagaa fi dimokiraasii akka milkaawuuf, Dhaabota Ummattoota hundaa waliin hariiroo qabsoo Dhaabni keenya qabu dinqisiifachaa, kun daran cimee akka itti fufuu qabu murteessine.<br \/>\n5. Waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa waliin goone itti cichuudhaan karaa nagaa fi dimokiraasii Mirgi Hiree Murteeffannaa fi dimokiraasii Ummata Oromoo fi Ummattoota hundaa akka mirkanaawuuf fi nageenyi waaraanis akka argamuuf cimsinee hojjechuuf murteeffannee jirra.<br \/>\n6. Wareegama Ummatni keenya baasaa turee fi jirutti firii gochuuf har\u2019as wareegama qabsoon karaa nagaa nu gaafatu hunda baasnee galma keenya dhaqqabuudhaan nagaa waaraa biyya kana keessatti fiduuf waadaa keenya haaromsanne.<br \/>\n7. Wal-dhabbii siyaasaa biyya kana keessa jiruuf karaa nagaa fi dimokiraasii dhugaatiin yoo ta\u2019e malee afaan qawweetiin furmaatni waaraan argamuu waan hin dandeenyeef, humnootni siyaasaa hundi qabsoo karaa nagaa fi dimokiraasii gamtaadhaan daran jajjabeessuu akka qaban yaamicha qabsoo dabarsina.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf !<br \/>\nKora Addaa ABO<br \/>\nWaxabajjii 28, 2019<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Murtii fi Kutannoolee Kora Addaa ABO Waxabajjii 28, 2019 Addi Bilisummaa Oromoo waggoota 43 booda yeroo duraatiif Magaalaa Finfinnee keessatti Kora gaggeeffate. Erga bara 1976 Korri Bu\u2019uuressaa ABO Magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffameen asitti yeroo <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/06\/29\/1165\/\" title=\"Murtii fi Kutannoolee Kora Adda ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":362,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1165"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1165"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1165\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/362"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1165"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1165"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1165"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}