{"id":1153,"date":"2019-06-12T12:04:05","date_gmt":"2019-06-12T12:04:05","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1153"},"modified":"2019-06-12T12:04:05","modified_gmt":"2019-06-12T12:04:05","slug":"dabni-siyaasaa-abo-irratti-dalagamu-cehumsa-gara-dimokiraasiitti-taasifamu-yoo-gufachiise-malee-hin-milkeessu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/06\/12\/dabni-siyaasaa-abo-irratti-dalagamu-cehumsa-gara-dimokiraasiitti-taasifamu-yoo-gufachiise-malee-hin-milkeessu\/","title":{"rendered":"Dabni Siyaasaa ABO Irratti Dalagamu Cehumsa Gara Dimokiraasiitti Taasifamu Yoo Gufachiise Malee Hin Milkeessu"},"content":{"rendered":"<h2>Dabni Siyaasaa ABO Irratti Dalagamu Cehumsa Gara Dimokiraasiitti Taasifamu Yoo Gufachiise Malee Hin Milkeessu<\/h2>\n<p><em>(Ibsa ABO &#8211; Waxabajjii 11, 2019)\u00a0\u00a0\u00a0<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda ummata\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Jijjiirama Siyaasaa Itoophiyaa keessatti har\u2019a mul\u2019atu kana kan argamsiise qabsoo hadhooftuu fi wareegama qaalii Sabni Oromoo Bilisummaa isaa gonfachuuf baasaa yoona gahe tahuun dhugaa namuu haaluu hin dandeenye dha. Qabsoo Ummatni keenya Bilisummaaf gaggeessaa as gahe keessatti ammoo qoodni Addi Bilisummaa Oromoo akka Dhaabaatti qabaate, wareegamni miseensotaa fi deggertootni Dhaaba kanaa (Qeerroo Bilisummaa Oromoo dabalatee) baasan, waan ittiin dorgomsiifamu kan hin qabne qooda ol\u2019aanaa qabaachuun haqa dirree jiru dha.<\/p>\n<p>Jijjiiramaa fi carraa haala akkasiitiin uumametu Adda Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti waltahiinsi godhamee hoogganni ol\u2019aanaan ABO akka kabajaadhaan Finfinnee seenuuf karaa saaqe. Hoogganni ABO waltahiinsa kanaan oggaa Fulbaana 15, 2018 Finfinnee seenu bulchiinsi afaan qawwee EPRDF kan waggaa 27 Ummata Oromoo fi Ummatoota biyyattii kanneen biroo gidiraa agarsiisaa bahe hafee humnootni fi jaarmayootni siyaasaa jiran nagaadhaan akeeka siyaasaa isaanii gaggeessu abdii jedhuuni. Maqaa ol\u2019aantummaa seeraa kabajsiisuu jedhuun hidhaan, ajjeechaan, saamichi, kanneen mirga isaanii gaafatanitti maqaa isaaniif hin malle maxxansuudhaan diinomsuun kana booda akka itti hin fufne Dr. Abiy Ahmedis akka gara aangootti dhufaniin Ummataaf waadaa seenanii turan.<\/p>\n<p>Waadaan araaraa fi nagaadhaan waliin hojjechuuf waliif seename guutummaatti kabajamuu hanqatee hanga ammaatti lafa irra harkifachuun isaa Mootummaan dhimma kanaaf fedhii gahaa agarsiisuu dhabuu irraa kan madde malee hanqina gama ABOtiin akka hin tahin hubatamaa dha. Kanaaf ammoo waltahiinsi Caamsaa 29, 2019 ABO fi Mootummaa gidduutti taasifamee fi gochaan gaddisiisaan Mootummaan erga sanaa as Oromiyaa keessatti raawwachaa jirus ragaa guddaa dha.<\/p>\n<p>Caamsaa 29, 2019 araara dhugaa buusuuf karaa saaqa yoo tahe abdii jedhuun Hoogganni ABO hanga barbaachisuu ol deemuudhaan ODP, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi kan Federaalaa wajjinis nagaadhaan waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu isaa agarsiise. Itti Aanaa Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatis kana booda ABOn waajjiroota isaa banatee bilisummaa guutuudhaan akka socho\u2019u tumsa guutuu akka taasisanii fi miseensotaa fi deggertoota ABO hidhaa jiranis akka hiiksisan waadaa seenan.<\/p>\n<p>Haa tahu malee ergasii asis hojiidhaan lafa irratti wanti mul\u2019achaa jiru faallaa waadaa sanaa fi faallaa waltahiinsa yeroo adda addaatti goonee ti. Miseensotaa fi deggertoota ABO kanneen duraan hidhaa jiran hiikuun hafnaan haaraatti hidhuun babal\u2019achaa jira. Gama keenyaan kanneen gaaffii mirgaa gaafatan hidhaatti guuruu fi miseensota WBO bosonatti hafanii jiraniin \u201cShiftaa\u201d jechisiisuun maqaa xureessuuf yaaluu irra madda rakkoo kanaa amananii haala nageenyi waaraan itti argamu irratti furmaata soquutu barbaachisaa dha jennee amanna.<\/p>\n<p>Walumaagalatti adeemsi siyaasaa wal amantaa fi ejjennoo walii waliif kabajuu irratti hin hudeeffamne akkanaa kun akeeka jijjiiramaa fi cehumsa gara dimokiraasii jedhamaa jiruuf danqaa akka tahu hubatamuu qaba. Haalli akkanaa nageenyaa fi tasgabbiis hin argamsiisu. Waan taheef, Paartiin biyya bulchuu fi Mootummaanis of keessa ilaalee ABO waliin walitti dhiheenyaa fi bifa wal tumsuu fi wal danda\u2019uutiin hojjechuun dantaa ummata keenyaa fi nageenya guutummaa Itoophiyaafis bu\u2019a-qabeessa taha jennee amanna.<\/p>\n<p>Gama biraatiin miidhaan Sabummaa irratti xiyyeeffate kan yeroo ammaa lammiilee Oromoo Kaaba Oromiyaa (Wallo) keessatti argaman irra gahaa jiru hedduu kan nu yaaddessu dha. Kanumaan wal qabatee humnootni miidhaa kana lammiilee kanneen irraan gahaa jiran gochaa badii isaanii dhokfachuuf jecha rakkoo achitti mul\u2019atu sochii ABO wajjin wal qabsiisanii ololli oofan dhugaa irraa kan fagaate tahuu hubachiisna. Ololli kanaan wal qabatee ABO irratti oofamu gama tokkoon mirga of ittisuu fi haqa Ummata sanaa ukkaamsuuf, gama kaaniin ammoo ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo maqaa xureessuudhaan Kaayyoo qabsichaa\u00a0 gufachiisuuf daba siyaasaa dalagamu waan taheef dabni akkasii ABO fi Ummata keenya irraas dhaabbachuu qaba jenna. Mootummaan Naannoo Amaaraa fi kan Federaalaas dhimmi kun osoo gara kana caalaa hamaatti hin tarkaanfatin furmaata sirrii mirga lammiilee kanaa kabajsiisu itti kennuuf gaafatama isaanii bahachuu akka qaban hubachiisna.<\/p>\n<p>Maayyii irratti qondaalotaa fi miseensota hoogganaa dabalatee, miseensotaa fi deggertootni ABO kanneen badii malee dhiibbaa fi daba siyaasaatiin hidhaa jiran hundi hatattamaan akka gadi lakkifaman cimsinee gaafachaa, maqa-balleessiin, doorsisni, saamichi, hidhaa fi ajjeechaan miseensotaa fi deggertoota keenya dabalatee waliigala Ummata keenya irraa akka dhaabbatu irra deebinee hubachiisna. Ummatni keenyas (keessattuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo) shira adda addaa itti xaxuu fi olola dharaatiin maqaa xureessuudhaan ABO dirree siyaasaatiin ala godhanii Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kumaa-kitilli itti wareegamee asiin gahe galii isaa hanqisuuf daba dalagamu hunda dammaqiinsaan dura dhaabbatee akka doomsu Addi Bilisummaa Oromoo jabeessee dhaama.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nWaxabajjii 12, 2019<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Dabni Siyaasaa ABO Irratti Dalagamu Cehumsa Gara Dimokiraasiitti Taasifamu Yoo Gufachiise Malee Hin Milkeessu (Ibsa ABO &#8211; Waxabajjii 11, 2019)\u00a0\u00a0\u00a0 Jijjiirama Siyaasaa Itoophiyaa keessatti har\u2019a mul\u2019atu kana kan argamsiise qabsoo hadhooftuu fi wareegama qaalii Sabni <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/06\/12\/dabni-siyaasaa-abo-irratti-dalagamu-cehumsa-gara-dimokiraasiitti-taasifamu-yoo-gufachiise-malee-hin-milkeessu\/\" title=\"Dabni Siyaasaa ABO Irratti Dalagamu Cehumsa Gara Dimokiraasiitti Taasifamu Yoo Gufachiise Malee Hin Milkeessu\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1153"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1153"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1153\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1153"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1153"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1153"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}