{"id":1142,"date":"2019-05-14T20:53:39","date_gmt":"2019-05-14T20:53:39","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1142"},"modified":"2019-05-14T20:54:05","modified_gmt":"2019-05-14T20:54:05","slug":"1142","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/05\/14\/1142\/","title":{"rendered":"Dhaaba Ummatni Jaallatu Diinomsachaa Ummatichatti Firoomuun Hin Danda\u2019amu !"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-362 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/12\/faajjii2.jpg\" alt=\"ABO Oromoo Gadaa Wareegamtoota\" width=\"150\" height=\"138\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong>Dhaaba Ummatni Jaallatu Diinomsachaa Ummatichatti Firoomuun Hin Danda\u2019amu ! <\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong><em>(Ijoo Dubbii ABO \u2013 Caamsaa 14, 2019)<\/em><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><em>\u00a0<\/em><\/p>\n<p>Bitootessa 14, 2019 Jaarmiyaaleen siyaasaa Itoophiyaa keessatti karaa nagaa socho\u2019an walitti dhufuudhaan adeemsa siyaasaa biyya kanaa keessatti akkaataa ittin waliin socho\u2019an, wal to\u2019atanii fi sirna diimokiraasii gad dhaabuu keessatti qooda ijaaraa gumaachuu danda\u2019an irratti waliigaltee ykn. waadaa tokko waliif mallatteessanii jiru. Paartiin biyya bulchu (EPRDF) fi Addi Bilisummaa Oromoo jaarmayaalee waadaa kana mallatteessan keessatti argamu.<\/p>\n<p>Qabiyyee barruu waadaa sanaa keessaa inni ijoon tokko jaarmayaaleen siyaasaa wal madeessuu, olola wal irratti oofuu, wal xiqqeessuu fi maqaa walii xureessuu irraa fagaatanii yaada qajeelaadhaan sirna dimokiraasii gadi dhaabuuf filannoo itti aanuuf nagaan of qopheessuu dha.<\/p>\n<p>Osoo waliigalteen ykn. waadaan jaarmayaalee siyaasaa sun akkanaan jiruu ODPn torban dabre miseensota isaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti jiraniif leenjii wayita kennutti \u201c<strong><em>ABOn diina tarsiimoo kiyyaa ti.<\/em><\/strong>\u201d jechuudhaan ifatti hordoftoota isaa barsiisuu irratti kan bobba\u2019e tahuu ragaa guutuu argannee jirra.<\/p>\n<p>Yeroon kun yeroo hundumaafuu ulfaataa kan nageenyi biyyattii haala yaaddessaa keessa galee jiru dha. Akkasumas, humnoonni kabajamuu mirga Ummata keenyaa morman yeroo itti akkaan of ijaaranii Saba keenya irratti lola waraanaa fi olola miidiyaa dabalatee duula kallattii adda addaan bananii gaggeessaa jirani dha. Yeroo akkanaa kanatti qaamni aangoo bulchiinsaa of harkaa qabu maal na dhibeedhaan yookaan ammoo ta\u2019e jedhee karoorfachuudhaan gochaa badii akkanaa raaw\u2019achuun hedduu nu gaddisiisa. Nu yaaddessas.<\/p>\n<p>ABOn Ummata Oromoo keessatti seenaa fi bakka akkamii akka qabu osoo beekamuu Dhaaba kana xiqqeessuu fi diinomfachuuf yaaluun ODPdhaaf kufaatii fi taajjabbii yoo tahe mlaee bu\u2019aa siyaasaa argamsiisuufis hin qabaatu. Gochaan kun waadaa jaarmayaaleen Siyaasaa waliif mallatteessan sanas kan faallessee fi cabse tahuun hundaan hubatamuu qaba. Cehumsa gara dimokiraasii dhugaatti godhamaa jirus gufachiisuu danda\u2019a. Oromiyaa nagaa fi tasgabbii dhorkuun humnoonni faallaa dantaa Saba Oromoo hiriiran akka caalaattuu onnatanii fi hamilan taasisa jennee amanna. Adeemsi dogoggoraa akkasii dafee sirreeffamuu qaba.<\/p>\n<p>Kanumaan wal qabsiisnee mootummaas ta\u2019e jaarmayaaleen siyaasaa waadaa sana waliif mallatteessine bu\u2019aa siyaasaa yeroo gabaabduu keessa ilaallachuuf jecha summii diigumsaa ummata keessa facaasuu irraa akka of eeggatan jabeessinee hubachiisna. Jaarmayaalee siyaasaa waadaa waliif mallatteessine cabsan sirnaanis waltajjiilee fi qunnamtii qabnuun kan itti wal gaafannu ta\u2019a. Ummatni keenya kanneen summii diigumsaa fi diinummaa facaasaa oolan irraa cimsee akka of eeggatuu fi karaa danda\u2019ame hundaanis akkuma ammas gochaa jirutti gochaa akkanaa saaxiluudhaan gaafatama isaa akka bahatu gadi jabeessinee dhaamna.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Dhaaba Ummatni Jaallatu Diinomsachaa Ummatichatti Firoomuun Hin Danda\u2019amu ! (Ijoo Dubbii ABO \u2013 Caamsaa 14, 2019) \u00a0 Bitootessa 14, 2019 Jaarmiyaaleen siyaasaa Itoophiyaa keessatti karaa nagaa socho\u2019an walitti dhufuudhaan adeemsa siyaasaa biyya kanaa keessatti <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/05\/14\/1142\/\" title=\"Dhaaba Ummatni Jaallatu Diinomsachaa Ummatichatti Firoomuun Hin Danda\u2019amu !\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":362,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[14],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1142"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1142"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1142\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/362"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1142"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1142"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1142"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}