{"id":1117,"date":"2019-04-19T11:29:19","date_gmt":"2019-04-19T11:29:19","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1117"},"modified":"2019-04-19T11:29:19","modified_gmt":"2019-04-19T11:29:19","slug":"shirri-ummata-walitti-buusuuf-xaxamu-dhaabbachuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/04\/19\/shirri-ummata-walitti-buusuuf-xaxamu-dhaabbachuu-qaba\/","title":{"rendered":"Shirri Ummata Walitti Buusuuf Xaxamu Dhaabbachuu Qaba !"},"content":{"rendered":"<p><strong>Shirri Ummata Walitti Buusuuf Xaxamu Dhaabbachuu Qaba !<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ijoo Dubbii ABO \u2013 Ebla 19, 2019)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda ummata\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Maddi ykn. sababni isaa hanga ammaatti qulqullaawee beekamuu baatus magaalaa Finfinnee keessatti ijoolleen mana barumsaa Jeneraal Waaqoo Guutuu keessatti baratan hedduun guyyaa kaleessaa (Ebla 18, 2019) rakkoo fayyaa mudatanii hospitaala Beetel seenuun dhagahamee jira. Akka oduun hin mirkanaawin dhagahametti rakkoon kun faalama qilleensaa mooraa mana barumsaa sana keessatti uumame irraa\u00a0<span class=\"text_exposed_show\">kan mudate fakkaata. Manni barumsaa maqaa Jeneraal Waaqoo Guutuun moggaafame sun daa\u2019immanii fi ijoolleen Oromoo Afaan Oromootiin kan itti barsiifamani.<\/span><\/p>\n<div class=\"text_exposed_show\">\n<p>Baatiilee 8 dura magaaluma Finfinnee keessatti dhaabbattoota qabeenyummaan isaanii kan Oromiyaa tahan kanneen akka Oromia International Bank fi Mana Barumsaa Jeneraal Taaddsaa Birruu irratti haleellaan bifa qindaaween raaw\u2019atame. Fulbaana 15 2018 simannaa hooggana ABO wajjin wal qabsiifamees naannawa Finfinnee Buraayyutti haleellaa ummata walitti buusuuf akeekkatetu raaw\u2019atame. Dhiheenya kanas Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi manneen nyaataa (Restaurants) kan Oromoo tahan irratti miidhaan adda addaa geessifamuutu mul\u2019ate. Akkasuma Finfinnee irraa gara Bahaatti naannoo Karrayyuu fi Boosat keessatti haleellaan waraanaa bifa qindaaween Ummata Oromoo irratti gaggeeffame. Karaa Kaabaas Oromoota Walloo irratti lolli gaggeeffamee lubbuu fi qabeenyi bade xiqqaa miti. Guyyoota 3 duras miseensota WBO mooraa waraanaa Xoollaay jiran kan dhibbaan lakkaawamntu balaa summiitiin rakkoo fayyaaf saaxilame.<\/p>\n<p>Saba tokko (Oromoo) irratti qiyyaafatee bifa qindaaween haleellaan deddeebisee geessifamaa jiru kun garri inni itti deemuu danda\u2019u guddisee nu yaaddessa. Keessumattuu ammoo miidhaan fayyaa namaa summeessuudhaan geessifamuu fi haleellaan namoota meesha-maleeyyii (Civilians) irratti gaggeeffamu hedduu suukanneessaa fi rifaasisaa dha.<\/p>\n<p>Mootummaan namootaa fi humnoota gochoota yakkaa kana raaw\u2019atanii fi duuba jiran hin wallaalu jennee amanna. Osoo waan kun gara kana caalaa hamaatti hin babal\u2019anne dhaabsisuufis Mootummaan gaafatama qaba. Waan taheef, ulfinni yaaddoo kanaa gahaatti hubatamee mootummaanis ilaalcha gahaa itti kennee dhaabsisuuf gaafatama isaa bahachuu akka qabu jabeessinee hubachiisna.<\/p>\n<p>Maayyii irratti Ummatni keenya duula akka Sabaatti isa irratti aggammatu kamuu dammaqinaan hordofee sirriitti hubachuun akka isa barbaachisu dhaamna. Duula kanas miira aarii keessa galuudhaan tarkaanfii hin barbaachisnetti osoo hin cehamin akkaataa itti irra aanuun danda\u2019amu falachuu fi irratti hojjechuun dirqama nu hundaa tahuu hubachiisna.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/p>\n<\/div>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Shirri Ummata Walitti Buusuuf Xaxamu Dhaabbachuu Qaba ! (Ijoo Dubbii ABO \u2013 Ebla 19, 2019) Maddi ykn. sababni isaa hanga ammaatti qulqullaawee beekamuu baatus magaalaa Finfinnee keessatti ijoolleen mana barumsaa Jeneraal Waaqoo Guutuu keessatti baratan <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/04\/19\/shirri-ummata-walitti-buusuuf-xaxamu-dhaabbachuu-qaba\/\" title=\"Shirri Ummata Walitti Buusuuf Xaxamu Dhaabbachuu Qaba !\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1117"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1117"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1117\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1117"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1117"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1117"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}