{"id":1107,"date":"2019-04-13T06:11:10","date_gmt":"2019-04-13T06:11:10","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1107"},"modified":"2019-04-13T06:11:10","modified_gmt":"2019-04-13T06:11:10","slug":"galfata-wareegamtoota-keenyaa-galmaan-haa-geenyu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/04\/13\/galfata-wareegamtoota-keenyaa-galmaan-haa-geenyu\/","title":{"rendered":"Galfata Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Haa Geenyu !"},"content":{"rendered":"<p><strong>Galfata Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Haa Geenyu !<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ibsa ABO \u2013 Ebla 13, 2019)<\/em><\/p>\n<p><em>Miseensotaa fi deggertoota Dhaaba keenya ABO,<\/em><br \/>\n<em>Qabsaawotaa fi Sab-boontota ilmaan Oromoo hunda,<\/em><br \/>\n<em>Ummata bal\u2019aa Oromoo,<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Baga Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo (GGWO) kan bara 2019 waliin geenye oggaa jennu gammachuu addaatu nutti dhagahama. Sababaan isaas Guyyaan Gootota Wareegamtoota Oromoo kan bara 2019 kanneen isa dura turan irraa haala adda taheen yeroo jalqabaatiif ifatti biyya teenya Oromiyaa keessatti Ummata keenya waliin kan kabajannu tahuu isaatu gammachuu keenya dacha dachaa taasisa.<\/p>\n<p>Bilisummaa Saba keenyaa mirkaneessuuf qabsoo baroota dheeraaf gaggeessaa as geenye keessatti Goototni ilmaan Saba keenyaa hedduun wareegamaniiru. Wareegamni kun baddaa fi gammoojjii, magaalaa fi baadiyaa biyya teenyaa iddoo gara garaatti guyyoota fi baatiilee adda addaatti, dirree lolaa irratti, manneen hidhaa keessatti, hiriira nagaa irrattii fi haala gara garaan mudachaa ture. Har\u2019as Qabsoon Bilisummaa Saba keenyaa galma isaa waan hin dhaqqabiniif wareegamni qabsoo kanaaf baafamu hin dhaabbanne. Wareegamni Ebla 15 bara 1980tti karaa Baha Oromiyaa iddoo Shinniiga jedhamtutti baafame garuu seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti kan iddoo ol\u2019aanaa qabu fi yaadannoo addaa sammuu qabsaawotaa fi ummata keenyaa keessatti hambisee dabre dha. Guyyaa sana (Ebla 15 1980) qabsaawota angafootaa fi hoogganoota ol\u2019aanoo Adda Bilisummaa Oromoo kan Hayyu-Duree fi Itti Aanaan keessatti argaman namoota 10 tahantu haala akkaan rifaasisaa taheen wal faana bakka tokkotti wareegame.<\/p>\n<p>Wareegama sana hedduu ulfaataa, hadhaawaa fi rifaasisaa kan taasisu Jaallan sun hoogganoota ol\u2019aanoo fi angafoota tahuu isaanii qofa miti. Yeroon isaatis yeroo Qabsoon Bilisummaa Oromoo reefuu bifa jaarmayaa horattee hidda gadi dhaabbachaa jirtutti wareegamni sadarkaa sanaa mudachuun jireenya qabsichaa gaaffii jala galchuu kan danda\u2019u tahuu isaa ti. Akkasumas, wareegama sana hunda caalaa kabajamaa fi yaadatamaa kan taasise akkaataa Jaallan sun murannoo ol\u2019aanaadhaan itti wareegamani. Innis, amantiidhaan gar-gar qoodanii rukutuuf shira diinotaan xaxame didanii Gurmuu tokkummaa fi Bilisummaa Saba isaaniif waadaa waliin seenan irratti waliin cichanii hadhaa du\u2019aa waliin unatanii boolla tokkichatti awwaalamuu isaanii ti. Kunis Ebli 15 Guyyaa Wareegamtoota Oromoo tahee bara baraan akka yaadatamuuf sababa tahe.<\/p>\n<p>Jaallan isaanii qabsaawotni muratoon bara sanaa wareegama ulfaataa fi rifaasisaa hoogganootaa fi angafoota isaanii mudate sanaan rifatanii hin facaane. Murannoo fi xiiqii gootummaa ol\u2019aadhaan qabsoo itti fufan. \u201cQabsaawaan Yoo Kufes, Qabsoon Itti Fufa !, Gumaan Gootota Keenyaa Bilisummaa dha !, Galfata Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Ni Geenya ! \u2026\u201d dhaadannoo jedhuun qabsoon itti fufee hordoftoota miliyoonotaan horachaa yeroodhaa yerootti injifannoo sadarkaa adda addaa galmeessaa har\u2019a gahe.<\/p>\n<p>Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota keenyaa kan yaadannuu fi kabajannee oolluuf seenaa gootummaa isaanii irraa barannee, gootummaa isaanii dhaallee, wareegama isaaniitiin injifannoo fi mirgoota hanga har\u2019aatti gonfanne jabeeffannee kan nu hafus harkatti galfachuudhaan kaayyoo wareegamtoota keenyaa galmaan gahuuf waadaa keenya haaromfachuufi. Guyyaan kun (Ebli 15) gama tokkoon guyyaa Gootota wareegamtoota keenya gaddaan itti yaadannu dha. Lubbuudhaan jiraatanii sadarkaa qabsoon har\u2019a irra gahe waliin arguudhaaf carroomuu dhabuu keenyaaf gaddina. Gama biraatiin ammoo guyyaan kun Gootota wareegamtoota keenya boonaan kan itti yaadannu dha. Gootota Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa, akkasumas, ulfina Sabummaa keenyaa mirkaneessuuf lubbuu isaanii dabarsanii kennan kumaa-kitilaan qabaachuu keenyatu nu boonsa.<\/p>\n<p>Har\u2019a dukkanni gabrummaa fi roorroo wareegama gootota keenyaatiin saaqamee ifa xiqqoo arguu jalqabnee jirra. Ifa xiqqoo kana guddifannee Biiftuu Bilisummaa keenyaatti jijjiiruun ammoo dirqama dhaloota har\u2019aa (hunda caalaa ammoo dirqama Qeerroo) tahuun beekamuu qaba. Dirqama seenaa kana bahachuuf haala har\u2019a keessa jirru sirriitti qu\u2019achuu fi hubachuun barbaachisaa dha. Haalli har\u2019a keessa jirru jijjiirama gatii wareegama gootota keenyaatiin argameen gammachuu fi abdiin kan keessatti mul\u2019atu yoo tahe illee, gama kaaniin ammoo yaaddoo fi bir\u2019aa hedduudhaanis kan guutame tahuu dagachuun hin feesisu. Wareegamni gootota keenyaa waan hedduu jijjiiree jira. Sun gammachuu fi abdii nutti bulcha. Gama kaaniin ammoo Kaayyoon wareegamtoota keenyaa galma hin geenye. Kaayyoon isaanii galma hin gahin jiraachuu qofa osoo hin taane duulli faallaa kaayyoo wareegamtoota keenyaa humnootaa fi aangawoota siyaasaa tokko tokkoon bal\u2019inaan gaggeeffamaa jiraachuun yaaddoo fi bir\u2019aa kan nutti bulchuu dha. Yoo jabaannee akka Sabaatti harka wal qabannee sochoone ifa abdii xiqqoo har\u2019a mul\u2019atu daran guddisnee Kaayyoo wareegamtoota keenyaa galmaan gahuuf carraan jiru bal\u2019aa dha. Yoo laaffanne, yoo sobamne, yoo dantaa yerootiin bitamnee wal bubuusnee fi wal afaan deebine garuu yaaddoo fi bir\u2019aan amma mul\u2019atu gara hamaatti guddachuufis carraan jiru salphaa miti. Jabaannee, jaarmayaa keenya jabeeffachuudhaan yaaddoo fi gufuulee jiran hunda irra aannee Kaayyoo wareegamtoota keenyaa galmaan haa geenyu.<\/p>\n<p>Bilisummaan Goototni keenya wareegamaniif kan hunda keenyaa waan taheef Ayyaanni Yaadannoo fi Kabaja Guyyaa Wareegamtootaa kunis kan Oromoo hundaa ti. Goototni Wareegamtootni guyyaa seena-qabeessa kanatti yaadannee oollus miseensota Dhaaba tokkoo qofa osoo hin taane gootota qabsaawota ilmaan Saba keenyaa kan Bilisummaa Saba kanaatiif wareegaman hunda. Waan taheef, Ilaalchaa fi Dhaaba siyaasaatiin osoo addaan hin hafin Gootota Bilisummaa Saba keenyaatiif wareegaman hunda akka Sabaatti waliin yaadachuu fi kabajuun dirqama Sabummaa keenya tahuu Addi Bilisummaa Oromoo yaadachiisa. Gootota Wareegamtoota keenya bara baraan haa yaadannu. Galfata isaaniis galmaan haa geenyu !<\/p>\n<p><strong>Gumaan Gootota Keenyaa Bilisummaa dha !<\/strong><br \/>\n<strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Ebla 13, 2019<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Galfata Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Haa Geenyu ! (Ibsa ABO \u2013 Ebla 13, 2019) Miseensotaa fi deggertoota Dhaaba keenya ABO, Qabsaawotaa fi Sab-boontota ilmaan Oromoo hunda, Ummata bal\u2019aa Oromoo, Baga Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/04\/13\/galfata-wareegamtoota-keenyaa-galmaan-haa-geenyu\/\" title=\"Galfata Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Haa Geenyu !\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":362,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1107"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1107"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1107\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/362"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1107"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1107"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1107"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}