{"id":1082,"date":"2019-03-18T21:21:40","date_gmt":"2019-03-18T21:21:40","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=1082"},"modified":"2019-03-18T21:35:44","modified_gmt":"2019-03-18T21:35:44","slug":"ibsa-walgahii-shanee-gumii-gs-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/03\/18\/ibsa-walgahii-shanee-gumii-gs-abo\/","title":{"rendered":"IBSA WALGAHII SHANEE GUMII &#8211; GS &#8211; ABO"},"content":{"rendered":"<p><strong>IBSA WALGAHII SHANEE GUMII &#8211; GS &#8211; ABO<\/strong><\/p>\n<p><em>Bitootessa 18, 2019<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"64\" height=\"57\" \/>Shaneen Gumii &#8211; GS &#8211; ABO, Bitootessa 13 &#8211; 17 bara 2019 walgahii geggeeffatee, haala yeroo kan biyyaa fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti marii bal\u2019aa geggeessuudhaan ilaalchaa fi hojiilee fuul-duraa kan qajeelchan murtiilee armaan gadii dabarfatuun xumuratee jira.<\/p>\n<ol>\n<li><strong> RAKKOO SIYAASAA MUL\u2019ATU FURUU IRRATTI <\/strong><br \/>\nWal-dhibdee ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti baroota dheeraadhaaf ture wal haasawuudhaan karaa nagaa furuudhaaf Hagayya 7, 2018 waliigalteen godhame. Waligalteen kun akka yaadame shaffeessaa fi bal\u2019ina barbaachisuun hojii irra ooluu irra harkifatee jira. Kana irraahis ABO\u2019n bilisa ta\u2019ee hojii siyaasaa geggeessuu irratti gufuuleen mudatan ni jiru. Waajjiraaleen Dhaabni kun hojii siyaasaa fi ijaarsaaf banate cufamanii miseensotni fi deggertootni Dhaaba kanaa hidhamuu, hoji-dhablee taasifamuu fi doorsisni bakkaa-bakkatti gaggeeffamaa jiraachuun faallaa waliigaltee sanaa ti. Dhimmi Waraana Bilisummaa Oromoo Abbootii Gadaatti kennamee waliigaltee fi nagaadhaan xumuruuf kan hojjetamaa jiru yoo tahe illee, balballi qabsoo karaa nagaa amma illee danqaa hedduu irraa hin qulqulloofne. Tahu illee, ABOn karaa nagaatiin rakkoo siyaasaa biyyicha keessa jiru furuuf itti fufee obsaa fi murannoodhaan akka hojjetu irra deebi\u2019ee irbuu isaa haaromsa. Waliigaltee Asmaraa hojii irra oolchuu irratti rakkoo mootummaa fi ABO gidduu haasawaadhaan furuufis ABOn of qusannoo malee hojjechuu kan itti fufu tahuu irra deebi\u2019ee mirkaneessa. Kana waliin miseensotni ABO fi namootni biroo kanneen sababa ABO deggertu jedhuun mana hidhaatti dararamaa jiran daddaaffiidhaan akka hiikamanii fi kanneen dhiittaa mirga dhala namaa fi hacuuccaa siyaasaa ummata Oromoo irratti geggeessan daddaffiidhaan seeratti akka dhiyeeffaman ABOn cimsee gaafata.<\/li>\n<\/ol>\n<ol start=\"2\">\n<li><strong> MIRGA SABOOTNI QABSOO ISAANIITIIN ARGATAN TIKSUU IRRATTI<\/strong><br \/>\nQabsoo hadhooftuu baroota dheeraa geggeessaniin sirni federaalummaa diriirfamee sabootni mirga eenyummaa isaanii tikfatuu fi ofiin of bulchuu hanga tokko argatanii jiran. Haa ta\u2019u malee, sirna federaalummaa kana diiguudhaan tokkummaa humnaa kan fedhii ummatootaa irratti hin hundoofnee fi mirga eenyummaa fi ofiin of bulchuu sabootaaf beekkamtii hin laatne kan sirna durattii deebisanii saboota irratti fe\u2019uuf humnootni siyaasaa tokko tokko duula bal\u2019aa geggeessuu irratti argamu. Sirna federaalummaa jiru diiguudhaaf duulli siyaasaa geggeeffamaa jiru dhumaatii fi diigamiinsa kan dhalchuu danda\u2019u waan ta\u2019eef ABOn shira kana dura jabinaan dhaabbachaa mirgi guutuun Sabootaa hanga dhugoomutti qabsaawa. Duulli farra sirna federaalummaa akka hin milkoofneefis ABOn xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjeta.<\/li>\n<\/ol>\n<ol start=\"3\">\n<li><strong> DHIMMA FINFINNEE IRRATTI<\/strong><br \/>\nUmmatni Oromoo uumamaan, seenaanis tahe seeraan Magaalaa Finfinnee irratti mirga Abbaa-biyyummaa qaba. Finfinnee fi Oromiyaa gidduu daangaan jiraatu kan bulchiinsaan ala tahuu hin qabu. Finfinneen Magaalaa Guddittii Oromiyaa qofa osoo hin taane handhuura Oromiyaa ti. ABOn mirga jiraattonni Finfinnee ilmaan Saboota adda addaa fi alagaan Finfinnee irratti qaban seeraan kabajamaa tahuus kanuma waliin mirkaneessa. Dhimma kanaan wal qabatee, kanneen Finfinnee sababa godhatuudhaan dantaa siyaasaa biroo guuttachuuf olola diigaa fi jibbiinsaa irratti bobba\u2019anii jiran gochaa isaanii kana irraa daddaffiidhaan akka dhaabbatan ABOn hubachiisa.<\/li>\n<\/ol>\n<ol start=\"4\">\n<li><strong> TOKKUMMAA JAARMOTA SIYAASAA OROMOO KAN ILAALUUN<\/strong><br \/>\nTokkummaan jaarmota siyaasaa Oromoo, gaaffiilee: siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Ummata Oromoo furuu keessatti qooda ol\u2019aanaa qabaata. Tokkummaa jaarmota kanaa argamsiisuun gaaffii fi fedhii Ummata keenyaa ti. Hegeree Oromoo fi Oromiyaa irratti balaan aggaamamee jiru, balaa hunda keenya irratti aggaamame waan ta\u2019eef, hegeree Oromoo fi Oromiyaa dhabama irraa oolchuuf hojjechuun dirqamaa fi gaafatama Dhaabota Siyaasaa Oromoo hundaa ta\u2019uu ABOn ni amana.Waan kana taheef, tokkummaan kun daddaffiidhaan mirkanaawee Ummatni keenya daddaffiidhaan mirga isaa akka of harka galfatuuf ABOn Koree dhimma kana irratti hojjettu ijaaree bobbaaseera. Ummatni keenyas, tokkummaan kun akka mirkanaawuuf gargaarsaa fi dhiibbaa gama isaatii akka godhu ABOn jabeessee gaafata<\/li>\n<\/ol>\n<ol start=\"5\">\n<li><strong> MIRGA SIYAASAA TIKFATUU IRRATTI<\/strong><br \/>\nHoogganaa fi Mootummaa gaaffii isaatiif deebii kennuu danda\u2019u akka utubatuuf mirgi: ijaaramuu, yaada ofii bilisa tahanii ibsachuu, socho\u2019uu, wajjira banachuu, Dhaaba fedhan deggeranii kan fedhan mormuu Sabootaaf guutummaatti kabajamuu qaba. Mirgootni kun kan Heera biyya kanaatiin tikfaman yoo ta\u2019an illee har\u2019a dirreen siyaasaa biyya kanaa bakka adda addaatti dhiphifamaa jiraachuun ni mul\u2019ata. Waan taheef, Mootummaan dirree Siyaasaa bal\u2019isuu irratti waadaa seene akka kabaju ABOn irra deebi\u2019ee yaadachiisa. Ummatootni hundis mirga qabsoo isaaniitiin argatan jabaatanii tikfatuudhaan jijjiiramni eegalame akka hin gufannee fi duubatti hin deebineef gahee isaanii akka bahatan ABOn hubachiisa.<\/li>\n<\/ol>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Bitootessa 18, 2019<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>IBSA WALGAHII SHANEE GUMII &#8211; GS &#8211; ABO Bitootessa 18, 2019 Shaneen Gumii &#8211; GS &#8211; ABO, Bitootessa 13 &#8211; 17 bara 2019 walgahii geggeeffatee, haala yeroo kan biyyaa fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2019\/03\/18\/ibsa-walgahii-shanee-gumii-gs-abo\/\" title=\"IBSA WALGAHII SHANEE GUMII &#8211; GS &#8211; ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1082"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1082"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1082\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1082"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1082"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1082"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}