{"id":9,"date":"2017-06-29T19:14:53","date_gmt":"2017-06-29T19:14:53","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?page_id=9"},"modified":"2017-07-04T13:57:57","modified_gmt":"2017-07-04T13:57:57","slug":"kaayyoo-abo","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/kaayyoo-abo\/","title":{"rendered":"Kaayyoo ABO"},"content":{"rendered":"<p align=\"center\"><strong>Kaayyoo ABO<\/strong><\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) jaarmayaa siyaasaa kiyyoo kolonii Habashoota jalaa bilisa bahuuf qabsoo bilisummaa ummatni Oromoo gaggeessu hogganuuf sabbontootaan bara 1973 keessa ijaaramee dha.\u00a0 ABO ijaaramuun hawwi ummata Oromoo jaarraa tokkoo kan qabsoo cimaa fi waaltaawe qabaachuu dhugoomse.<\/p>\n<p>Akeeki hundee QBO mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo kan uumaman qabu mirkaneessuu dha.\u00a0\u00a0 Mirgi hiree murteeffanna kun mirkanawuun cunqursaa fi saaminsa jaarraa tokkootti xumura godhee yoo danda\u2019ame waltahiinsa siyaasaa walqixxummaa fi fedhii irratti hundaawe ummatoota kaan wajjin utubuu dha.<\/p>\n<p>Mirga hiree isaa murteeffachuuf qabsoon ummatni Oromoo gaggeessu qabsoo haqaa fi mirgaa ti. Mirga bu\u2019uraa isaanii deebifachuuf qabsoon ummatooti godhan chaartara Mootummoota Waltahanii keessatti kan barraawee dha. ABO kan qabsoo godhaa jiru cunqursaa jaarraa tokko dhabamsiisee ummatni Oromoo akka mirga kana gonfatu godhuu dha. Kaayyoo kana bakkaan gahuuf tattaafachuun ABO akeeka dimokraasii irratti kan bu\u2019ura godhatee dha. Kunis ummatni Oromoo\u00a0 walabummaa gosa fedheen jiraachuu\u00a0 ykn ummatoota kaan wajjin tokkummaa siyaasaa ijaarrachuu keessaa murteeffachuuf mirga uumaman qabuu dha.<\/p>\n<p>Bara 1991 aangoon biyya Itophiyaa bulchuu gita bittuu Amaaraa irraa Tigirooti fudhachuun mirgi ummata Oromoo fi ummatoota kaan akka kabajamu hin goone.\u00a0 Jijjiirran tahe kan kabeebsaa, qabsoo bilisummaa qabbaneessuuf kan godhamee dha. Qabsoo bilisummaaf ummatni Oromoo gaggeessu sirna cunqursaa mootummaa irratti kan xiyyeeffate malee ummata kam iyyuu kan hin ilaalle tahuu ABO irra deebi\u2019ee mirkaneessa. Fedhii irratti hundaawanii, \u00a0bu\u2019ura ummatooti bilisa tahan tokkummaa siyaasaa ummachuuf godhan ijaaruuf ABO fi ummatni Oromoo murteeffatanii jiru.<\/p>\n<p align=\"center\">Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p align=\"center\">L. S. Bosxaa 73247<\/p>\n<p align=\"center\">Washington,DC 20056<\/p>\n<p>Bil: (202) 462-5477<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Kaayyoo ABO Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) jaarmayaa siyaasaa kiyyoo kolonii Habashoota jalaa bilisa bahuuf qabsoo bilisummaa ummatni Oromoo gaggeessu hogganuuf sabbontootaan bara 1973 keessa ijaaramee dha.\u00a0 ABO ijaaramuun hawwi ummata Oromoo jaarraa tokkoo kan qabsoo <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/kaayyoo-abo\/\" title=\"Kaayyoo ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":66,"parent":0,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/9"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=9"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/9\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/66"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=9"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}