{"id":7,"date":"2017-06-29T19:13:59","date_gmt":"2017-06-29T19:13:59","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?page_id=7"},"modified":"2017-07-04T13:56:45","modified_gmt":"2017-07-04T13:56:45","slug":"imaammata-abo","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/imaammata-abo\/","title":{"rendered":"Imaammata ABO"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: left;\" align=\"center\"><strong>Rakkoo Siyaasaa Itophiyaa Karaa Nagaa Furuu Ilaalchisee<\/strong><\/p>\n<p>Maddi rakkoo siyaasaa impaayera Itophiyaa mirga hiree murteeffannaa sabootaa kabajamuu dhabuu dhaan cunqursaa sabaa mootummaan gaggeessuu dha. Mootummaa Itophiyaa amma aangoo irra jiru heera biyyaa keessatti mirga hiree murteeffannaa sabootaa beeku illee akka hojii irra hin oolle gaadi\u2019ee hidhee jira.\u00a0 Ummatooti mirga bu\u2019uraa kan duula koloneeffataan sarbaman deebifachuuf qabsoon godhan,\u00a0 chaartara Mootummoota Wal tahanii (UNO) fi jaarmayoota idil addunyaa kan beekamee dha. Ummatni Oromoo fi ummatooti cunqurfamoo kaan walabummaan mata-mataan jiraachuu ykn wal marii fi wal gaafachuun tokkummaan waliin\u00a0 jiraachuuf murteeffachuuf mirga guutuu qabu. Biyyicha keessatti nagaa fi tasgabbiin jiraachuuf bulchiinsi impaayera Itophiyaa dhumachuu qaba. Akeeka kana bakkaan gahuuf warri dhimmi ilaalu hundi qophii tahuun rakkoon siyaasaa karaa nagaa furamu taasisa. Rakkoo siyaasaa furuu dhiisanii boriif ol kaa\u2019uu dhaabbachuu qaba. Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa Itophiyaa\u00a0 keessa jiru karaa nagaa furuuf qophii tahuu beeksisa.\u00a0 Akkuma amma duraa, har\u2019as ABO, ummatoota impaayericha keessa jiraniif nagaa buusuu fi rakkoo siyaasaa\u00a0 karaa nagaa furuuf ABO waan danda\u2019u hundaa ni gumaacha.<\/p>\n<p><strong>Qabsoo Hidhannoo Ilaalchisee<\/strong><\/p>\n<p>Mootummooti Itophiyaa darabee aangootti dhufanii\u00a0 fi inni amma aangoo irra jirus\u00a0 waan mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo kabajuu didaniif mirga isaa ittisuuf ABO qabsoo hidhannoo gaggeesaa jira. Qabsoon hidhannoo ABO kan xiyyeeffatu umamta sivilii irratti osoo hin taane caasaa fi humna mootumaa\u00a0 irratti.\u00a0\u00a0 ABO ejjennoo hin daaqamne kan farra shororkeessitummaa qaba.\u00a0 Mirga ummata Oromoo argamsisuuf tooftaa shororkeessitummaatti dhimma bahuu ni morma. Addi Bilisummaa Oromoo tooftaa shororkeessitummaatti dhimma bahuun mallattoo abdii kutannaa ti\u00a0 jedha. Kanaaf ejjennoon farra shororkeessitummaa imaammata dhaabichaa ti.<\/p>\n<p><strong>Amantii fi Amantii Leellisuu ilaalchisee<\/strong><\/p>\n<p>Ummatni Oromoo hordoftoota amantii sadii: Islaama, Kiristaanaa fi Waaqeffannaa qaba. ABO mirga amantii ni kabaja, dhimma amantii keessas hin seenu.\u00a0 Leellistummaa amanti gosa kamii iyyuu ni\u00a0 morma, dura dhaabbata.\u00a0 Miseensoti ABO fi deggertooti isaa hordoftoota amantii sadanuu tahuun dhaabichi dhimma amanti ilaalchisee\u00a0 ejjennoo dimokraatawaa tahe akka qabu mirkaneessa.<\/p>\n<p><strong>Mirga Sab-bicuu Oromiyaa ilaalchisee<\/strong><\/p>\n<p>Oromiyaa keessa sab-bicuu eenyummaa fi aadaa adda mataa isaanii qabantu jiru. Sab-bicuun kun karaa dinagdee, aadaa fi politiikaa ummata Oromoo wajjin hariiroo cimaa qabu. Addunyaa irratti mirga sab-bicuu beekamee fi kabajamaa jiru irratti hundaa\u2019uun ABO sab-bicuun Oromiyaa mirga aadaa isaanii\u00a0 guddifachuu, naannoo isaanii bulchuu fi walqixxumman jiraachuu ni kabaja. ABO ummata Oromoo fi sab-bicuu Oromiyaa gidduu hariiroon firummaa akka jiraatuuf\u00a0 tarkaanfii fudhachuu fi hojii hojjachuu jalqabe jabeessee itti fufa.<\/p>\n<p><strong>Waltumsaa fi Deggeruu Ummatoota Cunqurfamoo ilaalchisee<\/strong><\/p>\n<p>Impaayerri Itophiyaa tarsiimoo adda qoodanii koloneeffachuun ijaarame, tooftaa adda qooduun bulchuunis (divide and rule)\u00a0 har\u2019a gahe. ABO ummatooti bilisummaa isaanii gonfachuuf humnooti\u00a0 ummatootaa qabsoo godhaa jiran wal tumsuu fi deggeruun barbaachisaa dha jedha. Ummatooti cunqurfamoon shira diinaa akka dura dhaabbatanii fi qabsoo bilisummaa waliin qindeeffataniif ABO hojjata ture.\u00a0 Mootummaan Wayyaanee humnoota jijjiirraan Itophiyaa keessatti\u00a0 akka hin dhufne mormanii wajjin hiriiruun ummatoota cunqurfamoo biyyacha keessa jiraniif yaaddo guddaa dha. Humnooti\u00a0 oftuuloon mirgoota ummatni\u00a0 keenya qabsoo isaatiin gonfate dhabamsiisanii sirna dullacha durii deebisuuf carraaqan ni jiru. Wal dhabbiin Itophiyaa fi Ertraa giddu itti fufee jiru sabootaa fi sablammii biyyichaa karaa dinagdee, humna namaa ni miidha. Lola sababa godhachuun mirgi namoomaa akka hin eegamne godha. Haalli gaaga\u2019an TPLF fi waahillotni isaa uuman kun humnoti bilisummaa akka qabsoo walitti qindeeffatan fardii taasisa. ABO walii galtee amma dura ummatoota cunqurfamoo wajjin godhame haaromsuu fi cimsuuf qophii tahuu duwwaa osoo hin taane didhaa amma jiru injifachuuf waltajjii humna namaa, qabeenyaa fi dinagdeen itti qindeessan akka dhaabbatuuf ABO jabeessee ni hojjata.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Rakkoo Siyaasaa Itophiyaa Karaa Nagaa Furuu Ilaalchisee Maddi rakkoo siyaasaa impaayera Itophiyaa mirga hiree murteeffannaa sabootaa kabajamuu dhabuu dhaan cunqursaa sabaa mootummaan gaggeessuu dha. Mootummaa Itophiyaa amma aangoo irra jiru heera biyyaa keessatti mirga hiree <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/imaammata-abo\/\" title=\"Imaammata ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":66,"parent":0,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/7"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=7"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/7\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/66"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=7"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}