{"id":69,"date":"2017-07-04T04:18:49","date_gmt":"2017-07-04T04:18:49","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?page_id=69"},"modified":"2017-07-04T13:59:16","modified_gmt":"2017-07-04T13:59:16","slug":"oromiyaan-wal-baraa","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/oromiyaan-wal-baraa\/","title":{"rendered":"Oromiyaan Wal Baraa"},"content":{"rendered":"<p><strong><img loading=\"lazy\" class=\"alignleft\" title=\"oromia\" src=\" http:\/\/oromoliberationfront.org\/en\/wp-content\/uploads\/2012\/05\/oromia21-300x300.gif\" alt=\"\" width=\"300\" height=\"300\" \/>Seensa<\/strong><\/p>\n<p>Akeekni barruu kanaa cuunfaatti waa\u2019ee ummata Oromoo, biyya isaa, aadaa, qaroomina fi seenaa isaa barsiisuu dha.\u00a0 Akkasumas haala sabni Oromoo kiyyoo bulchiinsa kolonii Abasiiniya jalatti itti jiraatee fi qabsoo inni bilisummaa, dimokraasii, dinagdee fi haqaaf geggeesse irraa ibsa gabaabaa kennuuf.<\/p>\n<p><strong>Biyya<\/strong><\/p>\n<p>Biyyi Oromoo <strong><em>Oromiyaa ykn Orom-biyyaa<\/em><\/strong> jedhama.\u00a0 Hiikaan isaa gabaabaatti biyyoo Oromoo jechuu dha. Maqaa Oromiyaa jedhu kana kan\u00a0 moggaasee dhimma itti bahuun babal\u2019ise Adda Bilisummaa Oromoo ti. Haata\u2019u malee namtichi biyya Jarmanii barsiisaan amantii Kiristaanaa bara 1860 keessa biyya Oromoon <em>Ormaaniyaa<\/em> jedhee moggaasee ture.<\/p>\n<p>Har\u2019a Oromiyaan kutaalee Shawaa, Wallagga, Ilu-abbaabooraa, Jimma, Arsii, Boorana, Wallo, Baale, Harargee, Gujii fi Wambara haammata. Magaalotni gurguddoon akka\u00a0 Finfinnee (Addis Ababaa- moggaasa Amaaraa), Dirree Dhawaa, Adaamaa ( Naziret moggaasa Amaaraa), Harar, Amboo, Jimma, Naqamte fi Roobee Oromiyaa keessatti argamu. Jaarraa 19ffaa yeroo Oromiyaan koloneeffatamu bal\u2019inni lafa isaa kaaree kiilo metira 600, 000 tti tilmaama ture. Bal\u2019ina biyya Faransaa, Xaaliyaanii, Suwizerland fi Beljium yoo walitti dabalan haga bal\u2019ina Oromiyaa hin gahu. Mootummaan Tigiree kan amma aangoo Itophiyaa of harkaa qabu Oromiyaa cicciree saboota ollaa jiran adda addaaf kennun har\u2019a bal\u2019ina Oromiya\u00a0 kaaree kiilo meetira 360, 000 qofatti galchee jira.<\/p>\n<p>Kaartaa irratti Oromiyaan gara kaabaatti dalgee (latitude) digirii 2 fi digirii 12, gara bahaatti ammoo gadee (longitude) digirii 34 fi digirii 44\u00a0 giddutti argama. Oromiyaan gara bahaan Somaliyaa fi Affar;\u00a0 gara dhihaan ammoo Gambeella, Beni-Shaangul fi Sudan; gara kibbaan Somaliyaa, Keniyaa fi Saboota kibbaa; gara kaabaan Agawu, Amaara fi Tigraay daangeessa. Kana jechuun Oromiyaan biyya Itophiyaa kaabaa\u2013kibbatti, bahaa\u2013dhihatti adda qooda jechuu dha. Biyyoota Afriikaa 53 keessaa baldhina lafaatiin kan Oromiyaa caalan biyyoota 17 duwwaa dha.<\/p>\n<p><strong>Teessuma Lafaa fi Haala Qilleensaa<\/strong><\/p>\n<p>Teessumni ji\u2019oograafii fi haalli qilleensa Oromiyaa baayyee bal\u2019aa dha. Oromiyaan gaarreen dhedheeroo, badda-rogeelee (plateaus), ija laggeenii (gorges) nama maalachiisan, diida ijji ilaalee hin kutne (rolling plains) fi laggeen gurguddoo hedduu qaba. Qarqara galaanaa irraa olka\u2019iinsi Oromiyaa meetira 500\u00a0 kaasee haga muummee gaara Baatuu meetira 4,607 dhaqqaba. Gaarreen gurguddoo Oromiyaa keessaa warri bebbeekamoon:\u00a0 Baale keessatti kan argamu gaara Baatuu (m. 4,607), Arsi keessatti kan argaman gaara Karraa (m. 4,340), Enkello (m. 4,300), Harargee keessatti kan argamu gaara Mul\u2019ataa (m. 3,392), Shawaa keessatti kan argamu Baddaa Roggee (m. 3,350) fi Wallagga keessatti kan argamu\u00a0 Tullu Walal (m\u2026\u2026) faa\u00a0 dha. Irra guddaan Oromiyaa olka\u2019iinsa meetira 1,500 irratti argama.<\/p>\n<p>Akkaataan teessuma lafa Oromiyaa qilleensaa jireenya dhala namaaf mijjataa tahee fi badhaadhina uumamaan kan guutame.\u00a0 Haalli qilleensa Oromiyaa: baddaa, badda-daree fi gammoojjiitti qoodama. Lafti qilleensa gammoojjii mukkeen muraasaa fi ho\u2019ina qilleensaa giddu-galeesatti digirii sent gireed 27 &#8211; 39 fi waggaatti rooba giddu-galeessatti mm 450 kan qabuu dha. Lafti badda-daree \u00a0tahe ammoo waggaatti rooba giddu-galeessatti mm 450- 810 fi ho\u2019ina giddu-galeessatti digirii sent gireed 18 \u2013 27 kan qabuu dha. Baddaan Oromiyaa ho\u2019ina qilleensaa digirii sent gireed18 fi waggaattirooba mm 1200 \u2013 2000 kan qabuu dha.<\/p>\n<p>Oromiyaan laggeen fi harawwan hedduu qaba. Laggeen Oromiyaa baay\u2019een gara dhihaatti yaa\u2019anii Abbayya ykn Abbaya \u2013 adiitti galu. Laggeen kaan gar bahaatti yaa\u2019inii lafa Somaliyaa fi Affaritti galu. Laggeen gurguddaa keessaa garii: Abbayya (Nile), Baaroo, Soor, Gabbaa, Birbir, Hawaas, Gannaale, Waabee, Dhidheessa, Gibe, Gudar, Daabbus fi Finca\u2019aa faa dha.\u00a0 Laggeen Oromiyaa keessaa yaa\u2019an bishaan laga Abbayyaa keessaa harka 70 gumaachu.<\/p>\n<p>Laggeen kun hidda jireenya ummatoota Sudan, Masr fi Somaliyaa ti. Wagga waggaan biyyee toonii miliyoonatti lakkaawamu guuranii ummata biyyoota kanaaf geessu. Jireenyi Somaliyaa laggeen Oromiyaa keessaa maddan Waabee (Shaballee) fi Gannaalee (Juba) irratti irkata. Maddi humna eliktirika Itophiyaan har\u2019a qonnaa fi warshaaf dhimma baatu laggeen Oromiyaa kan akka Gibe, Hawaas, Finca\u2019aa fi Gabbaa irraa argama.<\/p>\n<p>Harawwan Oromiyaa keessaa garii maqaa dhawuuf: Hara Magariisa, Bushooftuu, Kurruftuu, Bushooftuu-guddoo, Haro-kilolee, Haro Arsadee fi malkaa cittuu (rift valley) keessaaa ammoo Zuwaay, Abjataa, Abbayyaa, Shaallaa, fi Langannoo faatu argamu. Haroowwan kun qurxummii (kal\u2019uuna) gosa adda addaa of keessaa qabu. Naannoo isaaniittis shimbirroo akaakuu adda addaatu argamu. Harawwan kun biyya daawwattoota harkisuu duwwaa osoo hin taane warshaa qurxummii dagagaasuuf carraa guddaatu jira.<\/p>\n<p>Oromiyaan mudhii lafaatti (equator) dhihoo tahu illee, gaarren dhedheeroo fi lafa ol ka\u2019aa hedduu waan qabuuf mukkeen hedduu fi qilleensa jireenya namaaf mijjataa tahe qaba. Gubbeen gaara Baatuu fi Karraa cabbii qaba. Lafti badda-daree tahe (m 1800- 2500) qilleensi isaa waggaa guutuu hin gubu hin qabannaawu; jireenyaaf\u00a0 baayye mijjataa dha. \u00a0Ummata Oromiyaa keessaa harki 80 lafa badda-daree kana\u00a0 jiraata. Ummatni Oromoo fardeen waan qabanii fi dhimma itti bahaniif lafa badda-roggee fi marga gahaa qabu irra qubatanii argamu. Lafa bosona, gubbee gaaraa fi sulula lagaa keessa hin qubatan.\u00a0 Ummatni Oromoo hundeen tikfattee dha.<\/p>\n<p>Lafti olka\u2019iinsi isaa m1500 gad \u00a0tahe gara dhihaa, kibbaa fi bahaatti argaman qillensi isaanii hoo\u2019aa waan taheef tikfatanii fi gaagura hidhatanii deebi\u2019u malee ummatni keessa hin qubatu.<\/p>\n<p>Oromiyaan biyya mukkeen fi biqiltuuleen gosa adda addaa irratti marganii dha. Mukkeen bosona Oromiyaa keessatti argaman baqassuun dhimma adda addaa irra oola.\u00a0 Bosona haga xiqqaa kibba-bahaa fi kibba-dhihaatti argaman malee bosonni Oromiyaa harki guddaan erga gabroomfatooti qabatanii ciramee manca\u2019ee jira.\u00a0 Yeroo ammaa immoo bosonni hafte imaammata mootummaan Wayyaanee lafa Oromiyaa investarootaaf kennu hordofuun bosonni hafe gara dhumutti deemaa jira. Osoo Oromiyan hin koloneeffatamin lafti Oromiyaa dhibba keessaa harki 70 bosona ture.\u00a0 Har\u2019a bosonni Oromiyaa dhibba keessa harka lama duwwaatu hafee jira. Oromiyaa keessa muki qumbii, ixaanaa fi qorichummaan kan gargaaran hedduutu argamu.<\/p>\n<p><strong>Ummata<\/strong><\/p>\n<p><strong>Madda<\/strong><\/p>\n<p>Seenaa ummatoota gaanfa Afrikaa keessa qubatan yoo ilaalle madda ummata Oromoo hubachuu dandeenya. Ummatni Oromoo ummatoota Kuush-bahaa keessaa isa tokko. Ummatni Kuush baha Afrikaa keessa bara dheeraaf akka qubatan seenaan ragaa baha. Lafti ummatni Kuush ykn Nuubaa ykn Itophiyaa durii qubatan laga Naayil gara gadii fi giddu galeessa keessa ture. Ummatni Kuush akka wal irraa fagaataa deemaniin bara 5000 Dh. K. D. irraa kaasee afaanota\u00a0 Kuush Kaabaa, Kuush Giddu-galeessa, Kuush Kibbaa fi Kuush Bahaa jedhamanii adda bahan. Kuush-bahaas akkasuma bara 3500 fi\u00a0 2000 Dh.K. D damee adda addaatti bahuu jalqaban.\u00a0 Ummatni Oromoo bara 3500 irraa kaasee akka sabaatti Kuush-bahaa irraa adda bahuu isaa seenaatu dubbata.\u00a0 Ummatni Oromo gara kibbaa, bahaa fi dhihaatti babal\u2019achuun irra guddaa Gaanfa Afrikaa keessa qubatee argama. Ummatni Oromoo bara kuma hedduuf akka Gaanfa Afrikaa keessa jiraate, ummata hundee dur-durii tahuu isaa seenaa barreessitoonni ragaa bahanii jiru (Prouty at al, 1981). \u00a0Seenaa barreessaan Bates jedhamu ammoo Oromoon ummata durii\u00a0 fi hundee\u00a0 kan ummatooti kaan illee isa irraa maddanii dha jedha.<\/p>\n<p>Seenaa barreessituun Perham (1948) jedhamtu ammoo \u201cyeroo warri Seem gara Kaaba-baha Afrikaa dhufan,\u00a0 ummatni Kuush dursee naannoo sana qubatee ture\u201d jetti. Paulitschke (1889) kan jedhamu ammoo ummatni Oromoo bara Aksum dura naannoo baha Afrikaa keessaa jiraataa ture jedha.\u00a0 Namtichi GreenField jedhamus ummatni Oromoo akka namooti garii jedhan kan alaa dhufee miti. Maanguddooti Raayyaa fi Azeebuu Oromoon alaa dhufe yaada jedhu hin fudhatan.\u00a0 Argaa dhageettin\u00a0 warra Habashaa iyyuu Oromoon Raayya keessa bara dheeraaf akka jiraate dubbatu jechuun ragaa baha.\u00a0\u00a0 Namtichi Beke jedhamus\u00a0 himamsa afaanii warra Lasta tuqee \u201cMinilik, ilmi Solomon, biyya Raayyaa fi Azebuu irraa gamasiin Abasiiniyaa gara bahaa irraan seene\u201d jedha. \u00a0Jaarraa 9ffaa fi 10ffaa keessa Oromoon walakkeessa Oromiyaa (Shawaa) akka ture ragaa danuutu jira (Greenfield et al, 1980) . Jaarraa 14ffaa keessa ammoo Oromoon\u00a0 naannoo Hora Xaanaa\u00a0 qubate ture. Qorannoo Lynch fi Robbins (1978) kaaba Keniyaa keessatti godhaniin dhaabaa \u2013dhagaa (pillars) kan umrii 300 Dh. K. D arganii jiru. Dhaabaan-dhagaa kun akka Oromoon bara dheeraaf Kaaba-baha Afrikaa keessa ture ragaa baha.<\/p>\n<p>Madda ummata Oromoo namooti adda addaa bakka adda addaatti akeeku. Namooti garii maddi ummata Oromoo kibba-baha Oromiyaa\u00a0 Baale naannoo Madda-walaabuu ti jedhu. Namtichi Ingiliziin biyya daawwatu\u00a0 James Bruce\u00a0 jedhamu ammoo Oromoon naannoo Sinnaar turee achii iraa babal\u2019ate jedha.<\/p>\n<p>Baha Afrikaa keessatti kan argaman ummatootni Kuush Oromoo wajjin walitti dhiheenya guddaa qabu. Fakkeenyaaf ummatni Somalee bifaa fi afaaniin ummata Oromootti baayyee dhihaata. Afaan Oromoo fi Somaalee jechoota dhibba keessa harka 30 haga 40 tokko qabu. Kun kan agarsiisu ummatooti kun lamaan dhihoo akka adda bahanii\u00a0 ummata lama tahanii dha. Ummatoota akka Affar, Koonsoo, Sidaamaa, Kambaataa, Geeda\u2019o, Agaw, Saahoo fi Beejjaa wajjin ummatni Oromoo walitti dhiheenya guddaa qaba. Afaan Konsoo fi Oromoo\u00a0 dhibbatti 50 wal keessaa qabu.<\/p>\n<p>Haga yeroo dhihootti Oromoon maqaa \u2018Gaallaa\u2019 jedhamuun waamama. Maqaan kun kan gita bittootni Habashaa kennaniif, maqaa arrabaa ti. Oromoon \u2018Gaallaa\u2019 jedhamee waamamuu hin fedhu.\u00a0 Maqaan kun eenyummaa Oromo balleessuuf kan itti moggaafamee dha.<\/p>\n<p>Qubsumti Oromoo Kutaa Gojjam, Gondar fi kaaba Itophiyaa Tigiray keessa bal\u2019inaan ni ture.\u00a0 Seenaa bara moototni\u00a0 kun bulchaa turan qeesotni fi bulchitootni Habashaa dhugaa dhoksanii\u00a0 <em>the era of the princess <\/em>jedhaani turan. Ummatni Oromoo ummatoota ollaa isaa jiran kan akka Amaaraa fi Tigiree wajjin wal makuun isaa hin oolle. Kanaaf maqaan Oromoo dabree dabree seenaa warra Habashaa keessatti argama. Oromoonis ummatoota ollaa jiran keessaa baayyee akka moggaasee gosa galche mamiin hin jiru. Haalli kun aadaan ummatootaa akka wal maku dandeesisee jira.<\/p>\n<p><strong>Baayyina Ummataa (demography)<\/strong><\/p>\n<p>Koloneeffatamuun duratti, naannoo bara 1870 tti, baayyinni ummata Oromoo miliyoona 10 ni gaha ture.\u00a0 Yeroo duulli koloneeffachuu Oromiyaa deemaa ture , bara 1870 irraa haga 1900 tti, baayyinni ummata Oromoo miliyoona 10 irraa 5 tti gad hir\u2019ate (Addis Hiwot). Minilik iraa kaasee bulchitooti Habashaa impaayera Itophiyaa bulchan baayyina ummata Oromoo xiqqeessuu irratti guddaa dalagan. Waraanni koloneffataa ummata Oromo jimlaatti fixe. Gariin beela bara 1888 haga 1892 tureen dhumate.\u00a0 Ummata Oromoo gabroomsuuf jecha dhukkuboota adda addaa itti dabarsuun akka dhumu taasisan. Isa kaan humnaan qabanii gabra godhanii gabaa baasanii gurguratan. Ummatni Oromoo haga Ruwaandaa fi Burundiitti qubatee ture. Har\u2019a garuu harki guddaan impaayera Itophiyaa keessa jiraata.<\/p>\n<p>Gaanfa Afrikaa keessa baayyina ummataan kan hamma Oromoo gahu hin jiru. Impaayera Itophiyaa keessatti saba guddicha kan hamma isaa gahu hin jirree dha. Afrikaa keessatti ammoo ummata Hawusaa \u2013 Nayjeeriyaa tti aanee lammaffaa dha. Karaa afaaniiammoo afaan Arabaa fi Hawusaatti aanee afaan Oromoo sadaffaa dha. \u00a0Biyyoota Afrikaa 53 keessaa baayyina ummataan kan Oromoo caalan biyyoota afur duwwaa dha.<\/p>\n<p>Mootummaan murna bicuu Tigiraay, lakkoofsa ummatoota Itophiyaa bara 2007 keessa geggeesseen baayyinni ummata Oromoo miliyoona 28 ti jedha. Akka dhugaatti garuu ummatoota Itophiyaa miliyoona 85 keessaa ummatni Oromoo miliyoona 40 ol taha. Ummata Oromoo keessaa harki 90 baadiyyaa jiraata. Magaaloti gurguddoon Oromiyaa: Finfinne, Adama, Jimma, Dire Dawa, Harar, Chiro, Asala, Shashamane, Bishoftu, Naqamte, Mattu, Ambo, Robe, Waliso, Fiche, Gimbi, Dembi- Dollo faa dha. Magaalaa akka Finfinnee keessa kan baayyatu warra Habashaa kaabaa dhufanii dha.<\/p>\n<p><strong>Ijaarsa Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee<\/strong><\/p>\n<p><strong><em>Jaarmayaa Waraanaa fi Siyaasaa<\/em><\/strong><\/p>\n<p>Jiruu fi jireenyi ummata Oromoo karaa hundaa sirna <em>Gadaan<\/em> qajeelfama. Sirni Gadaa sirna walqixxummaa of keessaa qabuu dha. Sirni Gadaa bulchiinsa hawaasummaa, dinagdee, waraanaa fi siyaasaa kan of keessatti hammate, waggaa saddeet saddeetiin kan maruu dha. Sirni kun dhaabbata ummata Oromoo baayyee bal\u2019aa fi bifa adda addaa qabu kan salphaatti hin hubatamnee dha. Sirni kun kan ummatni Oromoo bulchiinsa isaaf tolfate baayyee dimokraatawaa tahee seera tumuu fi seera muruu kan of keessaa qabuu dha.<\/p>\n<p>Hawaasni Oromoo sirna Gadaa irratti kan ijaaramee fi gartuulee lama kan wal keessa jiran irratti hundaa\u2019ee dha. Gartuun tokko kan umrii lakkaawee dhaloota irraa kaasee sadarkaalee adda addaa keessa namni dabruu dha. Isaan kun hiriyaa jedhanii wal waamu. \u00a0Inni lammaffaa umrii ykn dhaloota baraa irratti hundaawa osoo hin taane dhaloota abbaa fi ilmaa irratti hundaawa. Jaarsaa fi mucaa xiqqaan dhalootan yoo tokko hin illee luba tokko tahuutti wal waamu. Sadarkaaleen Gadaa waggaa saddeet saddeetiin jijiiramaa deema.<\/p>\n<p>Oromoo keessa naannoo tokko tokkotti sadarkaaleen Gadaa saddeet yeroo tahan naannoo kaanitti ammoo haga 11 ni gahu. Mucaan tokko dhalatee waggaa saddet saddeetiin maqaa adda addaan\u00a0 waamama, dirqamni irra jiruus akkasuma bara saddeet saddeetiin jijjiiramaa deema. Warri sadarkaa tokko keessa jiran gaafatamaa fi dirqama waloo isaan ilaalu qabu. Sadarkaa tokko irraa kaanitti yeroo dabramuus sirna hordofamatu jira. Fakkeenyaaf, Dabballee irraa gara Gaammeetti yeroo cehamu sirna mataa haaduu fi maqaa moggaasuutu jira. Akkaataa rifeensa mataa itti qoratan irraa sadarkaa Gadaa kam keessa mucaan tokko akka jiru beekuun ni danda\u2019ama.<\/p>\n<p>Sadarkaa 3ffaa irraa gara 4ffaati yeroo cehan sirna Gadaa keessatti sirna baayyee barbaachisaa tahetu raawwatama. Kunis sadarkaa kana keessatti filmaatni nama abbaa Gadaa tahuu gaggeeffama. Warri sadarkaa Gadaa kana keessatti jiran hariiroo addaa wal giddutti qabaatu. Hawaasa keessattis addatti ilaalamu.<\/p>\n<p>Sadarkaa Gadaa 5ffaa keessa warri jiran loltuu tahuun beekamu. Dirqamani sadarkaa kanaa loluun biyya ittisuu fi diina deebisuu dha. Sadarkaa kana keessatti osoo aangoo Abbaa Gadaa hin fudhatin dandeetii waraanummaa qaban agarsiisuu qaban. Sadarkaa kana yeroo fixanii jedhan waggaa afurama yeroo guutan haadha warraa fuudhanii ijoollee dhalchuu jalqabu. Sadarkaan kun yeroo abbaan erga Gadaa keessa dabree waggaa 40 guutuu waan taheef sirna baayyee beekamaa dha. Gadaan Abbaa dhumee kan ilmaa jalqabuu\u00a0 agarsiisa. Kunis <strong><em>Daannisa <\/em><\/strong>jedhamee beekama.<\/p>\n<p>Sadarkaa 6ffaan <strong><em>Gadaa <\/em><\/strong>jedhamee beekama. Kana jechuun sirna Gadaa jechuu osoo hin taane warra waggaa saddeetiif aangoo biyya bulchuu qaban jechuu dha. Sadarkaalee Gadaa keessaa inni 6ffaa kun baayyee barbaachisaa dha. Warri bara saddeetiif aangoo harkaa qaban warra haaraatti yeroo aangoo dabarsan sirni kun Baallii walirraa fuudhuu ykn Baallii walitti dabarsuu jedhamee beekama. Aangoo warri harkaa qaban hin dabarsinu jechuun hin\u00a0 danda\u2019amu. Guyyaa fi yeroo baallii walitti dabarsan kan himu ayyaantuu warra dhaha-urjii lakkaawanii dha. Abbootin Gadaa aangoon harka ture warra haaraatti eebbaa fi aannaniin dabarsu. Bokkuun mallattoo aangoo harkaa qabaachuu ti. Kanaaf abbootin gadaa bokkuu walitti dabarsu. Warri aangoo fudhate baallee guchii rifeensa mataatti suuqqatu. Baallii guchii kanas walitti dabarsu.\u00a0 Sadarkaan kun yeroo hoggana siyaasaa fi waraanaa kennanii dha. Hayyooti \u00a0abbootii gadaa waggaa 16 dura sadarkaa 4ffaa keessatti filamu. Sirni isaan itti filaman<strong><em> lallaba<\/em><\/strong> jedhamee beekama. Isaan kun abbootii gadaa wajjin waggaa saddeetiif biyya bulchu.<\/p>\n<p>Sirna gadaa keessatti hogganooti yoo biyya bulchuu dadhaban aangoon harkaa fuudhama. Sirni kun <strong><em>Buqqisa <\/em><\/strong>jedhama. Gadaa keessatti aangoon hayyootaa walqixxummaa dhaan kennama. Kunis akka birokiraasii jaarmayaatti kan eenyu maal hojjataa jechuun kan qoodamu miti.\u00a0 Hayyoota gidduu wal caalaamaan\u00a0 jiru baayyee xiqqaa dha. Dhimma cimaa irratti yeroo haasa\u2019amu miseensota hayyootaa keessaa tokko yoo hin argamin dhimmi sun bulfamee oggaa inni argamu irratti haasa\u2019ama. Hafuu isaatiif ni adabama.<\/p>\n<p>Sirna Gadaa keessatti Yaa\u2019iin Gadaa aangoo olaanaa kan\u00a0 qabuu dha. Murtii inni dabarse qondaalli kamuu geeddaruu ykn kaasuu hin danda\u2019u. Yaa\u2019iin Gadaa dhimmoota murtii argachuu dadhaban irratti haasa\u2019ee murtii kenna. Seerota haaraa tuma, warra duraan turanis gilgaala. Teessumti Yaa\u2019ii Gadaa kun gadaa walitti dabarsanii wagga arfaffaa irratti gaggeeffama.\u00a0 Yaa\u2019iin Gadaa kun gadaa Booranaa keessatti <strong><em>Gumii Gaayoo<\/em><\/strong> jedhama. Yaa\u2019ii kana irratti abbooti gadaa sadarkaa adda addaa irra jiran, hayyuu sadarkaa adda addaa, yuboota addaa fi gorsitoota hawaasa sana keessa jirantu irratti argama. Walgahi kana abbaa gadaa aangoo irra jirutu gaggeessa. Yoo dhimmi abbaa gadaa ilaalu kan yaa\u2019iin irratti haasa\u2019uu qabu jiraate hayyuu ykn yuba keessa tokko bakka isaa bu\u2019ee walgahii gaggeessa.<\/p>\n<p>Oromon\u00a0 osoo jaarraa 19ffaa keessa kolonii wara Habashaa hin tahin jaarmayaa waraanaa beekamaa qaba ture. Hogganaan waraana Oromoo Abbaa Duulaa jedhama. Afrikaa keessatti illee jaarmayaan waraana Oromoo hiriyaa kan qabu hin fakkaatu. Oromoon fardaan loluun beekama. Afrikaa keessaa jaarmayaa waraanaa kan qaban warri akka Zuuluu fi Fulaanii fardaan loluu hin beekan turan.\u00a0 Oromoon loltuu cimaa fardaan loluu dha.<\/p>\n<p>Oromoon jaarmayaa waraanaa aja\u2019ibsiisaa akka qabu seenaa mootii Habashaa Sussiniyoos (1600 \u2013 1625) keessatti galmeeffamee jira. Sussinoyos kun iyyuu nama Oromoon booji\u2019amee turee dha. Akka seenaa kanatti waraanni Oromoo <strong>Cibraatti <\/strong>ijaarame. Waraanni kunis warra sadarkaalee gadaa 4ffaa, 5ffaa fi 6ffaa keessa jiran irraa ijaarama. Isaanis Gadaa, Qeerroo fi Qondaala jedhamanii beekamu. Warri Gadaa warra fuudhee fi gadaa sana keessa jiruu dha. Qeerroo fi qondalli warra hin fudhin kan sadarkaalee gadaa 5ffaa fi 4ffaa keessa jiranii dha. Humna waraana Oromoo kan cabsuu danda\u2019e meeshaa lolaa warra Awroppaa irraa harka habashootaa galee dha. Oromoon meeshaa lolaa baranee dhabuun moo\u2019ame malee silaa hin moo\u2019amu.<\/p>\n<p>Abbootii gadaa akka aangoo dabarsaniin <strong>Yuba<\/strong> tahu.\u00a0 Yubni sadarkaa afur qaba.\u00a0 Waggaa 48 yeroo aangoo dabarsan irraa kaasee waggaa 32f gorsituu abbootii gadaa tahanii hojjatu. \u00a0Yeroon kun yeroo ilmaan isaani kan osoo aangoo irra jiranii dhalchan sadarkaa gadaa gahanii aangoo fudhatanii dha. Warri yuba tahan abaluun filaa jedhanii ummata kakaasu. Yaa\u2019ii gadaa irratti argamanii qooda fudhatu.<\/p>\n<p>Waggaa 80 erga guutanii booda Gadamojjii jedhamanii beekamu. Yeroon kun kan isaan guutummaatti dhimma siyaasaa fi waraanaa keessaa deebi\u2019ani sooramanii dha. Yeroo gadamojjii tahan sirna raaw\u00e1tamutu jira. Sirni kun <strong><em>qumbii wal irraa fuudhuu<\/em><\/strong> jedhama. Sana booda kabajamuu fi sooramuu malee dirqama biyyaa fi waraanaa hin qaban.<\/p>\n<p>Gadaan marsaa waggaa 40 qaba. Marsaa abbaa kan waggaa 40 fi marsaa ilmaa kan waggaa 40tu jira.\u00a0 Kanaaf gadaa abbaa fi gadaa ilmaa jedhama. Waggaan afurtamni kun\u00a0 bakka shan kan waggaa saddeet saddeti\u00a0 qabutti hirama. Mucaan tokko dhalatee sadarkaa jalqabaa irraa kaasee shanaffaa oggaa gahuu gadaa seena. Abbaa fi ilmi sadarkaalee gadaa shanin adda fagaatu. Sirni gadaa sirna baayyee bal\u2019aa fi walxaxaa akka paartiitti kan ilaalamuu dha. Partii kana keessa mucaa xiqqaa fi jaarsi waggaa 80 jiraachuu danda\u2019u. Waggaan wal haa caalan malee akka hiriyaatti qixxumaan wal ilaalu. Kun seera bal\u2019aa qaba.<\/p>\n<p>Walakkeessa Oromiyaatti kan argamu Tuulamni haga dhuma jaarraa 19ffaatti sirna gadaa qabaachaa ture. Har\u2019a garuu haftiin\u00a0 sirna gadaa Boranaa fi Gujii keessatti duwwaa argama. Jaarraa 16ffaa keessa Oromoon sirna gadaa tokko jalatti akka bulaa ture ragaa baayyeetu jira. Jaarraa 17ffaa fi 19ffaa gidduu akka Oromoon qubsumaan wal irraa fagaataa deemeen gadaa naannoo naannotti qabaachuu eegale. Gadaan naannoo naannootti dhaabbate kun garaagarummaa xixiqqoo qabaachuu jalqabe. Sirni muudaan waaltummaan ture suuta suuta laaffataa dhufe. Oromiyaa naannoo garii keessatti sirni mootii dhalatee ture. Guutummaatti sirni gadaa kan dhorkame erga Oromoon koloniitti kufee ture. Kunoo waggaa 150f jaarmayaan siyaasaa Oromoo fi sirni jireenya haawasa Oromoo harka warra habashaatti kufee miidhaa guddan irra gahaa jira.<\/p>\n<p><strong>Dinagdee Oromiyaa<\/strong><\/p>\n<p>Oromiyaan biyyoota Afrikaa keessaa qabeenya dinagdeen dureessa. Dinagdeen Oromiyaa hundeen isaa qonnaa dha. Ummata Oromoo keessaa harki 85 jireenyi isaa qonaa irratti irkata. Qonnaan kun garuu akkaataa baayyeen booddeetti hafaa dha. Oromiyaan beeyladaa fi gosa midhaanii hedduu qaba. Beeyladoota Oromiyaa keessaa gariin: loon, re\u2019ee, hoolaa, harree, farda, gaangee, gaala fi lukkuu faa dha. Harree kan dura madaqsani fi gaangee diqaalaa fardaa fi harrree kan argamsiisan hortee Kuush warra naannoo kana jiraatanii dha. Oromoon loon tikfata waan taheef beeyladaa horsisuutti baayyee beekamaa dha. Oromiyaa naannoo garitti amma iyyuu loon horsiisuun jiraatama.<\/p>\n<p>Karaa midhaaniinis Oromiyaan badhaasa uumaan kenneef qaba. Sababa qilleensi Oromiyaa mijjataa taheef, biyyeen gabbataa fi roobni gahaan jiruuf Oromiyaa keessatti midhaan gosa adda addaatu marga. Midhaan impaayerri Itophiyaa dhimma itti bahu harki 60 Oromiyaa keessaa argama.<\/p>\n<p>Madda galii maallaqaa kan tahan bunaa fi jimaan Oromiyaa keessaa omishamu. Bunni kan har\u2019a biyyoota baayyeef madda galii tahe dura Oromiyaa keessatti argame. Bakki bunni jalqaba itti argames Dhiha Oromiyaa godinaa Jimmaa keessaa ganda <strong><em>Coocee<\/em><\/strong> jedhamtuu dha. Bakka kana irraa biyyoota kaanitti faca\u2019ee addunyaa garii bira gahe. Bunni Oromiyaa gara Sudaanitti karaa Kurmuk, Gisaan, Kubrii fi karaa Gambeellaa laga Baaroo irraan ergama ture. Kutaan Harargee ammoo buna aaynaa dhaan hunda caalu omishuun beekama. Galii biyyi Itophiyaa nagada biyya alaa irraa argattu keessaa bunni\u00a0 harka 60 argamsiisa. Akka qormaata dhihoo godhameetti qonnaa bunaa Itophiyaa keessaa harki 77.6 Oromiyaa keessatti argama, buna alatti ergamu keessaa harki 68 Oromiyaa keessa dhufa. \u00a0Guutummaa Itophiyaa keessaa onoota bunni keessatti biqilu 53 keessaa 42 kan Oromiyaa ti. Kun harka 79 taha.<\/p>\n<p>Midhaan hiddaa kan akka ancootee fi\u00a0 bafuraa Oromiyaa keessatti argamu. Midhaan qotuuf roobni gahaan waan jiruuf jal\u2019isii (irrigation) hin barbaachisu. Oyruu\/maasii tokko irraa waggaatti midhaan yeroo lama omishun ni danda\u2019ama. Midhaan Oromiyaa keessatti argaman keessaa warri beekamoon: qamadii, garbuu, xaafii, boobee, boqqolloo fi bishingaa\u00a0 yeroo tahan jibirinis bal\u2019inaan qotama. Midhaan hiddaa keessaa ammoo: dinnicha, mixaasis\/baambee, ancootee, qoccoo\/warqee, bafuraa\/goodarree (yam) yeroo tahan, midhaan ittoo ammoo:atara, baaqilaa, bolloqqee, shumburaa, misira\/adasa fi kkf dha. Midhaan zaytaa keessaa ammoo: muugii, talbaa, ija raafuu fi kkf dha. Iji mukaa (muduraa): burtukaana, maangoo, muuza, xuuxxoo\/loomii, zeytuuna, anaanas, kuukkoo\/kook, fi kkf dha. Midhaan urgooftuu : shunkurtaa, qullubbii, kororimaa, jinjibila, fi kkf dha. Kana malees kuduraalee fi mudraalee (vegetables and fruits) kudhanoota baay\u00e9etti lakkaawaman kan maqaa hin dhawamin tu jiru.<\/p>\n<p>Oromiyaan bineensota daggalaa hedduu qaba. Shimbirrooleen gosa 800 ol Oromiyaa keesatti argamu. Bineensoti daggalaa gosa 100 tahu. Bineensota Oromiyaa keessatti duwwaa argaman Niyaalaa fi jeedallo diimtuu\u00a0 dha.\u00a0 Isaan kun Baale parki Dinshoo keessastti argamu.<\/p>\n<p>Parkii Dinshoo fi Awaash kan Oromiyaa keessatti argaman keessa bineensota qorattoota saayensii fi biyya daawwattoota (turist) harkisan hedduu kan akka gafarsaa, sattawwaa, weennii, jaldeessa gosa adda addaa, teerii, kuruphoo, bosonuu, qorkee, qeerransa, roobii, har-diidoo,\u00a0 fi kkf \u00a0tu argamu. Shimbirrooleen gositi heedduunis tibba adda addaatti Oromiyaa dhufani deebi\u2019ani godaanu. Walumaa galatti Oromiyaan karaa bineensota daggalaas baayyee badhadhaa dha.<\/p>\n<p>Karaa albuudaas Oromiyaan baayyee badhaadhaa dha. Warqee Laga Dambii fi Shaakkisoo kubbaniyaa Mohammad Al Amuudiitu saamaa jira. Kubbaniyaan kun waggaatti warqee tonii 6 ol lommoxa. Kubbaniyaa Al Amuudii kana keessatti dhaabni TPLF hirmaannaa qaba. Yubdoo dhaa Warqee adii(platinum), Najjoo fi sulula laga Birbir keessaa warqeen lommoxamu mootummaa Itophiyaaf galii guddaa galcha. Albudni galii guddaa galchan kan akka Sulphar, sibiila, meetii, dhagaa booqaa (marble) fi soogiddi Oromiyaa keessatti argamu.<\/p>\n<p>Bara 1900 irratti mootiin Minilik kubbaaniyaan Swiss tokko albuuda warqee fi meetaa akkasumas albuuda gara biraa akka baasuuf eeyyameefii ture. Booda warri Jarmanii itti dabrani baasuuf yaalanii turan. Kubbaaniyooti Inglizii, Rashiyaa fi Xaliyaanii warqee fi warqee adii Yubdoo dhaa akka baasan eeyyama argatani turan. Baalee fi Harargee keessa kuusaan\u00a0 zaytii fi gaaziin guddaan akka jiru beekamee jira. Mootummaan Itophiyaan bara 1986 keessa akka kuusaan gaaza uumamaa (natural gas) jiru qorachiisee bira gahamee ture.<\/p>\n<p>Horri hoo\u2019an kan dinagdeef bu\u2019aa qaban guutummaa Oromiyaa keessatti argamu. Hora-gubaa (hot spring) kana ummata biyya keessaa fi alaatu dhaqee qorichummaaf dhiqata, kaan bashanannaaf dhaqee daaw\u00e1ta. Horri hoo\u2019an kun madda humna elektiriikii akka tahu beekamaa dha. Oromiyaan laggeen gurguddaa fi xixiqqaa hedduu qaba. Laggen garii finca\u2019aa waan qabaniif salphaatti humna elektirikaa maddisisuu danda\u2019u. Humni elektirikaa Oromiyaa keessaa madduu danda\u2019u\u00a0 ummata Oromoo gahee irraa hafee biyyoota ollatti erguun illee ni danda\u2019ama.<\/p>\n<p>Walumaa galatti har\u2019a dameen dinagdee irra guddaan dhaaba TPLFn dhuunfatamee jira. Kubbaniyoota baayyee biyyicha keessa jiran keessaa kan hidhata dhaaba TPLF hin qabane baayyee muraasa.<\/p>\n<p><strong>C. Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa\u2019u)<\/strong><\/p>\n<p>Waa\u2019ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal\u2019aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji\u2019aa fi guyyaa beekamaa ta\u2019etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa\u2019ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji\u2019aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji\u2019aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi\u2019ii qofa keessatti galmaa\u2019e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha.<\/p>\n<p>Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji\u2019a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji\u2019a ykn baatii\u00a0 tokko kan jedhamu guyyoota ji\u2019i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta\u2019u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji\u2019ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji\u2019oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne.<\/p>\n<p>Ji\u2019ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji\u2019aan lakka\u2019amu. Guyyooti ji\u2019a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji\u2019a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna\u2019uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu\u2019uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha.\u00a0 Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha:\u00a0 \u00a0Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal\u2019oo,\u00a0 Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji\u2019a ji\u2019aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji\u2019oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta\u2019a. Guyyooti ji\u2019a tokko keessa jiran 27 waan ta\u2019aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji\u2019i bahuu ykn ji\u2019a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna\u2019ee dhufa.\u00a0 Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji\u2019a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta\u2019a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi\u2019anii yeroo lama ji\u2019uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji\u2019aa ta\u2019ee dhufu ji\u2019uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji\u2019a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta\u2019ee dhufuu danda\u2019a.\u00a0 Guyyaan ji\u2019aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji\u2019i haaraan itti mul\u2019attu dha.<\/p>\n<p>Ogeeyyiin waa\u2019ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan <strong><em>Ayyaantuu<\/em><\/strong> jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta\u2019ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda\u2019u.<\/p>\n<p>Ayyaantuun bara, ji\u2019aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda\u2019u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji\u2019aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji\u2019a isaa bira gahuu danda\u2019u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji\u2019aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu,\u00a0 Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul\u2019atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji\u2019i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji\u2019a ji\u2019aan jala bu\u2019anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu.<\/p>\n<p>Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa\u2019ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by\u00a0 The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa \u00a0keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300\u00a0 dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji\u2019aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan\u00a0 bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii \u201c<strong><em>Namoratunga<\/em><\/strong>\u201d jedhu moggaafametti\u00a0 argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta\u2019an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji\u2019aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta\u2019u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji\u2019aa fi urjidhaan\u00a0 herregama.<\/p>\n<p>Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta\u2019iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8&#215;36) ykn dhaloota torba(7&#215;40) booda deebi\u2019ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta\u2019iinsa seenaa beekamaa ta\u2019e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Amantii<\/strong><\/p>\n<p>Oromoon amantii fi ilaalchota gaggaarii kan akka, amanamummaa, dhugaa, obbolummaa, nagaa, haqaa fi namaaf garaa laafuu qaba. Oromoon dur durii irraa jalqabee Waaqa tokkicha(Monotheistic)tti amana. Waaqni kan bara baraan jiraatu, namaa fi waan addunyaa cufa irra jiru uume; akkasumas biyya lafaa fi samii kan uume dha jedhanii amanu. Waaqni waan fedhe gochuu fi dhiisuu kan danda\u2019u, humna qabeessa ta\u2019uutti amana. Oromoon waaqota tolfamootti(gods) amanee hin beeku. Amantiin Oromoo ganamaa namni hundi dhalootaan wal qixa, kanaafuu mirgi dhala namaa wal qixa kabajamuu fi waan hundaan wal qixa ilaalamuu qaba jedhee barsiisa.<\/p>\n<p>Amantii Oromoo keessa dhaabbata amantii Qaalluu jedhamutu jira. Hoogganaan hafuuraa amantii Oromoo duriis maqaan <strong><em>Qaalluu<\/em><\/strong> jedhuun beekama. Maqoota amantii Kiristaanaa keessatti Bishop, amantii Islaamaa keessatti Imaam jedhaman wajjin wal fakkaata. Oromoon Qaalluu akka makkala(ergamaa) Waaqaatti ilaala. Qaalluun dhaalmaan kan dabru dha. Oromoon ayyaanota amantiin wal hidhatan kan akka Irreechaa(thanksgiving festival), Muudaa fi kkf qabaachaa ture. Har\u2019a illee hanga tokko ni ayyaaneffatamu.<\/p>\n<p>Seenaa Oromoo keessatti amantii fi siyaasi takkaa walitti hidhamanii hin beekan. Hojiin Qaalluu guutummaatti hojii hafuuraa ti. Dhimma siyaasaa keessa hin seenu. Abbootiin Gadaa ykn hoogganooti siyaasaas dhimma amantii keessa hin seenan. Dhimmoota siyaasaa, waraanaa fi seeraa qofa irratti gaafatama qabu. Dhaabbati amantii Oromoo, Qaalluun, dhufaatii sirna koloneeffataa Habashaa booda akka dadhabu, dabrees akka badu taasifame. Koloneegffattooti Habashaa aadaa, seenaa,\u00a0 amantii fi sirna siyaasaa Oromoo balleessuuf imaammata dhaabbataa baafatanii irratti hojjetan.<\/p>\n<p>Oromoon seenaa isaa gara boodanaa keessaahuu waggoota 1,000 as ykn sana duraa qabee\u00a0 amantiiwwan akka Kiristaanaa fi Isaalaamaa fudhachaa dhufe. Fakkeenyaaf amantiin Kiristaanaa waggaa 900 dura biyya Oromoo keessa seenuu isaa ragaaleen ibsan jiru. Amantiin Islaamaas waggoota 900 dura naannoo Baha Shawaa Ifaat keessa akka ture gabaafameera. Har\u2019a Oromooti wayyabi amantii Kiristaanaa fi Islaamaa hordofu. Haa ta\u2019u malee Oromooti amantii Kiristaanaas ta\u2019e Islaamaa hordofan hundinuu bifuma dur aadeeffatan wal fakkaatuun Waaqa Waaqeffatu. Namni Baartels jedhamu barreeffama isaa bara 1983 maxxanse keessatti haala kana akka gaariitti ibse. Walumaa gala leelliftummaan amantii tokkoo ykn kan biraa hawaasa Oromoo keessatti mul\u2019atee hin beeku. Sodaan akkanaas hin turre, hin jirus. Hidhati aadaa fi hafuurri tokkummaa\u00a0 Oromummaa uummata Oromoo gidduu jirus leelliftummaan amantii\u00a0 tokkoo ykn kan biraa akka uumamu hin hayyamu. Haalli isaa hin kennatu jechuu dha. Lola amantii mootummoota Kiristaanaa Habashaa fi mootummoota Muslimaa Afaari fi Somaalee gama kibbaa gidduutti bara dheeraaf deemaa ture jaarraa 16ffaa keessa gidduu seenee kan dhaabsise iyyuu Oromoo ta\u2019uu seenaatu ragaa dha. Yeroo sanaa qabee lolli amantii kamii iyyuu naannoo sanatti ka\u2019ee hin beeku.<\/p>\n<p><strong>Koloneeffatamuu Saba Oromoo fi kolonummaa Jalatti Jireenyi\u00a0 Oromoo Maal akka Fakkaatu.<\/strong><\/p>\n<p>Uuummmati Oromoo\u00a0 gama dhuma jaarraa 19ffaa gargaarsa warri adii Awurooppaa gita bittuu Habashaaf godhanin kolonummaa gurraacha Afriikaa jalatti kufe. Yeroodhuma biyyooti Afriikaa akka Keeniyaa, Somaaliyaa, Ugandaa, Sudaanii fi kan biro aanga\u2019oota Awurooppaan koloneeffataman keessa gita bittuu Habashaa warra Awurooppaa Afriikaa qircachuuf bara 1985 Barliin, Garmanii irratti wal gahanitti hidhataniin koloneeffatame. Oromoon uummata magaala akka isaatiin koloneeffatamuunis gaaffii isaa adda taasise. Madaalli humna\u00a0 waranaa Oromoo gargaarsa meeshaa waraanaa fi leenjii warri Awurooppaa yeroo Afriikaa qircatan gita bittuu Habashaaf kennan jijjiirame. Habashooti gargaarsa meeshaa waraanaa ammana hin jedhamne warra Awurooppaa irraa argatan. Bara 1880ta keessa yeroo warri Habashaa biyya Oromoo fi uummatoota gama kibbaa weeraraa turan lakkoobsi loltoota isaanii meeshaa hidhatanii qofti kuma dhibba ja\u2019aa(600,000)tti tilmaamaa ture.Waraanni Habashaa meeshaa waraanaa hangana baayyatu hidhatee itti duuluyyuu, uummati Oromoo fi uummatooti Kuush kan biroo yeroo dheeraadhaaf ittisa cimaa godhan. Arsii, Tuulama, Ituu, Humbanna fi Macca akkasumas naannoolee Oromoo biroo keessatti ittisa cimaatu godhame. Hanga gaafa meeshaa waraanaan caalamanii madaalliin humnaa Oromoo jijjiiramutti Oromooti naannoo gaanfa Afriikaa keessatti humna waraanaa keessaahuu lola fardaan humna hiriyaa hin qabne akka turan seenaatu ragaa dha.<\/p>\n<p>Koloneeffatamuun booda moototi Habashaa wal duraa duubaan dhufan hammeenya hiriyaa hin qabne uummata Oromoo irratti hojjechuu itti fufan. Lammiiwwan Oromoo baayyeen waraana koleneeffataa fi qubattootaan ajjeefaman. Kaan beelaa fi dhukkuba daddabraa giti bittoota Habashaa ta\u2019e jedhanii babal\u2019isaniin dhuman. Garii immoo gabrummaan gurguraman. Kanneen lubbuun hafan sirna gabbaarii gabrummaa irra hin wayyine jalatti kufan<\/p>\n<p><strong>Weerara Menilk II (1889-1913)<\/strong><\/p>\n<p>Seenaa Etiyoophiyaa isa dhugaa ilaalchisee hawaasi addunyaa keessaahuu Afriikaanoti baayyeen odeessa gahaa hin qaban. Itiyoophiyaa kan ilaaluun ibsi dippilomaatotaa fi namoota alagaa kan biroof kennamaa ture seenaa dharaa biyyattiin \u201cwaggaa 3000 duraa qabdee akka biyyaatti walabummaa qabaachaa turte\u201d jedhu dha. Dhugaan jiru garuu biyti Itiyoophiyaa jedhamtu haala amma mul\u00e1ttu kanaa waggaa 3000f hin turre. Itiyoophiyaan seenaa keessatti beekamtu, lafti warra Kuush, (Kush Land) empaayera Itiyoophiyaa har\u2019aa wajjin tokko miti. Qeesotaa fi gita bittoota Habashaatu maqaa kana saamee kan ofii taasifate. Hawaasi addunyaa amma illee seenaa dharaa kana\u00a0 akka dhugaatti fudhachuun sobamaa jira.\u00a0 Empaayera Itiyoophiaa har\u2019aa keessa sabaa fi sab-lammoota 80 ol ta\u2019antu jiru. Afaanota 80 oltu empaayerattii keessatti haasa\u2019ama. Sabaa fi sab-lammoota jiran kanneen keessaa sabi inni hunda irra guudeessi saba Oromoo ti.<\/p>\n<p>Empaayerri Itiyoophiyaa dhuma jaarraa 19ffaa irraa qabee hanga har\u2019aa jiru\u00a0 Itiyoophiyaa Minilk II, Haayila Sillaasee, Mangistuu fi Mallas Zenaawwii ti jechuutu danda\u2019ama. Hundinuu uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo irratti gadi qabaa fi hacuuccaa siyaasaa raaw\u00e1chuun beekamu. Seenaa Itiyoophiaa keessatti sirni dimookraasii fi wal-qixxummaan takkaa hojjetee hin beeku. Seenaan empaayerattii seenaa lolaa, beelaa, uummata lafa isaa irraa buqqisuu, fi aadaan dimokraasii dhabamuun beekama.<\/p>\n<p>Itiyoophiyaan amma jirtu sirna empaayeraa ti. Micireen yookiis hundeen siyaasaa empaayerattii biyya Habashaa Abyisiiniyaa jedhamtu dha.\u00a0 Empaayera Itiyoophiyaa har\u2019aa kan uume mootii Amaaraa Menilik jedhamu dha. Menilik dhuma jaarraa 19ffaa yeroo warri Awuroophaa biyyota Afriikaa qircatan biyya Oromoo fi uummatoota kibbaa weeraree qabate. Gaafa sanaa qabee hanga bara 1991tti gita bittoota Amaaraatu aangoo siyaasaa empaayerattii irratti wal jijjiire. Bara 1991 irraa qabee eempaayerattii bulchaa kan jiru gartuu Tigroota. Uummati Oromoo empaayerattii keessaa dhibbatti harka 40 ol tahuyyuu, yeroo hunda aangoo siyaasaa irraa dhiibamee moggaa jiraate..<\/p>\n<p>Giti bittoota Habashaa yeroo barbadan nuti guraacha Afriikaa miti jedhanii eenyummaa isaanii haalu. Fudhatama argachuuf jecha maqaa Itiyophiyaa jedhu kan Macaafa Qulqulluu keessa jiru saamanii kan ofii taasifatan. Haa ta\u2019u malee maqaan <em>Itiyoophiyaa<\/em> jedhu waan addaa utuu hin taane jecha afaan warra Giriik <strong><em>\u201cAithiops\u201d<\/em><\/strong> jedhu irraa kan dhufe\u00a0 lafa uummata fuulli isaa gubataa jechuu dha. Barreessitoota Giriik warra akka Herodotus fi Pliny-faatu uummata gurraacha biyya Masrii fi sanaa gadii kan takkaa arganii hin beekne yeroo duraaf wayta argan \u201c<strong><em>Aithiops\u201d<\/em><\/strong> jedhanii moggaasan. Maqichi kan inni akeeku lafa uummatoota Kuush Kaaba-Bahaa Afriikaa ti. Maqaa biyyaa ykn mootummaa beekamee hin trre.<\/p>\n<p>Menilik gargaarsa meeshaa lolaa fi gorsa waraanaa warra Awurooppaatti gargaaramee Oromoo fi uummattoota kaan cabsuu danda\u2019e. Menilik hammeenya dorgomaa hin qabnee fi uummata isa tokko kan biraa dura dhaabuudhaan empaayera ijaarrate. Fakkeenyaaf uummata Oromoo jimilaan fixuudhaan Lakkoofsa isaa million kudhan irraa gara shaniitti gadi buuse. Akkasumas barri mootummaa Menilik bara uummata inni koloneeffate gabrummaatti gurguuruun bal\u2019inaan deemaa ture dha. Giti bittoota Habashaa uummata Oromoo, humnaan cabsan tooftaa\/imaammata\/ ajjeechaa jimlaa fi gara jabinaan jiilchanii\u00a0 bulchuu kan jedhutti gargaaraman. Kanaaf sirna bulchiinsa kolonii irratti diriirsuuf tarkaanfiin isaan jalqaba fudhatan jimlaan fixuu, qe\u2019ee isaatti waraana duulchisanii qabeenya irraa saamuu, guuranii\u00a0 garba taasifachuu ture.. Uummati Oromoo kan yeroo cabiinsaa lola irratti dhume caalaa erga cabee booda ta\u2019e jedhamee kan jimlaan ajjeefameetu\u00a0 dachaa baayyee dha.<\/p>\n<p>.<\/p>\n<p><strong>2.\u00a0 Mootummaa \u00a0Hayile Sillaasee (1916-1974) Jalatti<\/strong><\/p>\n<p>Hayila Sillaaseen caasaa mootummaatti gargaaramee empaayera Menilik ijaaree isa dhaalchise gadi jabeesse. Akka aangootti dhufeen tarkaanfiin siyaasaa inni fudhate,\u00a0 empaayera Etiyoophiyaa Minilik faa ijaaran\u00a0 akka biyyaa (state) seerawaatti hawaasa addunyaa biratti galmeeffachuu fi akka fudhatamu iggitii itti gochuu ture. Akka kanaan empaayerri Ethiopia\u00a0 bara 1923 miseensa Tokkummaa Mootummootaa\/League of Nations\/ taasifamte. Kunis tarsiimoo siyaasaa H\/Sillaasee fi gorsitoota isaa warra Awurooppaa\u00a0 ture. Innis maqaa tokkummaa fi daangaa biyyaa \/territorial integrity\/ jedhuun uummatoota akka Oromoo koloneeffataman empaayera Itiyoophiyaa keessatti dallaa itti ijaaruuf kan godhame ture. Akka mootummaa fi biyya ofii hin qabaanne gochuuf. Heeraa fi seera Aangoo daangaa hin qabne isaaf kennus tumatee ol aantummaa isaa jabeeffate. Hayila Sillaaseen heera mootummaa isaa bara 1955 haaromse\u00a0 keessatti ummatoota biyyattii irratti kan isa muude Waaqayyo akka ta\u2019etti labsate. Akka heerri H\/Sillaasee 1955 jedhutti aangoo isaatti eenyu iyyuu bu\u2019uu hin danda\u2019u. <em>\u201cLeenca mo\u2019e, sanyii Yihuudaa, kan Waaqayyo muude, mootii moototaa Itiyoophiyaa\u201d<\/em> jedhee of irra tuule. Qeesoti Habashaas aangoon H\/Sillaasee Waaqa irraa kenname jedhanii barsiisaa fi lallabaa turan.<\/p>\n<p>Kana biratti Hayila Sillaaseen mootummaa fi humna waraanaa baranee empaayera tiksu gadi jabeeffate. Aadaa,\u00a0 seenaa, afaanii fi duudhaa Oromoo fi uummatoota kaanii balleessuuf imaammata Amaaressuu jedhu baafatee socho\u2019e. Kana hunda gorsaa fi gargaarsa biyyoota warra dhihaan raawwachaa ture. Mootummooti dhihaa sochiin warra Sooshaalistii bahaa(keessaahuu Tokkummaa Soviyeet) gara Gaanfa Afriikaatti akka hin babal\u2019anne dura dhaabbachuuf jecha Hayila Sillaasee qabachuun gargaarsa itti guuraa bahan. Meeshaa waranaa fi gorsa waranaa guddaa kennaafii turan. Humna waraanaa leenjisaafiis turan. Hayila Sillaasen humna waraanaa akka kanatti ijaarratetti gargaaramee sochii bilisummaa uummatoota kolneffatamanii ukkaamsaa ture.<\/p>\n<p>Haa ta\u2019u malee wayta maatiin mootichaa fi aantoti isaa jireenya sadoo fi qananii jiraachaa turanitti uummatooti biyyatti jireenya gadadoo keessa turan. Haalli dinagdee fi gadi qabaan siyaasaa uummata Oromoo fi cunqurfamtoota biroo irratti jabaachaa dhufuu irraa qabsoon koloneeffataa fi koloneeffatamtoota gidduutti ta\u2019u babala\u2019chaa deeme. Immaamati cunqursaa\u00a0 mootummaa H\/Silleesee uummatoota koloneeffataman qofa utuu hin taane uummata inni keessaa dhalate iyyuu isa irratti fincilsiise. Akka kanaan murnooti hawaasaa garagaraa sirnicha dura dhaabbatan.\u00a0 Dhagaa itti darban. \u00a0.Jalqaba bara 1960taa irraa qabee\u00a0 ummatooti akka Eritraa, Oromoo(fincila Baale), Ogaadeenii fi kan biroo sirna Haaila Sillaasee irratti qawwee kaasan. Qonnaan bultooti Gaajjam osoo hin hafin fincilan. Haala kanaan ture, Hayila Sillaaseen aangoo irraa kan darbame.<\/p>\n<p><strong>3.\u00a0 MootummaaDargii\/Mengistu Hailemariam (1974-1991) Jalatti<\/strong><\/p>\n<p>Bara 1974 bakka mootummaa Hayila Sillaasee kan dhaale gartuu waraanaa Habashootaan durfamu ture. Habashooti Mootummaa Dargii hogganan aangoo isaanii jabeeffachuu fi \u00a0empaayera abbootii isaanii irraa dhaalan tiksuuf ilaalcha Sooshaalizim jedhu fudhachuun mooraa warra Bahaa (Tokkummaa Sooviyeet) jala lixanii of gargaarsisan. Akka kanaan mootummooti Habashaa aangoo isaanii fi empaayerattii turfachuuf gargaarsa malee of danda\u2019anii\u00a0 jiraatanii hin beekan.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Mootummaan Dargii sochii uummatoota koloneeffatamanii fashalsuuf maqaa Warraaqsa Dimookraasii Sabaa jedhuun falaasama Maarkisummaa-Leeninummaa hordofuudhaan iti fakkeessuuf mirga hiree murteeffannaa sabootaa kabajuuf waadaa sobaa seenee ture. Gaaffii qonnaan bulaa gara dabarsuufis imaammata qabiyyee lafaa duraan sirna gabbaarii fi fiyudaalaa ture hundeedhaan jijjiire. Sagantaan Dargii maqaaf sabaa fi sablammooti aadaa fi afaan isaanii dagaagfachuu danda\u2019u jedha. Haa ta\u2019u malee gartuun Amaaraa mootummaa Dargii ol aantummaan geggeessaa ture suuta suuta wanneen waadaa seenaman hunda haaluu fi haquudhaan gadi qabaa siyaasaa fi sirna abbaa irrummaa murna tokkoo gadi jabeeffate. Beektoti Amaaraa baayyeenis sirna sana cina dhaabbatanii jajjabeessan. Akka kanaan dingadee fi siyaasaa biyyattii guutummaatti of harkatti tikfatan.<\/p>\n<p>Mooummaan Dargii akkuma mootummoota isa dura turanii imammata humna waraanaa fi tikaa guddaa ijaaruu jedhu hordofe. Akka aangoo isaa jabeffateen gaaffii sabaa fi sab-lammootaa \u00a0deebisuuf waadaa seenee ture haaluudhaan humnoota gaaffii kana kaasan maqaa \u201cdhiphummaa sabaa\u201d jedhu itti maxxansee rukutuu fi dhabamsiisuu hojii taasifate. Namoota jijjiirama barbaadan maqaa burjwaa jedhuu fi\u00a0 waan adda addaa itti maxxansuun tarkaanfii hammeenyaa hiriyaa hin qabne irratti fudhachaa ture. Mirga hiree murteennaa hojii irra oolchuu diduu qofa utuu hin taane inumaahuu imammata qubsumaa baafatee uummata Habashaa guuree biyya Oromoo fi Ummatoota Kibbaa keessa qubsisuu bal\u2019inaan itti fufe. Sagantaan qubsumaa Dargii uummata Habashaa beelaa fi iyyummaan rakkate gargaaruu utuu hin taane ijoon isaa akeeka siyaasaa of keessaa qaba. Innis uummata Habashaa fi uummata Oromoo akasumas Habashootaa fi uummatoota cunqurfamoo kibbaa waliin laaqee eenyummaa isaanii balleessuuf kan akeekkate dha. Sagantaama wal fakkaatuun \u00a0qonnaan bultoota Oromoo fi uummatoota kibbaa maqaa gandeessuu jedhuun qe\u2019ee isaanii irraa buqqisee ganda gandatti walitti qabe. Kunis akeeki isaa\u00a0 qonnaan bultooti kanneen humnota bilisummaa akka hin deggerre taasisuuf. Dabalees akka wal baasasaniif wal irratti ijaaruuf akkas godhe.<\/p>\n<p>Mootummaan Dargii gaaffii uummatootaa ukkaamsuuf humna waraanaa fi tikaatti gargaarame. Mootummaa kana jalatti loloota, balaa uumamaa, beela, kufaatii dinagdee fi kkf rakkoo adda addaatu ture. Humnootiin bilisummaa jabaachaa adeemuu fi waa\u2019illan mootummaa Dargii warri turan mooraan sooshaalistootaa diigamuun keessaahuu Tokkummaan Sooviyet caccabuun kufaatii isa dhumaa mootummaa Dargiitti fide.<\/p>\n<p><strong>4. Wayyaanee\/IHADEG (1991- hanga har\u2019aatti)<\/strong><\/p>\n<p>Mootummaa Dargii kuffisuuf qabsoo hadhaawaa kan godhan Adda Bilisummaa uummata Eritraa(EPLF), Adda Bilisummaa Uummata Tigray(TPLF) fi Adda Bilisummaa Oromoo ta\u2019anii utuu jiruu, humnootiin alaa Wayyaanee\/IHADEG qofti akka bakka Dargii dhaalu taasisan. Akka kanaan bakka bittaa Amaaraa jaarraa tokko oliif ture giti bittuun Tigraayi akka dhaalu taasifame. Addi Bilisummaa Uummata Tigraayi bara 1991 Finfinnee kan seene hayyamaa fi deggersaa guutuu mootummaa Ameerikaa irraa argateen ture. Mootummaa Wayyaanee kan gadi dhaabe mootummaa Ameerikaa ti.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa uummata Tigraayi (TPLF) aangoo isaa jabeeffachuuf yeroo cehumsaa barbaade. Tokkummaa Oromoo diiguuf tokko jedhee maqaa Dhaabbata Dimokraasummaa Uummata Oromoo(OPDO) jedhuun Oromoo keessaa kanneen isa tajaajilan ijaarratee Oromoota kaan irratti duule. Akka aangoo dhuunfateen itti fakkaeessuuf Chaartera yeroo Cehumsaa kan mirga hiree murteeffannaa sabaa fi sab-lammootaa hanga walabummaatti hayyamu tole jedhee mallatteesse. Charterichi seensa isaa iratti barri cunqursaa raawwateera haa jedhu malee bara cunqursaa Tigrootaa haaraatu 1991 jalqabe. Wayyeeneen warri Amerikaanii \u201cDimokraasiin hin jiru taanaan gargaarsi hin jiru\u201d jedhu waan taheef itti fakkeessuuf Dimookraasiin bulla jedhee waada sobaa seene.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Mootummooti duri irraa qabanii sirnoota Itiyoophiyaa dabran gargaaraa turan maqaa sirni Wayyaanee sirna gabaa walabaa fi dimokraasii hordofa jedhuun karaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa(IMF) mootummaa wayyaaneetti gargaarsa guuruu itti fufan. Akka kanaan mootummaan Wayyaanee Tigrootaan durfamu waggoota 21 dabran maqaa adda addaan gargaarsa alaa doolaara biliyoona hedduutti lakkaawamu argate. Wayyaanoti gargaarsa alaa argatan qabsoo bilisummaa uummatoota cunqurfamoo ittiin ukkaamsuuf baayyee itti fayyadaman. Akkasumas, maqaa <em>Structural adjustment<\/em> jedhuun\u00a0 caasaa mootummaa gita bittuu Amaaraa duraanii diiganii kan gita bittuu Tigraayi ijaaruuf gargaarsa guuraa turan. Har\u2019a dhaabbattooti mootummaa kan waraanaa, siivil seervisii, mana murtii, fi dhaabbata maallaqaa dabalatee\u00a0 walbummaadhaan uummata biyyattii tajaajilaa hin jirani. Hundinuu murna wayyaanee Tigraayiin to\u2019atamu. Wayyaanee IHADEG tajaajiluuf dhaabbatan.<\/p>\n<p>Mootummaan wayyaanee mootummaa filmaata bilisaa fi haqaatiinin filame jedhee falmuu hin danda\u2019u. Mootummaa filmaata haqaan hin filamin waan ta\u2019eef mootummaa fudhatama qabuu miti. Filannoon hanga ammaa sirna wayyaanee jalatti adeemsifaman filannoo haqaa fi bilisaa akka hin taanne hawaasi addunyaa ragaa bahee jira. Barreessitoota seenaa warra akka Professor Clapham- faa dabalatee waa\u2019ee filannoo sirna wayyaanee irratti bal\u2019inaan kanneen barreessan hedduun isaanii filannoo kijibaa ta\u2019uu isaa mirkaneessan. Keessaahuu filannoon Caamsaa bara 2005 Ityoophiyaa keessatti adeemsifame ilaalcha hawaasa addunyaa gara dabarsuu qofaaf kan qindaa\u2019e ture. Murni wayyaanee dimookraaatawaa uf fakkessee mul\u2019achuu haa yaalu malee, dimookraasii dhugaa akka hin taane gochaa inni yeroo filannoo bara 2005 sana naannoolee\u00a0 biyyattii keessaahuu Oromiyaa keessatti raawwachaa ture faallaa sirna dimookraasii ta\u2019uu dhaabbattooti mirga namoomaa warri akka Human Rights Watch-faa yeroo sanatti gabaasaniiru. Gabaasaan jaarmaa namoomaa idil addunyaa Human Rights Watch Caamsaa 10, 2005 baase\u00a0 ifatti kan dubbatu filannoon haqaa fi bilisaa Oromiyaa keessatti waan yaadamu miti kan jedhu ture.<\/p>\n<p>Jaarmayoti idil addunyaa filannoo daawwachuun beekaman yeroo sana Amerikaa irraa kan deeman <em>International Republican Institute<\/em> fi <em>National Endowment for Democracy<\/em> kan jedhaman akka hin daawwanne dhorkamanii dafanii biyyaa akka bahan taaasifaman. Kaadhimamtooti mormitootaa keessaahuu naannoolee baadiyyaa keessatti filannoo dorgomuuf dhihaatan baayyeen isaanii hidhaa fi dararaatu isaan mudate. Akkas iyyuu ta\u2019ee uummatooti biyyattii wayyabi sirna wayyaanee diduu isaanii agarsiisuuf jecha murnoota siyaasaa wayyaanee ala jiran kamuu haa ta\u2019uu filachuudhaan mormii wayyaanee irratti qaban mul\u2019isan. Haa ta\u2019u malee murni wayyaanee humna waraanaa fi tikaa to\u2019annoo isaa jala jiranitti gargaaramee itti baha filmaatichaa gara dabarse. Uummata gochaa isaa mormuuf hiriira bahes gara jabinaan fixe.\u00a0 Keessaahuu humna lammiiwwaan Tigraayi qofa irraa ijaarrate <strong><em>Agaazii<\/em><\/strong> jedhamu itti bobbaasuun uummata hiriira nagaa bahe dhibbootaan lakkaawaman fixe. Mootummaan wayyaanee namoota nagaa 193 ajjeesuu isaa Koomishinuma mootummichi dhaabetu qoratee ragaa dhiheesse.<\/p>\n<p>Murni wayyaanee Tigraay angoo irratti cichuuf caalaatti abbaa irree ta\u2019aa adeeme. Filannoo bara 2005 booda yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti seerota farra dimookraasii ta\u2019an sadii(3) tolfate. Paarlaamaa ofiif ijaarratetti dhiheesssees raggaafate. Seeroti farra dimookraasii kanneen: Seera Miidiyaa, Seera jaarmota namoomaa fi hawaasummaa fi seera \u201cfarra Shorurkeessummaa\u201d jedhamni dha. Seeroti kanneen sirrii miti jedhamanii jaarmota namoomaa idil addunyaa fi waldaalee gargaarsaan osoma mormamuu\u00a0 didamee raggaafame. Seeroti kanneen mirga ijaaramuu fi yaada ofii ibsachuu ugguru. Mootummichi sochii mormitootaa ittiin ugguruuf akka meehsaatti gargaaramuuf tolfate. Ittis gargaaramaa jira. Gama biraan immoo seeroti kun sirni Wayyaanee tarkaanfii barbaade akka fudhatuuf aangoo daangaa hin qabne kennaaf. Aangoo Mootummaa irra\u00a0 bara baraan jiraachuuf na gargaara jedhee seerota inni\u00a0 baafate dha.<\/p>\n<p>Maddi aangoo Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) uummata Tigraayi kan uummatoota biyyattii walii gala keessaa 6% hin caalle dha. Maddi aangoo isaanii kun iyyuu erga wal dhabbiin murna Wayyaanee keessatti bara 2001 dhalatee as shasharafamee jira. Tigraayi keessatti iyyuu mormiin sirnicha irratti jabaatee naannoo sanatti qabsoon hidhannoo iyyuu adeemaa jira. Dhaaboti kittillayyoon murna wayyaaneetiin naannoolee uummatoota biroo keessatti ijaarramanis naannoo isaanii keessatti fudhatama hin arganne. Mirgas hin qaban. Wayyaanotatu akka barbaadetti isaan ergata.\u00a0 Walumaa gala sirni wayyaanee sirna filmaata dimookraatawaan\u00a0 aangooti dhufe miti. Kanaaf humnatti gargaaramee bara aangoo isaa dheereffachaa jira.<\/p>\n<p>Akka kanaan gargaarsi mootummooti dhihaa sirna Wayyaaneef kennan dhaabbattoota uummata cunqursan ittiin ijaaruuf oolfama. Nagaa uummatoota biyyattii fi biyyoota olla walumaa gala nagaa Gaanfa Afriikaa booressuuf gargaaraa jira. Lola biyya keessaa fi biyyoota olla keessaahuu Somaaliyaa fi Eritrea wajjiniif olfamaa jira. Sirni wayyaanee mormii uummataa ittiin ukkaamsuufis gargaarsa alaatti gargaarama.<\/p>\n<p>Kana malees sirni Wayyanee bara aangoo isaa dheereffachuuf imaammata qoqqoodanii bituu jedhu hordofuun uummatoota biyyattii keessa jiran walitti buusee wal nyaachisa. Oromiyaan uummatoota baayyee wajjin waan wal daangessituuf daafiin tarsiimoo Wayyaanee kun hunda caalaa uummata Oromoo miidhaa guddaaf saaxile.. Hanaga ammaa murni Wayyaanee uummata Oromoo Afaar, Amaara, Somaali, Gedeo, Benishangul,\u00a0 Guraagee, Kambaataa fi kan biroo wajjin walitti buusuu irratti milkaawee jira. Murni Wayyaanee sabaa fi sab lammoota biyyattii keessa jiran tokkoomsuu irra walitti buusee wal dura dhaabuun wal dhabbii innikkaa keessa akka seenan taasisa.<\/p>\n<p>Jaarmayaan Godinaa Gaanfa Afriikaa IGAD (The Inter\u2011Governmental Authority for Development) nagaa fi misooma godinichaaf jedhamee dhaabbates ajandaa murna wayyaanee tarkaanfachiisuu fi dantaa sirnichaa tiksuuf oolfame. Sirni wayyaanee Somaaliyaa kan ilaaluun gaafatama IGAD itti kenne gar- malee dhimma itti bahee mootummaa kittillayyoo ijaarrachuuf tattaafate. Darbee maqaa goolessituu fi lelliftota amantiin lola jedhuun Somaaliyaa biyya walaba bara 2006 gama dhumaa humna waraanaan weerare. Caasaan mootummaa wal to\u2019atuu fi badii irratti wal gaafatu walabi mootummicha keessa waan hin jirreef qaami hojii raawwachiisu murtii fi tarkaanfii barbaade fudhata.<\/p>\n<p><strong>Qabsoo Bilisummaa Oromoo <\/strong><\/p>\n<p>Akeeki hundee qabsoo bilisummaa Oromoo cunqursaa fi saamicha jaarraa tokkoo oliif irratti raawwatame of irraa dabruuf mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhugoomsuu dha. Bakka danda\u2019amettis sabaa fi sab lammoota kaan wajjin tokkummaa siyaasaa wal qixxummaa, kabajaa fi dantaa gama hundaa fi fedhii irratti hundaawe ijaaruu dha. Qabsoon Oromoo bakka Oromoon seenaa keessatti qabuu fi qabaachu male deebisanii gonfachiisuuf kan adeemsifamu dha. Kana irra dabree hiiki bira itti kennamu hin jiraatu. Oromoon wal qixxummaa, kabaja dhala namummaa, dimookraasii fi nagaa barbaada. Qabsoon Oromoo uummata kamuu irratti kan xiyyeeffate miti. Sirna cunqursaa fi kolonummaa gita bittoota Abyisiiniyaa qofa irratti kan fuulleffate dha.\u00a0 Kanaaf nam-tokkee fi gartuuleen dimookraatota haqaa ta\u2019an miseensota saba cunqursaa Tigraayi kan bilisummaa, nagaa fi kabaja dhala namummaatti amanan dabalatee hundinuu qabsoo bilisummaa Oromoo deggeruu qaban.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Seensa Akeekni barruu kanaa cuunfaatti waa\u2019ee ummata Oromoo, biyya isaa, aadaa, qaroomina fi seenaa isaa barsiisuu dha.\u00a0 Akkasumas haala sabni Oromoo kiyyoo bulchiinsa kolonii Abasiiniya jalatti itti jiraatee fi qabsoo inni bilisummaa, dimokraasii, dinagdee fi <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/oromiyaan-wal-baraa\/\" title=\"Oromiyaan Wal Baraa\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":80,"parent":0,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/69"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=69"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/69\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/80"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=69"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}