Oduu Gara Garaa – Adda Bilisummaa Oromoo

በኢትዮጵያ በህዝቦች መካከል ግጭት መፍጠር የመንግስታዊ ሽብርተኝነት ተግባር ነው!
በኢትዮጵያ በህዝቦች መካከል ግጭት መፍጠር የመንግስታዊ ሽብርተኝነት ተግባር ነው!

ወቅታዊውን የኢትዮጵያ የፖለቲካ ሁኔታ በተመለከተ ከኣፋር ነጻነት ግንባር ፓርቲና ከኦሮሞ ነጻነት ግንባር የተሰጠ የጋራ መግለጫ

መጋቢት 28, 2018 ዓም

ኢትዮጵያን እየገዛ ያለው የሕወሃት/ኢሕኣዴግ ስርዓት ፍጻሜው የተቃረበውን ኣገዛዙን እስትስፋስ ለማቆየት የተለያዩ ከንቱ ጥረቶችን ተያይዟል። ህዝቦች ለነጻነትና ለዲሞክራሲ እያካሄዱ ባሉት ተግል መሰረቱ የተነቀነቀውን የቡድኑን የበላይነት የማስጠበቅ ስርዓት መልሶ እንዲያንሰራራ ለማድረግ የተቻለለትን ሁሉ በማድረግ ላይ ይገኛል።

በኣስቸኳይ ጊዜ ኣዋጅ ከለላ የስርዓቱ የታጠቁ ሃይሎች ንጹሃን ዜጎችን መግደል፣ ኣፍነው መሰወርና ለከፋ ሰቆቃ መዳረጋቸውን ቀጥለዋል። ይህ ኣምባገነን ቡድን የህዝቦችን የትኩረት ኣቅጣጫ ሃገሪቷን እያመሰቃቀለ ካለው ቀውስ ለማስቀየርና ህዝቦችን በኣገዛዙ ላይ ያለማቋረጥ እያካሄዱት ካለው ተቃውሞና ፍልሚያ ለመግታት በማለም ለዘመናት በሰላም፣ በመከባበርና በመፈቃቀር ኣብረው በኖሩ ህዝቦች መካከል የመጠራጠርና የጥላቻ መርዝ ለመርጨት እየሰራ ነው።

በዚህም የሕወሃት/ኢሕኣዴግ ቡድን በኦሮሞና በኦጋዴን-ሶማሌ ህዝቦች መካከል የፈጠረው ግጭት የኣያሌ ዜጎችን ህይወት መቅጠፉና ከሁለቱም ወገን በሚሊዮኖች የሚቆጠሩ ዜጎች ከቀዬኣቸው መፈናቀላቸው የቅርብ ጊዜ ትውስታ ነው። ስርዓቱ ይህን መሰል ጥፋት በህዝቦች ላይ ፈጽሟል፥ ይህን እኩይ ዓላማውን ኣሁንም በመቀጠል በየዕለቱ የሰብዓዊ ወንጀል እየፈጸመ ነው።

የኣፋር ነጻነት ግንባር ፓርቲና የኦሮሞ ነጻነት ግንባር የኢሕኣዴግ ሃይሎች እራሳቸውን በመደበቅ በምስራቅና ሰሜን-ምስራቅ የኦሮሚያና የኣፋር ክልል ኣዋሳኝ ድንበር ላይ በሰላማዊ መንገድ ኑሮኣቸውን ሲመሩ በነበሩ ሲቪሎች ላይ በሁለቱም ወገን ጥቃት ሊያደርሱ መሞከራቸውን ኣረጋግጠዋል። ይህ ሰሞኑን የተፈጸመውና በኣካባቢው ነዋሪዎች የተረጋገጠው የወያኔ/ኢሕኣዴግ ድርጊት ስርዓቱ በመላው ሃገሪቷ ስርዓቱ ብሄሮችና ብሄረሰቦችን ለማናቆር ሲፈጽመው የነበረው ተመሳሳይ ድራማ መሆኑ ግልጽ ነው።

ኢትዮጵያን እየገዛ ያለው ስርዓት በሃገሪቷ ውስጥ ያሉ ህዝቦችን ከፋፍሎ እነሱ በጋራ ክንድ ለነጻነት፣ ለሰላምና ለዲሞክራሲ እያካሄዱት ካለው ትግል ለማዳከም የተቻለለትን ሁሉ ሲያደርግ ቆይቷል። ይህን ጸረ-ህዝብ ዓላማውን ለማሳካትም ህዝቦችን ከፋፍሎ ለመግዛት በሁሉም ስልቶች እየተጠቀመ ይገኛል።

የኦሮሞ ነጻነት ግንባርና የኣፋር ነጻነት ግንባር ፓርቲ በሁለቱ ህዝቦች ኣንድነት ላይ በማነጣጠር እየተፈጸመ ያለውን ሴራና ጥረት ኣጥበቀው ያወግዛሉ፡ ይጋፈጣሉ። ሁለቱም ድርጅቶች የኣፋርና የኦሮሞን ህዝቦች ግንኙነት የሚያዳክም ማንኛውንም ድርጊት ለመጋፈጥ ያላቸውን ኣቋም በድጋሚ ይገልጻሉ።

ስለሆነም የኦሮሞ ነጻነት ግንባርና የኣፋር ነጻነት ግንባር የኣፋር ህዝብና የኦሮሞ ህዝብ እንዲሁም ሌሎችም የኢትዮጵያ ህዝቦች ይህንን የወያኔ/ኢሕኣዴግ እኩይ ዓላማ ኣስቀድመው እንዲገነዘቡ መልእክታቸውን ያስተላልፋሉ። ይህ የኣገዛዝ እድሜው ኣልቆ ከመቀበሪያው ኣፋፍ የሚገኘው ኣምባገነን ስርዓት ተስፋ በመቁረጡ፡ ቡድኑን ስልጣን ላይ ለማቆየት ሲል ማንኛውንም ኣይነት ወንጀል ከመፈጸም ወደኋላ ኣይልም።

በመሆኑም የኣለም ማህበረሰብ የወያኔ/ኢሕኣዴግ ቡድን ማለቂያ የሌለው ግጭትን በህዝቦች መካከል ከመፍጠር ተቆጥቦ የህዝቦችን የበላይነትና የሃገር ባለቤትነት መብት ለማረጋገጥ ሁሉን-ቀፍ እርምጃ እንዲፈልግ ጫና እንዲያሳድሩበት እንጠይቃለን።

በመጨረሻም የኣፋር ህዝብ፣ የኦሮሞ ህዝብና በኢትዮጵያ ውስጥ የሚገኙ ሌሎችም ህዝቦች የሕወሃት/ኢሕኣዴግ ወያኔ መንግስት በመካከላቸው የሚሸርበውን ሴራ በንቃት በመጠበቅ፡ ስርዓቱ የሚፈጥራቸውን ግጭቶች በሰላማዊ መንገድ እንዲፈቱ መልዕክታችንን እናስተላልፋለን። ከዚሁ ጋር ሁሉም የፖለቲካ ድርጅቶች የህዝቦችን ግንኙነት የሚያውኩ የወያኔ/ሕወሓት እኩይ እንቅስቃሴዎችንና ተግባራትን ህዝቡን በማስገዘብ ላይ ከፍተኛውን ድርሻ እንዲወጡና በጋራ ክንድ በመታገል ሰው-በላውን ስርዓት ከስልጣን ለማስወገድ እንዲንቀሳቀሱ ጥሪያችንን እናቀርባለን።

ስላም ያሸንፋል!!

የኣፋር ነጻነት ግንባር ፓርቲ

የኦሮሞ ነጻነት ግንባር

መጋቢት 28, 2018 ዓም

Itoophiyaa Keessatti Ummatoota Jidduutti Walitti Bu’iinsa Dhalchuun Gocha Shororkeessummaa Mootummaa ti!
Itoophiyaa Keessatti Ummatoota Jidduutti Walitti Bu’iinsa Dhalchuun Gocha Shororkeessummaa Mootummaa ti!

Haala Siyaasaa Itoophiyaa Keessaa kan Yeroo ammaa Irratti

Ibsa Waloo Paartii Adda Bilisummaa Affaari fi Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 28, 2018

Sirnii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay/Adda Dimokraasummaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa(TLPF/EPRDF) Itoophiyaa bitaa jiru bulchiinsa isaa umrii bittaa raawwatetti lubbuu horuudhaaf yaalii dhabarraa isa hin oolchinetti jira. Sirnichi ol’aantummaa murna isaa warraaqsa ummatootni dimokraasii fi bilisummaaf taasisaniin hundeerraa raafame deebisee gadi dhaabuuf waan isaa dandahame hundaa raawwachuutti jira.

Labsii yeroo hatattamaatin dahatuudhaan humnoonni hidhattootaa sirnichaa lammiilee fayyaaleyyii ajjeesuu, ukkaamsanii dhabamsiisuu fi hiraara suukaneessaaf afeeruu itti fufaniiru. Xiyyeeffannaa hawaasaa jeequmsa biyyattii unkuraa jiruraa deebisuu fi ummatoota mormii fi fincila walitti fufiinsaan adeemsisaa jiran irraa dhaabuu akeekkatuudhaan gartuun abbaa irree kun, ummatoota obbolaa jaarraa hedduuf nagaa, walkabajaa fi waljaalalaan waliin jiraataa bahan jidduutti summii walshakkii fi jibbaa facaasuuf hojjetaa jira.

Haaluma kanaanis gartuun TPLF/EPRDF ummata Oromoo fi Somaalii-Ogaadeen jidduutti walitti bu’iinsi dhalche lubbuu hedduu galaafatuu fi gama lameenurraayyuu miliyoonaan kan lakkaawaman qayee irraa baqachiisuun isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ti. Sirnichi badii suukaneessaa akkanaa lammiileerratti raawwateera; akeeka abaaramaa kana itti fufuudhaanis guyyuu yakka namoomaa raawwataa jira. Paartiin Adda Bilisummaa Affaari fi Addi Bilisummaa Oromoo yaalii haleellaa humnoonni EPRDF of golguudhaan daangaa gama Bahaa fi Kaaba-Bahaatin naannolee Oromiyaa fi Affaar jidduutti siviilota nagaan jireenya gaggeeffatan gama lameeninuu jiranirratti raawwatuu mirkaneeffataniiru.

Gochaan TPLF/EPRDF kan jidduu kanaa hawaasa naannicha jiraatuun mirkanaahe kun, fakkaatiidhuma diraamaa sirnichi guutummaa biyyattii keessatti sabooaa fi sab-lammiilee walitti buusuuf hojjetaa turee tahuu hubachuun nama hin dhibu.

Sirni Itoophiyaa ummatootaa Itoophiyaa keessaa gargar qoqqoodee irree gamtaatin qabs isaan bilisummaa, nagaa fi dimokraasiif taasisanirraa laaffisuuf waan isaa dandahame hunda gochaa ture. Akeeka isaa farra-ummatootaa tahe kana milkeessuufis qoqqoodee bituuf tooftaa hundatti dhimmi bahaa jira.

Addi Bilisummaa Oromoo fi Paartiin Adda Bilisummaa Affaar shiraa fi yaalii hammeenyaa tokkummaa ummatoota lameenii irratti qiyyaafatee gaggeeffamaa jiru gadi jabeessanii balaaleffatu; ciminaanis dura dhaabbatu. Dhaabbileen lameenuu gochaa hariiroo ummatoota lameenii laaffisu kamiyyuu dura dhaabbachuun irratti qabsaawuuf ejjennoo qaban irra deebiin ibsu.

Waan taheef, Paartiin Adda Bilisummaa Affaari fi Addi Bilisummaa Oromoo ummatootni Affaar, Oromoo fi ummatootni Itoophiyaa keessaa biroonis karoora sheexanummaa sirna TPLF/EPRDF kana dursanii akka hubatan dhaamsa dabarsu. Sirni umriin isaa dhumatee qarqara bool’aa jiru kun waan abdii kutateef, aangoorra bubbuluuf jecha yakkoota bifa hundaa raawwachuurraa of booda hin deebi’u.

Kanaaf, hawaasni addunyaa mirni TPLF/EPRDF, walitti bu’iinsota dhuma hin qabne

bakkayyuutti dhalchuu mannaa ol’aantummaa fi abbaa biyyummaa ummataa mirkaneessuuf

furmaata hunda hammate akka barbaadu dhiibbaa akka irratti taasisan gaafanna.

Maayiirratti, ummatni Affaar, Ummatni Oromoo fi Ummatootni Itoophiyaa keessa biroon

marti dammaqiinsaan of tiksuu fi walis tiksuudhaan walitti bu’iinsa sirni TPLF/EPRDF isaan

jidduutti dhalchu kamuu karaa nagaatin akka furatan dhaamsa keenya dabarsina. Kanuma

waliin dhaabbileen siyaasaa hundumtuu ummatootni sochiilee fi gochaalee farrummaa murna

TPLF kan hariiroo ummatootaa booressan ummata hubachiisuu irratti qooda guddaa akka

taphatanii fi gamtaan qabsaawudhaan sirna nama-nyaataa kana aangoorraa qaarisuuf akka

sossohan waamicha keenya dhiyeessina.

Nagaan Irra Aana!!

Paartii Adda Bilisummaa Affaar

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 28, 2018.

Sirni TPL/EPRDF Wayta Ummata Wayyaba gara Lammii Lammaffaatti gadi buusaa Jiru Kanatti, Dhumaatii Isaaniif Haala Aanjesssaa Jira.
Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Demookraasii (TUBD)

PEOPLES ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY (PAFD)

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa bilisummaa fi dimokraasii walgahii isaa dhaabbataa lammaffaa Bitootessa 28 hanga 29, 2017 adeemsifatee jira. Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii tumsa dhaabota bilisummaa shanii, Sochii Bilisummaa Ummatota Banishangul, Sochii Bilisummaa Ummata Gaambeellaa, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bili-summaa Biyyoolessa Ogaadeen fi Adda Bilisummaa Biyyolessa Sidaamaa hammata. Koreen hojii raawachiiftuu gabaasaa hojii fi sochii tumsichaa dura taa’aa irraa dhaggeeffatee jira. Akksumas, ibsoota biiroolee tumsichaa fi dhaaboti miseensoti tumsichaa waa’ee sochii isaanii ilaalchisuun kennan dhaggeeffateera. Koreen hojii raawwachiiftuu gabaasaa fi ibsoota kanneen erga dhaggeeffatee booda ajandaalee walgahii kanaaf qabaman raggaafatee gadi fageenyaan irratti haasa’e.

Koreen hojii raawwachiiftuu tarsiimoo TUBD keessa deebi’ee ilaalee raawwii karoora hojii isaatiis gamaggame. Tarsiimoo TUBD keessa deebi’ee sakatta’uudhaan, akkasumas sochii tum-sichaa walii galaa irratti marii bal’aa erga taasisee booda murtiilee asii gadii irra gahe.

Koreen hojii raawwachiiftuu Tumsa Bilisummaa fi Dimokraasii Uummatootaa didhaan keessaa fi alaan jiraatu illee hojiin tumsichaa akka walii galaatti tarkaanfii guddaa gara fuula duraatti tarkaanfatuun hojii qabsoo biyya keessaa fi alaaf bu’uura jabaa kaa’’era jedhee amana. Wag-gaa tokko darbe keessatti, keessahuu hojiin biiroolee dippilomaasii fi namoomaa, hojii jaarma-yaa fi siyaasaa, akkasumas waraanaa kan ilaalu irratti hojii qabatamaatu hojjetame. Koreen ho-jii raawwachiftuu hojii raawwatamuu qaban haaraa akeekuudhaan biirooleen jiran hundi galii karoora isaanii dhaqqabuu akka danda’aniif qajeelfama barbachisu kenneef.

Koreen hojii raawwachiftuu haala siyaasaa Itiyoophiyaa keessa jiru irrattis bal’inaan mari-hateera. Haala mootummaa Wayyaanee fi mootummicha karaa irraa maqsuuf diddaa uummati itti jiru gadi fageenyaan gamaaggame. Qabataamaatti haalli mul’atu mootummichi waa hundi harkaa bahee biyya sana bulchuu kan hin dandeenye tahuu mirkaneessa.

Tumsi Ummatootaa Bilisumaa fi Dimokraasii maddi rakkoo politikaa har’a Itiyoophiyaa keessa jiruu, mootummaan Wayyaanee bilisummaa fi mirgoota ummatoota biyyattii sarbuudhaan bit-taa farra dimokraasii humnaan irratti fe’uu isaa irraa kan dhufe dha jedhee amana.

Maqaa federalizm sobaa kan sabi xiqqqan tokkichi siyaasaan, dinagdeedhaa fi waraanaan guu-tummaatti ol aantummaa qabu jalatti waan argamuuf ummatooti wayyabni mirgi isaanii dhii-tamee humnaan bulfamaaa jiru. Sochiin siyaasaa fi hawaasaa yeroo ammaa ummatoota cun-qurfamoon deemsifamaa jiru hacuuccaa siyaasaa sirna mootummaa farra dimokraasii bakka bu’ummaa uummtootaa hin qabneen waggoota dhibbaa oliif raawwatamaa har’a gahe cabsuuf qabsoo taasimu dha.

Har’a, aangoon siyaasaa fi dinagdee biyyattii murna Wayyaaneen dhuunfatamuu fi maallaqa guddaa kuufataniin irree isaanii cimsachuu irraa kan ka’e uummatootaa fi biyyattiin guutum-maatti to’annoo murna kanaa jala galanaii jiru. Har’a Itiyoophiya keessatti mootummaa jechuun Wayyaanee, TPLF, jechuu dha. Walitti baqanii qaama tokko ta’anii jiru. Haa ta’uu sirni Way-yaanee uummata mirga isaa karaa nagaa gaafate irratti tarkaanfii humnaa fudhachaa jiraatu iy-yuu, mirgoota siyaasaa, dimookrsaaii, mirga hawaasummaa fi bilisummaaf qabsoo ummattootni finiinsaa jiran sadarkaa of duuba deebisuun hin danda’amne irra gahee jira.

Koreen hojii raawwachiiftuu TUBD, murtii sirni Wayyaanee labsii yeroo hatattamaa labsuuf fudhate ummata bilisummaa fi dimookraasii dhugaa barbaacha gara fuula duraatti arreedaa jiru dhaabuuf yaaluu irraa tahus itti hin milkoofne jedhee amana. Mootummichi sodaa fi goolii uumuudhaan bituuf tattaafata. Uummatooti Itiyoophiyaa keessa jiran garuu ammaan booda doorsisaa fi sodaachisa Wayyaaneef hin jilbeenfatan. Tole jedhaniis jala hin bulan. Ummatooti Iytiyoophiyaa keessa jiran ammaan booda tarkaanfii dabeessaa mootummaan Wayyaanee guu-tummaa biyyattii keessatti fudhachaa jiru sodaatuun hin cal’isan. Callisaas hin jiran. Uummati osoma ajjeefamuu fi hidhamuu sirna Wayyanee cunqursaa fi saamicha irratti hunda’e didee irratti fincilaa jira. Tarkaanfii abdii kutannaa mootummichi ummatoota cal’isiisuuf fudhatu rak-koo jiru irratti rakkoo dabalee inumaahuu daran gara rakkoo irra hammaataatti geessa.

Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Demokraasii sirni yeroo cehumsaa dimokraatawaa ta’e, sir-na hunda hammataa, mirgi uummatoota hundaa keessatti kabajamuu fi kan gaaffii sabaa fi sa-blammoota cunqurfamoo deebisuu danda’u uumamuun barbaachisaa dha jedhee amana. Kanaaf Koreen Kojii Raawwachiiftuu TUBD, haala dhaabota mormitoota Itiyoophiyaa biyya keessaa fi ala jiranii gadi fageenyaan xiinxalee jira. Akka kanaan sirna politikaa haaraa Itiyoophiyaa keessatti fiduudhaaf karaa gara sanatti geessu, kan qaamota dhimmichi ilaalu hunda biratti fudhatama qabuu fi karaa saaquu danda’u irratti hojjechuuf murteeffatee jira. Sirni politikaa akkanaa waldhabbii wal irraa hin citne deddeebi’ee Itiyoophiyaa keessatti mul’atutti xumura gochuu danda’a jedhees amana.

TUBD jabaatee diddaa uummatooti Itiyoophiyaa keessa jiran bittaa Wayyaanee jibbisiisaa ir-ratti agarsiisaa jiran hoogganuu itti fufa. Humnootii dimookraatawoon hundi kufaatii sirna far-ra dimookraasii fi cunqursaa kanaa ariifachiisuuf tokkummaan akka hojjennu hiree kanaan waamicha keenya dabarsina.

Justice and Freedom for the Oppressed Peoples in Ethiopia!

PAFD Executive Committee

March 29, 2017

Afaan Oromo Version

Amharic Version

English Version