WBOn Goodina Shawaa Kaabaa Keessa Sossoo’u Diina Haleele

Home » Oduu » Tarkaanfii WBO » WBOn Goodina Shawaa Kaabaa Keessa Sossoo’u Diina Haleele

By admin on November 20, 2012.

(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 18,2012)  Sadaasa  14,2012 humni WBO Risaa jedhamuu, Godinaa Shawaa Kabaa Ona Qinbibit Ganda Darmaa bakka Dirree jedhamee beekamutti qondaalota Wayyaanee 3 ummata hiraarsuun beekaman irratti tarkaanfii maayyii fudhate.
Tarkaanfii galagala wb sa’aa 8:00-tti fudhatame kanaan kanneen tarkaanfii maayyii irratti fudhatame:
  1. Siyyum Katamaa …..bulchaa Ona Qinbibit
  2. Masfin Kabbadaa…..miseensa poolisaa
  3. Aschaaluu Tesfaayee …miseensa poolisaa ti.
Humni WBO tarkaanfii kana fudhate kana malees qawwee AK 47 (Kilaash) tokkoo,  matrayyeessa tokkoo fi Shigguxii tokko irraa  booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamu irra  akka ooflfamu taasisee  jira. Kana waliin humni WBO tarkaanfii kana fudhate mirgi abbaa biyyummaa ummata  Oromoo  guutummaatti hanga kabajamutti diinaa fi jala deemtoota diinaa irratti tarkaanfii fudhatuu kan itti fufu tahuu ummata naannoo hubachiisee jira.
I.U.Of!!