Sirni Gadaa UNESCOtti Galmaawuun Mo’icha Gurguddaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo Galmeesse Keessaa Isa Tokko

Home » Oduu » Ibsa ABO » Sirni Gadaa UNESCOtti Galmaawuun Mo’icha Gurguddaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo Galmeesse Keessaa Isa Tokko

By admin on December 6, 2016.

abo-log

(Ibsa ABO)

Sirni Gadaa Oromoo dhaabbata hawaasa addunyaa UNESCO jalatti SADAASA 30,2016 galmeeffamee jira. Kun injifannoo haaraa qabsoon bilisummaa Oromoo galmeessee dha. Sirni Gadaa sadarkaa ol-aanaa irra kan gahe jaarraa 16ffaa keessa yeroo ta’u, jaarraa 17ffaa irraa jalqabee hanga 19ffaa gidduutti jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa Oromoo keesatti mul’ataa dhufee fi dhiibbaa sirna koloneeffattoota Habashaan irra gaheen laaffachaa fi haqamaa akka dhufe seenaatu ragaa baha.

Aadaan politikaa fi hawaasummaa sirna koloneeffattuu Habashaa sirna warra nugusaa (mootii) fi abbaa irrummaa nam-tokkee ykn gartuu xiqqaa irratti hundaa’e ummatootaa fi biyya irratti ol aantummaa qaba. Sirni koloneeffattoota Habashaa impayerattii irratti hordame faallaa duudhaa dimokraasii sirna Gadaa Oromoo ta’uun ifaa dha. Kanaaf humnootni Habashaa gaafa Oromoo cabsan tarkaanfiin jalqabaa isaan fudhatan sirna Gadaa itti duulanii balleesuu dha. Sirni Gadaa sirna dimokiraatawaa aangoo ummataaf kennu faallaa sirna nugusummaa waan ta’eef, itti fufiinsa sirna keenyaaf sodaachisaa dha jedhanii waan amananiif itti duulan. Ummati Oromoo humna waraanaa alagaatiin cabee erga sirna bittaa alagaa jalatti kufee kaasee eenyummaa fi seenaa isaa dhabamsiisuuf duulli humnoota Habashaan irratti gaggeeffamu takkaa addaan citee hin beeku. Keessattuu mallattoo eenyummaa Oromoo keessaa isa guddaa fi murteessaa kan tahe Sirna Gadaa Oromoo dhabamsiisuun kaayyoo isaanii isa ol’aanaa ture. Kanas kan godhaniif jabinni Oromoo kan isaan bara dheeraaf cabsuu dadhaban achi keessaa kan maddu tahuu waan beekaniifi.

Sabni Oromoo jaarraa hedduudhaaf sirna politikaa, ijaarsa waraanaa, hawaasummaa fi dinagdee dimokraatawaa ta’e walii gala sirna Gadaa jedhamee beekamu irratti ijaaramee of bulchaa akka ture seenaan galmeessee jira. Sirna bu’uura jabaa fi caasaaleen dimokraatawoo ta’an irratti ijaaramanii dha. Sirni Gadaa sirna nagaa, guddina, badhaadhina wal qixxummaa irratti hundaa’e Oromoo keessatti kan diriirsee dha. Oromoo biratti nagaan bakka guddaa qaba. Ummati Oromoo ummata nagaa jaallatu oggaa ta’u, sirni Gadaa Nagaa Oromoo tiksuuf dursa kenna.

Walumaagala sirni Gadaa seenaa, duudhaa fi aadaa gaarii himamee hin dhumne hedduu of keessaa qaba. Hambaan sirna Gadaa har’allee Kibba Oromiyaa, hawaasa Oromoo Gujii fi Booranaa keessatti hafee akka jiru beekamaa dha. Sirni miidhagaan sirnoota cunqursoon awwaalamee ture kun deebi’uun seenaafis ta’e ijaarsa saba Oromoo boriif akka injifannoo guddaatti fudhatama.

Sabni Oromoo akkuma yeroo biyya isaa qabachuuf itti duulan walabummaa isaa tikfachuuf ittisa hadhaawaa gaggeessee wareegama ulfaataa baasetti, erga meeshaa lolaatiin caalamee bittaa alagaa jalatti kufees duula eenyummaa isaa dhabamsiisuuf gaggeeffamu yeroon itti callisee fi ofirratti ilaale hin jiru. Biyya, seenaa, aadaa fi eenyummaa isaa sarbame deebifachuufqabsoo walirraa hin citne geggeesse, geggeessaas jira. Keessaahuu Addi Bilisummaa Oromoo 1970ta keessa hundeeffamee qabsoo Oromoo bifa ammayyaan qindeessuu fi gaaffiin saba Oromoo maal akka ta’e addeessuun hooggana barbaachisu kennuu danda’e.

Addi Bilisummaa Oromoo gaafa bu’uureffamu cunqursaan Oromoorra jiru bifa kolonii akka qabuu fi angoon politikaa Itoophiyaa dhuunfaa koloneeffattoota gita bittuu Habashaa harka akka jiru addeesse. Akeekni siyaasaa ABO jalqabuma irraa ummata Oromoo bittaa kolonii Itoophiyaa jalaa bilisa baasuun mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuu dha. Aadaa, seenaa fi duudhaa Oromoo deebisanii gadi dhaabuu fi kkf of keessaa qaba. Walumaagala qabsoo bilisummaa ummati Oromoo bifa adda addaan adeemsisaa ture bifa qindoomina qabuun geggeessuu kan danda’e ABO dha.

Qabsoo sabni Oromoo ABO jalatti hoogganamuun golee Oromiyaa hunda irraa walfaana ka’ee wareegama qaqqaalii baasuun geggeesse injifannoo gurguddaa galmeessee jira. Guyyaa irraa guyyaatti wareegama bifa garagaraa baasaa injifannoo haaraa galmeessaa har’a gahe. Murni Wayyaanee kan yeroo ammaa Impaayera Itoophiyaa bulchu beekkamtii maqaa biyya Oromoo (Oromiyaa) dabalatee mirgoota afaan, aadaa fi seenaa ofiitiin hojjechuu, ittiin of ibsuu fi kunuunfachuu kan heera ofii keessa kaawwate jaallatee fi itti amanee osoo hin taane, wareegama ilmaan Oromoon kan argamanii dha. Bu’aa qabsoo bilisummaa Oromoo ti.

Mirgooti hanga ammaatti argaman aarsaa miseensotaa fi hoogganooti qabsichaa kumaan lakkaawaman baasaniini. Gaffiin mirga hiree murteeffannaa haa xiqqaatuu heera mootummaa Itoophiyaa keessa seenuu kan danda’e qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi dippilomaasii ABO fi humnooti bilisummaa kanneen biroo adeemsisaa turaniini. Gaaffiin Oromoo ajandaa addunyaa ta’uu kan danda’e qabsoo ummati Oromoo adeemsiseeni.

Akka kanaan sirni Gadaa UNESCO jalatti galmeeffamuunis injifannoo gurguddaa qabsoon Oromoo galmeesse keessaa isa tokko. Kanaaf Oromoota mara kan boonsee fi eenyummaa Oromoo addunyaa biratti kan mul’isee fi biyyi lafaas raajeffatee dha.

Sirni Gadaa UNESCO jalatti kan galmaa’e sochii ilmaan Oromoo bifa adda addaan taasisaniini malee, tattaaffii mootummaa wayyaaneen akka hin taane jala sararree dubbachuu dandeenya. Sirni Wayyaanee inumaahuu akka sirni Gadaa UNESCO jalatti hin galmoofne gufuu fi danqaraa ka’aa akka ture eenyuyyuu jalaa dhokataa miti. Kun ta’ee osoo jiruu har’a wayta sirni Gadaa bu’aa ba’ii meeqaan UNESCO jalatti galmaawuun mirkanaawu saalfii tokko malee tattaaffii ani taasiseen milka’e jedhee ummataa fi addunyaa sobuu yaalaa jira.

Ummata Oromoo, Wayyaaneen na hin bulchitu, cunqursaa fi saamichi alagaa na gahe jedhee sirna isaa didee itti fincile hawwachuuf waan ofii hin godhiniif anatu siif dhaam’e jedhee lallaba. Kana malees mootummaan wayyaanee gargaarsa maqaa kanaan UNESCO irraa gara fuula duraatti argamu butachuuf dibbee rukutaa jira. Baga gammaddan jedhee fedhiin alatti sirba. Haa ta’uu ololli rakashni Wayyaaneen akka waan mootummaa ummataa tahee fi seenaa ummatootaa tiksuu fi kunuunsuuf hojjetuutti waa’ee UNESCOtti galmeeffamuu Sirna Gadaa kanaan saba Oromoo fi hawaasa addunyaa sobuuf wixxifatu saba Oromoo biratti fudhatama hin qabu.

Addi Bilisummaa Oromoo mirgi saba Oromoo guutuutti kan kabajamuu fi iggitiis horatu gaafa sabni Oromoo walabummaa isaa gonfatee dhimma biyya ofii irratti ofiin murtii kennuu danda’e jedhee amana. Gaafa sabni Oromoo mirga abbaa biyyummaa ofii kabajchiifatee aadaa fi duudhaan isaa guutummaatti hojii irra oole; walumaagala gaafa dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa ofii irratti walabummaa dhaan ummati Oromoo sagalee fi murtii ofii kenne qofa tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa.

Dhuma irratti miseensotnii fi deggertootni ABO akkasumas ummatni Oromoo bal’aan, qaamoti adda addaa, beektoti Oromoo fi firoottan saba Oromoo sirna Gadaa UNESCO jalatti galmeessisuus ta’e waa’ee sirna Gadaa addunyaatti beeksisuu keessatti qooda keessan gumaachitan hundi galata guddaa qabdu jenna. Injifannoo fi mirgoota qabsoo fi wareegama keenyaan arganneef ofitti boonaa, mirgoota nu hafan gonfannee galii keenya isa guddaa dhaqqabuuf harka wal qabannee qabsoo keenya akka finiinsinu ABOn dhaamsa qabsoo dabarsa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Mudde 06, 2016


የኦሮሞ ገዲ ስረዓት Amharic Version in PDF