Nagaa Waaraan Madda Rakkoo Dhabamsiisuun Argama

Home » Oduu » Ibsa ABO » Nagaa Waaraan Madda Rakkoo Dhabamsiisuun Argama

By admin on July 30, 2017.

Nagaa Waaraan Madda Rakkoo Dhabamsiisuun Argama

(Ibsa ABO)

Madda rakkoo hundaa kan tahe sirna gabrummaa dhaalee kan waggaa 26 ol ummata fixaa fi wal ficcisiisaa jiru Wayyaaneen hanga aangoo irraa hin buufamnetti walitti bu’insi ummatotoaa kan itti fufu tahuu qalbifatuu feesisa. Nagaa booressuun of jireessuun mala bittootni itti gargaaraman tooftaa dullacha tahuun hundaan kan hubatamu dha. Waan taheef xiyyeeffannaan keenya wal dhabbiilee xixiqqaa naannooleetti mul’atan irraatti osoo hin taane kanneen wal dhabbiilee kana dhalchan irratti tahuu qaba. Kanaaf ummatni Oromoo ofii haqa ummata kamuutti osoo hin darbine haqa isaa dhiibuu kan dhufan ammoo of irraa ittisaa xiyyeeffatnoon isaa FXG itti jiru caalaatti finiinsuun madda rakkinaa kan tahe sirna qabrummaa of irraa buqqisuu akeeka isaa kan duraa godhatee akka sosso’u ABOn irra deebi’ee dhaama.

Dilbata Adoolessa 22, 2017 irraa eegalee lola ummatoota Oromoo Gujii fi Amaaroo gidduutti taheen lubbuun namoota hedduu galaafatameera. Namootni hedduus madaa’aniiru. Dhibbootaan kan lakkaa’aman qe’ee irraa buqqa’uun isaan mudatee jira. Manneenii fi qabeenyi gara garaa sababa lola ummatoota lameen kanneen gidduutti uumameen barbadaawes hedduu dha. Lolli kun yeroof kan qabbanaawe fakkaatus haalli ummatoota lameen gidduu bakka duraaniitti hin deebi’in jira.

Lola kana kan dhalche imaammata Wayyaanee tahuu irraa shakkiin hin jiru. Wayyaaneen baroota dheeraaf kan aangoo irra turuu danda’e ummatoota ollaa walii qubatuun nagaan waliin jiraataa turan wal dhabsiisuun akka tahe haqa irra deddeebi’ee mul’ate dha. Imaammatni ummatoota walitti buusuu kun ammoo addatti ummata Oromoo irratti kan xiyyeeffate tahuu loloota kallattii adda addaan ummata Oromoo irratti adeemsifamaa turan ilaaluun gahaa taha.

Ummatni Oromoo ummata ollaa isaaf kabajaa fi jaalala qabu tahuu baroota dheeraa waliin jiraate keessatti ummata agarsiise dha. Wal dhabbiileen sababa xixiqqoon yoo uumamanis araara buusuun kan xumuratuu danda’u tahuu kanneen ollaa isaa jiran hundi ragaa bahuuf. Kanneen keessaa tokko ummata Amaaroo Oromoo Gujii waliin wal lolchiifame dha. Ummatni Amaaroo fi Oromoo Gujii gidduu isaaniitti lolli dhaga’amee hin beeku. Kun ummatootni lameenuu nagaan kabajaa fi jaalalaan kan waliin jiraataa turan tahuu agarsiisa.

Oromoo Gujii fi ummatni Amaaroo shira garee tikaa fi dabballoota Wayyaaneen shirameen walitti bu’an. Mootummaan farra ummatootaa karaa ergamtootaa fi jaleewwan isaa shira kana kan raawwataa jiru nagaa ummatoota lameen gidduu jiru booressuun ilaalcha ummataa Fincila finiinaa jiru irraa jallisuuf umrii bittaa isaa dheerreffatuuf jecha. Kanaaf yaadni garee lameen wal lolan irraa dhaga’amu ragaa dha. Lameenuu kanaan dura wal lolanii akka hin beekiin ragaa bahan. Gidduu isaanii jaalalaa fi kabajaa malee wal dhabbiin akka hin turre ibsan. Nagaa ummatoota gidduu kan jibbu Wayyaaneetu nagaa isaanii booressuu dubbatan.

Umriin bittaa isaa gabaabbataa dhufuu kan hubate gartuun farra ummataa kun sirna isaa tikfatuuf ummatoota walitti buusuu ammayyuu akka tooftaatti dhimma itti bahuuf yaaliin godhu gonkumaa kufaatii irraa isa hin oolchu. Addatti ammo ummata Oromoo qabsoo haqaa sirnicha irratti finiinsaa jiru irraa jallisuudhaan kan biraa irratti yeroo fi humna isaa akka qisaasu gochuuf dabni raawwatu akkuma kanaan dura bakkoota gara garaatti fashalsiifame kunis ni fashala.

Diinni ummata Oromoo Wayyaaneen yeroo dheeraaf addatti ammo waggoota lameen as aanan FXG ummatni Oromoo golee Oromiyaa mara keessatti finiinseen muddamuu irraa ummatoota olloota isaa tahan hidhachiisuu, leenjisuu fi dabrees waliin loluun humna Oromoo laaffisuu fi xiyyeeffannaa isaa jijjiirsisuuf yaalii wal irraa hin citne godhe. Lola Oromoo fi Somaalee, Oromoo fi Affaar gidduu akka fakkeenyaatti kaasuutu danda’ama. Haa tahu malee ummatni Oromoo shira diinaa kana hubatuun olloota isaa itti duulchifaman of irraa ittisuu qofa irratti xiyyeeffatuun akeeka diinaa fashalsuu danda’eera.

Waan taheef har’as taanaan Oromoon Gujii akkuma obboleeyyan isaa karoora diinaa akka diina irratti hin xiyyeeffanne taasisuuf baafame kana fashalsuuf olloota isaa waliin akka kanaan duraa nagaan jiraatuuf nagaa argamsiisuu irratti xiyyeeffatuu qaba. Lubbuu gaaga’amee fi qabeenya barbadaaween gamasitti akeeka lola kanaan duuba jiru hubatuun furmaata isa maayiif hojjatuun irra filatamaa dha.

Ummatootni olla Oromoo jiranis daba Wayyaaneen itti jiru kanaaf meeshaa tahuun ummata Oromoo irratti duuluudhaan dantaa fi fayidaan irraa argatan akka hin jirre hubatuun lola Wayyaaneen itti isaan dhiibaa jiru irraa akka of qusatan deddeebinee waamicha keenya dabarsinaaf. Dantaa fi fayidaan isaanii kan jiru umamta Oromoo waliin wal tumsuu keesssa malee wal loluu keessa akka hin taane gadi jabeessinee hubachiifna.

Madda rakkoo hundaa kan tahe sirna gabrummaa dhaalee kan waggaa 26 ol ummata fixaa fi wal ficisiisaa jiru Wayyaaneen hanga aangoo irraa hin buufamnetti walitti bu’insi ummatotoaa kan itti fufu tahuu qalbifatuu feesisa. Nagaa booressuun of jireessuun mala bittootni itti gargaaraman tooftaa dullacha tahuu hundaan kan hubatamu dha. Waan taheef xiyyeeffannaan keenya wal dhabbiilee xixiqqaa naannooleetti mul’atan irraatti osoo hin taane kanneen wal dhabbiilee kana dhalchan irratti tahuu qaba. Kanaaf ummatni Oromoo ofii haqa ummata kamuutti osoo hin darbine haqa isaa dhiibuu kan dhufan ammo of irraa ittisaa xiyyeeffatnoon isaa FXG itti jiru caalaatti finiinsuun madda rakkinaa kan tahe sirna qabrummaa of irraa buqqisuu akeeka isaa kan duraa godhatee akka sosso’u ABOn irra deebi’ee dhaama.

Injifannoo Ummata Oromoof !
ABO
Adoolessa 30, 2017