Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa

Home » Oduu » Ibsa ABO » Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa

By admin on March 15, 2017.

Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa.

(Ijoo Dubbii ABO)

Bitootessa 12,2017 bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Laaftoo iddoo kosii/balfi itti gatamu bakka Qoshee jedhamee yaamamutti jigiinsa tuullaa kosii irraa  lammiileen hiyyeeyyii dhibbaa ol tahan iddoo kana bakka jireenyaa godhatan haala gaddisiisaa fi suukanneessaan lubbuu dhabaniiru. Akkanumattis dhibbatti kan lakka’aman balaa kanaan qaamaan gaaga’amaniiru. Kosii kana jalatti awwaalamanii jiraa fi du’aan isaanii kan adda hin ba’inis hedduu dha.

Lammiilee balaa kanaan miidhaman keessaa irra jireessi lammiilee ummatoota cunqurfamoo ta’uun hin falamsiisu. Kanneen dhumiinsi gaddisiisaa irra gahe, kanneen lafa isaanii irraa mootummaa TPLFn buqqaafaman, biyya abbaa isaanii keessatti alagoomfamuu irraa akka kosiitti ilaalamanii kosii waliin jiraachuuf dirqaman, warreen cunqursaa fi saaminsi mootummaa abbaa irree itti jabaatuu  irraa jiruu fi jireenyi harkatti babbadee dha.

Mootummaan Wayyaanee ummatoota cunqurfamoof dantaa hin qabne, addatti ammoo ummata Oromoo diina sirna kiyyaa jedhee fudhatee jiru karaa isaaf danda’ame miidhuu fi akka inni hubamuuf hojjechuu bal’inaan itti jira.

Tuullaan kosii Qosheetti jigee lammiilee hiyyeeyyii jireenya gadaanaa dhiibuun jiraatan haala gaddisiisaan jimlaan awwaale kun tuullaa kosii waggoota 25 oliif tuulamaa turee dha.  Kosiin maaltu na dhibeen bakka tokkotti tuulamu akkanaa ummata naannoo kana jiraatu irraan balaa akka dhaqqabsiisu mootummaan Wayyaanee/TPLF hin wallaalle. Balaa itti as adeemaa jiruun yaadda’uu irraa furmaata akka godhatuuf ummatnis iyyachuu hin dhiisne. Iyyachuu irra dabree ummatni naannoo kanaa addatti ammoo  Oromootni naannoo kana jiraatan balfi ykn kosiin magaalaa Finfinnee keessaa irratti gatamuun akka irraa dhaabbatu  gaafataa turan. Iyyatuu fi gaafatuun gamasittis nagayummaa, jiruu fi jireenya isaa guyya guyyaa irratti miidhaa geessisaa jiru irraa of irraa dhaabsisuuf ifatti dirreetti bahee mormataa akka tures ni yaadatama. Haa tahu malee gaaffii fi iyyatni ummataa aangaawota mootummaa Wayyaanee ummataaf dantaa hin qabne irraa deebii quubsaa fi furmaata hin argatin hafuu irraa balaan suukanneessaan kun irra gahe.

Mootummaa Wayyaanee/IHADGf furmaatni rakkoo hundaa humna. Wayta ummatni kosii kanaan wal qabatee mormii dhageessisetti iyyata ummataa dhaga’uu diddaan humna waraanaa fi poolisaa itti bobbaasuun kosii irratti gatuu itti fufe. Tuffii mootummaan kun ummatootaaf qabu irraa murtiin humnaan kosii gatuu dhaabbatuu irra itti fufee balaan akkaan suukanneessaa kun lammiilee ummatoota cunqurfamoo harka qalleeyyii, jireenyi isaanii harka irraa gara afaanii ta’e kanneen  miidhuuf sababa tahe.

Mootummaan wayyaanee jireenya ummatoota Itophiyaa wayyeesseera; guddinni waggaa waggaan dijitii dachaadhaan dabaleera; jijjiirama mul’ate irraa ummatootni gargaaramaniiru jechuun dharaan lallabaa bahe, wayta dhumaatiin kun dhaqqabetti illee qaanii malee olola isaa kana itti fufuun hedduu gaddisiisa. Guddinni ykn jijjiiramni argame jedhamee lallabamuuf  kan Wayyaanotaa fi waaheloota Wayyaanee ti malee kan ummatootaa akka hin tahin jireenya ummatootaa irraa mul’ata. Osoo guddinnii fi jijjiiramni ummatoota haammatu jiraatee lammiileen garii jireenya sadoo fi qananii sadarkaa biyyattiin olitti jiraataa, lammiileen cunqurfamoon ammoo bakka hin malle kosii keessa jiraachuu irraa  gaaga’ama nam-tolcheen lubbuu isaanii hin dhaban. Kuma dhibbootaan ala bulaa fi kadhataa tahuun magaalaa Finfinnee dhiphisuun mul’atuu hin qabu ture.

Lammiileen ummatoota cunqurfamoo addatti ammoo ummatni Oromoo Finfinnee keessaa fi Finfinneetti naanna’ee jiraatu, bittaa Wayyaaneen qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’ee jireenya gadadoo keessa akka jiru dhokataa miti. Kan humnaan lafa isaa irraa buqqifame, kan dalagaa fi bakka bultii dhabee maatiin faca’ee dirreetti hafe, kumoota danuun lakkaa’ama. Jireenyii fi lafti kan itti dhiphifame akkanaa ammoo bakka itti dahatu dhabuu irraa lafoota akka Qoshee jiraachuuf dirqama. Balaan amma Qosheetti mudatee lammiilee gaaga’e kun irra jireessa kanneen dhiibbaa sirna wayyaanee irraa iddoo kana bakka jireenyaa godhatuuf dirqaman akka miidhe waakkatuun hin danda’amu.

Magaalaa Finfinnee dabalatee guutummaa biyyattii keessatti walcaalmaa jiruu fi jireenyaa mootummichi uumee fi imaammatni dogoggoraan sirna kanaan hordofamu miliyoonota rakkinoota gara garaaf saaxileera. Maanguddootni, ijoolleen, dubartootnii fi warri humna hin qabne adda durummaan kanneen hubamaa jiranii dha.

Guddinni baanamu, jireenyi ummatootaa wayyaa’uu guyyuu ummatootatti  lallabamu, bu’aa siyaasaa qofaaf kan ololamu malee haqummaa hin qabu. Finfinnee qofa keessatti ummatni hagas baay’atu kosii keessa akka jiraatu dirqamuun, ala bulaa ta’uu fi kadhattummaaf saaxilamuun, guddinnii fi jijjiiramni jiraachuu hin mul’isu. Deegi, hiyyummaa fi gadadummaan babal’achuun, sirni ummatootaaf dhimmee jiruu fi jireenya isaanii wayyeessuuf hojjetu jiraachuu dhabuu agarsiisa.

Dhumaatii Finfinnee naannoo Laaftoo bakka addaa Qoshee jedhamutti lammiilee mudateef ABOn gadda isaa ibsa. Furmaatni jiru tokkichi, sirna balaa adda addaa yeroo gara garaatti akka uumamuuf sababa tahee lubbuu ummataa akka galaafatu taasisaa jiru, sirna Wayyaanee/TPLF karaa irraa kaasuu ta’uu ABOn ummatoota Itophiyaa keessa jiran hundaa hubachiisa.

Mootummaan bakka bu’ummaa ummatootaa hin qabnee fi lubbuu guyya guyyaan ba’uuf sababa ta’e, paarlamaa sirnichaa guyyaa gaddaa labsuu malee madda gaddaa gogsuuf hin uumamne kanneen of irraa kaasuuf ummatootni qabsoo geggeessan jabaatanii akka itti fufan ABOn yaadachiisa.

Addatti ummatni Oromoo sirna cunqursaa mootummaa Wayyaanee isa irratti diriirfamee jiruu fi jireenya isa hanqisee bakkayyuutti lubbuu isaa galaafataa jiru kana of irraa qolachuuf, qabsoo fi warraaqsa FXG itti jiru hifannaa tokko malee cimee akka itti fufu ABOn hiree kanaan dhaaamsa isaa dabarsaaf.