Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

Home » Oduu » Oduu Gara Garaa » Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

By admin on December 30, 2015.

ADDA BILISUMMAA OROMOO

Gaafa: 31/12/2015

Photo-HD-ABOUmmata Oromoo Kabajamaa, Waraana Bilisummaa Oromoo, Miseensota ABO biyya keessaa fi alaa, akkasumas, ummatoota Cunqurfamoo Itoophiyaa keessa jirtan maraaf, baga waggaa haaraya 2016 geessan jechaa, waggaan haaraan kunis kan bilisummaa fi nagaa itti argannu hunda keenyaaf akka nuuf tahu hawwiin qabu ibsa.

Nagaatti aansuudhaan, lammiilee Oromoo mirga ummata isaaniif jecha falmaa karaa nagaa hiriira adeemsisaniin mootummaa shororkeessaan gara-laafina malee ajjeefamanii lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganiif Addi Bilisummaa Oromoo gaddi itti dhagahamu ol’aanaa tahuu ibsaa hundi isaanii tarree wareegamtoota kabajaa olaanaa qabaniitti kan galmaawan tahuus hubachiisa. Wareegama isaaniitti firii gochuufis falmaa hadhaawaa kana hanga bilisummaan mirkanaawuu kan itti fufu tahuu mirkaneessa.

Kanneen haqa ummata isaanii kabajsiisuuf jecha gaaffii mirgaa kaasuu isaanii qofaaf, barataa, hojjataa fi qotee-bulaa Oromoo magaalaa fi baadiyyaa irraa mana hidhaa suukanneessaa keessatti dhamaafamaa jiran hundaaf ABOn kabajaa qabuuf ibsachaa onnee Oromootaa hunda keessatti guyyuu kan yaadataman tahuu beeksia.

Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii irratti, qe’ee dhalootaan irra jiraatan irraa humnaan buqqaafamuun jireenya dhala namaaf hin malle keessatti gatamanii jiran hunda, miidhaan irra gahaa jiru hundi sababa sabummaa isaaniitiin tahuu hubachiisaa, rakkoon irra gahaa jiru kan Oromoo hundaa tahuu yaadachiisuu barbaada. Furmaatni rakkoolee kanneen hundaas falmaa kana finiisuudhaan bilisummaa ofii qabsoon gonfatuu qofa tahuu kana waliin hubachiisuu fedha.

Yaa Ummata Oromoo;

Waggaan dhumataa jiru waggaa yeroo hundaan olitti eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf shira mootummaan Wayyaanee shire dura dhaabbatuuf wareegamni Ol’aanaan itti kafalame dha. Falmaan Ummatni Oromoo daangaa Sudaan irraa hanga Somaaleetti, Kaaba Impaayerittii irraa hanga Daangaa Keenyaatti adeemsise kan ummata Ormoo hunda hirmaachise tahuun, sadarkaa guddinni QBO irra gahe kan firaa fi diina hubachiise, ummata Oromoo tokkoomse, kanneen mooraa diinaa keessatti hiriiranii turanillee gara mooraa qabsootti deebisuun ummata isaanii cinaa akka dhaabbataniif dirqe waan taheef seenaa keessatti bakka guddaa qaba. Hubannaa fi dammaqinsi, qaroominaa fi bilchinni ummatni Oromoo fincila geggeessu keessatti agarsiise, kan seenaa Itoophiyaa keessatti mul’atee hin beekne kan nama boonsuu fi egeree Oromoo dukkana keessaa ifatti baase dha. Kunis firii falmaa hadhaawaa ummatni Oromoo, ABO fi WBO godhanii tahuu kan haalu jira jennee hin amannu.

Waggaan haaraan wayta seenu kan fuula duraa karoorfatuuf kan dabre ilaallatuun waan barame tahuu irraa, haala siyaasaa biyyattii, haala dinagdee fi hawaasummaa irratti dhugaa mul’ataa fi qabatamaa jiru wal yaadachiisuun barbaachisaa taha. Gareeleen seenaa dabre hin kaasiinaa, irraanfadhaa jechuun miidhaan ummata keenya irra gahe dhokatee akka hafu barbaadan akka jiran beekamaa dha. Haa tahu malee kan dabre kaasan malee kan keessa jiran hubatuu fi fuula dura ofii beekuun ulfaataa waan tahuuf qaphxiilee garii kaasuun dirqii taha.

Hundeen rakkoo ummatoota Itophiyaa, rakkoo siyaasaa dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee gangalataa dhufe tahuu haaluun hin danda’amu. Sirni jaarraa kana irraa jalqabee Itophiyaa irratti diriirfame, sabaa fi sab-lammoota biyyattii kan biyya isaanii weeraree qabatuun mirga isaanii ol aanaa sarbe, moggeessee fi sabummaan xiqqeesse, cunqursaa siyaasaa fi saamicha dinagdee kan tarkaanfachiisu tahuu irraa biyyattii nagaa fi tasgabbii dhorkate. Mirgi eenyummaa sarbamee, dhimma biyyaa fi matayyaa irratti murteessaa tahuu hanqatuu, mirga-dhablummaan ajajamaa tahanii jiraatuuf dirqamuun hundee rakkoo siyaasaa Itophiyaa ti. Haa tahu malee ummatootni Itophiyaa sirnoota humnaan irratti of irroomsuun isaan bitaa turanii fi jiran kanneeniif yeroon itti jilbeenfatanii bulan akka hin turre irra deebiin yaadachisuu baraabaachisa. Yeroo adda addaatti bakkoota gara garaatti qabsoo hadhaawaa gochaa diddaa isaanii agarsiisaa turan.

Bittootni Itophiyaa kan ofittummaan jaaman, dantaa biyyaa fi ummatootaa irra kan garee fi dhuunfaaf dursa kennan, sirna dimokraatawaa dhugoomsuu irra Abbaa-irrummaa dagaagsan waan tahaniif qabsoon waggoota dheeraa mirga Abbaa-biyyummaa, wal-qixxummaa, bilisummaa fi dimokraasii argamsiisuuf eegalame har’as itti fufee jira. Kana irraa waggoota 24 dabraniif falmaan ummatootni Itophiyaa mootummaa TPLF/EPRDF of irraa darbuuf adeemsisan kan wareegama hedduu baasise dha. Addatti ammoo mootummaan kun ummata Oromoo irratti xiyyeeffatuun lolli irratti bane murna hawaasaa Oromoo hunda kan dabalatee fi wareegama qaalii baasise dha.

Mootummaan murna bicuu Itophiyaa irratti of irroomsee jiru kun yeroo ammaa kana waan hunda dhuunfatuu fi to’atuun cunqursaa isaa itti fufuuf murteeffatee jira. Kana irraa har’a mootummaa fi paartii ummatootaan filamee jira jedhee of himu gidduu garaagarummaan jiraatee hin beeku. Qondaalota, ajajootaa fi dabballootni hundi sirnicha irraa bu’aa guddaa waan argataniif imaammata paartii aangoo irra jiruu gara-laafina malee humnaan hojii irra oolchuu irratti argamu. Humni Waraanaa, humni tikaa, poolisni Federaalaa fi bulchiinsa naannoolee, hidhattootni gandaa fi humnootiin maqaa adda addaan ijaaraman hundi kan sirna kana tiksuuf ijaaraman tahuu tarkaanfii suukanneessaan isaan ummatoota irratti fudhataa jiran bareechee hubachiisa. Waan taheef bittootni Itophiyaa hundi kan aangootti dhufanii fi aangoo irra jiraatan humnaan waan taheef, ummatootni Itophiyaa falmaa bifa hundaa itti jiran jabeessuun sirna bittaa abbaa irree kanatti xumura itti gochuun alatti furmaatni biroo tokko illee hin jiru. ABO kana irra deddeebiin hubachiisaa ture, hubachiisaas jira. Kana tolchanii hubatan malee furmaatatti siquun rakkisaa taha.

Mootummaan Wayyaanee/IHADEG guyyaa aangoo siyaasaa Itophiyaa dhuunfatee eegalee humna, kijibaa fi waadaa hin guutamneen ummatoota gowwoomsaa bittaa isaa hanga har’aa dheereffatuu yeroo of duuba deebi’anii ilaalan hedduu nama gaabbisiisa. Mootummaa misoomaa of moggaasee guddina galmeessuu isaa kan guyyuu himatu kun, ummatoota Itophiyaa beelaa baasee guyyaatti marroo sadii akka sooratan dandeessisa jechuun dhaadataa ture. Haa tahu malee irra deddeebiin miliyoonota beelessee, deggertoota isaa qubaan lakkaa’aman duroomsuun, miliyoonata hedduu hiyyoomsuun farra ummatootaa tahuu, ummata caalaatti kan beelessuu fi hiyyoomsu tahuu isaa mirkaneessee jira. Saamicha lafaa fi qabeenyaa daangaa dabreen, akkasumas, daldala garee mootummaatiin dhuunfatameen ummatootni Itophiyaa sadarkaa hiyyummaa laafaatti keessaa bahuu hin dandeenye keessa seenanii jiran. Saaminsa daangaa hin qabne kanaan caalaatti kan miidhamaa jiru ammo ummata Oromoo lafa abbaa isaa irraa buqqaafamaa jiru akka tahe hin falamsiisu. Kanatti dabalees ummata Oromoo aangoo siyaasaa fi dinaggee fi akkasumas misooma irraa fageessanii tahe jedhamee beelessuuf shira hojjatamuun miliyoonotaan beelaaf saaxilamee daa’imman, maanguddoo fi haawwan miidhamaa akka jiran mootummaan kun dhoksuuf yaalu illee addunyaan argee ifa baasuun gochaa mootummaa kanaa saaxileera.

Kana irraa kan hubatamu, daandiin mootummaan Itophiyaa hordofaa jiru, kan wayyaba ummatoota Itophiyaa hiyyoomsee murna bicuu irra guddaan saba tokko keessaa bahe duroomsu, ummatoota cunqurfamoo beelessuun deggertoota sirnichaa quubsu dha. Waan taheef rakkoo gama dinagdeen mul’atu kanaafis furmaatni sirna nama-nyaataa kana qabsoodhaan of irraa qaarsuu qofa.

Tajaajila fayyaa gahaa argatuu dhabuun, barnoota qulqulluu fi sadarkaa isaa eeggate barattootaan gahuu hanqatuun, malaammaltummaan olii hanga gadiitti babal’atuun, hoji-dhablummaan heddummaatuun, nagaan bahanii nagaan galuu dadhabuun, rakkinoota hawaasummaa kan ummatoota Itophiyaa hudhee qabee jiru dha. Rakkooleen kanneenis sirnicha xumura itti godhan malee akka hin dhabamne hubatuu feesisa.

ABOn rakkoon ummatoota Itophiyaa walii galaa, addatti ammoo kan ummata Oromoo akka furmaata argatuuf qabsoo waggoota dheeraaf adeemsiseen mirgoota argamsiise hedduu qabaatullee gahaa waan hin tahiiniif Qabsoo Bilisummaa itti jiru jabeessee itti fufee argama. Akeeka ittiin ijaaramee fi kaayyoo ittiin durfamu bakkaan gahuufis, ummata Oromoo barsiisuu, dammaqsuu fi ijaaruutti dabalee Qabsoo Bilisummaa Oromoof firoottan argamsiisuu keessatti qoodni gumaachaa turee fi jiru kan hamlachiisuu fi abdachiisu dha. Farreen ummata Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kophxeessuuf olola adeemsisan cabsee Tumsa Ummtootaa Bilisummaa fi Dimokiraasiif (TUBD) ijaaruu danda’uun milkii har’aatti qofa kan murtaawe osoo hin taane ollummaa fi obbolummaaf, akkasumas, waliin jireenya fedhii ummatootaa irratti hundaawe argamsiisuuf akka bu’uraatti kan ilaalamu dha.

Farreen ummata Oromoo Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) ummata kamiinuu akka hin deggeramne taasisuuf carraaquu qofa irratti hin dhaabbatan. Mooraan QBO akka hin tasgabboofne taasisuuf tattaafatni itti fufinsaan waggoota 24 darban gochaa turanii fi jiran kan laayyootti ilaalamu miti. ABOn kana hunda irra aanuuf carraaqqii godheen mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo yeroo kamiyyuu caalaatti akka jabaatu taasisee walitti dhufeenya qabsaawotaa cimsuu danda’uun kan qabsoo keenya fuula dura tarkaanfachiise dha. Kun amma illee dhawaataan kana caalaa kan irratti hojjatamuu qabu tahuun ifaa dha. Kana caalatti gabbisaa deemuun dirqamni kan ABO qofa osoo hin taane kan hunda keenyaa tahuu yaadachiisuu barbaadna.

ABOn mooraa qabsoo tasgabbeessuutti dabalee humna isaa jabeessuuf tarkaanfii bara kana fudhataa tureen WBO aynaa fi baay’inaan guddisuu danda’uun dhaamsa gammachuu diina rifaasisuu fi ummata keenya gammachiisu dha. Tarkaanfiin Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo adda addaatti diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhataa ture hanga ummatni keenya barbaadu tahuu hanqatullee kan diinatti mataa dhukkubbii tahee fi shoorarkeesse tahuun waan eenyu illee haaluu danda’u miti. Ummatni keenya falmaa jihaa kanaan godhamu caalaatti yoo nu tinnise kana caalaa ol guddiisuuf haala aanjaa kan durii caalaatu diriirfamee jira. Falmaa ummatni keenya godhaa jiruu fi addatti ammoo falmaa dargaggotni Oromoo miliyoonotaan humna isaanii tokkoomsanii akka dungootti baqaa qabsoo itti fufiinsaan waggoota 14 darban godhaa bahan keessatti gumaachi ABO sadarkaa ol’aanaa kan qabu tahu illee murannnoo fi bilchinni jarmyaa dargaggootaa kan qooda daran ol aanaa qabuu fi seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti bakka addaa kabajamaa qabu tahuu ABO hunda hubachiisuu fedha. Ummatni Oromoo ilmaan isaa qaroo fi gootota kanatti kan boonuu qabu tahuu hubachiisaa qabsoo hadhaawaa bobaa diinaa jala ta’anii qoma isaanii rasaasa diinaaf kennaa jiraniif deggarsa of qusatnaa hin qabneen akka bira dhaabbatan ABO gadi jabeessee dhaama. Dargaggootni keenyas jarmyaa fi muuxannoo qabsoo argatan daran jabeeffataa sadarkaa ol’aanaa falmaa bilisummaaf godhamuutti akka ol guddisaa deeman gadi jabeessee hubachisa. Kanuma waliin diinaa fi farreen jarmyaa isaanii fi qabsaawota Qeerroo harka keessa galfatuun facaasuuf tattaaffii irra deddeebiin godhaniif, cufaa tahuudhaan jarmayaa isaanii akka qaroo ija isaaniitti akka tikfatan yaadachiisa.

Yaa Ummata Oromoo!

Haalli keessa jirtu akkaan ulfaataa tahuu irraa gabrummaan haa gahu! jechuun dargaggoo fi barattoota cinaa hiriiruutti dabalee ilmaan keenya dura nuutu du’uu qaba! jechuun wareegamni abbummaa fi haadhummaa baasaa jirtan galmee seenaa keessatti akka Bakkalchaatti ifee bara baraaf jiraata.

Ilmaan keessan roorroon ummata Ormoo irra gahaa jiru haa dhaabbatu jechuun harka qullaa diina dura dhaabbatuudhaan falmaan adeemsisaa jiranis akkanuma kan nama boonsuu fi seenaa keessatti bakka cululuqaa qabu dha. Waan taheef diddaa kee itti fufi. Tokkummaa kee cimsatuun mormii agarsiiftuun diina kee akka jilbeenfachiisuu dandeessu beeki. Seenaa keessatti qawween ummata injifatee waan hin beekneef qabsoo kee jabaadhuu itti fufi. Kanneen ollaa kee jiranis tumsa godhatuuf qaroominaa fi obsaan irratti hojjadhu.

Har’a egereen ummata Oromoo maal akka tahuu danda’u wallaalaa doofaan iyyuu tilmaamuu hin rakkatu. Kanneen akka abbootii isaanii ummata Oromoo saamaa jiraatuu akeeka godhatan, akeeka yeroon itti dabre tahuu beekuu qaban. Ummata Oromoo cunqursaa fi saaminsi haa gahu jechuun murteeffatee gootummaa fi murannoon ka’e humnaan ukkaamsuuf yaaluun egeree ofii dukkaneessuu tahuu hubatuu qaban. Kanneen dhimmi ilaalu hundis furmaata waaraa fi ijaaraa argamsiisuu irratti akka bobba’an, kanneen moggaa dhaabbatanii ilaalanii fi sodaa irraa qabsoo ummataa irraa fagaataniis tarkaanfiin kun ijaaraa akka hin tahin hubachiisuu barbaada.

Dhuma irratti waamicha armaan gadii akkan dabarsu naaf hayyamaa.

Diinni ummata Oromoo humnaan bitaa jiru, ummata Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuu irraa of duuba kan hin jenne tahuu gochaa raawwatuu fi karoora baafatuun agarsiisaa jira. Waan taheef miseensoti ABO biyya keessaa fi alaa marti yeroon amma keessa jirru murteessaa tahuu hubattanii Qabsoo Bilisummaa itti jirtan hifannaa tokko malee dachaa dachaan guddisuun bittaa mootummaa farra ummatootaatti xumura akka itti goonu waamicha kiyya dabarsa. Ofii keenyaa akka shaamaa baqnee dhumnee mirgi ummata keenyaa kabajamuu akka qabu murtii keenya akka tahu gadi jabeesseen hubachiisa. Mootummaa kanatti xumura itti goonu malee ummatni keneya mirga isaa argatuun kan hin abjootamne waan taheef xumura itti gochuun murtii keenya tahuu hundi akka hubatu;

Lammiilee Oromoo nagaan jiraachuu dhorkatamtan, sabummaa keessaniin fo’amtanii hoji-dhablummaan mankaraaraa jirtan, kanneen biyya ollaatti baqattanillee wabii jireenyaa dhabuu irraa bir’aan jiraattan, kanneen lafti keessan alagaan saamamee mirga, jireenyaa fi lafa-dhablee taasifamtan, rakkoolee ummata Oromoo tarrifamee hin dhumne kanneeniif sababni mootummaa Wayyaanee waan taheef mootummaa diina nu godhatuun dhabama keenya irratti halkanii fi guyyaa hojjataa jiru jilbeenfachiisuun abbaa-biyyummaa keenya harkatti galfatuuf karaa nuuf danda’ame hundaa akka sossoonu waamicha kiyya isiniif dabarsa.

Hafuurri Obbolummaa fi ollummaa saboota cunqurfamoo gidduutti mul’ataa jiru kan jajjabeessuu fi abdachiisu dha. Kana caalaatti jabeessanii kan diina waloo sarduun danda’amu tarkaanfiilee qabatamaan mul’atan lafa irratti agarsiisuudhaan waan taheef irratti hojjechuun sirna bittaa Abbaa-irrummaa waliin akka of irraa jigsinu waamicha kiyya dhiheessa. Qabsoon ummata cunqurfamaa, ummata cunqurfamaa biroof irkoo taha malee miidhaan irraan gahu waan hin jirreef harka wal qabannee haa kaanu!

Mootummaan Wayyaanee farra dimokraasii fi wal-qixxummaa tahuu mootummootni hin hubanne jiru jechuun ulfaataa dha. Kanneen kana irraa ilaalcha biraa qaban yoo jiraatan kanneen dantaan walitti hidhamanii fi akeeka fakkaataa waliin qaban qofa. Farra dimokraasii tahuu isaa irra deddeebi’ee ajjeechaa suukanneessaa raawwatuun, filannoo kijibaa geggeessaa tureen, ukkaamsaa mirga namoomaa fi preesii irratti adeemsisuun shakkiin alatti mirkaneessee waan jiruuf, mootummaa akkanaa cinaa dhaabbatanii gargaarsa bifa kamuu hiixatuufiin, namoomaan alaa fi fakkeenya gaddisiisaa tahuu dha. Waan taheef mootummaa Wayyaaneef tumsa dinagdees tahe diplomaasii godhaafii jirtan dhaabuun ummatoota mirga isaaniif falman akka gargaartan hiree kanaan ammas hifannoo malee irra deebiin waamicha mootummootaa fi hawaasa addunyaaf dabarsa.

Barri haaraan 2016 bara injifannoo, bara imimmaan haawwan Oromoo itti qoorsinu, bara nagaa fi milkii itti argannu, bara ummatni Oromoo fi ummatnootni cunqurfamoo Itophiyaa keessaa marti harqoota gabrummaa irratti fe’amee jiru keesaa bilisa bahanii biyya isaanii keessatti nagaan jiraatan akka tahu hawwiin qabu ibsuudhaanin dhaamsa kiyya xumura.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Daawud Ibsaa
HD-GS-ABO