(Madda Oduu ABO/MOA/ Adaamaa.,08 Caamsaa 2010) Walgahii OPDOn Adaamaa irratti gaggeeffachaa turte irratti boombiin dhowe namoota lama ajjeesee, namoota 25 ol immoo akka malee madeessuun gabaasame.
Maddi Oduu ABO Adaamaa irraa akka gabaasetti, boombiin dhowe kun eenyuun akka qindaa'e hinbeekamne. Haata'uutii, namooti golee OPDOtti dhiyoo ta'an akka tilmaamanitti, dhowiinsi boombii kun miseensotuma OPDO sababa wal dhabbii of gidduu qabaniin boombiin dho'ee wal galaafachuun hubatame.
Walgahii itti aanaan Abbaa Duulaa, Abdulaziiz Mohaammad gaggeessuu fi aangawaan OPDO Zalaalam Jamaane irratti argaman kana irratti boombiin dho'e kunis, namoota lama battalatti kan galaafate yoo ta'u, namoota 25 madeessuun beekamee jira.
Sababa kanaan kan walqabate, ergamtooti Wayyaanee namoota nagaa qabanii hidhaa kan jiran yoo ta'u, haga ammaatti garuu qaamni boombii dhowe kanaaf gaafatame fudhate hinjiru.
Miseesnsoti OPDO garuu boombiin kun miseensota Adda Bilisummaa Oromootiin akka kiyyeeffamee fi miseensota OPDO ajjeesuu irratti akka akeekame himataa jiru. Ragaan isaan dhiyeessan garuu hinjiru.
Inumaayyuu, boombiin sun miseensota OPDOtiin kiyyeeffamuun akka hinoolle namooti OPDOtti dhiyaatan dubbataa jiru. Haga ammaattis namooti hedduun qabamanii hidhamaa akka jiraniifi ergamtooti OPDO humnoota tikaa Tigirootaan qoratamaa akka jiran beekameera.
"Haalli kun siyaasaa Oromoo fi Oromiyaa keessa karaa OPDO jiru abdii kutachiisaa jira," kan jedhan miseensi OPDO tokko immoo, "kun ummati OPDO irraa abdii akka hinqabne agarsiisa," jedhanii jiru.
Filannoo biyyaa Caamsaa 21 ta'uuf jedhu irraa illee ummati Oromoo abdii akka hinqabne kan himan hayyuun Oromoo tokko, "kun bilisummaa, mirga abbaa biyyummaa fi ofiin of bulchuu dhabuu irraa kan dhufee dha; haqa, kabajaan namummaa fi dimokraasiin wakkatamuuf fiixaan bahuu hanqachuu irraa kan maddeedha," jedhanii jiru.
Bara kana keessatti hariiroon ummata Oromoo fi mootummaa Wayyaanee gidduu jiru, hariiroo lolaa fi walshakkii ta'uun beekamaadha. Wayyaaneenis Oromoota bittaa ishiif jilbeeffachuu didan hidhuun, Oromootis bittaa Wayyaaneef jilbeeffachuu diduun amma illee daran babal'ataa kan jiru ta'uu ifatti mul'ataa jira.
Dhuma baatii Bitootessaa keessa dhaddechi mootummaan Wayyyaanee sabboontota Oromoo 15 irratti murtii du'aa haga hidhaa baroota kudhaniitti dabarsee jiraachuun isaa ummata Oromoo biyyaa fi ala irraa dallansiisa akka jiru beekamaa dha.
MOA
|